17 – Amantiiwwan sobaa
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Amantiiwwan sobaa.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Amantiiwwan sobaa.
Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman. Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
”“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin. Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin. Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani WAAQAYYO Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
”“ ‘Dhiirri yookaan dubartiin ilaalan yookaan ekeraa dubbisan haa ajjeefaman. Isaan dhagaadhaan haa tumaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.’ ”
”Bineensa WAAQAYYO Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
”Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan. WAAQAYYO garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe. WAAQAYYOS akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu. Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!” Kanaafuu WAAQAYYO achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan. Waan WAAQAYYO achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; WAAQAYYO iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
”Ergamaan WAAQAYYOO sun amma illee akkana isheen jedhe; “Kunoo ati ulfoofteerta; ilmas ni deessa. Maqaa isaas Ishmaaʼeel jedhii moggaasi; WAAQAYYO dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii. Inni nama akka harree diidaa taʼa; harki isaa nama hunda irratti kaʼa; harki nama hundaas isa irratti kaʼa; obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata.”
”Abrahaamis Waaqaan, “Maaloo utuu Ishmaaʼeel fuula kee dura naa jiraatee!” jedhe. Waaqnis akkana jedhe; “Tole; garuu niitiin kee Saaraan ilma siif deessi; maqaa isaas Yisihaaq jedhii moggaasi. Anis kakuu koo sanyii isaa kan isa duubaan dhufuuf kakuu bara baraa godhee isa wajjin nan dhaaba. Waaʼee Ishmaaʼeel immoo ani si dhagaʼeera; kunoo ani, isa nan eebbisa; akka inni baayʼatu nan godha; guddaa isa nan baayʼisa. Inni abbaa bulchitoota kudha lamaa taʼa; anis saba guddaa isa nan godha. Kakuu koo garuu Yisihaaq isa Saaraan waggaa dhufu keessa yeroo kanatti siif deessu wajjin nan dhaaba.”
”Abrahaamis guyyuma sana ilmaan isaa Ishmaaʼeelii fi warra mana isaatti dhalatan yookaan warra maallaqa isaatiin bitaman hunda, dhiira mana isaa hundumaas fuudhee akkuma Waaqni isatti himetti dhagna qabe.
”Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma WAAQAYYO isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate. Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan. Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite. Taʼus Faraʼoon akkuma WAAQAYYO dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.
”Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma WAAQAYYO jedhe sana Musee fi Aroon dhagaʼuu dide.
”Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan. Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan.
”Isaanis akkasuma godhan. Yommuu Aroon harka isaa isa ulee qabate ol kaafatee awwaara lafaa dhaʼetti injiraan namaa fi horiitti duudde. Awwaarri guutuu biyya Gibxi keessa jiru hundi injiraan taʼe. Tolfattoonni garuu falfala isaaniitiin injiraan gad yaasuu yaalanii dadhaban. Injiraanis namaa fi horii irra ture. Tolfattoonnis Faraʼooniin, “Kun quba Waaqaa ti” jedhan. Faraʼoon garuu akkuma WAAQAYYO dubbate sana mata jabeessa taʼee dhagaʼuu dide.
”Tolfattoonnis sababii dhullaatiif Musee dura dhaabachuu hin dandeenye; dhullaan tolfattootaa fi warra Gibxi hundatti yaaʼee tureetii.
”“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin. Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin. Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani WAAQAYYO Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
”ana biratti waaqota kam iyyuu hin tolfatinaa. Waaqota meetii yookaan waaqota warqee hin tolfatinaa.
”“Ati akka dubartiin falfaltuun lubbuun jiraattu hin eeyyamin.
”“Namni WAAQAYYO tokkichaaf malee Waaqa biraatiif aarsaa dhiʼeessu galaafatamuu qaba.
”“Waan ani isinitti hime hunda eegaa; maqaa waaqota biraa hin waammatinaa; afaan keessanii iyyuu hin baʼin.
”Sabni sunis yommuu akka Museen tulluu irra ture argetti Aroonin marsee, “Musee namicha biyya Gibxiitii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii kaʼii waaqota nu dura deeman nuu tolchi” jedhe. Aroon immoo, “Warqee gurraa kan niitonni keessan, ilmaan keessanii fi intallan keessan keeyyatan irraa baasaatii natti fidaa” jedhee deebiseef. Namoonni hundinuu warqee gurra isaanii of irraa baasanii Aroonitti fidan. Innis warqee sana isaan harkaa fuudhee miʼa ittiin hojjetaniin baqsee Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin hojjetame tokko tolche; isaanis, “Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha” jedhan.
”Isaan dafanii karaa ani isaan ajaje irraa jalʼataniiru; Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin baqfamee qopheeffame illee ofii isaaniitiif tolfatanii aarsaa dhiʼeessaniifii, ‘Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha’ jedhanii isa waaqeffataniiru. “WAAQAYYO Museedhaan akkana jedhe; ‘Kunoo, ani akka sabni kun mata jabeessa taʼe argeera. Kanaafuu akka aariin koo isaanitti bobaʼuu fi akka ani isaan balleessuuf na dhiisi. Yommus ani saba guddaa si taasisa.’ ”
”Museenis deebiʼee gara WAAQAYYOO dhaqee akkana jedhe; “Wayyoo! Sabni kun cubbuu akkam guddaa hojjete! Isaan ofii isaaniitiif waaqota warqee tolfataniiru.
”Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa. Sababii WAAQAYYO maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Waaqa hinaafu taʼeef ati Waaqa biraa hin waaqeffatin. “Ati akka warra biyya sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu. Sababiin isaa isaan yommuu waaqota isaanii wajjin sagaagalanii fi yommuu waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessanitti si waamu; atis aarsaa isaanii ni nyaatta. Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu. “Waaqota tolfamoo baqfamanii hojjetaman hin tolfatin.
”Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’
”“ ‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan.
”“ ‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa. “ ‘Tolcha yookaan falfala hin hojjetinaa.
”“ ‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani WAAQAYYO.
”“ ‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan.
”“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni Israaʼel yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kan ilmaan isaa keessaa Moolekiif kennu kam iyyuu haa ajjeefamu; sabni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa tumu. Sababii namichi sun ilmaan isaa Moolekiif kennuudhaan iddoo qulqulluu koo xureessee maqaa koo qulqulluu sana salphiseef, ani fuula itti hammaadhee saba isaa keessaa isa nan balleessa.
”“ ‘Nama isaan duukaa buʼuudhaan sagaagaluuf jedhee gara ilaaltotaatii fi warra ekeraa dubbisaniitti deebiʼutti ani fuula ittan hammaadha; saba isaa keessaa isa nan balleessa.
”“ ‘Dhiirri yookaan dubartiin ilaalan yookaan ekeraa dubbisan haa ajjeefaman. Isaan dhagaadhaan haa tumaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.’ ”
”“ ‘Waaqota tolfamoo hin tolfatinaa; fakkii yookaan dhagaa waaqeffannaa hin dhaabbatinaa; fuula isaanii duratti sagaduuf jettaniis biyya keessan keessatti dhagaa soofame hin dhaabinaa. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan.
”Iddoowwan sagadaa keessan barbadeessee iddoowwan aarsaa ixaanaa keessan nan caccabsa; reeffa keessanis waaqota keessan warra lubbuu hin qabne sana irra nan tuula; isinis nan balfa.
”jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa.
”Gaafa WAAQAYYO Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa; kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef. Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan WAAQAYYO Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin.
”WAAQAYYO Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
”“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin. Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru waaqa tolfamaa kamiitiin iyyuu ofii keetiif hin tolfatin. Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani WAAQAYYO Waaqni kee, Waaqa hinaafu kan ijoollee warra na jibbanii sababii cubbuu abbootiitiif jedhee hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
”Waaqota biraa jechuunis waaqota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin; sababii WAAQAYYO Waaqni kee inni gidduu kee jiraatu sun Waaqa hinaafu taʼeef, aariin isaa sirratti bobaʼee lafa irraa si balleessa.
”Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin; sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi WAAQAYYOOS sitti bobaʼee dafee si balleessa. Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqota isaaniis ibiddaan gubbaa.
”Iddoowwan saboonni isin irraa fudhattan waaqota isaanii itti waaqeffatan kanneen tulluuwwan ol dhedheeroo fi gaarran irraa, akkasumas kanneen muka lalisaa kam iyyuu jalaa hunda guutumaan guutuutti balleessaa; iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; utubaawwan isaanii kanneen sagadaa caccabsaa; Aasheeraa isaanii ibiddaan gubaa; fakkii waaqota isaanii kukkutaa gataa; maqaa isaanii illee iddoo sanaa balleessaa. Isin haala isaan waaqeffataniin WAAQAYYO Waaqa keessan hin waaqeffatinaa.
”erga isaan fuula kee duraa balleeffamanii booddees, “Saboonni kunneen akkamitti waaqota isaanii tajaajilu? Anis akkasuman godha” jettee waaʼee waaqota isaanii gaafachuudhaan kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. Isaan sababii waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojii jibbisiisaa WAAQAYYO jibbu hedduu hojjetaniif, ati haala isaaniitiin WAAQAYYO Waaqa kee hin waaqeffatin. Isaan ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii illee waaqota isaaniitiif aarsaa godhanii ibiddaan gubu.
”Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe, ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; WAAQAYYO Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii.
”Yoo obboleessi kee yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan niitiin kee kan ati jaallattu yookaan michuun kee, “Kottu waaqota biraa kanneen atis taatu abbootiin kee hin beekin waaqeffannaa” jedhee dhoksaadhaan si dogoggorsuu barbaade, yoo inni waaqota saboota naannoo keetii, kanneen dhiʼoo yookaan fagoo jiran, warra daarii lafaa tokkoo hamma daarii lafaa kaaniitti jiranii waaqeffanna, siin jedhe, tole hin jedhiniif yookaan isa hin dhagaʼin. Hin naʼiniif. Isaaf hin hilin yookaan harka irra hin qabin.
”yoo ajaja koo darbee waaqota ormaa waaqeffate, gad jedhee biiftuuf yookaan jiʼaaf yookaan urjiiwwan samiitiif sagadde, yoo wanni kun sitti himamee atis dhageesse, dubbicha gad qabii akka gaariitti qoradhu; yoo wanni jedhame sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe, namicha yookaan dubartii waan hamaa kana hojjette gara balbala magaalaa sanaatti geessiitii dhagaadhaan tumii ajjeesi.
”Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun, yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin. Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula WAAQAYYOO duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis WAAQAYYO Waaqni fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa.
”Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”
”“Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula WAAQAYYOO duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
”Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan; waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan. Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif, waaqota hin beekiniif, waaqota reefuu dhufaniif, waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.
”Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan; waaqota tolfamoo isaanii kanneen faayidaa hin qabneenis na aarsan. Anis warra saba hin taʼiniin akka isaan hinaafan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isaan nan aarsa.
”Isaan garuu waaqota biraa wajjin sagaagalanii isaan waaqeffatan malee abbootii murtii sana hin dhaggeeffanne. Karaa abbootiin isaanii WAAQAYYOOF ajajamuudhaan irra deemaa turan sana irraa dafanii jalʼatan; isaan waan abbootiin isaanii godhan hin goone.
”Yommuu abbaan murtii sun duʼu garuu isaan waaqota biraa duukaa buʼuudhaan, tajaajiluu fi isaan waaqeffachuudhaan abbootii isaanii iyyuu caalaa gara hamminaatti deebiʼan. Hojii hamminaatii fi mataa jabina isaanii irraas hin deebiʼan ture.
”Ammas Israaʼeloonni fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjetan. Baʼaalii fi Ashtooreti akkasumas waaqota Sooriyaa, Siidoonaa, Moʼaab, Amoonii fi kan Filisxeem waaqeffatan. Waan Israaʼeloonni WAAQAYYOON dhiisanii isa waaqeffachuu didaniif, inni isaanitti dheekkame. Dabarsees harka Filisxeemotaatii fi Amoonotaatti isaan gurgure;
”Kanaafuu Israaʼeloonni, “Nu si Waaqa keenya dhiifnee Baʼaal waaqeffachuudhaan yakka sitti hojjenneerra” jedhanii WAAQAYYOTTI iyyatan.
”Isin garuu na dhiiftanii waaqota biraa waaqeffattan; kanaafuu ani siʼachi isin hin baasu. Deemaatii waaqota filattan sanatti iyyadhaa. Yommuu isin rakkattan isaanumti isin haa oolchan!” Israaʼeloonnis WAAQAYYOON, “Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi” jedhan. Isaanis waaqota ormaa gidduu isaaniitii balleessanii WAAQAYYOON waaqeffatan. Innis ergasii dhiphina Israaʼel calʼisee ilaaluu hin dandeenye.
”Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan. Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota WAAQAYYOO duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan. Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota WAAQAYYOO duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe. Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma. Harki WAAQAYYOO saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe. Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, “Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu” jedhan.
”Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii WAAQAYYOO tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”
”Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture.
”Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa” jedhe. Isaanis, “Kunoo dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Eendoor jirti” jedhan. Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe. Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen.
”Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO Waaqa isaatiif hin kennamne. Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe. Solomoonis akkasiin fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO duukaa hin buune. Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare. Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.
”Ani sababii isaan na dhiisanii Ashtooreti waaqittii Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha Moʼaabotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa waaqeffatanii fi sababii isaan karaa koo irra hin deeminiif yookaan sababii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hin hojjetiniif yookaan sababii isaan akka Daawit abbaan Solomoon hojjete sana sirnaa fi seera koo hin eeginiif waan kana hojjedhe.
”Kanaafuu mootichi mariʼatee jabbiiwwan lama warqee irraa tolche. Namoota sanaanis, “Yerusaalemitti ol baʼuun akka malee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel waaqonni keessan kanneen Gibxii baasanii isin fidan kunoo ti” jedhe.
”Akkasumas iddoo ol kaʼaa hunda irrattii fi mukkeen babalʼaa hunda jalatti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, soodduuwwan dhagaatii fi siidaawwan Aasheeraa ofii isaaniitiif tolfatan. Manni sagadaa dhiirota sagaagalaniis biyya sana keessa ture; namoonni sun gochawwan jibbisiisoo kan saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hunda keessatti hirmaatan.
”Eeliyaasis fuula sabaa duratti gad baʼee, “Isin hamma yoomiitti yaada lama gidduu deddeebitu? Yoo WAAQAYYO Waaqa taʼe, isa faana deemaa; yoo Baʼaal Waaqa taʼe immoo isa faana deemaa” jedhe. Sabni garuu waan tokko illee hin jenne. Eeliyaasis akkana isaaniin jedhe; “Raajota WAAQAYYOO keessaa ana qofatu hafe; Baʼaal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba. Mee jiboota lama nuuf fidaa. Isaan dibicha tokko ofii isaaniitiif filatanii qalanii gargar ciranii qoraan irra haa naqan; garuu ibidda itti hin qabsiisin. Anis dibicha isa kaan qopheessee qoraan irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu. Ergasii isin maqaa Waaqa keessanii waamaa; anis maqaa WAAQAYYO nan waama. Kan ibiddaan deebii kennu inni Waaqa dhugaa ti.” Kana irratti namoonni hundinuu, “Wanni ati jettu kun gaarii dha” jedhan.
”Eeliyaasis raajota Baʼaaliin akkana jedhe; “Jiboota keessaa isa tokko filadhaatii sababii isin nama hedduu taataniif jalqabatti qalaa qopheessaa. Maqaa Waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda hin bobeessinaa.” Kanaafuu isaan dibicha isaaniif kenname fudhatanii qalanii qopheessan. Ergasii immoo ganamaa jalqabanii hamma saafaatti maqaa Baʼaal waammachaa oolan. “Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyaa oolan. Garuu deebiin tokko illee hin argamne; kan deebii kennuuf tokko iyyuus hin turre. Iddoo aarsaa kan tolchan sanattis naannaʼanii shubbisan. Gara saafaattis Eeliyaas, “Mee sagalee ol fudhadhaatii iyyaa! Inni dhugumaan Waaqa! Yaadni itti baayʼateera taʼa yookaan hojiin qabamee yookaan karaa deemee jira taʼaatii. Inni rafuutti jira taʼaatii dammaquu qaba” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe. Kanaafuu isaan akkuma amala isaanii sagalee ol fudhatanii iyyaa, goraadee fi eeboodhaan of ciranii dhiiga ofii isaanii dhangalaasan. Erga saafaan darbees isaan hamma yeroon aarsaa galgalaa gaʼutti raajii dubbachaa turan. Garuu sagaleen tokko iyyuu hin dhagaʼamne; kan deebii kenneef tokko iyyuu hin turre; kan wayittuu isaan hedes hin jiru.
”Eeliyaas immoo ergasii saba hundaan, “Mee as gara koo kottaa” jedhe. Isaan gara isaa dhufnaan inni iddoo aarsaa WAAQAYYOO kan caccabee ture sana deebisee tolche. Eeliyaasis akkuma baayʼina gosoota ilmaan Yaaqoob namicha dubbiin WAAQAYYOO gara isaa dhufee, “Maqaan kee Israaʼel ni taʼa” jedheen sanaatti dhagaa kudha lama walitti qabe. Dhagaawwan sanaanis maqaa WAAQAYYOOTIIN iddoo aarsaa tolche; naannoo isaattis boʼoo bishaan gara liitira kudha shan qabatu baqaqse. Innis qoraan qopheessee, dibicha kaan qalee gargar ciree qoraan sana irra foon naqe. Ergasii immoo, “Mee okkotee gurguddaa afur fidaa bishaaniin guutaatii aarsaa fi qoraan irratti naqaa” jedheen. Innis, “Amma illee akkasuma godhaa” jedheen; isaanis amma illee akkasuma godhan. Innis, “Yeroo sadaffaaf godhaa” jedhee ajaje; isaanis yeroo sadaffaa illee akkasuma godhan. Bishaan sunis naannoo iddoo aarsaa sanaa lolaʼee boʼoo guute.
”Yeroo aarsaan dhiʼaatutti, Eeliyaas raajichi gad baʼee akkana jedhee kadhate; “Yaa WAAQAYYO, yaa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel, akka ati Israaʼel keessatti Waaqa taatee fi akka anis garbicha kee taʼee amma illee waan kana hunda ajajuma keetiin akkan hojjedhe harʼa haa beekamu. Yaa WAAQAYYO deebii naa kenni; yaa WAAQAYYO akka sabni kun akka ati Waaqa taatee fi akka ati garaa isaa illee gara keetti deebiftu beekuuf deebii naaf kenni.” Kana irratti ibiddi WAAQAYYOO gad buʼee aarsaa, qoraan, dhagaa fi biyyoo gubee bishaan boʼoo keessaa sanas xuuxee fixe. Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti addaan lafatti gombifamanii, “WAAQAYYO inni Waaqa! WAAQAYYO inni Waaqa!” jedhanii iyyan. Eeliyaasis, “Raajota Baʼaal kanneen qabaa. Tokkoon isaanii iyyuu hin miliqin!” jedhee isaan ajaje. Isaanis jara ni qaban; Eeliyaasis gara Sulula Qiishoonitti geessee achitti isaan gogorraʼe.
”Inni akkuma Amoorota kanneen WAAQAYYO saba Israaʼel duraa ariʼee baase sanaa waaqota tolfamoo duukaa buʼuudhaan waan akka malee jibbisiisaa taʼe hojjete.
”Yehooraam yommuu Yehuu argetti, “Iyyuu, ati naguma dhuftee?” jedhee gaafate. Yehuun immoo, “Hamma sagaagalummaa fi falfalli haadha kee Iizaabel biyya guutee jirutti nagaa maaltu jiraachuu dandaʼa?” jedhee deebise.
”Isaanis mana Baʼaal keessaa fakkiiwwan gad baasanii guban. Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu.
”Isaan akkuma saboonni WAAQAYYO fuula isaanii duraa ariʼee baase godhan sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda irratti ixaana aarsan. Waan hamaa aariidhaaf WAAQAYYOON kakaasu illee ni hojjetan. WAAQAYYOS, “Isin waan kana hin hojjetinaa” jedhu illee isaan waaqota tolfamoo waaqeffatan.
”Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen WAAQAYYO Waaqa isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan. Isaan seeraa fi kakuu inni abbootii isaanii wajjin gale akkasumas akeekkachiisa inni isaaniif kenne illee fudhachuu didan. Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne duukaa buʼanii isaanis faayidaa dhaban. Isaan utuma WAAQAYYO, “Waan jarri hojjetan hin hojjetinaa” jedhee isaan ajajuu saboota ollaa isaanii duukaa buʼanii waan WAAQAYYO hojjechuu isaan dhowwe ni hojjetan. Isaan ajaja WAAQAYYO Waaqa isaanii hunda dhiisanii waaqota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan samii hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan. Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan. Kanaafuu WAAQAYYO akka malee Israaʼelitti dheekkamee fuula isaa duraa isaan buqqise. Gosa Yihuudaa qofatu hafe;
”Taʼus tokkoon tokkoon gosaa magaalaa keessa jiraatutti waaqota ofii isaa tolfatee iddoowwan sagadaa kanneen warri Samaariyaa gaarran irratti hojjetanii turan sana irra dhaabe.
”Isaan WAAQAYYOON waaqeffatan; garuu akkuma bartee saboota keessaa fidaman sanaatti waaqota ofii isaanii tajaajilan. Isaan hamma harʼaatti illee ittuma cichanii bartee isaanii kan qaraa sana keessa jiraatu. Isaan WAAQAYYOON hin waaqeffatan yookaan labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja WAAQAYYO sanyiiwwan Yaaqoob kan Israaʼel jedhee moggaase sanaaf kennes duukaa hin buʼan. WAAQAYYO gaafa Israaʼeloota wajjin kakuu galetti akkana jedhee isaan ajaje: “Isin Waaqa biraa tokko illee hin waaqeffatinaa yookaan hin sagadinaafii; isaan hin tajaajilinaa yookaan aarsaa isaaniif hin dhiʼeessinaa.
”Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture.
”“Yaa WAAQAYYO mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha. Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.
”Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
”“Minaaseen mootichi Yihuudaa cubbuu jibbisiisaa kanneen hojjeteera. Innis Amoorota isaan dura jiraatan caalaa waan hamaa hojjete; waaqota tolfamoo isaatiinis Yihuudaa cubbuu hojjechiise. Kanaafuu WAAQAYYO Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani waan hamaa nama isa dhagaʼu hunda suukaneessu tokko Yerusaalemii fi Yihuudaatti nan fida.
”Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade.
”Luboota waaqota tolfamoo kanneen akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Yihuudaatii fi naannoo Yerusaalem kanneen gaarran irraatiif ixaana aarsaniif mootonni Yihuudaa muudan sana jechuunis warra Baʼaaliif, aduu fi jiʼaaf, tuuta urjiitii fi raayyaawwan samii hundaaf ixaana aarsaa turanis ni barbadeesse. Siidaa Aasheeraas mana qulqullummaa WAAQAYYOOTII fuudhee Yerusaalem keessaa baasee Sulula Qeedroonitti geessee achitti ni gube. Isas daakee bulleessee daaraa isaa awwaala namootaa irratti firfirse. Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige. Yosiyaasis luboota hunda magaalaawwan Yihuudaatii ni fide; innis iddoowwan sagadaa kanneen Gebaadhaa hamma Bersheebaatti turan kanneen luboonni ixaana itti aarsaa turan sana ni xureesse. Akkasumas galmawwan waaqeffannaa karrawwan cinaa kanneen balbala Karra Iyyaasuu bulchaa magaalaa sanaa dura karaa gama bitaa magaalattiin turan sana ni diige.
”Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe.
”Saaʼol sababii WAAQAYYOOF amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii WAAQAYYOOTIIF hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate;
”Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; WAAQAYYO garuu samiiwwan uume.
”Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate.
”Innis iddoowwan aarsaa waaqota ormaa fi iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ni diige; soodduuwwan dhagaa fi siidaawwan Aasheeraa ni caccabse.
”Isaanis mana qulqullummaa WAAQAYYOO Waaqa abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Waaqaa Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe.
”Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan. Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa WAAQAYYOOS cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe. Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree WAAQAYYO Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase.
”Innis waan jibbisiisaa saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
”Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase. Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
”Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
”Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan; waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan. Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame; guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
”Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; WAAQAYYO garuu samiiwwan uume.
”Warri fakkii waaqeffatan, kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman; isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!
”Waaqota isaanii tolfamoo, kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan. Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan. Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
”Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman. Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
”Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru. Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
”Kanaafuu saba kee, mana Yaaqoob dhiifteerta. Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru; akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu; duudhaa namoota ormaattis ni cichu.
”Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti; isaan hojiidhuma harka isaanii, waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu.
”Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo kanneen waaqeffachuuf jedhanii meetii fi warqee irraa tolfatan sana tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu.
”Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu? Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.
”Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta! Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa. Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.” Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta.
”Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama; anis karoora isaanii nan fashaleessa; isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.
”Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan.
”Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.
”“Ani WAAQAYYO; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
”Warri waaqota tolfamoo amanatan, kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu duubatti deebiʼu; ni salphatus.
”WAAQAYYO akkana jedha; “Akka isin beektanii na amantaniif akka ani isa taʼes akka hubattaniif isin dhuga baatota koo, garbicha koo kan ani filadhee dha. Anaan dura waaqni hin hojjetamne; anaan booddees hin jiraatu.
”“WAAQAYYO Mootii fi Furiin Israaʼel WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis; ana malee Waaqni biraa hin jiru.
”Warri waaqota tolfamoo tolchan hundi gatii hin qaban; wanni isaan hawwan faayidaa hin qabu. Warri isaaniif falmanis jaamota; isaan beekumsa hin qaban; kanaafuu ni qaaneffamu. Eenyutu waaqa tolfamaa fi fakkii homaa isa hin fayyadne tolcha? Isaa fi namni akka isaa ni qaaneffama; ogeeyyiin hojii harkaas namootuma malee homaa miti. Isaan hundi walitti qabamanii iddoo tokko haa dhaabatan; isaan ni naʼu; ni salphatus. Tumtuun meeshaa ittiin waa tumu harkatti qabatee cilee bobaʼu irratti ittiin hojjeta; inni burruusaan waaqa tolfamaa tolcha; irree isaa jabaadhaanis ni miidhagsa. Inni ni beelaʼa; humnas ni dhaba; bishaan hin dhugu; ni gaggabas. Namni muka soofu funyoodhaan safara cilaattiidhaan mallattoo itti godha; qirixiidhaan qiriixee safartuudhaan mallattoo itti godha. Fakkii namaatiin hojjeta; akka inni galma waaqeffannaa keessa jiraatuufis miidhagina namaa itti tolcha. Inni birbirsa mura; gaattiraa yookaan qilxuu filata. Akka inni mukkeen bosonaa keessatti guddatuuf ni dhiisa; yookaan hadheessa dhaaba; bokkaanis isa guddisa. Mukni sun qoraan bobeeffamu taʼa; namni muraasa isaa fudhatee bobeessee qaqqaammata; ibidda qabsiisee buddeena ittiin tolfata. Waaqa sobaas tolfatee waaqeffata; waaqa tolfamaas tolfatee gad jedhee sagadaaf.
”Mukkeen hafaniin immoo waaqa sobaa, waaqa isaa tolfamaa tolfata; gad jedhees ni sagadaaf. Isa kadhatees, “Situ Waaqa koo ti; na baraari” jedhaan. Isaan homaa hin beekan; homaa hin hubatanis; akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haguugameera; akka hin hubanneefis qalbiin isaanii cufameera.
”Ani WAAQAYYO; ana malee kan biraa hin jiru; ana malee Waaqni tokko iyyuu hin jiru. Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;
”“Walitti qabamaa kottaa; isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa. Warri waaqa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan, kanneen waaqota fayyisuu hin dandeenye kadhatan homaa beekumsa hin qaban.
”Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii madaalliidhaan meetii madaalu; Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru; isaanis gad jedhanii sagaduuf. Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu; iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata. Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu. Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu; inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
”“Yoos ati tolcha keetii fi falfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde sana jabeessii eegi. Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta; yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa. Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide! Urjii lakkooftonni kee warri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun, mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa. Dhugumaan isaan akkuma cidii ti; ibiddi isaan guba. Isaan mataa isaanii iyyuu, humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan. Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatu tokko iyyuu hin jiru; ibiddi bira taaʼanis hin argamu. Wanni warri ati wajjin dadhabdee ijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sun siif gochuu dandaʼan kanuma. Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan; kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
”“ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii, ergasii dhuftanii mana maqaa kootiin waamamu kana keessatti fuula koo dhaabatanii, utuma amma iyyuu wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjechaa jirtanuu, “Nu keessaa hin qabnu” jettuu? Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha WAAQAYYO.
”Ijoolleen qoraan funaanu; abbootiin ibidda qabsiisu; dubartoonni immoo Mootittii Samiitiif keekii tolchuuf bukoo bukeessu. Isaan dheekkamsaaf na kakaasuuf waaqota biraatiif dhibaayyuu dhibaafatu.
”‘Isaan fuula aduu fi jiʼaa duratti, fuula guutummaa urjiiwwan samii hundaa, kanneen jaallatanii fi tajaajilanii, kanneen faana buʼanii gorsa gaafatanii fi waaqeffatan sanaa duratti ni saaxilamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼan malee walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
”Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu; isaan bosona keessaa muka muru; ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa. Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu; akka inni hin sochooneef burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu. Waaqonni isaanii tolfamoon akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan; isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu. Sababii isaan nama miidhuu yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef isaan hin sodaatinaa.”
”“Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’ ”
”Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban. Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti. Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
”Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa.
”Namoonni ofii isaaniitiif waaqota ni tolfatuu? Eeyyee, garuu isaan waaqota miti!”
”Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru. Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha. Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha WAAQAYYO.
”Manneen Yerusaalem keessaatii fi manneen mootota Yihuudaa jechuunis manneen jarri bantii isaanii irratti urjiiwwan samii hundaaf ixaana aarsanii waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafatan sun hundi akkuma iddoo Toofet kanaa ni xureeffamu.’ ”
”Isaan tajaajiluu fi isaan waaqeffachuuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na hin kakaasinaa. Yoos ani isin hin miidhu.”
”Kanaafuu isin raajota keessan, ilaaltota keessan, warra abjuu isiniif hiikan, eker dubbistoota keessanii fi falfaltoota keessan kanneen, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa. Isaan akka isin biyya keessan keessaa buqqifamtanii fagaattaniif soba isiniif raaju; anis ariʼee isin nan baasa; isinis ni baddu.
”Isaan waaqota isaanii balfamoo sana mana Maqaa kootiin waamamu keessa dhaabatanii manicha xureessan. Isaanis ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii Moolekiif dhiʼeessuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti Baʼaaliif iddoo sagadaa ijaaran; ani garuu akka isaan waan jibbisiisaa akkanaa hojjetanii Yihuudaa illee cubbuu hojjechiisan gonkumaa isaan hin ajajne yookaan wanni kun qalbii koo keessa illee hin turre.
”“Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban. Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti; yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
”akkanas jedhi; ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Dubartoota kiyyoo keessa nama galchuuf jedhanii manyʼee harka isaanii hundaaf kudhaama hodhatanii haguuggii garaa garaa mataa isaaniitti haguuggataniif wayyoo. Isin lubbuu saba koo kiyyoo keessa galchitanii kan ofii keessanii immoo oolfattuu?
”“ ‘Kanaafuu WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Kunoo, ani kudhaama keessan kan isin akkuma simbira kiyyeeffamtuutti uummata ittiin kiyyeessitanitti nan kaʼa; harka keessan irraas nan cira; uummata isin akkuma simbirri kiyyeeffamtutti kiyyeessitan sanas kiyyoo keessaa nan baasa.
”“Yaa ilma namaa, namoonni kunneen waaqota tolfamoo garaa isaanii keessa dhaabbataniiru; fuula isaanii dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼaniiru. Ani akka isaan na kadhatan eeyyamuufiin qabaa? Kanaafuu akkana jedhii isaanitti himi; ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Yommuu namni Israaʼelii kam iyyuu garaa isaa keessa Waaqa tolfamaa dhaabbatee dhagaa hamaa nama gufachiisu immoo fuula isaa dura kaaʼatee raajii bira dhaqutti, ani WAAQAYYO akkuma baayʼina waaqota isaa tolfamoo sanaatti nan deebisaaf. Ani qalbii saba Israaʼel kanneen waaqota isaanii tolfamoof jedhanii na dhiisan sana hundaa deebisuuf waan kana nan godha.’
”“Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: qalbii jijjiirradhaa! Waaqota keessan tolfamoo irraa deebiʼaa; hojii keessan jibbisiisaa hundas dhiisaa! “ ‘Yommuu namni Israaʼel kam iyyuu yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu na dhiisee garaa isaa keessa waaqota tolfamoo dhaabbatee fuula isaa dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼatee waan ani jedhu gaafachuuf raajii bira dhaqutti, ani WAAQAYYO mataan koo deebii nan kennaaf.
”Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata.
”Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; garuu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:
”Yommuu tolchitoonni, mortoonni, warri urjii ilaalanii fi waa himtoonni dhufanitti abjuu sana isaanitti nan hime; isaan garuu naaf hiikuu hin dandeenye.
”Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe.
”“Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan araara Waaqaa irraa garagalu.
”Ani falfaltoota keessan nan balleessa; isinis deebitanii hin mortan. Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii gidduu keetii nan balleessa; ati siʼachi gad jettee hojii harka keetiitiif hin sagaddu. Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee magaalaawwan kees nan barbadeessa.
”“Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha. Nama mukaan, ‘Dammaqi!’ yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo. Inni barsiisuu ni dandaʼaa? Kunoo inni warqee fi meetii dibameera; hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.”
”“Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha. Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii iddoo kanaa nan balleessa; warra raayyaa samii waaqeffachuuf qinaaxxii manaa irratti sagadan, warra sagadanii fi WAAQAYYOON kakatan, warra Moolekiinis kakatan,
”Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; raajonni mulʼata sobaa argu; isaan abjuu sobaa namatti himu; waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee hacuucamee asii fi achi joora.
”Yihuudaan hin amanamne. Israaʼelii fi Yerusaalem keessatti wanni jibbisiisaan tokko raawwatameera; Yihuudaan dubartoota waaqa ormaa waaqeffatan fuudhuudhaan iddoo qulqulluu WAAQAYYO jaallatu xureesseera. Nama waan kana hojjetu abbaa fedhe illee yoo taʼe, WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa fidu iyyuu dunkaana Yaaqoob keessaa WAAQAYYO isa haa balleessu.
”Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
”Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen. Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura. Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’ Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma.”
”Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
”“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha.
”Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
”Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.
”Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
”Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture. Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, “Namichi kun humna Waaqaa isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha” jedhanii isa saadan. Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan. Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman. Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.
”Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan. Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Waaqaa dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate. Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme. Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen; “Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu? Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.” Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe. Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
”Isaanis Barnaabaasiin, “Zeʼoos” jedhan; Phaawulos immoo waan inni dubbataa hangafa tureef, “Hermeen” jedhaniin. Lubni Zeʼoos uummata wajjin aarsaa isaanii dhiʼeessuu barbaadee sangootaa fi daraaraa foʼame gara balbala magaalaatti fide; manni qulqullummaa Diyaas magaalaa sanaan alatti argama ture. Ergamoonni jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos garuu yommuu waan kana dhagaʼanitti wayyaa isaanii tarsaasanii iyyaa fiiganii uummata keessa seenan; akkanas jedhan; “Yaa jarana, isin maaliif waan kana gootan? Nus namuma akka keessanii ti. Akka isin waan faayidaa hin qabne kana irraa deebitanii Waaqa jiraataa isa samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumetti deebitaniif nu oduu gaarii isinitti himna.
”Gaaf tokko utuu iddoo itti kadhatan dhaqnuu xomboree hafuura waa himsiisuun guutamte tokkoon walitti dhufne; isheen waa namaa himuun gooftota isheetiif maallaqa guddaa galchiti turte. Isheenis, “Namoonni kunneen tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii kanneen karaa fayyinaa isinitti himanii dha” jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa buute. Waan kanas guyyaa hedduu itti fufte; Phaawulos garuu waan akka malee aareef itti garagalee hafuura sanaan, “Ani akka ati ishee keessaa baatu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin sin ajaja” jedhe; hafuurichis yommusuma ishee keessaa baʼe.
”Phaawulosis wal gaʼii Ariyoosphaagos walakkaa dhaabatee akkana jedhe; “Yaa namoota Ateenaa! Ani akka isin karaa hundaanuu warra amantaa taatan nan hubadha. Ani yommuun nanaannaʼee waan isin waaqeffattan ilaaletti iddoo aarsaa kan katabbii, Waaqa hin Beekamneef, jedhu of irraa qabu argeeraatii. Egaa amma waan isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinittin hima. “Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu. Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu. Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse. Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe. Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’ “Kanaafuu nu waan ilmaan Waaqaa taaneef Waaqni waan akka warqee yookaan meetii yookaan dhagaa jechuunis waan ogummaa fi beekumsa namaatiin hojjetame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu. Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja.
”Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii kuma shantama taʼe.
”Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan; ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran.
”Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen.
”Egaa waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaachuu irratti, “Akka addunyaa kana irratti Waaqni tolfamaan homaa hin fayyadne, Waaqa tokkicha malees akka Waaqni biraa hin jirre” beekna. Dhugumaan akkuma waaqonni baayʼeenii fi gooftonni baayʼeen jiran sana wantoonni waaqota jedhaman samii irra yookaan lafa irra jiraatan iyyuu,
”Kanaafuu yaa michoota ko, isin waaqota tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.
”Egaa maal jechuu koo ti? Nyaanni waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu wayi moo ree yookaan Waaqni tolfamaan wayi moo ree jechuu kootii? Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu. Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan. Nu Gooftaa hinaaffaaf kakaafnaa? Nu isa caalaas jabaannaa?
”Isin yeroo ormoota turtanitti akka gowwoomfamtanii gara waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenyeetti geeffamtanii turtan ni beektu. Kanaafuu namni Hafuura Waaqaatiin dubbatu kam iyyuu akka, “Yesuus abaaramaa dha” hin jenne, akka eenyu iyyuu yoo Hafuura Qulqulluudhaan taʼe malee, “Yesuus Gooftaa dha” jechuu hin dandeenye ani isinittin hima.
”Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha; isaan gidduus nan deddeebiʼa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
”Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha. Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu.
”Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera; wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru. Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu! Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!
”Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha;
”Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
”Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana
”Akka Waaqni tokkichi jiru ati ni amanta. Kun gaarii dha! Hafuuronni hamoon iyyuu waan kana ni amanu; sodaadhaanis ni hollatu.
”Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana. Namni Ilma ganu kam iyyuu Abbaa illee hin qabu; namni waaʼee Ilmaa dhugaa baʼu hundinuu Abbaas qaba.
”Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
”Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.
”Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.
”Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
”Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne. Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.
”Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman.
”Namoonni sababii inni taayitaa isaa bineensa sanaaf kenneef bineensa jawwee fakkaatu sanaaf ni sagadan; akkasumas, “Kan akka bineensichaa eenyuu? Eenyutus lola isatti kaasuu dandaʼa?” jedhanii bineensichaaf sagadan.
”Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef. Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise; kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef. Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666.
”Ergamaan Waaqaa inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate, innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Waaqaa isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula ergamoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata. Aarri dhiphina isaaniis bara baraa hamma bara baraatti ol baʼa. Warri bineensichaa fi fakkii isaatiif sagadan yookaan warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii guyyaa boqonnaa hin qabaatan.”
”Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte. Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: Baabilon Guddittii, Haadha Sagaagaltootaa fi, Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa. Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe.
”Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu. Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan. Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera.
”Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.”
”