09 – Qalbii jijjiirachuu
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Qalbii jijjiirachuu.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Qalbii jijjiirachuu.
Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.”
”Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [ Gahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’]
”Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
”WAAQAYYO Waaqnis akkana jedhee nama ajaje; “Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa; garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii.”
”Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti WAAQAYYO isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin.
”Museen immoo saba sanaan, “Hin sodaatinaa. Akka Waaqa sodaachuun isin wajjin jiraatee cubbuu hojjechuu irraa isin eeguuf jedhee Waaqni isin qoruuf dhufeera” jedhe.
”Kanaafuu Museen karra qubataa dura dhaabatee, “Mee warri gara WAAQAYYO gortan hundi gara koo kottaa” jedhe. Lewwonni hundis isa biratti walitti qabaman.
”Namichis mataa horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamu sanaa irra harka isaa haa kaaʼu; kunis araara isaaf buusuuf qooda isaa fudhatama argata.
”Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu;
”Lubichi haaluma kanaan fuula WAAQAYYOO duratti araara isaaf buusa; innis wantoota kanneen keessaa waan hojjete kan yakka qabeessa isa godhe kamiif iyyuu dhiifama argata.”
”Cubbuun isaanii waanuma fedhe taʼu illee inni sababii xuraaʼummaa fi fincila saba Israaʼeliif Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana haala kanaan araara haa buusu; dunkaana wal gaʼii kan xuraaʼummaa isaanii keessa isaan gidduu jiruufis akkasuma haa godhu.
”Sababiin isaa isin qulqulleessuuf guyyaan kun guyyaa itti araarri buʼu dha; ergasiis isin fuula WAAQAYYOO duratti cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu.
”Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.
”“ ‘Of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa; ani WAAQAYYO Waaqa keessaniitii.
”Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula WAAQAYYO Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa. Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.
”“ ‘Garuu yoo isaan cubbuu isaaniitii fi cubbuu abbootii isaanii jechuunis gantummaa fi daba isaan natti hojjetan
”“Warra Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yoo dhiirri yookaan dubartiin tokko karaa kamiin iyyuu nama kaanitti balleessa hojjechuudhaan WAAQAYYO duratti amanamummaa dhabe, namni sun yakkamaa dha;
”Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo WAAQAYYOO fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka WAAQAYYO bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate.
”Garuu yoo achittis WAAQAYYO Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu. Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara WAAQAYYO Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta. WAAQAYYO Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
”Kanaafuu waan WAAQAYYO Waaqni keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa.
”Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan WAAQAYYO Waaqa kee jaalladhu. Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu. Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.
”WAAQAYYOON Waaqa kee sodaadhu; isuma qofa tajaajili; maqaa isaatiinis kakadhu.
”sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi WAAQAYYOOS sitti bobaʼee dafee si balleessa. Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqota isaaniis ibiddaan gubbaa. Ati saba WAAQAYYO Waaqa keetiif qulqulluu taatee dha. WAAQAYYO Waaqni kee akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filate.
”Ati fuula WAAQAYYO Waaqa keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda.
”Akka ati garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan isa jaallattee jiraattuuf WAAQAYYO Waaqni kee garaa keetii fi garaa sanyiiwwan keetii dhagna ni qaba.
”Israaʼeloonnis WAAQAYYOON, “Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi” jedhan.
”Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
”Daawit waan erga loltoota lakkaaʼee booddee balleessaan itti dhagaʼameef WAAQAYYOON, “Ani waan hojjedhe keessatti cubbuu guddaa hojjedheera. Yaa WAAQAYYO, ani akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
”akkanas jedhe: “Yaa WAAQAYYO Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
”yoo sabni kee Israaʼel rakkina garaa ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse, ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; gargaaris. Si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni;
”Lafti hundinuu WAAQAYYOON faarfadhaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
”“Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; WAAQAYYO waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.
”“Waan namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya fagootti yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita; yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojuu isaanii keessatti si kadhatan, yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffaman sana keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii, gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan, ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi.
”WAAQAYYOS halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen: “Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera. “Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef samii cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti, yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa. Ammas kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatuuf iji koo ni banama; gurri koos ni dhagaʼa.
”Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan WAAQAYYO Waaqa abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan.
”Ani yeroon waan kana dhagaʼetti qomee koo fi uffata koo nan tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koo of irraa buqqisee akka malee rifadheen taaʼe. Kana irratti namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliin hollatan hundi sababii balleessaa warra boojuudhaa deebiʼan kanaaf naannoo kootti walitti qabaman. Anis akka malee rifadhee hamma aarsaa galgalaatti achuman taaʼe. Anis yeroo aarsaa galgalaatti akkuma qomee fi uffanni koo tarsaʼee jirutti lafan gaddee taaʼaa turee kaʼee jilbeenfadhee harka koo gara WAAQAYYO Waaqa kootti balʼisee
”Utuma Izraan mana Waaqaa duratti lafaan of dhaʼee booʼaa, cubbuu himachaa, kadhachaa jiruu Israaʼeloonni akka malee hedduun dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen naannoo isaatti walitti ni qabaman. Isaanis hiqqifatanii booʼan.
”Anis waan kana dhageenyaan gad taaʼee booʼee guyyoota muraasaaf nan gadde; soomees fuula Waaqa samii durattin kadhadhe. Akkanas nan jedhe: “Yaa WAAQAYYO Waaqa samii, Waaqa guddichaa fi sodaachisaa, kan warra si jaallatanii ajaja kee eeganiif kakuu jaalala keetii eegdu, akka kadhannaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa fuula kee duratti waaʼee garboota kee saba Israaʼel kadhadhu dhageessuuf gurri kee haa banamu; iji kees haa ilaalu. Ani cubbuu nu Israaʼeloonni, ani mataan koo fi manni abbaa koo sitti hojjenne nan hima. Nu akka malee hammina sitti hojjenneerra. Nu ajaja, labsii fi seera ati garbicha kee Museetti kennite sana hin eegne.
”“Namoonni hafan kaan jechuunis luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaatii fi warri Seera Waaqaatiif jedhanii saboota ollaa irraa kophaa of baasan hundinuu niitota isaanii, ilmaanii fi intallan isaanii kanneen waa hubachuu dandaʼan hunda wajjin obboloota isaanii bebeekamootti dabalamanii akka Seera Waaqaa kan karaa Musee garbicha Waaqaa sanaatiin kenname sana eeganiif ajaja, seeraa fi labsii WAAQAYYO Gooftaa keenyaa hundaaf ajajamaniif abaarsaa fi kakuudhaan waadaa galan.
”Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi. Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta?
”Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
”Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu; akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;
”Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha; ‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera; garuu waan naa malu hin arganne. Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera; anis jiraadhee ifa nan arga.’
”Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture; amma garuu iji koo si argeera. Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha.”
”Isin akka WAAQAYYO warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; WAAQAYYO yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.
”WAAQAYYO garuu bara baraan ni moʼa; teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera. Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.
”Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa WAAQAYYO, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
”Ani garuu araara kee nan amanadha; garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
”Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
”ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
”Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa WAAQAYYO, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
”Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; cubbuu koo hunda naa dhiisi.
”Ulfina maqaa isaatiif malu WAAQAYYOOF kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti WAAQAYYOON waaqeffadhaa.
”Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha; yaa WAAQAYYO Waaqa dhugaa, ati na furi.
”Faarfannaa Daawit. Maskiil. Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha.
”Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, WAAQAYYOOTTI nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
”Lafti hundi WAAQAYYOON haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
”Iji WAAQAYYOO qajeeltota irra jira; gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha; yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, fuulli WAAQAYYOO warra hamaa hojjetanitti ni hammaata. Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; WAAQAYYOS isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa. WAAQAYYO warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
”WAAQAYYO lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.
”Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.
”Anis, “Yaa WAAQAYYO na maari; ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe.
”Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee kan hin geeddaramne sanaatti na maari; akkuma baayʼina araara keetiitti, yakka koo narraa haqi. Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; cubbuu koo irraas na qulqulleessi. Ani yakka koo beekaatii; cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira. Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.
”Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.
”Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; yakka koo hundas narraa haqi. Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi. Fuula kee duraa na hin balleessin; Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
”Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta; yakki koos si duraa hin dhokatu.
”Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti; lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.
”Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; seera isaattis buluu didan.
”Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin; waan nu baayʼee gad deebifamneef, araarri kee dafee nu bira haa gaʼu. Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi; cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
”Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
”WAAQAYYO gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
”inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne. Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha; akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
”Jaalalli WAAQAYYOO garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba; warra kakuu isaa eeganitti, warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba. WAAQAYYO teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.
”Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra; yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
”WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.
”Nuuf miti; yaa WAAQAYYO, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni.
”Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera WAAQAYYOOTTI jiraattan eebbifamoo dha. Warri ajajawwan isaa eegan, kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha. Isaan balleessaa hin hojjetan; karaa isaa irras ni deemu.
”Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
”Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, iji koo imimmaan lolaasa.
”Yaa Israaʼel, ati WAAQAYYOON abdadhu; WAAQAYYO bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii.
”WAAQAYYO warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
”WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
”Garaa kee guutuun WAAQAYYOON amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha. Ani ogeessa ofiin hin jedhin; WAAQAYYOON sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
”Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin. Irraa fagaadhu; irras hin deemin; irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.
”WAAQAYYOON sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
”Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, kadhannaan isaa balfamaa dha.
”Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata. Namni yeroo hunda WAAQAYYOON sodaatu eebbifamaa dha; kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
”Namni qajeelaan waan qajeelaa malee cubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru.
”Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii. Waaqni hojii hunda, waan dhokfame hundas gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.
”Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! Yakka hojjechuus dhiisaa;
”WAAQAYYO akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
”Warra hamaadhaan gaarii, gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, kanneen ifaan dukkana, dukkanaan immoo ifa jedhaniif, warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo. Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo.
”Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.
”“Ani WAAQAYYO qajeelummaadhaan si waameera; harka kees nan qaba. Ani si eegee sabootaaf kakuu, Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;
”“Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma. Mee waan darbe irra naa deebiʼi; walitti dhufnee dubbii kana irratti haa falminu; dubbii kee dhiʼeeffadhuutii qajeelaa taʼuu kee mirkaneeffadhu.
”Ani yakka kee akkuma duumessaa, cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera. Ani si fureeraatii, ati gara kootti deebiʼi.” Yaa samiiwwan, WAAQAYYO waan kana godheeraatii gammachuudhaan faarfadhaa; yaa qileewwan lafaa, gammachuudhaan iyyaa. Isin yaa tulluuwwan, bosonoonnii fi mukkeen keessan hundi ililchaa; WAAQAYYO Yaaqoobin furee Israaʼel keessatti ulfina isaa ibseeraatii.
”Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas; isaanis walii wajjin haa mariʼatan. Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime? Duruma iyyuu eenyutu labse? Anuma WAAQAYYO mitii? Ana malee Waaqni qajeelaa fi Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru; ana malee tokko illee hin jiru. “Isin warri handaara lafaa hundi, gara kootti deebiʼaatii fayyaa; ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii.
”Warri WAAQAYYO isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
”Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine. Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; WAAQAYYOS balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
”Yeroo inni argamutti WAAQAYYOON barbaaddadhaa; yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa. Namni hamaan karaa isaa, namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. Inni gara WAAQAYYOOTTI haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii. “Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha WAAQAYYO. “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
”Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.
”Sababii WAAQAYYO akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri WAAQAYYO Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera; akka ani bara tola WAAQAYYOOTII fi guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf, akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf, akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu WAAQAYYO, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.
”Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; hundi keenya akkuma baalaa coollagne; cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.
”Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” jedha WAAQAYYO. “Ani garuu nama gad of qabuu fi kan garaa isaa keessatti gaabbee dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
”Ati akka WAAQAYYO Waaqa keetti fincilte, akka mukkeen lalisoo hunda jalatti jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde, balleessaa kee sana qofa himadhu’ ” jedha WAAQAYYO.
”Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu; salphinni keenyas nu haa haguugu. Nus abbootiin keenyas WAAQAYYO Waaqa keenyatti cubbuu hojjenneerra; nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti WAAQAYYO Waaqa keenyaaf hin ajajamne.”
”Yaa Yerusaalem, ati akka fayyituuf qalbii kee keessaa hammina dhiqadhu. Hamma yoomiitti yaadni hamaan si keessa jiraata?
”Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti.
”Ani qalbeeffadhee dhaggeeffadheera; isaan garuu waan qajeelaa hin dubbatan. Namni tokko iyyuu, “Ani maalan balleesse?” jedhee hammina isaa irraa hin deebiʼu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma farda lolatti gulufuu karaa ofii isaanii irra qajeelu.
”WAAQAYYO akkana jedhe; “Kun sababii isaan seera koo kan ani fuula isaanii dura kaaʼe sana dhiisaniifii dha; isaan anaaf hin ajajamne yookaan seera koo duukaa hin buune. Qooda kanaa mata jabinaan fedhii garaa isaanii duukaa buʼan; akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanittis Baʼaal duukaa buʼan.”
”Yaa WAAQAYYO, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu ati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi. Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera; nu cubbuu sitti hojjenneerra.
”Yaa WAAQAYYO, nu hammina keenyaa fi yakka abbootii keenyaa ni beekna; nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra.
”Yaa WAAQAYYO na fayyisi; anis nan fayyaa; na oolchi, anis nan oolfama; kan ani jajadhu sumaatii.
”Ani akka isaan akka ani WAAQAYYO isaanii taʼe beekaniif qalbii nan kennaaf. Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa; isaan garaa guutuudhaan gara kootti ni deebiʼuutii.
”Nu sababii jaalala WAAQAYYOO guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii. Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
”Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera. Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera. Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii! Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe; sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
”Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.
”Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa.
”“Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. Balleessaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Sababii wantoota qajeelaa hojjeteef inni lubbuudhaan ni jiraata. Ani duʼa hamootaatti nan gammadaa? jedha WAAQAYYO Gooftaan. Qooda kanaa yoo isaan cubbuu isaanii irraa deebiʼanii lubbuudhaan jiraatan ani hin gammaduu?
”“Garuu namni qajeelaan tokko yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjetee wantoota jibbisiisoo namichi hamaan sun hojjechaa ture sana hojjete inni lubbuudhaan ni jiraataa? Waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isaaf hin yaadatamu. Inni sababii amanamuu didee cubbuu hojjeteef ni duʼa.
”“Isin garuu, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
”Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjete inni cubbuu sanaan ni duʼa. Inni sababii cubbuu hojjete sanaatiif ni duʼa.
”Namni hamaan tokko garuu yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete inni lubbuu isaa ni oolfata. Inni sababii yakka hojjete hunda hubatee irraa deebiʼeef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; hin duʼus.
”Taʼu illee manni Israaʼel, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedha. Yaa mana Israaʼel, karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
”“Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha WAAQAYYO Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha WAAQAYYO Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!
”Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu.
”Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa. Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata.
”Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.
”Kanaafuu ani deebii barbaadee kadhannaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Waaqayyoo Gooftaatti nan deebiʼe. Anis WAAQAYYO Waaqa kootti kadhannaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe: “Yaa Gooftaa, Waaqa guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu, nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra. Nu tajaajiltoota kee raajota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, ilmaan mootota keenyaatti, abbootii keenyaa fi saba lafaa hundatti dubbatan sana hin dhaggeeffanne.
”Yaa WAAQAYYO nuu fi mootonni keenya, ilmaan moototaatii fi abbootiin keenya waan cubbuu sitti hojjenneef qaaniidhaan haguugamneerra.
”Yoo nu isatti fincillee jiraanne iyyuu Waaqni keenya Gooftichi araara qabeessa; dhiifamas namaaf godha; nu WAAQAYYO Waaqa keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa raajotaatiin nuuf kenne sana hin eegne.
”Utuu ani dubbichaa fi kadhachaa, cubbuu kootii fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, tulluu isaa qulqulluufis WAAQAYYO Waaqa koo gaafachaa jiruu,
”Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu.
”Yaa Israaʼel, gara WAAQAYYO Waaqa keetiitti deebiʼi. Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!
”“Amma iyyuu garaa guutuudhaan, soomaan, booʼichaa fi gaddaan gara kootti deebiʼaa” jedha WAAQAYYO. Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara WAAQAYYO Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.
”Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼee sulula murtii keessatti wal gaʼeera! Guyyaan WAAQAYYOO sulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii.
”Warri Nanawwees Waaqatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan. Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe. Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse: “Ajajni mootichaatii fi qondaaltota isaa kanaa dha: Akka namni yookaan horiin tokko iyyuu, karri loonii yookaan bushaayeen waan tokko iyyuu afaaniin qabu hin eeyyaminaa; akka isaan waa nyaatan yookaan dhugan hin eeyyaminaa. Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Waaqa isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan. Maaltu beeka? Tarii Waaqni gaabbee garaa nuu laafee dheekkamsa isaa sodaachisaa sana nurraa deebisee, nuus badii oolla taʼaatii.” Waaqnis akka isaan waan hamaa irraa deebiʼan hojii isaanii arge; Waaqnis garaa laafeefii balaa isaanitti erguuf yaade sana isaanitti fiduu dhiise.
”Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef, hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha. Inni ifatti na baasa; anis qajeelummaa isaa nan arga.
”Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu. Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
”Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”
”innis, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe.
”Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan. Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
”Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.
”Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama. “Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
”Yesuus ergasii Yohannisiin cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe. Yohannis garuu, “Ani siin cuuphamuu na barbaachisa; ati immoo gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwe. Yesuusis deebisee, “Ammaaf akkanuma haa taʼuu dhiisi; nu qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf waan kana gochuu qabnaatii” jedheen. Yohannisis isa dhowwuu dhiise.
”sabni dukkana keessa jiraatu, ifa guddaa argeera; warra biyya gaaddidduu duʼaa keessa jiraataniifis, ifni baʼeera.” Yesuus yeroo sanaa jalqabee, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhee lallabuutti kaʼe.
”“Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii. Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii. Warri garraamiin eebbifamoo dha; lafa ni dhaaluutii. Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha; isaan ni quufuutii. Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha; araara ni argatuutii. Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii. Warri nagaa buusan eebbifamoo dha; ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii. Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
”Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu. Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama. Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
”Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii. Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.
”Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.
”“Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu; mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu. Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni. Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana, atis yakka keenya nuuf dhiisi. Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen.
”Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii. Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.
”“Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!
”“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
”Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
”“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.
”Akkasumas mukni gaariin hundumtuu ija gaarii naqata; mukni gadheen immoo ija gadhee naqata. Mukni gaariin ija gadhee naqachuu hin dandaʼu; mukni gadheenis ija gaarii naqachuu hin dandaʼu. Mukni ija gaarii hin naqanne hundi muramee ibiddatti naqama. Kanaaf isin ija isaaniitiin isaan beektu.
”“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu. Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu. Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.
”Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
”Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
”“Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa. Nama fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti nan gana.
”“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu; namni ilma isaa yookaan intala isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu. Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu. Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
”Ergasii Yesuus sababii magaalaawwan inni itti hojii dinqii isaa gara caalu hojjete sun qalbii hin jijjiirratiniif akkana jedhee isaan balaaleffachuu jalqabe.
”Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.
”Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
”Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.
”“Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.
”Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya.
”Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, “Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.
”“Isinis yoo garaa keessan guutuudhaan obboleessa keessaniif dhiisuu baattan Abbaan koo inni samii irraa tokkoo tokkoo keessan akkanuma godha.”
”Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.
”Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
”Yohannis karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.
”“Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge. Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe. “Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe. “Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”
”Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu. Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha. Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha. Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
”namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
”“Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata. Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan. Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne. Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan. Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis. “Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame. “Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan. “Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin. “Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame. “Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin. “Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen.
”“Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa. Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa. Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa. “Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa. Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan; ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’ “Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine? Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne? Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’ “Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan. “Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa. Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii; ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’ “Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu. “Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha. “Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu.”
”Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.
”Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
”Yesuus ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne. Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan.
”Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;
”Kanaafuu Yohannis gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe. Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
”Innis, “Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!” jedhe.
”Yoo iddoon kam iyyuu isin simachuu baate yookaan isin dhagaʼuu baate, iddoo sanaa baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.” Isaanis achii baʼanii akka namoonni qalbii jijjiirrataniif lallaban.
”Innis itti fufee akkana jedhe: “Wanni nama ‘xureessu’ waan nama keessaa baʼuu dha. Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja, doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa. Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’ ”
”Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
”Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”
”Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [ Gahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’]
”Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee gahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [ Gahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’]
”Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Waaqaatti galuu siif wayya. Gahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’
”Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
”Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
”Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [
”Yoo dhiisuufii baattan garuu Abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”]
”Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
”Innis akkana isaaniin jedhe; “Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha.
”Innis, “Aabbaa, yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.
”Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
”Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.
”Araarri isaas warra isa sodaataniif dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.
”akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.
”kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennituuf;
”Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme.
”Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”
”Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.
”Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee,
”“Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
”Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!” jedhe.
”Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa. “Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.
”Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yohannisitti hin cuuphaminiif kaayyoo Waaqni isaaniif qabu fudhachuu didan.
”Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde. Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.” Yesuusis dubartittiidhaan, “Cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
”Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. Namni yoo addunyaa guutuu argatee ofii isaa immoo dhabe yookaan yoo gatame inni buʼaa maalii argata?
”Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina ergamoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.
”Yesuusis deebisee, “Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Waaqaatiif hin malu” jedhe.
”Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yommuu kadhattan akkana jedhaa: “ ‘Yaa Abbaa, maqaan kee haa qulqullaaʼu; mootummaan kee haa dhufu. Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, guyyuma guyyaan nuu kenni. Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana atis cubbuu keenya nuu dhiisi; qoramatti nu hin galchin.’ ”
”“Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa. Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula ergamoota Waaqaa duratti ni ganama.
”Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Sababiin namoonni Galiilaa kunneen akkas dhiphataniif waan isaan saba Galiilaa kaan hunda irra cubbamoota turaniif seetuu? Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu. Yookaan namoonni kudha saddeettan gamoon Saliihoom isaan irratti jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda irra waan yakka hojjetan seetuu? Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.”
”Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
”Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”
”Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture. Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire. “Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse. Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe. Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge. Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture. “Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa. Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera. Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.” ’ Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate. “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen. “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa. Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus. Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban. “Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe. Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate. Tajaajilaan sunis deebisee, ‘Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qale’ jedheen. “Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate. Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; ‘Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine. Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!’ “Abbaan isaas akkana jedheen; ‘Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti. Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’ ”
”“Dureessichis, ‘Akkas miti; yaa abbaa koo Abrahaam; yoo warra duʼan keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan qalbii ni jijjiirratu’ jedheen. “Abrahaamis, ‘Isaan yoo Musee fi raajota hin dhageenye, yoo namni tokko warra duʼan keessaa kaʼe illee hin amanan’ jedheen.”
”Kanaafuu of eeggadhaa. “Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif. Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”
”“Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
”Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”
”Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedheen. Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.
”Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, “Isin akka qorumsatti hin galleef kadhadhaa” isaaniin jedhe.
”“Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.”
”Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse. Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu? Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.” Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe. Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
”Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa; maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’
”Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne. Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
”Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
”Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.
”Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura. Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’
”Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannise sana Ilmi Namaas fannifamuu qaba. Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.” Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera. Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan. Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu. Namni dhugaa hojjetu kam iyyuu garuu akka hojiin isaa akka fedhii Waaqaatti hojjetamuun isaa mulʼatuuf gara ifaa dhufa.
”Ergasiis Yesuusii fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjin achi ture; ni cuuphes.
”Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
”Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”
”Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.
”“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
”“Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii. Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
”Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.
”Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
”Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’ jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.
”Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
”Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
”Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha. Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata. Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.”
”Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
”Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
”Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
”Akka Waaqni cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa.
”Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.
”Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan. Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu. Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.
”Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?” Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen.
”Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata.
”Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne; isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
”Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
”Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
”Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
”“Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
”Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa. Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
”Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa; waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef; waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef; waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.
”Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
”Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen. Yesuus barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete. Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
”Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’
”Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
”Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame. Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
”Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;
”Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
”Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.
”Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman. Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.
”Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa kadhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii.
”Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, “Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?” jedheen. [ Fiiliphoosis, “Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa” jedheen. Namichis deebisee, “Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana” jedhe.]
”Yommusuma wanni akka qolaa ija Saaʼol irraa harcaʼe; inni ammas arguu dandaʼe. Kaʼees cuuphame.
”Phexrosis akkana jedhee dubbachuu jalqabe; “Ani amma akka Waaqni nama Wal hin caalchifne dhugumaan nan hubadha. Garuu saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi namni waan qajeelaa hojjetu kam iyyuu fuula isaa duratti fudhatamaa dha.
”Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Waaqni warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje. Raajonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu.”
”Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan.
”Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan.
”“Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide. Yohannis dhufaatii Yesuus duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture.
”“Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Yesuusiitiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha. Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa.
”Isaanis, “Nu mootummaa Waaqaatti galuudhaaf rakkina baayʼee keessa darbuu qabna” jedhanii barattoota jajjabeessaa, akka isaan amantiitti cimaniifis gorsaa turan.
”gad isaan baasees, “Yaa Gooftota ko, ani akka fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan. Dubbii Gooftaas isaa fi warra mana isaa jiraatan hundatti himan. Eegduun mana hidhaa sunis saʼaatuma halkanii sana isaan fuudhee madaa isaanii dhiqeef; yommusumas innii fi maatiin isaa hundinuu cuuphaman.
”Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja. Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera.”
”Kiriisphoos bulchaan mana sagadaa sanaas warra mana isaa jiraatan hunda wajjin Gooftaatti amane; namoota Qorontos kanneen Phaawulosin dhagaʼan keessaa baayʼeen isaanii amananii cuuphaman.
”Phaawulosis, “Cuuphaan Yohannis cuuphaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yohannis akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Yesuusitti amananiif namootatti hima ture” jedhe. Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman.
”Warra amanan keessaas baayʼeen isaanii dhufanii hojii isaanii hamaa sana ifatti baasanii himachaa turan.
”Ani akka Yihuudoonnii fi Giriikonni qalbii jijjiirrachuudhaan gara Waaqaatti deebiʼanii fi akka isaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti amanan isaanitti himeera.
”Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa.
”Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’
”Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’
”“Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [
”Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
”Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne. Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota, warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha; isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha. Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.
”Nu akka murtiin Waaqaa kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna. Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Waaqaa jalaa baatu seetaa? Yookaan ati akka gara laafummaan Waaqaa gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa? Ati garuu sababii mata jabina keetiitii fi garaa kee isa qalbii hin jijjiirranne sanaatiif guyyaa dheekkamsa Waaqaa kan murtiin qajeelaan itti mulʼatu sanaaf dheekkamsa of irratti kuusaa jirta. Waaqni, “Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.” Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata. Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa. Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa. Waaqni nama wal hin caalchisuutii.
”Akka wangeela ani lallabuutti wanni kun gaafa Waaqni icciitii namootaa karaa Yesuus Kiristoosiin murtii itti kennutti taʼa.
”Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu; namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru.
”“Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.” Akka afaan hundi cufamuu fi akka addunyaan hundinuu murtii Waaqaa jala galuuf, wanni seerri jedhu hundinuu akka warra seera jala jiraniif dubbatu ni beekna.
”Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.
”sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii; isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru. Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;
”Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.
”“Warri yakki isaanii dhiifameef, kanneen cubbuun isaanii haguugameef eebbifamoo dha.
”Yesuus cubbuu keenyaaf dabarfamee duʼatti kenname; qajeeltota nu taasisuuf immoo duʼaa kaafame.
”Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna. Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Waaqaattis ni gammanna. Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida. Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
”Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa. Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree! Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree! Kana qofa miti; nu garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa ittiin amma araara arganne sanaan Waaqatti ni gammanna.
”Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate; kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf.
”Egaa maal jenna ree? Akka ayyaanni baayʼatuuf ittuma fufnee cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu! Nu warri cubbuuf duune, siʼachi akkamitti cubbuu jala jiraanna? Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii?
”Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne. Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
”namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii. Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna. Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu. Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata. Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa.
”Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa. Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa. Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa. Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.
”Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu. Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu. Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa.
”Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti. Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.
”Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture. Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
”Cubbuun garuu carraa ajajni argamsiiseen hawwii hamaa gosa hundaa na keessatti uume. Lafa seerri hin jirretti cubbuun duʼaadhaatii.
”Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha. Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii. Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala. Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti. Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu. Wanti ani hojjedhu waan hamaa ani hojjechuu hin barbaanne malee waan gaarii ani hojjechuu barbaadu mitiitii. Egaa ani waanan hojjechuu hin barbaanne yoon hojjedhe, siʼachi cubbuu na keessa jiraatu sanatu waan kana hojjeta malee ana miti.
”Kanaafuu akka seerri sun hojjechaa jiru nan hubadha; yommuu ani waan gaarii hojjechuu barbaadu hamminni na biratti argama. Ani keessa namummaa kootti seera Waaqaattin nan gammadaatii; ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga. Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa? Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu! Kanaafuu ani mataan koo qalbii kootiin garbicha seera Waaqaa ti; namummaa koo cubbamaadhaan garuu ani garbicha seera cubbuu ti.
”Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru; seerri Hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii. Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni Ilma ofii isaa bifa foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure. Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha. Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu. Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha. Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu. Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan.
”Isin garuu yoo Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraate akka Hafuuraatti jiraattu malee akka fooniitti hin jiraattan. Eenyu iyyuu yoo Hafuura Kiristoos qabaachuu baate inni kan Kiristoos miti. Yoo Kiristoos isin keessa jiraate garuu dhagni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri keessan immoo sababii qajeelummaatiin jiraataa dha. Hafuurri Waaqaa inni Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun yoo isin keessa jiraate garuu, inni Kiristoos Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun karaa Hafuura isaa kan isin keessa jiruutiin dhagna keessan isa duʼuufis jireenya kenna.
”Egaa yaa obboloota, nu gatii of irraa qabna; garuu fooniif miti; akka fooniitti jiraachuufis miti. Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu. Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii. Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “Aabbaa, yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana. Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla.
”Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada. Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira.
”Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree? Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa. Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha. Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? Kunis akkuma, “Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra” jedhamee barreeffamee dha. Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.
”Inni Museedhaan, “Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa” jedhaatii. Kanaafuu wanti kun araara Waaqaatiin malee hawwii yookaan carraaqqii namaatiin miti.
”Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle. Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii.
”kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya. Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii. Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa. “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”
”Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
”Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.” Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru.
”Waaqni yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii. Egaa arjummaa fi gara jabina Waaqaa hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta.
”Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti, kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana.”
”Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
”Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.
”Yeroon isin hirribaa dammaqxan amma akka taʼe hubadhaa. Yeroo nu itti amanne sana caalaa fayyinni keenya amma nutti dhiʼaateeraatii.
”Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.
”Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Waaqaa dura ni dhaabannaatii. Kunis: “ ‘Ani jiraataadhaatii; jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata; arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan” jedhamee barreeffameeraatii. Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Waaqaa duratti deebii ni kennina.
”Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
”Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega.
”Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti.
”kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef. Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.
”Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii? Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.
”Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa! Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii? Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!”
”Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan. Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.
”Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta. Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
”Ajaja Waaqaa eeguutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
”Isin gatiidhaan bitamtan; garboota namootaa hin taʼinaa.
”Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman sana, nu halalummaa raawwachuu hin qabnu. Akka isaan keessaa tokko tokko Gooftaa qoranii bofaan ajjeefaman sana nu Gooftaa qoruu hin qabnu. Isin akka isaan keessaa tokko tokko guungumanii isa nama balleessuun balleeffaman sana hin guunguminaa. Kun hundi akka fakkeenya taʼuuf isaan irratti raawwatame; nuu warra dhumni baraa itti dhufeef immoo akka of eeggannaa taʼuuf barreeffame. Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu.
”Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
”Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.
”Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf jedhee duʼe; ni awwaalames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame.
”Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.” Gara qalbii keessan isa qajeelaatti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus dhiisaa; namoonni Waaqa hin beekne tokko tokko isin gidduu jiruutii. Anis isin qaanessuufin waan kana dubbadha.
”Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera.
”Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama; Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.
”Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna. Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.
”Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.
”Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii.
”Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.
”Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
”Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna. Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
”Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera” jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.
”Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?
”Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.” Amma illee, “Ani Abbaa isiniif nan taʼa; isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu; jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.”
”Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
”amma garuu sababii isin gadditaniif utuu hin taʼin sababii gaddi keessan gara qalbii jijjiirrachuutti isin geesseef ani nan gammada. Isin akka fedhii Waaqaatti gadditaniitii; kanaafuu isin karaa kamiin iyyuu nuun hin miidhamne. Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida. Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼe kun tattaaffii akkamii, dandeettii falmachuu akkamii, dheekkamsa akkamii, sodaa akkamii, namaa yaaduu akkamii, hinaaffaa qajeelaa akkamii, murtii qajeelaa akkamii isin keessatti akka uume mee ilaalaa! Isin waan kana irratti karaa hundaan akka qulqulloota taatan mirkaneeffattaniirtu.
”Sababii tajaajila isin ittiin of mirkaneessitan sanaatiin, wangeela Kiristoos lallabuun ajajamuu keessanii fi arjummaan keessan kan isin isaanii fi warra kaan hundaaf arjoomtan sanaaf namoonni Waaqa jajatu.
”Yeroo ani gara keessan dhufutti isin akka ani fedhu taatanii hin argamtan taʼa. Yookaan ani akka isin feetan taʼee hin argamu taʼa jedheen sodaadhaatii. Wal loluun, hinaaffaan, aariin bobaʼuun, wal qooduun, maqaa nama balleessuun, hamiin, of tuulummaanii fi jeequmsi isin gidduu jiraata jedheen sodaadha. Yeroo ani deebiʼee gara keessan dhufutti Waaqni koo fuula keessan duratti gad na deebisa; anis waaʼee namoota baayʼee kanneen kanaan dura cubbuu hojjetanii fi xuraaʼummaa irraa, halalummaa fi jireenya gad dhiisii hamaa irraa hin deebiʼiniif nan gadda jedheen sodaadha.
”Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii?
”namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.
”Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
”Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure.
”Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Kiristoositti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture.
”isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.
”Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.
”Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha. Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu. Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.
”Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
”Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
”Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru. Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
”Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii. Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.
”Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
”Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu. Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Yesuus Kiristoosiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf. Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra; ayyaana isaas ogummaa fi hubannaa hunda wajjin nuu baayʼise.
”Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra; kunis akka nu warri Kiristoosin abdachuutti kanneen jalqabaa taane galata ulfina isaa taanuuf. Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.
”Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan; kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha. Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre. Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan. Waaqnis Kiristoos wajjin duʼaa nu kaase; karaa Kiristoos Yesuusiinis isa wajjin iddoo samii irra nu teessise; innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe. Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti. Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.
”Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.
”Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.
”Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.
”Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii. Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin. Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa. Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii.
”innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe.
”inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
”Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas. Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha.
”Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;
”Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa;
”Sababiin isaa nu warri Hafuura Waaqaatiin waaqeffannu, warri Kiristoos Yesuusiin of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii;
”Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Kiristoos taʼanii jiraatuutii. Dhumni isaanii badiisa; Waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama. Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna; innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
”Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
”Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
”Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Waaqatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan. Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Kiristoosiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera;
”Isumaanis foon cubbamaa taʼe sana of irraa gattanii dhagna qabattaniirtu; dhagna qabaan kunis dhagna qabaa harka namaatiin taʼe utuu hin taʼin kan Kiristoosiin taʼee dha; isinis cuuphaadhaan isa wajjin awwaalamtanii humna Waaqaa kan Kiristoosin warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu. Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise;
”Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa. Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera. Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.
”Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha. Sababii kanaafis dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufa. Isinis jireenya dur jiraattan keessatti karuma akkasii irra deddeebiʼaa turtan. Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin. Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii
”Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa. Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa. Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
”Namni balleessaa hojjetu kam iyyuu gatii balleessaa isaa ni argataatii; nama wal caalchisuunis hin jiru.
”Akka isin yommuu Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hunda wajjin dhufutti fuula Waaqa keenyaatii fi Abbaa keenyaa duratti warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniifis inni garaa keessan haa jajjabeessu.
”Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu;
”Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
”waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa. Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa. Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.
”Nu garuu yaa obboloota Gooftaan jaallatamtan, sababii Waaqni warra jalqabaa godhee akka isin karaa Hafuuraan qulqulleeffamuutii fi karaa dhugaatti amanuutiin fayyitaniif isin filateef yeroo hunda Waaqa galateeffachuu qabna.
”Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna; akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;
”Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara addunyaa dhufe” jedhu sun amanamaa dha; namni hundinuus kana fudhachuu qaba; cubbamoota sana keessaas cubbamaan cubbamoota hunda caalu ana. Taʼus sababuma kanaaf Yesuus Kiristoos akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame.
”Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada.
”Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha; Yesuus kunis isa furii taʼee nama hundaaf dabarsee of kennee dha; kunis yeroo isaatti mirkaneeffameera.
”Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata. Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa.
”Akka namni tokko iyyuu mudaa hin qabaanneef ajaja kana kenni.
”akka ati hamma dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ajaja kana xurii fi mudaa malee eegdus sin gorsa.
”Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu; Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname; amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
”Kanaafuu akka warri filataman fayyina Kiristoos Yesuusiin taʼe sana ulfina bara baraa wajjin argataniif ani isaaniif jedhee waan hundumaa nan obsa. Dubbichi amanamaan akkana jedha: Nu isa wajjin yoo duune, isa wajjin ni jiraanna; nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.
”Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,” akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera.
”Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu. Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba; akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu.
”Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.
”Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama;
”Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
”Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
”Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
”kunis abdii jireenya bara baraa isa Waaqni hin sobne sun jalqaba addunyaatiin dura waadaa gale irratti kan hundeeffamee dha;
”Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Waaqa keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirrutti taʼa; innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
”inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;
”kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf.
”Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna. Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii, yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame.
”Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa.
”Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.
”Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.
”Kunis akkuma, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo fincilaa sana, mataa hin jabaatinaa” jedhamee barreeffamee dha.
”Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna. Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne. Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.
”Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan, warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.
”Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
”Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
”Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
”Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene.
”Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.
”Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.
”Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
”Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Yesuus Kiristoos isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra.
”Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.
”inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii. Hafuurri Qulqulluunis waaʼee kanaa dhugaa nuu baʼa. Innis jalqabatti akkana jedha: “Kakuun ani yeroo sana booddee isaan wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa.” Ammas, “Ani cubbuu fi yakka isaanii siʼachi hin yaadadhu” jedha. Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu.
”Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Yesuusiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf, kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Waaqatti dhiʼaannaa.
”Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu; garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata. Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama. Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu? Nu isa, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedhe sana beeknaatii; akkasumas, “Gooftaan saba isaatti ni mura” jedhe. Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha.
”Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.
”Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
”Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;
”Isin amma iyyuu walʼaansoo cubbuu wajjin gootan keessatti hamma dhiiga dhangalaasuutti jabaattanii hin mormine.
”Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
”Inni ergasii yeroo eebba sana dhaaluu barbaadetti akka didame isin ni beektu. Inni yoo eebba sana imimmaaniin barbaade illee geeddarama tokko illee fiduu hin dandeenye.
”Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
”Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.
”Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun,
”Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
”Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii. Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;
”tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama. Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.
”Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa. Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
”Sababiin isaas namni seera guutummaatti eegee waan tokko qofa cabse kam iyyuu akka waan seera hunda cabseetti ilaalamaatii.
”Yaa obboloota ko, namni tokko yoo, “Ani amantii qaba” jedhee garuu hojiin argisiisuu baate, kun faayidaa maalii qaba? Amantiin akkanaa isa fayyisuu dandaʼaa ree? Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.
”Egaa akka namni hojiidhaanis malee amantii qofaan qajeelaatti hin lakkaaʼamne ni argitu.
”Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.
”Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa. Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree? Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma. Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa. Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa. Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu. Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
”Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.
”Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf. Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
”Yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni biraa immoo yoo isa deebise, inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.
”Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche; akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera; isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.
”Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan. Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe. Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu; isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.
”Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa. Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; “Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
”Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa. Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii. Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
”Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa. Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti. “Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.
”Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu. Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.
”Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame;
”bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Waaqaaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin isin fayyisa; Kiristoos samiitti ol baʼee mirga Waaqaa jira; ergamoonni Waaqaa, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
”Kanaafuu waan Kiristoos foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera. Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Waaqaatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu. Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu.
”Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Waaqa kadhachuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa. Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
”Yaa michoota jaallatamoo, qorama akka ibiddaa kan amma ittiin dhiphachaa jirtan kana akka waan wanni haaraan isinitti dhufeetti hin dinqisiifatinaa. Garuu isin yeroo ulfinni isaa mulʼatutti akka baayʼee gammaddaniif waan dhiphina Kiristoos keessatti qooda fudhattaniif gammadaa.
”Yeroon itti murtiin mana Waaqaatii jalqabu dhiʼaateeraatii; murtiin kun yoo nurratti jalqaba taʼe dhumni warra wangeela Waaqaatiif hin ajajamnee akkam haa taʼu ree? “Erga qajeeltonni fayyuun rakkisaa taʼe, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan maal haa taʼu ree?”
”Kanaafuu warri akka fedhii Waaqaatti dhiphatan lubbuu isaanii Uumaa isaanii amanamaa sanatti imaanaa kennatanii waan gaarii hojjechuutti haa fufan.
”Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa. Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.
”Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan; akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama.
”wanni kun akkas taʼee Gooftaan akkamitti akka warra Waaqaaf bulan qorumsa keessaa baasuu fi akka itti warra jalʼaa hamma guyyaa murtiitti adabbiif tursu beeka.
”Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
”Kanaafuu yaa michoota jaallatamoo, isinis sababii waanuma kana eeggataniif akka warra xurii fi hirʼina hin qabne, warra nagaan isa wajjin jiraatan taataniif yaalii isinii dandaʼame hunda godhaa.
”Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu. Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa. Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru. Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa. Nu yoo cubbuu hin hojjennee jenne immoo sobduu isa goona; dubbiin isaas nu keessa hin jiru.
”Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana. Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti. Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna. Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru. Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna; namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.
”Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif waan isinii dhiifameef ani isiniifin barreessa.
”Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru. Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti. Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.
”Sababiin ani isinii barreessuuf waan isin dhugaa beektanii fi akka sobni tokko iyyuu dhugaa keessa hin jirres beektaniif malee waan isin dhugaa hin beekneef miti. Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana. Namni Ilma ganu kam iyyuu Abbaa illee hin qabu; namni waaʼee Ilmaa dhugaa baʼu hundinuu Abbaas qaba.
”Wanni inni waadaa nuu gale kanaa dha; kunis jireenya bara baraa ti. Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa.
”Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa. Isin yoo akka inni qajeelaa taʼe beektan, akka namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu isa irraa dhalate ni beektu.
”Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
”Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu seeratti ni fincila; cubbuun finciluudhaatii. Isin garuu akka inni cubbuu keenya balleessuudhaaf mulʼate ni beektu. Isa keessa cubbuun hin jiru. Namni isaan jiraatu kam iyyuu cubbuu hin hojjetu. Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu isa hin argine yookaan isa hin beekne. Yaa ijoolle, namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsin. Akkuma inni qajeelaa taʼe sana namni waan qajeelaa hojjetus qajeelaa dha. Namni cubbuu hojjetu kan diiyaabiloos; diiyaabiloos jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Waaqaa hojii diiyaabiloos diiguudhaaf mulʼateetii. Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Waaqaa isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Waaqa irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu. Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen diiyaabiloos kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Waaqaa miti.
”Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.
”Ajajni isaas kana: kunis nu maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka amannuu fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannuuf. Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.
”Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.
”Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.
”Namni, “Ani Waaqa nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu. Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Waaqa jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.
”Yesuus kun Kiristoos akka taʼe namni amanu hundinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata. Nu yommuu Waaqa jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Waaqaa jaallannu kanaan beekna. Waaqa jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu. Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya. Yesuus Ilma Waaqaa taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?
”Namni Ilma Waaqaatti amanu kam iyyuu dhuga baʼumsa kana garaa isaa keessaa qaba. Namni Waaqa hin amanne garuu waan isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana hin amaniniif inni Waaqa sobduu godheera. Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu.
”Isin warri maqaa Ilma Waaqaatti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif ani waan kana isinii barreessa.
”Ija jabinni nu fuula Waaqaa duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.
”Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Waaqa irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.
”Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
”Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa. Warra shakkii qabaniif garaa laafaa; Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa. Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
”akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase,
”Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu! Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha.
”Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.
”Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde.
”Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.
”Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture. Kanaafuu ati waan laphii taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera.
”Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu. Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa. Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.
”Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.
”Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf.
”Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru.
”Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne.
”Sobni tokko iyyuu afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan mudaa hin qaban.
”Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata.
”Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”
”Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne. Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
”Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.” Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe. Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna. Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa. Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.”
”Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu.”
”“Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha.
”Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.
”Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala. Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.
”