19 – Mana Kiristaanaa

Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Mana Kiristaanaa.

Aayatoota sadii baay’ee murteessoo

Maatewos 18:20

Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”

Maatewos 20:26-28

Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba; Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”

Hojii 4:31-35

Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan. Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne. Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture. Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii, miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.

Aayatoota hundi tartiiba seera-qabeessa keessatti – kutaalee 313

Uumama 28:17

Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe.

Uumama 28:22

dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.”

Baʼuu 13:21-22

WAAQAYYO akka isaan halkanii guyyaa deemuu dandaʼaniif guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura deemee karaa isaan argisiise; halkan immoo isaaniif ibsuuf jedhee utubaa ibiddaatiin isaan dura deemaa ture. Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa, utubaan ibiddaa immoo halkan halkan uummata duraa hin dhabamne ture.

Baʼuu 19:5-6

Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee, isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.”

Baʼuu 19:22

Akka WAAQAYYO isaan hin balleessineef luboonni WAAQAYYOTTI dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan.”

Baʼuu 25:8

“Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha.

Baʼuu 33:9-11

Yeroo Museen dunkaana sana seenutti utubaan duumessaa gad buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabata ture; WAAQAYYOS Musee wajjin dubbata ture. Sabni yeroo utubaa duumessaa kan balbala dunkaanaa dura dhaabatu argutti hundi isaa ol kaʼee tokkoon tokkoon namaa dunkaana ofii isaa duratti sagada ture. WAAQAYYOS akkuma nama michuu isaa wajjin haasaʼu tokkootti ifumaan ifatti Museetti dubbachaa ture. Ergasiis Museen iddoo qubataatti deebiʼa ture; gargaaraan isaa, Iyyaasuun ilmi Nuuni dargaggeessi suni garuu dunkaana sana biraa hin deemu ture.

Lewwota 10:9-10

“Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa. Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu;

Lakkoobsa 9:15-16

Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture. Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture.

2 Saamuʼeel 7:6

Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture.

1 Mootota 6:12-13

“Waaʼee mana qulqullummaa ati ijaaraa jirtu kanaa, ati sirna koo duukaa buutee seera kootii fi ajaja koo hundas yoo eegde, ani waadaan abbaa kee Daawitiif gale sana karaa keetiin nan raawwadha. Anis Israaʼeloota gidduu nan jiraadha; saba koo Israaʼelinis hin gatu.”

1 Mootota 8:10-11

Akkuma luboonni Iddoo Qulqulluu sana keessaa baʼaniin duumessi mana qulqullummaa WAAQAYYOO guute. Luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni WAAQAYYOO mana qulqullummaa isaa guutee tureetii.

1 Mootota 9:1

Yommuu Solomoon mana qulqullummaa WAAQAYYOOTII fi masaraa mootummaa ijaaree waan hojjechuu barbaade hunda fixetti,

2 Mootota 22:8

Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise.

2 Mootota 23:7

Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige.

1 Seenaa 22:19

Amma WAAQAYYO Waaqa keessan barbaaduuf garaa fi lubbuu keessan guutuudhaan kutadhaa kaʼaa. Akka taabota kakuu WAAQAYYOOTII fi miʼoota qulqulluu kan Waaqaa fiddanii mana qulqullummaa kan Maqaa WAAQAYYOOTIIF ijaaramuuf jiru sanatti galchitaniif mana WAAQAYYO Gooftaa ijaaruu jalqabaa.”

2 Seenaa 5:13-14

Warri malakata afuufanii fi faarfattoonni WAAQAYYOON leellisuu fi galateeffachuudhaaf jedhanii akkuma nama tokkootti walii galanii sagalee isaanii tokko godhatan. Isaanis malakatatti, kilillee fi miʼoota faarfannaa biraatti fayyadamanii sagalee isaanii ol fudhatanii WAAQAYYOON galateeffachuudhaan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” jedhanii faarfatan. Ergasiis manni qulqullummaa WAAQAYYOO duumessaan ni guutame; luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni WAAQAYYOO mana qulqullummaa Waaqaa guutee tureetii.

2 Seenaa 7:1-3

Yommuu Solomoon kadhannaa isaa fixatetti ibiddi samiidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni WAAQAYYOOS mana qulqullummaa guute. Sababii ulfinni WAAQAYYOO mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa WAAQAYYOO seenuu hin dandeenye. Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda samiidhaa gad buʼuu fi ulfina WAAQAYYOO mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis WAAQAYYOON galateeffatan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan jiraata.”

2 Seenaa 23:19

Akkasumas inni akka namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼe tokko iyyuu ol hin seenneef balbala mana qulqullummaa WAAQAYYOO dura eegdota ni dhaabe.

2 Seenaa 30:8

Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; WAAQAYYOOTTI harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf WAAQAYYO Waaqa keessan tajaajilaa.

2 Seenaa 31:4

Innis akka luboonnii fi Lewwonni Seera WAAQAYYOOTIIF of kennuu dandaʼaniif namoota Yerusaalem keessa jiraatan akka isaan qooda jaraaf malu kennaniif ni ajaje.

2 Seenaa 36:15

WAAQAYYO Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge.

Nahimiyaa 8:8

Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.

Nahimiyaa 10:39

Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu. “Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”

Faarfannaa 16:3

Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada.

Faarfannaa 22:22

Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa keessattis sin jajadha.

Faarfannaa 23:6

Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana WAAQAYYOO keessa nan jiraadha.

Faarfannaa 27:4

Ani waan tokko WAAQAYYOON nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana WAAQAYYOO keessa jiraachuu, miidhagina WAAQAYYOO ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha.

Faarfannaa 28:9

Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi; tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.

Faarfannaa 34:3

Na wajjin WAAQAYYOOF ulfina kennaa; kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.

Faarfannaa 42:4

Ani yommuun waan kana yaadadhutti, lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa: ilillee fi faarfannaa galataatiin tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko, hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.

Faarfannaa 65:4

Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! Nus waan gaarii mana keetiitiin, kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.

Faarfannaa 68:6

Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.

Faarfannaa 79:13

Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii, bara baraan si jajanna; dhalootaa hamma dhalootaattis, galata kee ni odeessina.

Faarfannaa 84:1-4

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa WAAQAYYOO Waan Hunda Dandeessu, iddoon ati jiraattu akkam namatti tola! Lubbuun koo oobdiiwwan WAAQAYYOO hawwiti; akka malees itti gaggabdi; onneen koo fi foon koo Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu. Yaa WAAQAYYOO Waan Hunda Dandeessu, Mootii koo fi Waaqa ko, iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti. Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.

Faarfannaa 84:10

Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.

Faarfannaa 89:7

Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.

Faarfannaa 92:13

isaan mana WAAQAYYOO keessa dhaabamanii jiru; oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.

Faarfannaa 111:1

Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan WAAQAYYOON nan galateeffadha.

Faarfannaa 122:1

Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yommuu isaan, “Kottu gara mana WAAQAYYOO dhaqnaa” naan jedhanitti, ani nan gammade.

Faarfannaa 127:1

Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon. WAAQAYYO mana ijaaruu baannaan, warri ijaaran akkasumaan dadhabu. WAAQAYYO magaalaa eeguu baannaan, warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.

Faarfannaa 133:1

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!

Faarfannaa 149:1

Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa WAAQAYYOOF faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.

Fakkeenya 22:6

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Fakkeenya 27:17

Akkuma sibiilli sibiila qaru, namni tokko nama kaan qara.

Lallaba 5:1

Ati yeroo gara mana Waaqaa dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii.

Isaayyaas 6:1

Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.

Isaayyaas 6:8-9

Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe. Kana irratti ani, “Kunoo anuu jira. Na ergi!” nan jedhe. Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi: “ ‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan; arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’

Isaayyaas 52:11

Isin warri miʼa WAAQAYYOO baattan, addaan baʼaa; addaan baʼaa; achii fagaadhaa! Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa! Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.

Isaayyaas 56:6-7

Alagoota isa tajaajiluuf, maqaa WAAQAYYOO jaallachuuf, isa waaqeffachuuf WAAQAYYOTTI cichan kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi kakuu koos cimsanii eegan hunda, ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida; mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna. Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi, iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata; manni koo saboota hundaaf, mana sagadaa jedhamee waamamaatii.”

Ermiyaas 3:15

Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna.

Ermiyaas 23:1-4

“Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!” jedha WAAQAYYO. Kanaafuu WAAQAYYO Waaqni Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: “Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida” jedha WAAQAYYO. “Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus. Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 23:11

“Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan; ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera” jedha WAAQAYYO.

Hisqiʼeel 3:17-21

“Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni. Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati isa akeekkachiisuu yookaan akka inni karaa isaa hamaa irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatu itti himuu baatte, namichi hamaan sun sababii cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada. Garuu yoo ati nama hamaa sana akeekkachiiftee inni immoo hammina isaa irraa yookaan karaa isaa isa hamaa sana irraa deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee ni oolfatta. “Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha. Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.”

Hisqiʼeel 22:26

Luboonni ishee seera koo cabsanii miʼoota koo qulqulluu xureessu; isaan waan qulqullaaʼee fi waan hin qulqullaaʼin gargar hin baasan; kan hin qulqullaaʼinii fi kan qulqullaaʼe gidduu garaa garummaan hin jiru jedhanii barsiisu; akka ani isaan gidduutti tuffatamuuf Sanbatoota koo eeguu irraa ija isaanii dunuunfatu.

Hisqiʼeel 34:2-6

“Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii? Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan. Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju. Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan. Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.

Hisqiʼeel 34:7-10

“ ‘Kanaafuu isin tiksoonni, dubbii WAAQAYYOO dhagaʼaa: Ani jiraataadhaatii, jedha WAAQAYYO Gooftaan; sababii bushaayeen koo tiksoota dhabanii akkasiin saamamanii bineensa bosonaatiif nyaata taʼaniif, sababii tiksoonni koo bushaayee koo barbaaduu didanii qooda bushaayee ofuma isaanii sooraniif yaa tiksoota, kanaafuu isin dubbii WAAQAYYOO dhagaʼaa: WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Ani tiksootatti nan kaʼa; bushaayee koos harka isaanii irraa nan barbaada. Akka tiksoonni siʼachi of hin soorreef bushaayee tiksuu irraa isaan nan ariʼa. Ani bushaayee koo afaan isaaniitii nan buusa; isaanis siʼachi soora isaanii hin taʼan.

Hisqiʼeel 34:20-22

“ ‘Kanaafuu WAAQAYYO Gooftaan akkana isaaniin jedha: Kunoo, ani mataan koo hoolaa gabbatee fi hoolaa huqqate gidduutti murtii nan kenna. Sababii isin hoolota dadadhaboo hunda cinaachaa fi gatiittii keessaniin dhiibdanii, gaanfa keessaniin immoo jifattanii alatti baaftaniif, ani bushaayee koo nan oolfadha; isaanis siʼachi hin saamaman. Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan kenna.

Hisqiʼeel 34:23

Ani tiksee tokko jechuunis garbicha koo Daawitiin isaanittan ramada; inni isaan eega; tiksee isaaniis ni taʼa.

Hisqiʼeel 37:27

Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.

Hisqiʼeel 44:4

Namichi sun karra kaabaatiin gara fuullee mana qulqullummaatti na fide. Anis milʼadheen akka ulfinni WAAQAYYOO mana qulqullummaa WAAQAYYOO guute arge; adda kootiinis lafattan gombifame.

Hisqiʼeel 44:23

Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu.

Hisqiʼeel 44:27

Innis gaafa iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf oobdii iddoo qulqulluu isa gara keessaa seenutti aarsaa cubbuu waaʼee ofii isaatiif dhiʼeessuu qaba, jedha WAAQAYYO Gooftaan.

Hisqiʼeel 45:4

Iddoon kunis lafa sana keessatti luboota iddoo qulqulluu keessatti tajaajilanii fi kanneen fuula WAAQAYYOO duratti tajaajiluuf dhiʼaataniif kutaa qulqulluu ni taʼa. Innis iddoo manneen isaaniitii fi iddoo mana qulqullummaa taʼa.

Yooʼeel 2:28-29

“Anis kana booddee, Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa. Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu; dargaggoonni keessan mulʼata argu. Bara sana keessa, garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee Hafuura koo nan dhangalaasa.

Amoos 3:7

Dhugumaan WAAQAYYO Gooftaan utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin waan tokko illee hin hojjetu.

Haagee 2:7-9

Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu.”

Miilkiyaas 2:7

“Sababii inni ergamaa WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu.

Miilkiyaas 3:10

Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu.

Maatewos 4:19

Yesuusis, “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga” jedheen.

Maatewos 4:23

Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, dhibee fi dhukkuba saba keessa jiru hunda fayyisaa Galiilaa guutuu keessa deeme.

Maatewos 6:7

Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.

Maatewos 6:33

Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.

Maatewos 7:15

“Raajota sobaa warra kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan, kanneen keessi isaanii garuu yeeyyii akka malee beelaʼee waa cicciratu taʼe irraa of eeggadhaa.

Maatewos 9:35-38

Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme. Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii. Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”

Maatewos 10:1

Yesuus barattoota isaa kudha lamaan ofitti waamee akka isaan hafuurota xuraaʼoo baasaniif, dhibee fi dhukkuba hundumaa akka fayyisaniif taayitaa kenneef.

Maatewos 10:8

Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.

Maatewos 10:17

Namoota irraa of eeggadhaa; isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu.

Maatewos 10:40-42

“Namni isin simatu na simata; namni na simatu immoo isa na erge sana simata. Namni raajii tokko sababii inni raajii taʼeef simatu kam iyyuu gatii raajii ni argata; namni nama qajeelaa tokko sababii inni nama qajeelaa taʼeef simatu gatii nama qajeelaa tokkoo ni argata. Ani dhuguman isinitti hima; namni kam iyyuu yoo warra xixinnaa kanneen keessaa isa tokkoof sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa budduuqsaa tokkoo illee kenne, inni dhugumaan gatii isaa hin dhabu.”

Maatewos 13:54

Innis gara magaalaa itti dhalatee dhaqee mana sagadaa isaanii keessatti namoota barsiisuu jalqabe; isaanis ni dinqisiifatan. Akkana jedhaniis gaafatan; “Namichi kun ogummaa kanaa fi hojiiwwan dinqii kanneen eessaa argate?

Maatewos 16:18-19

Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri gahaannamis ishee hin moʼatu. Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”

Maatewos 18:12-13

“Isin maal seetu? Namni tokko yoo hoolota dhibba qabaatee hoolota sana keessaas tokko bade, namichi sun sagaltamii sagallan hafan kaan tulluuwwan irratti dhiisee tokkicha bade sana barbaaduu hin dhaquu? Ani dhuguman isinitti hima; inni yoo hoolaa sana argate, hoolota sagaltamii sagallan hin badin irra hoolaa tokkicha sanatti caalaa ni gammada.

Maatewos 18:15-17

“Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta. Yoo si dhagaʼuu baate garuu ‘dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuuf’ nama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi. Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.

Maatewos 18:20

Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”

Maatewos 20:26-28

Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba; Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”

Maatewos 21:12-13

Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe.

Maatewos 21:14-15

Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise. Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Hoosaaʼinaa ilma Daawitiif” jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.

Maatewos 23:8-12

“Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti. Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti. ‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos. Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu. Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.

Maatewos 24:24

Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu.

Maatewos 25:36

ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’

Maatewos 27:51

Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan.

Maatewos 28:19-20

Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.”

Maarqos 1:39-41

Kanaafuu inni manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa, hafuurota hamoos baasaa, Galiilaa guutuu keessa deeme. Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate. Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen.

Maarqos 3:14-15

Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase; akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.

Maarqos 6:2

Innis guyyaan Sanbataa geenyaan mana sagadaatti barsiisuu jalqabe; warri isa dhagaʼan baayʼeenis ni dinqisiifatan. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun wantoota kanneen eessaa argate? Ogummaan isaaf kenname kun maali? Hojiiwwan dinqisiisoon harka isaatiin hojjetaman kanneen akkanaa maali?

Maarqos 7:7-9

Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’ Isin ajaja Waaqaa dhiiftanii, duudhaa namootaa jabeessitanii eegdu.” Innis ittuma fufee akkana jedheen; “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu!

Maarqos 7:13

Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”

Maarqos 9:41

Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Kiristoos taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.

Maarqos 11:15-17

Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne. Innis akkana jedhee isaan barsiise; “ ‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhannaa ni jedhama’ jedhamee hin barreeffamnee? Isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu.”

Maarqos 13:2

Yesuusis, “Gamoowwan gurguddaa kanneen argitaa? Ni diigama malee asitti dhagaan dhagaa irratti hin hafu” jedheen.

Maarqos 13:9

“Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu.

Maarqos 15:38

Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe.

Maarqos 16:15-18

Innis akkana isaaniin jedhe; “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa. Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama. Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu; harka isaaniitiin bofa ni qabu; yoo summii nama ajjeesu dhugan isaan hin miidhu; harka isaanii namoota dhukkubsatan irra ni kaaʼu; namoonnis ni fayyu.”

Maarqos 16:20

Barattoonnis achii baʼanii iddoo hundatti lallaban; Gooftaanis isaan wajjin hojjechaa ture; dubbii isaas dinqiiwwan hojjetamaniin ni mirkaneessa ture.]

Luqaas 4:16

Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate;

Luqaas 4:32-36

Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan. Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe; “Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!” Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe. Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan.

Luqaas 4:44

Innis ittuma fufee manneen sagadaa Yihuudaa keessatti lallabaa ture.

Luqaas 5:10

ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan. Yesuusis Simʼooniin, “Hin sodaatin; ati ammaa jalqabdee qabduu namootaa ni taataa” jedhe.

Luqaas 6:6

Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture.

Luqaas 6:40

Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.

Luqaas 9:1-2

Yesuus warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef; inni akka isaan mootummaa Waaqaa labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge.

Luqaas 12:31-32

Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama. “Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.

Luqaas 13:10-14

Yesuus guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture. Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte. Yesuusis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, “Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta” jedheen, Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Waaqa galateeffatte. Bulchaan mana sagadaas sababii Yesuus guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, “Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa” jedhe.

Luqaas 15:4-7

“Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee, mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha. Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.

Luqaas 17:3

Kanaafuu of eeggadhaa. “Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif.

Luqaas 23:45

aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe.

Luqaas 24:52-53

Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan. Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.

Yohannis 2:15-17

Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. Warra gugee gurguraniinis, “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!” jedhe. Barattoonni isaas, “Hinaaffaan mana keetii na gugguba” jedhamee akka barreeffame yaadatan.

Yohannis 6:53

Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.

Yohannis 10:16

Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.

Yohannis 13:34-35

“Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”

Yohannis 16:2-3

Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa. Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu.

Yohannis 17:11

Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.

Yohannis 17:16-17

Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti. Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.

Yohannis 17:21-22

kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan. Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;

Yohannis 21:15-17

Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen. Yesuus amma illee, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuus immoo, “Hoolota koo tiksi” jedheen. Yeroo sadaffaas, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Phexrosis sababii Yesuus yeroo sadaffaa, “Ati na jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta” jedheen. Yesuusis akkana jedheen; “Hoolota koo soori.

Hojii 1:8

Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”

Hojii 1:14-15

Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan. Gidduma sana Phexros kaʼee amantoota gara 120 taʼan gidduu dhaabate.

Hojii 2:1-4

Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute. Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.

Hojii 2:41-47

Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame. Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan. Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame. Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

Hojii 4:31-35

Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan. Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne. Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture. Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii, miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.

Hojii 5:11-16

Waldaan kiristaanaa hundi, warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman. Ergamoonnis mallattoo fi dinqii baayʼee uummata gidduutti hojjetan. Amantoonni hundinuus iddoo gardaafoo Solomoon jedhamutti walitti qabamu turan. Warra hafan keessaa namni tokko iyyuu isaanitti dabalamuuf ija hin jabaanne, uummanni garuu akka malee isaan ulfeessa ture. Hamma duraa caalaas dhiironnii fi dubartoonni hedduun Gooftaatti amananii amantootatti dabalaman. Kanaafis akka yommuu Phexros achiin darbutti gaaddiddumti isaa iyyuu isaan keessaa tokko tokko irra buʼuuf jedhanii namoonni dhukkubsattoota karaatti baasanii siree fi itillee irra ciciibsan. Namoonnis magaalaawwan naannoo Yerusaalem jiran keessaa warra dhukkubsatanii fi warra hafuura xuraaʼaan dhiphatan fidanii achitti wal gaʼan; warri geeffaman hundinuus ni fayyifaman.

Hojii 5:42

Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti, mana namaattis utuu gargar hin kutin akka Yesuus Kiristoos taʼe barsiisaa, lallabaas turan.

Hojii 6:4

Waaqa kadhachuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.”

Hojii 6:7-11

Dubbiin Waaqaa ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman. Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqaatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette. Miseensonni mana sagadaa warra, “Namoota bilisooman” jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban. Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye. Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Musee fi Waaqa irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.

Hojii 7:48-49

“Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha: “ ‘Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? jedha Gooftaan. Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?

Hojii 8:1

Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan.

Hojii 8:4-8

Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban. Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Kiristoos lallabe. Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan. Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan. Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.

Hojii 9:1-2

Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee, nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate.

Hojii 9:3-9

Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise. Innis lafatti kufee sagalee, “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?” isaan jedhu tokko dhagaʼe. Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate. Innis akkana jedhee deebiseef; “Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. Arfii wayii dhiituun suma miidha. Amma kaʼii magaalaa seeni; wanni ati gootu sitti himamaatii” jedheen. Namoonni Saaʼol wajjin deemaa turanis waan dubbatan dhabanii dhadhaabatan; isaanis sagalee dhagaʼan malee nama tokko illee hin argine. Saaʼolis lafaa kaʼe; innis yommuu iji isaa banametti homaa arguu hin dandeenye; isaanis harka isaa qabanii Damaasqootti isa geessan. Iji isaas Guyyaa sadii guutuu arguu hin dandeenye; innis homaa hin nyaanne; homaas hin dhugne.

Hojii 9:20-22

Innis akka Yesuus ilma Waaqaa taʼe yeruma sana manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe. Warri isa dhagaʼan hundinuus dinqifatanii akkana jedhan; “Namichi kun isuma Yerusaalem keessatti warra maqaa kana waammatan balleesse sana mitii? Ammas hidhee luboota hangafootatti isaan geessuuf dhufe mitii?” Saaʼol garuu ittuma jabaachaa deeme; innis akka Yesuus kun Kiristoos taʼe mirkaneessuudhaan Yihuudoota Damaasqoo keessa jiraatan afaan qabachiise.

Hojii 9:26-29

Innis yommuu gara Yerusaalem dhufetti barattootatti dabalamuu yaale; isaanis waan barataa taʼuu isaa hin amaniniif hundi isaanii isa sodaatan. Barnaabaas immoo fuudhee ergamootatti isa geesse; akka Saaʼol itti karaatti gooftaa arge, akka itti gooftaan isatti dubbatee fi akka inni sodaa malee Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin lallabe isaanitti hime. Saaʼolis isaan wajjin jiraatee Yerusaalem keessa sodaa malee baʼee galaa ture; maqaa Gooftaatiinis ija jabinaan lallabe. Yihuudoota Giriikota keessa jiraatan wajjinis dubbachaa isaaniinis morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu barbaadan.

Hojii 9:31

Kanaafis waldaan kiristaanaa Yihuudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessa jirtu guutummaatti nagaa argatte; ni cimtes. Isheenis Hafuura Qulqulluudhaan jajjabaatee sodaa Gooftaatiin jiraachuudhaan baayʼinaan guddachaa deemte.

Hojii 10:42

Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Waaqni warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje.

Hojii 11:21

Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan.

Hojii 11:26

Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman.

Hojii 12:1-3

Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe. Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese. Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe.

Hojii 12:5-7

Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte. Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan. Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe.

Hojii 13:42-46

Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan. Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Waaqaatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan. Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame. Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman. Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla.

Hojii 14:1-3

Phaawulosii fi Barnaabaas akkuma amala isaanii Iqooniyoonitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan; achittis waan akka gaarii dubbataniif Yihuudoonnii fi Giriikonni hedduun ni amanan. Yihuudoonni hin amanin garuu Namoota Ormaa kakaasanii akka isaan obbolootaan mormaniif yaada isaanii hammeessan. Phaawulosii fi Barnaabaas sodaa malee waaʼee Gooftaa dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; Gooftaanis akka isaan mallattoo fi dinqii hojjetan isaan dandeessisuudhaan dubbii ayyaana isaa mirkaneesse.

Hojii 14:23

Phaawulosii fi Barnaabaas tokkoo tokkoo waldaa kiristaanaa keessatti maanguddoota muudaniifii kadhaa fi soomaan Goofticha isaan itti amananitti dabarsanii isaan kennan.

Hojii 14:27

Akkuma achi gaʼaniinis waldaa kiristaanaa walitti qabanii waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hundaa fi akkamitti akka inni Namoota Ormaatiif balbala amantii banes isaanitti himan.

Hojii 16:25-26

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan. Akkuma tasaa sochiin lafaa cimaan tokko taʼe; kanaanis hundeen mana hidhaa sanaa raafame; yommusuma balballi hundinuu ni baname; foncaan nama hundaas ni hiikame.

Hojii 17:11-12

Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii. Kanaaf Yihuudoota keessaa baayʼeen ni amanan; akkasumas dubartoonni Giriik beekamoon hedduunii fi dhiironni Giriik hedduun ni amanan.

Hojii 17:17

Kanaaf mana sagadaa keessatti Yihuudootaa fi Giriikota Waaqa sodaatan wajjin, iddoo gabaatti immoo guyyuma guyyaan warra achitti argaman wajjin falmaa ture.

Hojii 18:4

Guyyaa Sanbataa hundas mana sagadaa keessatti falmee Yihuudootaa fi Giriikota amansiisa ture.

Hojii 18:26

Mana sagadaa keessattis sodaa malee dubbachuu jalqabe; Phirisqilaa fi Aqiilaanis yommuu isa dhagaʼanitti mana isaaniitti isa waamanii karaa Waaqaa isa duraa caalaatti sirriitti addeessaniif.

Hojii 19:8-9

Phaawulosis mana sagadaa seenee waaʼee mootummaa Waaqaa isaan wajjin falmaa, akka isaan amananiifis yaalaa, jiʼa sadii sodaa malee dubbachaa ture. Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture.

Hojii 19:23

Gidduma sana waaʼee karaa sanaa irratti gooliin guddaan uumame.

Hojii 20:20-21

Utuu waan faayidaa isinii qabu tokko illee lallabuu irraa of hin qusatin akka ani mana tokkoo gara mana kaanii deemee ifatti baasee isin barsiise isinuu beektu. Ani akka Yihuudoonnii fi Giriikonni qalbii jijjiirrachuudhaan gara Waaqaatti deebiʼanii fi akka isaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti amanan isaanitti himeera.

Hojii 20:28-31

Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa. Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka. Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu. Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa.

Hojii 22:4-5

Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera; waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe.

Hojii 24:14

Taʼus ani akka nama karaa isaan garee mormitootaa jedhaniin sana duukaa buʼu tokkootti akka Waaqa abbootii keenyaa waaqeffadhu fuula kee duratti nan amana. Waan seera Museetiin walii galuu fi waan kitaabota raajotaa keessatti barreeffame hundas nan amana.

Hojii 24:22

Feeliksi garuu waan waaʼee Karaa sanaa sirriitti beekuuf, “Ani gaafa Liisiiyaas ajajaan kumaa sun dhufutti dubbii keessan nan murteessa” jedhee yeroo biraatti dabarse.

Roomaa 1:1

Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa:

Roomaa 8:19

Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira.

Roomaa 10:14-15

Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree? Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.

Roomaa 12:4-8

Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti. Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu. Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu; yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru.

Roomaa 12:10

Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.

Roomaa 15:16

kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf.

Roomaa 16:1-5

Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha. Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa. Phirisqilaa fi Aqiilaa, warra Kiristoos Yesuusiin na wajjin tajaajilanitti nagaa naa himaa. Isaan naa jedhanii lubbuu isaanii balaaf saaxilan. Utuu ana qofa hin taʼin Waldaaleen Kiristaanaa Namoota Ormaa hundinuus isaan galateeffatu. Waldaa Kiristaanaa kan mana isaaniitti walitti qabamtuttis nagaa naa himaa. Biyya Asiyaa keessaa Kiristoositti amanuutti hangafa kan taʼe michuu koo jaallatamaa Axeenexoonittis nagaa naa himaa.

Roomaa 16:16

Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. Waldaaleen Kiristoos hundinuu nagaa isinii dhaamu.

1 Qorontos 1:2

Gara waldaa Waaqaa ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Kiristoos Yesuusiin qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti:

1 Qorontos 1:9-13

Waaqni gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti isin waame sun amanamaa dha. Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin kadhadha. Yaa obboloota ko, akka isin gidduu lolli jiru warri mana Kiloʼee jiraatan tokko tokko natti himaniiru. Wanti ani jedhus kana: Isin keessaa namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedha; inni kaan, “Ani kan Apholoos” jedha; kaanis, “Ani kan Keefaa ti” jedha; kaan immoo, “Ani kan Kiristoos” jedha. Kiristoos gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii?

1 Qorontos 1:23

nu garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha;

1 Qorontos 2:1

Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne.

1 Qorontos 2:4-8

Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre; kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef. Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii.

1 Qorontos 2:13

Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina.

1 Qorontos 3:6-9

Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise. Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti. Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu. Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.

1 Qorontos 3:10-11

Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba. Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.

1 Qorontos 3:16-17

Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii? Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.

1 Qorontos 4:1-2

Kanaafuu namni akka tajaajiltoota Kiristoosii fi akka warra icciitiin Waaqaa imaanaa itti kennameetti nu ilaaluu qaba. Warra imaanaan itti kenname sanas amanamoo taʼuutu irraa eegama.

1 Qorontos 5:11-13

Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa! Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii? Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!”

1 Qorontos 6:19

Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;

1 Qorontos 9:13-14

Isin akka warri mana qulqullummaa keessa wantoota qulqulluu irra tajaajilan nyaata isaanii mana qulqullummaa irraa argatan, akka warri iddoo aarsaa tajaajilan immoo waan iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamu irraa qooddatan hin beektanii? Akkasuma immoo akka warri wangeela lallaban waan ittiin jiraatan wangeela irraa argatan Gooftaan ajajeera.

1 Qorontos 9:16

Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo!

1 Qorontos 9:18

Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti.

1 Qorontos 9:27

Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.

1 Qorontos 10:16-21

Xoofoon eebbaa kan nu eebbifnu sun dhiiga Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Buddeenni nu caccabsinu sunis foon Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Waan buddeenni tokko qofti jiruuf, nu baayʼee taanu iyyuu dhagnuma tokko; hundi keenya buddeenuma tokkicha sana irraa hirmaannaatii. Mee saba Israaʼel ilaalaa: Warri aarsaa irraa nyaatan sun iddoo aarsaa irraa qooda qabu mitii? Egaa maal jechuu koo ti? Nyaanni waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu wayi moo ree yookaan Waaqni tolfamaan wayi moo ree jechuu kootii? Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu. Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan.

1 Qorontos 11:1

Akkuma ani Kiristoosin fakkaadhu, isinis na fakkaadhaa.

1 Qorontos 11:17-19

Walitti qabamuun keessan waan waa balleessu malee waa tolchu hin taʼiniif ani ajaja kana keessatti isin hin jaju. Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana. Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba.

1 Qorontos 11:26-30

Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu. Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama. Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba. Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii. Kanaafis isin keessaa hedduun dadhabaniiru; dhukkubsataniirus; hedduunis boqotaniiru.

1 Qorontos 12:1

Yaa obboloota ko, egaa ani akka isin waaʼee kennaawwan hafuuraa wallaaltan hin barbaadu.

1 Qorontos 12:4-11

Kennaawwan gosa garaa garaatu jira; Hafuurri garuu tokkuma. Tajaajila gosa garaa garaatu jira; Gooftaan garuu tokkuma. Hojii gosa garaa garaatu jira; waan hundumaa garuu Waaqa tokkichatu nama hundumaan hojjeta. Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama. Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama; isa kaaniif Hafuuruma sanaan amantiitu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma tokkicha sanaan kennaawwan warra dhukkubsatan fayyisuutu kennama; isa tokkoof dinqiiwwan hojjechuu, isa kaaniif raajii dubbachuu, isa kaaniif hafuurota addaan baasee beekuu, isa kaaniifis afaan haaraa gosa adda addaa dubbachuu, isa kaaniif immoo afaan haaraa sana hiikuutu kennama. Waan kana hundas Hafuuruma tokkicha sanatu akkuma fedhii ofii isaatti tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti hiruudhaan hojjeta.

1 Qorontos 12:12-13

Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Kiristoosis akkasuma. Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.

1 Qorontos 12:14-27

Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii. Miilli yoo, “Ani waanan harka hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa mitii” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu. Gurris yoo, “Ani waanan ija hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa miti” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu. Utuu dhagni guutumaatti ija taʼee jiraatee silaa dhagaʼuun eessa jira? Utuu dhagni guutumaatti gurra taʼee jiraatee silaa fuunfachuun eessa jira? Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera. Utuu hundi isaanii kutaa dhagnaa tokkicha taʼanii silaa dhagni eessa jira? Egaa kutaawwan dhagnaa baayʼee dha; dhagni garuu tokkuma. Iji harkaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu; yookaan mataan miillaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu. Dhugumaanuu kutaawwan dhagnaa kanneen dadhaboo fakkaatan akka malee barbaachisoo dha; kutaawwan dhagnaa kanneen tuffatamoo nutti fakkaataniifis ulfina addaa ni kennina. Kutaawwan dhagnaa kanneen nu itti qaanofnuuf immoo ulfinni addaa ni kennama; kutaawwan dhagna keenyaa kanneen nu itti hin qaanofne waan kana hin barbaadan. Waaqni garuu kutaawwan dhagnaa walitti fayyisee kutaawwan nu itti qaanofnuuf ulfina caalu kenne; kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef. Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu. Isin amma dhagna Kiristoos; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti.

1 Qorontos 12:28-30

Waaqni waldaa Kiristaanaa keessatti tokkoffaa ergamoota, lammaffaa raajota, sadaffaa barsiistota, ergasiis warra hojii dinqii hojjetan, itti aansees warra kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qaban, warra namoota gargaaruu dandaʼan, warra kennaa bulchiinsaa qabanii fi warra afaan haaraa gosa addaa addaa dubbatan filateera. Hundumatu ergamootaa? Hundumatu raajotaa? Hundumatu barsiistotaa? Hundinuu hojii dinqii hojjetuu? Hundumatu kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qabaa? Hundumatu afaan haaraa dubbataa? Hundumatu afaan sana hiikaa?

1 Qorontos 14:3-5

Namni raajii dubbatu garuu isaan ijaaruuf, gorsuu fi jajjabeessuuf jedhee namootatti dubbata. Namni afaan haaraan dubbatu ofuma isaa cimsa; kan raajii dubbatu garuu waldaa kiristaanaa cimsa. Ani akka hundi keessan afaan haaraan dubbattan nan barbaada; caalaatti garuu akka raajii dubbatan nan jaalladha. Namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waldaan kiristaanaa ittiin jajjabaattuuf jedhee waan dubbatu sana yoo hiikuu baate isa afaan haaraan dubbatu irra isa raajii dubbatutu caala.

1 Qorontos 14:19

Waldaa kiristaanaa keessatti garuu dubbii kuma kudhan afaan haaraan dubbachuu irra warra kaan barsiisuuf dubbii hubatamaa shan dubbachuu nan barbaada.

1 Qorontos 14:22-25

Kanaafuu afaan haaraan dubbachuun warra hin amaniniif mallattoo taʼa malee warra amananiif miti; raajii dubbachuun garuu warra amananiif malee warra hin amaniniif miti. Egaa waldaan amantootaa guutuun walitti qabamee yoo hundi isaanii afaan haaraan dubbatan, yoo namoonni hin baratin yookaan namoonni hin amanne ol seenan isin maraattaniirtu isiniin hin jedhanii? Utuu namni hundi raajii dubbachaa jiruu yoo namni hin amanne tokko yookaan namni hin baratin tokko ol seene inni akka cubbamaa taʼe nama hundaan ni amansiifama; nama hundaanis isatti murama; icciitiin garaa isaa keessaas ifatti ni baafama. Innis, “Waaqni dhugumaan isin gidduu jira” jedhee dubbachaa addaan lafatti gombifamee Waaqa waaqeffata.

1 Qorontos 14:26-33

Yaa obboloota, egaa maal jenna ree? Yommuu isin walitti qabamtanitti namni hundi faarfannaa yookaan barsiisa yookaan mulʼata yookaan afaan haaraa yookaan hiikkaa afaan haaraa sanaa qaba. Wanni hundinuu waldaa kiristaanaa cimsuuf hojjetamuu qabu. Namni afaan haaraan dubbatu yoo jiraate lama yookaan yoo baayʼate sadii taʼanii dabaree dabareen haa dubbatan; namni tokko immoo haa hiiku. Yoo namni hiiku jiraachuu baate garuu namichi dubbatu sun waldaa kiristaanaa keessatti calʼisee ofii isaattii fi Waaqatti haa dubbatu. Raajonnis lama yookaan sadii taʼanii haa dubbatan; warri kaan immoo waan dubbatamu sana haa madaalan. Yoo warra achi taaʼan keessaa isa tokkoof mulʼanni dhufe, namichi duraan dubbachaa ture sun haa calʼisu. Namni hundi akka baratuuf, hundinuus akka jajjabeeffamuuf dabaree dabareedhaan raajii dubbachuu ni dandeessuutii. Hafuuronni raajotaa raajotaaf ni ajajamu. Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.

1 Qorontos 14:34-38

Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii. Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii. Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee? Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku. Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin.

1 Qorontos 14:39-40

Kanaaf yaa obboloota ko, raajii dubbachuu jabeessaatii hawwaa; afaan haaraan dubbachuus hin dhowwinaa. Wanti hundinuu garuu karaa qajeelaa fi sirna qabeessa taʼeen hojjetamuu qaba.

1 Qorontos 15:9

Ani ergamoota hundaa gadi; ergamaa jedhamee waamamuun iyyuu naaf hin malu; ani waldaa kiristaanaa Waaqaa ariʼachaan tureetii.

1 Qorontos 15:33

Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.”

1 Qorontos 16:20

Obboloonni hundinuu nagaa isinii dhaamu. Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.

2 Qorontos 2:17

Nu garuu akka namoota Waaqa biraa ergamaniitti Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Waaqaa gurguratan sanaa miti.

2 Qorontos 3:5-6

Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa. Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.

2 Qorontos 4:2

Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina.

2 Qorontos 4:5

Nu akka Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼe lallabna malee of hin lallabnu; nu mataan keenya Yesuusiif jennee tajaajiltoota keessan.

2 Qorontos 5:1

Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna.

2 Qorontos 5:20

Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.

2 Qorontos 6:1

Egaa nu warri Waaqa wajjin hojjennu, akka isin ayyaana Waaqaa akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne isin kadhanna.

2 Qorontos 6:4

Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon,

2 Qorontos 6:16-17

Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha; isaan gidduus nan deddeebiʼa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.” Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.”

2 Qorontos 8:4

carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan.

2 Qorontos 8:23-24

Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos. Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.

2 Qorontos 11:12-13

Warra waan ittiin boonaniin nuun qixxaachuuf jedhanii carraa barbaaddatan carraa dhowwachuuf ani waanan amma hojjedhu ittuma fufee nan hojjedha. Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha.

2 Qorontos 12:12

Mallattoowwan ergamaa dhugaa tokko jechuunis mallattoon, hojiin dinqiitii fi raajiin isin gidduutti obsa guddaadhaan hojjetamaniiru.

2 Qorontos 13:12-14

Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. Sabni Waaqaa hundinuu nagaa isinii dhaamu. Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.

Galaatiyaa 1:8-10

Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu! Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu! Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture.

Galaatiyaa 6:1-3

Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu. Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa.

Galaatiyaa 6:10

Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.

Efesoon 1:22-23

Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne; waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.

Efesoon 2:19-22

Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti; isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti. Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata. Isinis isumaan mana Waaqni Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.

Efesoon 3:5-10

icciitiin kunis akka amma Hafuuraan ergamootaa fi raajota qulqulloota Waaqaatti mulʼifametti dhaloota kaanitti hin beeksifamne. Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa wangeelaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Kiristoos Yesuusiin kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti. Anis kennaa ayyaana Waaqaa kan karaa hojii humna isaatiin naa kennameen tajaajilaa wangeela kanaa taʼeera. Ani qulqulloota hundaa gad taʼu iyyuu akka badhaadhummaa Kiristoos kan qoramee bira hin gaʼamne sana Namoota Ormaatti lallabuuf ayyaanni kun naa kennameera; akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf. Kaayyoon isaas akka ogummaan Waaqaa inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen samii irra jiranitti beeksifamuuf;

Efesoon 3:21

waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Kiristoos Yesuusiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

Efesoon 4:1-6

Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha. Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa. Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa. Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira; Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira; Waaqaa fi Abbaan waan hundaa, inni waan hundaa ol taʼe, kan waan hunda keessatti hojjetuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichatu jira.

Efesoon 4:11-16

Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan raajota, kaan lallabdoota wangeelaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne; waan kanas akka dhagni Kiristoos ijaaramuuf qulqulloota hojii tajaajilaatiif qopheessuuf jedhee godhe; kunis waan hamma hundi keenya tokkummaa amantiitii fi tokkummaa Ilma Waaqaa beekuu bira geenyutti, akka guddannee sadarkaa guutama Kiristoos bira gaʼuudhaan namoota bilchaatoo taanuuf. Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu. Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos. Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.

Efesoon 5:19-21

faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa; yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa. Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa.

Efesoon 5:23-27

Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman. Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe.

Efesoon 5:29-32

Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; nu kutaalee dhagna isaatii. “Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.” Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha.

Fiiliphisiyuus 2:1-4

Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa. Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.

Fiiliphisiyuus 3:17

Yaa obboloota, fakkeenya koo duukaa buʼuudhaan warra kaaniin tokko taʼaa; warra fakkeenya nu isinii kennineen jiraatanis hubadhaa.

Fiiliphisiyuus 4:3

Yaa hidhata dhugaa, dubartoonni kunneen Qaleeminxoosii fi warra na wajjin hojjetan kanneen maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame kaan wajjin waan hojii wangeelaa keessatti na wajjin dadhabaniif akka ati isaan gargaartuuf sin kadhadha.

Qolosaayis 1:18

Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.

Qolosaayis 1:24-25

Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Kiristoos dhagna isaatiif jechuunis waldaa kiristaanaatiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta. Ergama Waaqni natti kenneen ani akka dubbii Waaqaa guutummaatti isinii dhiʼeessuuf tajaajilaa waldaa kiristaanaa taʼeera;

Qolosaayis 2:19

Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.

Qolosaayis 3:12-16

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa. Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa. Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa. Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

1 Tasaloniiqee 2:4-9

Qooda kanaa nu akka warra Waaqni wangeela imaanaa itti kennuuf qoratee fudhateetti dubbanna. Yaaliin keenyas Waaqa garaa keenya qoru sana gammachiisuuf malee nama gammachiisuuf miti. Akkuma isin beektanii fi akkuma Waaqnis dhugaa baʼu sana nu dubbii sossobbiitti hin fayyadamne; doqnummaa dhokfachuufis haguuggannee gara keessan hin dhufne. Nu namoota irraa, isin irraas taʼu yookaan warra kaan irraa ulfina hin barbaanne. Nu akka ergamoota Kiristoosiitti baʼaa isinitti taʼuu ni dandeenya ture; nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane. Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne. Nu waan akka malee isin jaallanneef wangeela Waaqaa qofa utuu hin taʼin lubbuu keenya illee isinii kennuun fedhii keenya ture; isin nu biratti akka malee jaallatamoo turtaniitii. Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo wangeela Waaqaa isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre.

1 Tasaloniiqee 4:9

Egaa waan Waaqni akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu.

1 Tasaloniiqee 5:11-14

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas. Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna. Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa. Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.

2 Tasaloniiqee 1:4-5

Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Waaqaa keessatti sababii keessaniin of jajna. Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu.

2 Tasaloniiqee 3:6

Yaa obboloota, isin obboleessa dhibaaʼaa fi kan akka bartee isin nurraa argattan sanaattis hin jiraanne hunda irraa akka fagaattaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ajajna.

2 Tasaloniiqee 3:14-15

Yoo namni kam iyyuu dubbii keenya kan xalayaa kana keessaatiif hin ajajamne, nama kana yaadatti qabadhaa. Akka inni qaanaʼuufis isa wajjin tokkummaa hin qabaatinaa. Taʼus akka obboleessaatti isa gorsaa malee akka diinaatti isa hin ilaalinaa.

1 Xiimotewos 1:6-7

Namoonni tokko tokko karaa kana irraa badanii gara dubbii faayidaa hin qabneetti gara galaniiru. Isaanis maal akka jedhan yookaan akka waaʼee maalii cimsanii dubbatan utuu hin hubatin barsiistota seeraa taʼuu barbaadu.

1 Xiimotewos 2:7-8

Sababii kanaaf ani lallabaa fi ergamaa, Namoota Ormaatiif immoo barsiisaa amantii dhugaa taʼee muudameen jira. Ani dhugaa dubbadha; hin sobu. Kanaafuu ani akka dhiironni iddoo hundatti dheekkamsaa fi wal mormii malee harka qulqullaaʼaa ol fudhatanii kadhatan nan barbaada.

1 Xiimotewos 2:9-14

Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada; isaanis akkuma dubartoota, “Nu Waaqa sodaanna” jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan. Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu. Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu. Sababiin isaas Addaam jalqabatti uumame; Hewaan immoo ergasii uumamte. Addaam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite.

1 Xiimotewos 3:1-7

Jechi, “Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa” jedhu kun amanamaa dha. Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu, kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba. Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba. Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Waaqaa eeguu dandaʼaa? Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii diiyaabiloos keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin. Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo diiyaabiloos keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.

1 Xiimotewos 3:8-13

Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu. Yaada qulqulluunis icciitii amantii jabeessanii qabachuu qabu. Isaanis duraan dursanii haa qorataman; ergasiis yoo mudaan tokko iyyuu isaan irratti hin argamin daaqonoota taʼanii haa tajaajilan. Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu. Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba. Warri daaqonummaan sirriitti tajaajilan ulfina guddaa, amantii Kiristoos Yesuusitti qabaniin immoo ija jabina guddaa argatu.

1 Xiimotewos 3:15

kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha.

1 Xiimotewos 4:1

Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.

1 Xiimotewos 4:6-7

Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata. Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi.

1 Xiimotewos 4:11-16

Wantoota kanneen ajaji; barsiisis. Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin. Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu. Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin. Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni. Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.

1 Xiimotewos 5:17-22

Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu. Katabbiin Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;” akkasumas, “Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala” jedhaatii. Yoo dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffame malee himata jaarsa tokko mormuun dhiʼeeffamu kam iyyuu hin fudhatin. Akka warri kaan sodaataniif namoota cubbuu hojjetan fuula namoota hundaa duratti itti dheekkami. Ani akka ati waan tokko iyyuu loogiidhaan hin goonee fi akka wal caalchisuu malee ajajawwan kanneen eegduuf fuula Waaqaatii fi fuula Kiristoos Yesuus duratti, fuula ergamoota filatamanii durattis sin gorsa. Eenyu irra iyyuu harka kaaʼuuf hin ariifatin; cubbuu nama biraa keessatti hin hirmaatin. Qulqullummaadhaanis of eeggadhu.

1 Xiimotewos 6:3

Eenyu iyyuu yoo barsiisa addaa barsiise, yoo dubbii dhugaa kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi barsiisa nama Waaqaa taʼuuf fayyaduun walii hin galle,

2 Xiimotewos 1:11-12

Anis wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera. Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.

2 Xiimotewos 2:2-3

Waan fuula dhuga baatota baayʼee duratti narraa dhageesse sana namoota amanamoo kanneen warra kaan barsiisuu dandaʼanitti imaanaa kenni. Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu.

2 Xiimotewos 2:15-19

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu. Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Waaqaa taʼuu irraa nama fageessaatii. Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu; isaanis duʼaa kaʼuun taʼee darbeera jechuudhaan dhugaa irraa fagaataniiru. Amantii namoota tokko tokkoos ni balleessu. Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,” akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera.

2 Xiimotewos 2:23-26

Falmii faayidaa hin qabnee fi gowwummaa keessa hin seenin; kun akka lola fidu atuu ni beektaatii. Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu. Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba; akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu.

2 Xiimotewos 3:16-17

Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.

2 Xiimotewos 4:1-5

Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa. Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis. Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu. Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu. Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.

Tiitoo 1:5-9

Sababiin ani Qareexitti si hambiseef akka ati waan utuu hin xumuramin hafe toora qabsiiftuu fi akkuma ani si ajajettis magaalaawwan hunda keessatti jaarsolii muudduuf ture. Jaarsi tokko kan mudaa hin qabne, dhirsa niitii tokkittii, kan ijoolleen isaa amananii jireenya gad dhiisiitii fi ajajamuu diduun maqaan isaanii hin badin taʼuu qaba. Phaaphaasiin tokko sababii hojiin Waaqaa imaanaa isatti kennameef inni nama mudaa hin qabne taʼuu qaba malee kan of tuulu, kan dafee aaru, kan machaaʼu, kan lola jaallatuu fi kan karaa hin malleen buʼaa argachuuf tattaaffatu taʼuu hin qabu. Qooda kanaa inni nama keessumaa simatu, nama waan gaarii jaallatu, kan of qabu, qajeelaa, qulqulluu fi nama naamusa qabu taʼuu qaba. Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba.

Tiitoo 2:15

Egaa wantoonni ati barsiisuu qabdu kanneenii dha. Taayitaa guutuun jajjabeessi; ifadhus. Namni tokko iyyuu si hin tuffatin.

Ibroota 2:12-14

Inni, “Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa kiristaanaa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha” jedha. Akkasumas, “Ani isa nan amanadha” jedha. Ammas inni, “Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti” jedha. Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate;

Ibroota 3:6

Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.

Ibroota 3:13

Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.

Ibroota 5:12-14

Isin yeroo kanatti barsiistota taʼuu qabdu ture; isin immoo nama waaʼee dhugaa dubbii Waaqaa kan jalqabaa irra deebiʼee isin barsiisutu isin barbaachisa. Nyaata jabaataas utuu hin taʼin aannan isin barbaachisa. Namni aannaniin jiraatu kam iyyuu waan amma illee daaʼima taʼeef dubbii qajeelummaa hin beeku. Nyaanni jabaataan garuu namoota bilchaatoo kanneen waan gaarii fi waan hamaa gargar baasanii beekuuf of leenjisaniif taʼa.

Ibroota 10:21

waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf,

Ibroota 10:24-25

Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Ibroota 12:22-23

Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu; gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii,

Ibroota 13:7

Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa.

Ibroota 13:17-18

Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii. Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.

Yaaqoob 2:2-5

Namni qubeelaa warqee kaaʼatee uffata bareedaas uffatu tokko gara wal gaʼii keessanii dhufa haa jennu; akkasumas hiyyeessi darsa uffatu ni dhufa haa jennu. Isinis yoo namicha uffata bareedaa uffatu sanaaf ulfina addaa kennitanii, “Maaloo kottuu iddoo gaarii taaʼi!” jettan, yoo namicha hiyyeessa sanaan immoo, “Ati achi dhaabadhu” yookaan “Kottuutii miilla koo bira taaʼi!” jettan, isin gidduu keessanitti garaa garummaa uumtanii warra yaada hamaan murteessitan hin taanee? Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?

Yaaqoob 5:14-16

Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa kadhataniif. Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf. Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.

1 Phexros 2:5-10

isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu. Katabbiin Qulqulluun, “Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko, dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa; namni isa amanatu kam iyyuu hin qaanaʼu” jedhaatii. Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.” Akkasumas, “Dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼe” jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman. Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu. Isin dur saba Waaqaa hin turre; amma garuu saba Waaqaa ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.

1 Phexros 4:8-11

Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii. Guungummii malee wal keessumsiisaa. Tokkoon tokkoon namaa kennaa warra kaan tajaajiluuf argate kam iyyuu akkuma abbaa imaanaa amanamaa kan ayyaana Waaqaa bifa garaa gaaraatiin jiru sanaa tokkootti itti fayyadamuu qaba. Namni dubbatu kam iyyuu akka nama dubbii Waaqaa dubbatuutti haa dubbatu. Namni tajaajilu kam iyyuu akka Waaqni waan hunda keessatti karaa Yesuus Kiristoosiin galateeffamuuf jedhee jabina Waaqni isaaf kenneen haa tajaajilu. Ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen.

1 Phexros 4:17

Yeroon itti murtiin mana Waaqaatii jalqabu dhiʼaateeraatii; murtiin kun yoo nurratti jalqaba taʼe dhumni warra wangeela Waaqaatiif hin ajajamnee akkam haa taʼu ree?

1 Phexros 5:1-5

Ani akka maanguddoo akkuma isaanii tokkootti, akka dhuga baatuu dhiphina Kiristoosii fi akka nama ulfina mulʼachuuf jiru sana keessatti qooda qabu tokkootti akkana jedhee maanguddoota isin gidduu jiran sana nan gorsa; karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa; karra hoolotaatiif fakkeenya taʼaa malee warra imaanaa isinitti kennaman sana humnaan hin bulchinaa. Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu. Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”

1 Phexros 5:14

Dhungoo jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa. Isin warra kan Kiristoos taatan hundaaf nagaan haa taʼu.

2 Phexros 2:1-3

Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama. Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu.

1 Yohannis 1:3

Akka isinis nu wajjin tokkummaa qabaattaniif waan arginee fi waan dhageenye isinitti labsina. Tokkummaan keenyas Abbaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos wajjin.

1 Yohannis 1:7

Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.

1 Yohannis 2:6

namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.

1 Yohannis 2:19

Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise.

1 Yohannis 2:26-27

Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa. Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.

1 Yohannis 3:9-11

Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Waaqaa isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Waaqa irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu. Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen diiyaabiloos kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Waaqaa miti. Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, “Nu wal jaallachuu qabna” jedhuu dha.

1 Yohannis 3:14

Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata.

1 Yohannis 3:16-18

Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna. Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa? Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.

1 Yohannis 4:1

Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.

2 Yohannis 1:9-11

Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.

3 Yohannis 1:9-11

Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu. Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa. Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.

Mulʼata 1:4

Yohannis irraa, Gara waldoota kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa keessa jiran torbaniitti: Isa jiru, isa ture, Isa dhufuuf jiruu fi Hafuurota torban fuula teessoo isaa dura jiran irraa,

Mulʼata 1:20

Icciitiin urjiiwwan torbaa kanneen ati harka koo mirgaa keessatti argiteetii fi baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torbanii isa kana: Urjiiwwan torban ergamoota waldaa kiristaanaa torbaa ti; baattuuwwan ibsaa torban immoo waldoota kiristaanaa torbanii dha.

Mulʼata 2:1-7

“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Efesoonitti akkana jedhii barreessi: Inni urjiiwwan torba harka isaa mirgaatti qabatee baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman gidduu deddeebiʼu sun akkana jedha. Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka. Ati maqaa kootiif jettee obsaan dhaabatteerta; rakkina obsiteerta; hin dadhabnes. Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu! Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha. Garuu waan gaarii tokko qabda: Hojii Niqolaawotaa kan ani jibbu sana atis ni jibbita. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.

Mulʼata 2:8-11

“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Samirnaatti akkana jedhii barreessi: Inni Jalqabaatii fi inni Dhumaa, inni duʼee turee fi amma immoo jiraataa taʼe sun akkana jedha. Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti. Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Namni moʼatu duʼa lammaffaan hin miidhamu.

Mulʼata 2:12-17

“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Phergaamoonitti akkana jedhii barreessi: Inni goraadee qaramaa afaan lamaa qabu sun akkana jedha. Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne. Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaam duukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii. Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda. Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatuuf mannaa dhokfame irraa nan kenna. Akkasumas dhagaa adii maqaan haaraan irratti barreeffame tokko nan kennaaf; maqaa sanas namicha isa fudhatu sana malee namni tokko iyyuu hin beeku.

Mulʼata 2:18-29

“Ergamaa Waaqaa kan Waaqaa kan waldaa Kiristaanaa Tiyaatiraatti akkana jedhii barreessi: Ilmi Waaqaa inni iji isaa arraba ibiddaa fakkaatu, kan miilli isaa immoo naasii baqfamee qulqulleeffame fakkaatu sun akkana jedha. Ani hojii kee, jaalalaa fi amantii kee, tajaajilaa fi obsaan dhaabachuu kee beeka; akkasumas akka hojiin kee inni ammaa kun isa duraa caalu nan beeka. Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti. Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde. Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa. Ijoollee ishee immoo dhaʼichaan nan ajjeesa. Waldoonni kiristaanaa hundinuus akka ani kalee fi onnee qoru ni beeku; anis tokkoo tokkoo keessaniif akkuma hojii keessaniitti gatii keessan isinii nan kenna. Isin warra Tiyaatiraa keessa jiraattan kanneen barsiisa ishee duukaa hin buʼinii fi warra barsiisa Seexanaa kan dhoksaa gad fagoo jedhamu sana hin baratiniin akkana nan jedha; ‘Ani baʼaa biraa isinitti hin feʼu; isin garuu hamma ani dhufutti waan qabdan sana jabeessaa qabadhaa.’ Ani nama moʼatuuf, kan hamma dhumaattis fedhii koo guutuuf saboota irratti taayitaa nan kenna. ‘Inni bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha; akkuma qodaa supheettis isaan hurreessa;’ kunis akkuma ani itti Abbaa koo biraa taayitaa argadhe sanaan. Ani immoo bakkalcha barii nan kennaaf. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.

Mulʼata 3:1-6

“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Sardeesitti akkana jedhii barreessi: Inni Hafuurota Waaqaa torbaa fi urjiiwwan torba qabu sun akkana jedha. Ani hojii kee beeka; ati maqumaaf jirta malee duuteerta. Dammaqi! Ani fuula Waaqa kootii duratti hojiin kee guutuu taʼuu isaa hin argineetii waan duʼuu gaʼe sana jajjabeessi. Kanaafuu waan fudhattee fi waan dhageesse yaadadhu; waan dhageesse sanaaf ajajami; qalbiis jijjiirradhu. Yoo ati dammaquu baatte garuu ani akkuma hattuutti sitti nan dhufa; saʼaatii kamitti akka ani sitti dhufus ati hin beektu. Taʼu iyyuu ati namoota uffata isaanii hin xureessin muraasa Sardees keessaa qabda. Isaanis uffata adaadii uffatanii na wajjin ni deemu; isaan kanaaf warra malanii dha. Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.

Mulʼata 3:7-13

“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Filaadelfiyaatti akkana jedhii barreessi: Inni qulqulluun, inni dhugaan, inni furtuu Daawit harka isaatii qabu, kan waan inni banu eenyu iyyuu cufuu hin dandeenyee fi waan inni cufus eenyu iyyuu banuu hin dandeenye sun akkana jedha. Ani hojii kee beeka. Kunoo, ani balbala banamaa namni cufuu hin dandeenye tokko fuula kee dura kaaʼeera. Akka ati humna xinnoo qabdus beeka; taʼus dubbii koo eegdeerta; maqaa koos hin ganne. Kunoo, ani warra waldaa Seexanaa taʼan kanneen utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhanii soban keessaa tokko tokko akka isaan dhufanii miilla kee irratti kufanii sagadanii fi akka isaan akka ani si jaalladhe beekan nan godha. Ajaja ani akka ati obsaan dhaabattuuf siif kenne sana waan eegdeef, anis saʼaatii qorumsaa kan warra lafa irra jiraatan qoruuf addunyaa guutuutti dhufuuf jiru sana irraa si oolcha. Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu. Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.

Mulʼata 3:14-22

“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Lodooqiyaatti akkana jedhii barreessi: Ameen, inni amanamaan, dhuga baatuun dhugaatii fi jalqabaan uumama Waaqaa sun akkana jedha. Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture. Kanaafuu ati waan laphii taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera. Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu. Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa. Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus. Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata. Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.”

Mulʼata 7:15

Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata.

Mulʼata 11:1

Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi.

Mulʼata 11:19

Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.

Mulʼata 14:12

Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata.

Mulʼata 15:8

Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.

Mulʼata 18:4

Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “ ‘Yaa saba ko, isin akka cubbuu ishee keessatti hin hirmaanneef, balaa ishee irra gaʼus akka hin qoodanneef, kottaa ishee keessaa baʼaa;’

Mulʼata 18:20

“Yaa samii kufaatii isheetti gammadi! Isin sabni Waaqaa gammadaa! Ergamoonnii fi raajonni gammadaa! Waaqni ishee irratti isiniif mureeraatii.”

Mulʼata 19:5-9

Ergasiis sagaleen, “Isin garboonni isaa hundinuu, warri isa sodaattan, xinnaanis guddaanis, Waaqa keenya jajadhaa” jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe. Anis utuu sagaleen akka sagalee tuuta nama baayʼee, akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaan tokko akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Haalleluuyaa! Waaqni keenya Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu moʼeeraatii. Kottaa ni gammannaa; ni ililchinas; ulfinas isaaf ni kennina! Yeroon fuudha Hoolichaa gaʼeeraatii; misirrittiin isaas of qopheessiteerti. Akka uffattuufis uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame, adii fi qulqulluun isheedhaaf kennameera.” Uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame sun hojii qulqullootaa isa qajeelaa sana argisiisa. Ergamaan Waaqaa sunis, “ ‘Warri gara irbaata cidha fuudha Hoolichaatti affeeraman eebbifamoo dha!’ jedhii barreessi” naan jedhe; innis, “Dubbiin kun dubbii Waaqaa isa dhugaa dha” naan jedhe.

Mulʼata 21:2-4

Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge. Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.”

Mulʼata 21:9-14

Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe. Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise. Isheenis ulfina Waaqaatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture. Magaalattiinis dallaa guddaa fi ol dheeraa karra kudha lama qabu qabdi turte. Karrawwan sana irras ergamoota kudha lamatu dhaabatee ture; karra kudha lamaan sana irrattis maqaan gosoota Israaʼel kudha lamaanii barreeffamee ture. Karaa baʼa biiftuutiin karra sadii, karaa kaabaatiin karra sadii, karaa kibbaatiin karra sadii, karaa lixa biiftuutiinis karra sadiitu ture. Dallaan magaalattiis hundee kudha lama qaba ture; hundeewwan sana irrattis maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii barreeffamee ture.

Mulʼata 21:22

Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine.

Mulʼata 22:16

“Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.”

Oromo - Oromoo - OM

GAZCV'22 - Oromo Contemporary Biblica - 2022

This Bible text is from Biblica Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022
https://open.bible/bibles/oromo_latin-biblica-text-bible/
provided by: Biblica Inc, available by Creative Commons CC-BY-SA-4.0,
and this new compilation is shared as www.creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0.
Languages are made available to you by www.ipedge.net