14 – Ulfaa cabsuu
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Ulfaa cabsuu.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Ulfaa cabsuu.
Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan. Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
”“ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee? Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote. Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne.
”Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite. Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.
”Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
”“Nama dhiiga namaa dhangalaasu, dhiigni isaa harka namaatiin dhangalaafama; Waaqni bifa Waaqaatiin nama uumeetii.
”“Dhiira hangafa hunda addaan naa baasi; Israaʼeloota keessaa namas taʼu horiin hangafni gadameessa banu kam iyyuu kan koo ti.”
”Hin ajjeesin.
”“Namni nama rukutee ajjeesu innis haa ajjeefamu.
”“Yoo namoonni wal lolaa jiran dubartii ulfoofte tokkotti buʼanii ulfii garaadhaa baʼee garuu miidhamni hamaan ishee hin qaqqabin, namichi ishee miidhe sun waan dhirsi dubartittii isa gaafatee fi waan abbootiin murtii murteessan baasuu qaba. Yoo miidhamni hamaan jiraate garuu, qooda lubbuu, lubbuu;
”“Murtii irratti hiyyeessa saba keetii jalaa murtii hin dabsin. Himata sobaa keessatti hin hirmaatin; waan ani nama balleessaa hojjete hin qulqulleessineef nama yakka hin qabne yookaan nama qajeelaa hin ajjeesin.
”Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.
”“ ‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani WAAQAYYO.
”WAAQAYYO Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni Israaʼel yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kan ilmaan isaa keessaa Moolekiif kennu kam iyyuu haa ajjeefamu; sabni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa tumu. Sababii namichi sun ilmaan isaa Moolekiif kennuudhaan iddoo qulqulluu koo xureessee maqaa koo qulqulluu sana salphiseef, ani fuula itti hammaadhee saba isaa keessaa isa nan balleessa. Sabni biyya sanaa yeroo namichi sun ilmaan isaa keessaa tokko Moolekiif kennutti yoo fuula irraa deebifatee isa ajjeesuu dhiise, ani namicha sanaa fi maatii isaatti fuula hammaadhee isaa fi warra isa faana buʼanii sagaagaluudhaan Moolekitti of kennan hunda saba isaanii keessaa nan balleessa.
”“ ‘Namni nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.
”“ ‘Namni kam iyyuu yoo nama ajjeese namichi sun ragaa dhugaa baatonni kennaniin ajjeefama. Taʼus namni kam iyyuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan hin ajjeefamin. “ ‘Namicha nama ajjeesee duuti isaaf malu tokko irraa gumaa lubbuu hin fudhatinaa. Inni ajjeefamuu qaba.
”“ ‘Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu.
”Hin ajjeesin.
”Isaan sababii waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojii jibbisiisaa WAAQAYYO jibbu hedduu hojjetaniif, ati haala isaaniitiin WAAQAYYO Waaqa kee hin waaqeffatin. Isaan ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii illee waaqota isaaniitiif aarsaa godhanii ibiddaan gubu.
”Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun,
”“Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu. “Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
”Ani akkan jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa fuula kee dura kaaʼee jiru harʼa samii fi lafa ragaan godhee sitti waama. Egaa atii fi ijoolleen kee akka jiraattaniif jireenya filadhu;
”Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee gochawwan jibbisiisoo saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan ilma isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
”Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan.
”Awwiimonni waaqota tolfamoo Nibhaazii fi Tartaaq jedhaman tolfatan; Seefarwaayimoonni immoo waaqota tolfamoo Seefarwaayim kanneen Adramelekii fi Anaamelek jedhamaniif ijoollee isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban.
”Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
”Inni gochawwan jibbisiisoo saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
”Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
”“Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa? Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa? Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? Akka baaduus na hin itichinee? Ati gogaa fi foon natti uffifte; lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
”ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.
”Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?
”Yaa WAAQAYYO, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa; isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta; kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef ati ijoollee abbaa hin qabnee fi cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.
”Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege. Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
”Warra hammina hojjetan jalaa na baasi; namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari. Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu! Yaa WAAQAYYO, namoonni hamoon, utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu. Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee; isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru. Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
”Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa, niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
”Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera; gadameessa haadha koo keessaas situ na baase. Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
”Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa. Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa. “Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. Isaan dukkana keessa jiraatu; hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
”Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu; ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu. Isaan, “WAAQAYYO hin argu; Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu. Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa; isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?
”Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu? Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii nama yakka hin qabnetti duʼa muru. WAAQAYYO garuu daʼoo, Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera. Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa; sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa; WAAQAYYO Waaqni keenya isaan barbadeessa.
”Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan. Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte. Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan; hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan. Kanaafuu WAAQAYYO saba isaatti aare; handhuuraa isaas ni balfe.
”Harki kee na uume; na tolches; akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni. Sababii ani dubbii kee abdadheef, warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan.
”Kunoo, ijoolleen kennaa WAAQAYYOO ti; iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
”Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite. Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka. Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, lafeen koo si duraa hin dhokanne. Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame, iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin, kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
”Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa.
”Yoo isaan, “Nu wajjin kottu; riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa; nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis dhokannee eeggannaa; kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa; akkuma warra boolla keessa buufamaniis guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa;
”Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa; inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu. WAAQAYYO waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis: Ija of tuulu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
”Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi. Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?
”Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, boollatti baqata; namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
”Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu.
”Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan, ani ija koo isinan dhokfadha; yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu. Harki keessan dhiigaan guutameera! Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! Yakka hojjechuus dhiisaa; waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa. WAAQAYYO akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
”Warra hamaadhaan gaarii, gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, kanneen ifaan dukkana, dukkanaan immoo ifa jedhaniif, warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo.
”Kunoo, WAAQAYYO sababii cubbuu isaaniitiif uummata lafa irraa adabuuf iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira. Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti; siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.
”WAAQAYYO inni si uume, kan gadameessa keessatti si tolche, inni si gargaaru sun akkana jedha: Yaa garbicha koo Yaaqoob, yaa Yishuruun kan ani si filadhe hin sodaatin.
”“WAAQAYYO Furiin kee, kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: Ani WAAQAYYO Tolchaan waan hundaa isa samiiwwan diriirse, isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;
”“Yaa mana Yaaqoob, isin hambaan mana Israaʼel hundi, warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
”Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: Utuu ani hin dhalatin dura WAAQAYYO na waame; utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.
”Waan ani fuula WAAQAYYOO duratti ulfina argadhee Waaqni koo jabina naa taʼeef, WAAQAYYO inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf, Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf, akka ani garbicha isaa taʼuuf gadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha;
”“Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu! Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera; dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.
”Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee daʼuu nan dhowwaa?” jedha WAAQAYYO. “Ani daʼumsaan gaʼee gadameessa nan cufaa?” jedha Waaqni kee.
”Dubbiin WAAQAYYOO akkana jedhee gara koo dhufe: “Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”
”Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu, dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee wayyaa kee irratti ni argama. Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu ati, ‘Ani balleessaa hin qabu; inni natti hin dheekkamu’ jetta. Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.
”Isaan ilmaanii fi intallan isaanii achitti ibiddaan gubuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti iddoo sagadaa Toofet ijaaran; kun immoo waan ani isaan hin ajajin yookaan yaada kootti hin dhufinii dha.
”Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru. Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha. Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha WAAQAYYO. “ ‘Ani iddoo kanatti karoora Yihuudaatii fi karoora Yerusaalem nan diiga; akka isaan fuula diinota isaanii duratti, harka warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadaniitti goraadeedhaan dhuman nan godha; reeffa isaanii immoo allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna.
”Akka haati koo awwaala naa taatuuf, akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuuf inni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii.
”Iji keetii fi garaan kee garuu buʼaa karaa hin maliniin argamu irra, dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra, cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera.
”WAAQAYYO akkana jedha: “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
”Isaanis ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii Moolekiif dhiʼeessuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti Baʼaaliif iddoo sagadaa ijaaran; ani garuu akka isaan waan jibbisiisaa akkanaa hojjetanii Yihuudaa illee cubbuu hojjechiisan gonkumaa isaan hin ajajne yookaan wanni kun qalbii koo keessa illee hin turre.
”“ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee? Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote. Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne. “ ‘Wayyoo! Siif wayyoo, jedha WAAQAYYO Gooftaan. Jalʼina kee kaan hunda irratti immoo,
”WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef, ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu. Ani adabbii dubartoota sagaagalaniitii fi dhiiga namaa dhangalaasaniif malu sitti nan murteessa; dheekkamsa koo fi hinaaffaa kootiinis dhiiga kee nan dhangalaasa.
”Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.
”Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha WAAQAYYO Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu.
”isaan sagaagalaniiru; dhiigni harka isaanii irra jira. Isaan waaqota isaanii tolfamoo wajjin sagaagalaniiru; isaan ijoollee naaf daʼan iyyuu nyaata godhanii isaaniif aarsaa dhiʼeessaniiru. Dabalaniis waan kana narratti raawwatan: Yeruma sana iddoo koo qulqulluu xureessan; Sanbatoota koos ni salphisan. Gaafuma ijoollee isaanii waaqota tolfamoof aarsaa godhanitti iddoo koo qulqulluu seenanii xureessan. Wanni isaan mana koo keessatti godhan kanaa dha.
”WAAQAYYO akkana jedha: “Ani cubbuu Amoon sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef
”Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
”“Isin akka bara dheeraan dura namootaan, ‘Hin ajjeesin; nama ajjeese kamitti iyyuu ni muramaa’ jedhame dhageessaniirtu.
”Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
”Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
”Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. “Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [ Ilmi Namaa isa bade oolchuudhaaf dhufeetii.]
”Akkasuma immoo isaan xixinnoo kanneen keessaa tokko iyyuu akka badu fedhii Abbaa keessan isa samii irraa miti.
”Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.
”Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja,
”Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
”inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama.
”Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte. Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha. Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame? Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera.
”Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
”Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
”Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef. Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata. Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
”Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.
”Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne. Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota, warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha; isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha. Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.
”Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii. Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu. Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.
”Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;
”Garuu yommuu Waaqni gadameessa haadha kootii jalqabee na filatee fi ayyaana isaatiin na waame sun, akka ani Namoota Ormaa gidduutti waaʼee Ilma isaa lallabuuf isa natti mulʼisuu jaallatetti ani nama tokkoon iyyuu hin mariʼanne.
”nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane. Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne.
”Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu;
”Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.
”Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
”Isin akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee obboleessa isaa ajjeese sanaa hin taʼinaa; inni maaliif obboleessa isaa ajjeese? Sababii hojiin isaa jalʼaa taʼee, kan obboleessa isaa immoo qajeelaa taʼeef.
”Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu.
”Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan.
”Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.”
”