05 – Samii
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Samii.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Samii.
Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,
”Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu. Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama. Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.
”Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu. Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.
”Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
”WAAQAYYO Waaqni mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture.
”Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan.
”Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe.
”Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan WAAQAYYO Waaqa keetii ti.
”Samii irraa, iddoo jireenya keetii qulqulluu irraa gad ilaali; saba kee Israaʼelii fi biyya akkuma abbootii keenyaaf waadaa galtetti nuu kennite kan aannanii fi dammi keessaa burqu kana eebbisi.”
”“Garuu dhugumaan Waaqni lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatu ree!
”Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.
”Yaa WAAQAYYO sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa WAAQAYYO mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
”Suma qofatu WAAQAYYO. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu.
”WAAQAYYO mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon WAAQAYYOO samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.
”Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
”Ani akka WAAQAYYO dibamaa isaa fayyisu amma beeka; Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
”Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef; bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
”silaa inni bara baraan ni jiraata; hin tortorus ture.
”Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha; isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti; Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
”Hidda sanyii isaa bara baraan, teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
”Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
”WAAQAYYO teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.
”Innis akkuma fixeensa Hermoon, kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti. Achi irratti WAAQAYYO hamma bara baraatti eebba isaa, jireenyas ajajeeraatii.
”Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; daandii sana irra duuti hin jiru.
”Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
”Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge. Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan. Isaanis: “WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
”Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.
”Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin jiraata; qeerransi ilmoo reʼee bira ciisa; jabbiin, leencii fi horiin gabbataan walii wajjin bobbaʼu; mucaan xinnaan isaan bobbaasa.
”inni bara baraan duʼa ni liqimsa. WAAQAYYO Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. WAAQAYYO waan kana dubbateeraatii.
”Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.
”Siʼachi aduun guyyaadhaan, ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; WAAQAYYO ifa kee bara baraa taʼaatii; Waaqni kee ulfina kee ni taʼa. Aduun kee deebitee hin dhiitu; jiʼi kee hin badu; WAAQAYYO ifa kee bara baraa ni taʼa; barri gadda kees ni raawwatama. Yoos uummanni kee hundi qajeelaa ni taʼa; bara baraanis lafa ni dhaala. Isaan biqiltuu ani dhaabbadhee dha; hojii harka koo, kan ani ittiin ulfina koo mulʼisuuf jedhee hojjedhee dha.
”“Kunoo ani, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa nan uuma. Wanni durii hin yaadatamu; yookaan qalbii namaatti hin dhufu.
”WAAQAYYO akkana jedha: “Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Manni isin naaf ijaartan meerre? Lafti boqonnaa kootii eessa?
”“Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha WAAQAYYO.
”WAAQAYYO akkana jedha: “Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa ani sanyii Israaʼel hunda sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata” jedha WAAQAYYO.
”Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture. Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture. Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture. Kunis bifa fakkaattii ulfina WAAQAYYOO ture. Anis yeroon waan kana argetti addaan lafatti gombifamee sagalee waan dubbachaa jiru tokkoo nan dhagaʼe.
”Mukkeen ija naqatan gosti hundinuu bitaa fi mirga qarqara laga sanaatti ni guddatu. Baalawwan isaanii hin gogan yookaan ija hin dhaban. Sababii bishaan iddoo qulqulluudhaa gara isaaniitti yaaʼuuf mukkeen sun jiʼa jiʼaan ija naqatu. Iji isaanii nyaataaf, baalli isaanii immoo nama fayyisuuf fayyada.”
”“Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata.
”“Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa samiitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan. Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.
”Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
”Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’
”Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu. Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.
”innis, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe.
”Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
”Yesuus yeroo sanaa jalqabee, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhee lallabuutti kaʼe.
”“Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
”Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii. “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
”Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama. Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
”“Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu; mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu.
”Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen.
”“Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa. Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
”“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.
”“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.
”Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa.
”Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis Cuuphaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa samii keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala.
”Barattoonnis gara isaa dhufanii, “Ati maaliif fakkeenyaan namootatti dubbatta?” jedhanii isa gaafatan. Innis akkana jedhee deebiseef; “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.
”Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata. Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu.”
”Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.
”“Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
”“Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.
”“Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata. Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan. Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu;
”Innis, “Kanaafuu barsiisaan seeraa kan barataa mootummaa samii taʼe kam iyyuu abbaa manaa kan qabeenya haaraa fi moofaa mana miʼa isaa keessaa gad baasu tokko fakkaata” jedheen.
”akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.
”Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”
”Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.
”“Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [
”“Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.
”Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.
”Kunoo namichi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?” jedhee gaafate. Yesuus immoo, “Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi” jedhee deebise. Namichis, “Ajajawwan kami?” jedhee gaafate. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “ ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’” Dargaggeessi sunis, “Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?” jedheen. Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef. Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii.
”Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha. Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
”Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu. Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.
”“Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata. Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.
”Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis. Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha; ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’ Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”
”“Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu.
”Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
”“Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata. Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan. Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne. Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan.
”“Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
”“Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa.
”“Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu.”
”Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
”Yesuus yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii. Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
”Akkuma Yesuus deemuuf karaa qabateen namichi tokko fiigaa dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru. Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’” Namichis, “Yaa barsiisaa, ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe. Yesuus namicha ilaalee isa jaallatee, “Waan tokkotu si duraa hirʼata; dhaqiitii waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii irratti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen. Kana irratti fuulli namichaa ni geeddarame. Inni gaddee achii deeme; qabeenya guddaa qaba tureetii.
”Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis. Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Waaqni Kitaaba Musee keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’ jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee?
”Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha; mootummaan Waaqaa kan keessaniitii. Isin warri amma beeloftan eebbifamoo dha; ni quuftuutii. Isin warri amma boossan eebbifamoo dha; ni kolfituutii. Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban, yommuu isaan of keessaa isin baasanii fi isin arrabsan, yommuu isaan maqaa keessan akka waan hamaa tokkootti tuffatan, isin eebbifamoo dha. “Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.
”Innis akkana jedhe; “Icciitii mootummaa Waaqaa beekuun isinii kennameera; warra kaanitti garuu ani fakkeenyaan nan dubbadha; kunis, “ ‘Akka isaan utuma ilaalanuu hin argineef, utuma dhagaʼanuus, hin hubanneef.’
”Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa.”
”Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, “Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. Yesuusis deebisee, “Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?” jedheen. Namichis, “ ‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’” jedhee deebise. Yesuusis, “Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa” jedheen.
”Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama. “Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii. Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa. Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.
”Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
”“Abrahaam garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta. Waan kana hunda irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookaan akka warri isin biraa gara keenyatti ceʼuu hin dandeenyeef nuu fi isin gidduu boolla guddaatu jira.’
”Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii. Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
”Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru. Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’” Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe. Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen. Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii. Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha! Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.” Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan. Yesuusis, “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama” jedhee deebise.
”Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee, bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.”
”Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe. Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
”Innis itti dabalee, “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu” jedheen.
”Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen. Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura.
”Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan samii isinitti hime akkamitti amantu ree? Ilma Namaa isa samii irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu samiitti ol hin baane. Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannise sana Ilmi Namaas fannifamuu qaba. Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.” Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
”Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
”garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”
”“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
”“Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii. Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
”Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
”Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”
”Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
”Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
”Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
”Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
”Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa.
”Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.
”Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?” Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen.
”Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata.
”Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii. Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
”Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni. Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii. Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif.
”Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.
”“ ‘Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? jedha Gooftaan. Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
”Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan.
”Isaanis, “Nu mootummaa Waaqaatti galuudhaaf rakkina baayʼee keessa darbuu qabna” jedhanii barattoota jajjabeessaa, akka isaan amantiitti cimaniifis gorsaa turan.
”Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.
”Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna.
”kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf.
”Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti. Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.
”“Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”
”Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,
”Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama. Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama; dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira. Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe. Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe. Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe. Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti. Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha samii sanaa ni uffanna.
”Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima. Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna; kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna. Inni badu kun isa hin badne, inni duʼu kun immoo isa hin duune uffachuu qabaatii. Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.” Akkasumas, “Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?” Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera.
”Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.
”Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna. Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna;
”Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna.
”Namichi Kiristoositti jiru tokko waggaa kudha afur dura gara samii sadaffaatti ol fudhatamuu isaa nan beeka. Innis dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa Waaqatu beeka malee ani hin beeku. Ani nama akkanaa nan beeka; dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku; Waaqatu beeka; innis gara jannataatti ol fudhatamee waan hin dubbatamne kan akka namni himuuf hin eeyyamamne dhagaʼe.
”Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii. Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.
”Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu.
”Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti;
”Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha. Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku! Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;
”Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna; innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
”Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;
”Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
”kunis akka isin jireenya Waaqa isa mootummaa isaattii fi ulfina isaatti isin waamu sanaaf malu jiraattaniif.
”isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa.
”Taʼus sababuma kanaaf Yesuus Kiristoos akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame. Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.
”Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada.
”Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu.
”Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu.
”Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji. Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu.
”amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
”Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
”kunis abdii jireenya bara baraa isa Waaqni hin sobne sun jalqaba addunyaatiin dura waadaa gale irratti kan hundeeffamee dha;
”kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf.
”Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
”Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera;
”erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe.
”Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa. Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
”Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.
”Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu; gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii,
”Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
”akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;
”Kiristoos samiitti ol baʼee mirga Waaqaa jira; ergamoonni Waaqaa, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
”Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan; akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama.
”Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.
”Nu waaʼee Dubbii jireenyaa kan jalqabaa kaasee ture, kan dhageenye, kan ija keenyaan argine, kan ilaallee fi kan harki keenyas qaqqabe kana labsina. Jireenyi mulʼateera; nus isa argineerra; dhugaas ni baanaaf; nu jireenya bara baraa isa Abbaa wajjin turee fi isa nutti mulʼate sana isinitti labsina.
”Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.
”Wanni inni waadaa nuu gale kanaa dha; kunis jireenya bara baraa ti.
”Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.
”Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu. Isin warri maqaa Ilma Waaqaatti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif ani waan kana isinii barreessa.
”Akkasumas akka Ilmi Waaqaa dhufee akka isa dhugaa taʼe sanas beeknuuf hubannaa nuu kenne ni beekna. Nus Ilma isaa isa dhugaa sana, jechuunis Yesuus Kiristoositti jirra. Inni Waaqa dhugaa ti; jireenya bara baraatis.
”Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa.
”Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.
”Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.
”Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf.
”Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe. Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture. Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture. Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan.
”Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha. Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan. Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture. Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
”Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: “Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”
”Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moʼu.” Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan.
”Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan. Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼuutii fi kan Hoolichaati” jedhanii iyyan. Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan; akkanas jedhan: “Ameen! Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni, bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen!”
”Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata. ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu. Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ ”
”Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.
”Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan. Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban.
”Ergamaan Waaqaa sunis, “ ‘Warri gara irbaata cidha fuudha Hoolichaatti affeeraman eebbifamoo dha!’ jedhii barreessi” naan jedhe; innis, “Dubbiin kun dubbii Waaqaa isa dhugaa dha” naan jedhe.
”Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
”Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge. Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.”
”Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe. Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna. Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa. Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.” Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe.
”Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise. Isheenis ulfina Waaqaatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture. Magaalattiinis dallaa guddaa fi ol dheeraa karra kudha lama qabu qabdi turte. Karrawwan sana irras ergamoota kudha lamatu dhaabatee ture; karra kudha lamaan sana irrattis maqaan gosoota Israaʼel kudha lamaanii barreeffamee ture. Karaa baʼa biiftuutiin karra sadii, karaa kaabaatiin karra sadii, karaa kibbaatiin karra sadii, karaa lixa biiftuutiinis karra sadiitu ture. Dallaan magaalattiis hundee kudha lama qaba ture; hundeewwan sana irrattis maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii barreeffamee ture.
”Ergamaan natti dubbate sunis magaalattii, karrawwan isheetii fi dallaawwan ishee safaruudhaaf ulee safartuu kan warqee qaba ture. Magaalaan sunis golee afur qabdi turte; dheerinni isheetii fi garaan ishee wal qixxee ture. Ergamaan sunis ulee isaatiin magaalattii safare; balʼinni ishees gara kiiloo meetira 2,200 taʼe; dheerinni ishee, garaan isheetii fi ol dheerinni ishees wal qixxee ture. Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safara namaa kan ergamichi ittiin safaraa ture sanaatti dhundhuma 144 taʼe. Dallaan sun dhagaa yaasphiidiitiin ijaarame; magaalaan sun immoo warqee qulqulluu akka bilillee qulqulluu taʼeen ijaaramte. Hundeewwan dallaa magaalaa sanaas dhagaa gatii guddaa gosa hundumaatiin miidhagfaman. Hundeen jalqabaa yaasphiidiin, lammaffaan sanpeeriin, sadaffaan keelqedooniin, afuraffaan immoo maragdiin miidhagfame; Inni shanaffaan sardooniksiin, jaʼaffaan sardiyooniin, torbaffaan kiristolobeen, saddeettaffaan biiraleen, saglaffaan wuraawureen, kurnaffaan kirisphiraasisiin, kudha tokkoffaan yaakintiin, kudha lammaffaan immoo ametiisxinosiin miidhagfame. Karrawwan kudha lamaan lula kudha lama turan; tokkoon tokkoon karra sanaas lula tokko irraa hojjetame. Daandiin magaalaa sanaas warqee qulqulluu akkuma bilillee keessaan waa argamuu ti.
”Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine. Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti. Saboonni ifa isheetiin deddeebiʼu; mootonni lafaas ulfina isaanii gara isheetti fidu. Sababii halkan achi hin jirreef karrawwan magaalattii gonkumaa guyyaa tokko iyyuu hin cufaman. Ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishee ni fidu. Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu.
”Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise; bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture. Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu. Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama. Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.
”“Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha.
”Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.
”