29 – Seexanoota
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Seexanoota.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Seexanoota.
Waaqni yeroo ergamoonni cubbuu hojjetanitti utuu isaanii hin hilin akka isaan guyyaa murtiitiif turfamaniif foncaadhaan dukkana keessatti hidhee gahaannamitti erga isaan darbatee,
”Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
”Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta! Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa. Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.” Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta.
”Bineensa WAAQAYYO Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe. Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya; garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.” Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan. Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.” Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate.
”WAAQAYYO Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette. Kanaafuu WAAQAYYO Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta. Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”
”Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti, Ilmaan Waaqaa akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan. Yommus WAAQAYYO, “Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa” jedhe. Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Waaqaas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan.
”Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’
”“ ‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan.
”“ ‘Nama isaan duukaa buʼuudhaan sagaagaluuf jedhee gara ilaaltotaatii fi warra ekeraa dubbisaniitti deebiʼutti ani fuula ittan hammaadha; saba isaa keessaa isa nan balleessa.
”“ ‘Dhiirri yookaan dubartiin ilaalan yookaan ekeraa dubbisan haa ajjeefaman. Isaan dhagaadhaan haa tumaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.’ ”
”Dubartoonni kunneenis gara qalma waaqota isaaniitti saba sana afeerraan, sabni sun qalma sana nyaatee waaqota sanaaf sagade. Israaʼel Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼe. Dheekkamsi WAAQAYYOOS isaanitti bobaʼe.
”Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun, yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin.
”Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif, waaqota hin beekiniif, waaqota reefuu dhufaniif, waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.
”Israaʼeloonnis fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjetan; Baʼaaliinis ni tajaajilan.
”Filisxeemonni erga taabota Waaqaa boojiʼanii booddee Ebeenezerii fuudhanii Ashdooditti geessan. Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan. Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota WAAQAYYOO duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan. Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota WAAQAYYOO duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe. Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma. Harki WAAQAYYOO saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe. Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, “Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu” jedhan.
”Hafuurri WAAQAYYOOS Saaʼol irraa fagaate; hafuurri hamaan WAAQAYYO biraa ergame immoo Saaʼolin dhiphise. Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; “Kunoo hafuurri hamaan Waaqa biraa ergamee si dhiphisaa jira. Egaa gooftaan keenya akka isaan nama baganaa taphachuu dandaʼu barbaadaniif tajaajiltoota isaa warra fuula isaa dura jiran haa ajaju. Innis yommuu hafuurri hamaan sun Waaqa biraa sitti dhufu baganaa siif taphata; sittis ni wayyaaʼa.”
”Yommuu hafuurri hamaan Waaqa biraa Saaʼolitti dhufu hunda, Daawit baganaa isaa fudhatee taphata ture; Saaʼolis boqonnaa argata; itti wayyaaʼas ture. Hafuurri hamaan sunis isa dhiisee deema ture.
”Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqa biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawit immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture;
”Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan WAAQAYYO biraa isatti dhufe. Utuu Daawit baganaa taphachaa jiruu,
”Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe. Solomoonis akkasiin fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO duukaa hin buune. Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare.
”Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii WAAQAYYOO dhagaʼi: Ani utuu WAAQAYYO teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge. WAAQAYYOS, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaabin gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha. Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula WAAQAYYOO dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen. “Kanaafuu WAAQAYYO amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. WAAQAYYO badiisa sitti ajajeera.”
”Isaan ajaja WAAQAYYO Waaqa isaanii hunda dhiisanii waaqota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan samii hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan. Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan.
”Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe.
”Saaʼol sababii WAAQAYYOOF amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii WAAQAYYOOTIIF hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate;
”Seexanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawit saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase.
”Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate.
”Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
”Gaaf tokko yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula WAAQAYYOO duratti dhiʼaachuuf dhufanitti Seexannis isaan wajjin dhufe. WAAQAYYOS seexanaan, “Ati Eessaa dhufte?” jedhe. Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooraa, asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee WAAQAYYOOF deebise. WAAQAYYOS Seexanaan, “Ati tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha” jedhe. Seexanni immoo deebisee akkana jedhe, “Iyyoob akkasumaan Waaqa sodaataa? Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf. Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara.” WAAQAYYOS Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin” jedhe. Sana booddee Seexanni fuula WAAQAYYOO duraa baʼee deeme.
”Guyyaa biraas ergamoonni Waaqayyoo fuula WAAQAYYOO duratti dhiʼaachuuf dhufan; Seexannis isaan wajjin fuula WAAQAYYOO duratti dhiʼaachuuf dhufe. WAAQAYYOS Seexanaan, “Ati eessaa dhufte?” jedhe. Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooree asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee WAAQAYYOOF deebise. WAAQAYYOS Seexanaan akkana jedhe; “Tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate dha. Ati akka ani sababii tokko malee isa balleessuuf na kakaaftu iyyuu inni hamma ammaatti qajeelummaa isaa cichee qabateera.” Seexannis deebisee akkana jedhe; “Gogaan gogaadhaaf! Namni lubbuu isaa oolfachuuf jedhee waan qabu hunda ni kenna. Garuu ati mee harka kee diriirfadhuutii foonii fi lafee isaa rukuti; inni dhugumaan ifumaan ifatti si abaara.” WAAQAYYOS Seexanaan, “Kunoo inni si harka jira; lubbuu isaa garuu hin tuqin” jedhe. Kanaafuu Seexanni fuula WAAQAYYOO duraa baʼee Iyyoobin faana miilla isaatii jalqabee hamma gubbee mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute.
”Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan. Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
”Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati; isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii, warra addunyaa irratti hooggantoota turanii hunda dammaqsiteerti; isheen warra mootota sabootaa turan hunda teessoo isaanii irraa kaafti. Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu; “Atis akkuma keenya dadhabdeerta; akkuma keenya taateerta.” Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin awwaala keessa buufameera; ilmaan raammoo si jala afamanii raammoon si haguugdi.
”Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta! Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa. Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.” Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta.
”Warri si argan ija babaasanii si ilaalu; akkana jedhaniis dinqisiifatu: “Kun namichuma lafa sochoosee akka mootummoonni raafaman godhe, namicha addunyaa kana gammoojjii godhe, kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?”
”Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef, isin hundinuu hin gammadinaa; hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa; iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa.
”Bara sana, WAAQAYYO goraadee isaatiin, goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan, Lewaataan boficha mirmirfamu, Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba; inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.
”Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame: Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti, meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii biyya leenci kormii fi leenci dhalaan, bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan, lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii gara biyya homaa hin fayyadnee
”“Saboota gidduutti lallabaatii labsaa; faajjii ol qabaatii labsaa; utuu homaa hin hambisin akkana jedhaa; ‘Baabilon ni qabamti; Beel ni salphifama; Meroodak gooliidhaan guutama. Fakkiiwwan Baabilon ni salphifamu; waaqonni ishee tolfamoonis sodaan guutamu.’
”“Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ati fakkeenya guutummaa ti; ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu. Ati iddoo biqiltuu Waaqaa, Eeden keessa turte; dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis: lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi, kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi, sanpeer, baluurii fi biiralee. Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman; isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman. Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte; anis kanumaafan si muude. Ati tulluu Waaqaa qulqullicha sana irra jiraatte; dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite. Ati gaafa uumamtee jalqabdee hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti jireenyi kee hirʼina hin qabu ture.
”Babalʼina daldala keetiitiin gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette. Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa, ani tulluu Waaqaa irraa dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa si salphisee ariʼeen si baase. Sababii miidhagina keetiitiif, ati koorteerta; sababii ulfina keetiitiif, ogummaa kee balleessite. Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe; fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe. Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta. Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe; innis gubee si fixe; anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti lafa irratti daaraan si taasise. Saboonni si beekan hundinuu si arganii rifatan; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ ”
”Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Waaqa keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera. Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe.
”Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani ergamaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo ergamaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa; garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼel hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru.
”Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa WAAQAYYOO dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise. WAAQAYYOS Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, WAAQAYYO si haa ifatu! WAAQAYYO inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?”
”“Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa.
”Ergasii Yesuus akka diiyaabiloosiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji” jedheen. Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen. Ergasii diiyaabiloos gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni ergamoota isaa siif ni ajaja; isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’” Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’ jedhamee barreeffameera” jedheen. Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. Akkanas jedheen; “Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna.” Yesuusis, “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’ jedhamee barreeffameeraatii” jedheen. Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.
”Oduun waaʼee isaas Sooriyaa hunda keessatti dhagaʼame; namoonnis warra dhukkuba garaa garaatiin qabaman, warra dhukkuba hamaan dhiphatan, warra hafuura hamaan qabaman, warra dhukkuba gaggabdootiin dhiphatanii fi warra dhagni irratti duʼe isatti fidan; innis isaan fayyise.
”“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu. Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu. Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.
”Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise.
”Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. Isaanis, “Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?” jedhanii iyyan. Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis, “Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii Yesuusin kadhatan. Innis, “Dhaqaa!” jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume. Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan.
”Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan. Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan. Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan.
”Yesuus barattoota isaa kudha lamaan ofitti waamee akka isaan hafuurota xuraaʼoo baasaniif, dhibee fi dhukkuba hundumaa akka fayyisaniif taayitaa kenneef.
”Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.
”Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe. Namoonni hundinuus dinqifatanii, “Kun Ilma Daawit taʼinnaa?” jedhan.
”Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Biʼeelzebuul, hangafa hafuurota hamoo qofaan hafuurota hamoo baasa” jedhan. Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu. Seexannis Seexana baafnaan, inni gargar of qooda. Yoos mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa ree? Erga ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu. Garuu ani Hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera. “Yookaan namni kam iyyuu yoo duraan dursee nama jabaa tokko hidhe malee akkamitti mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Ergasii inni mana isaa saamuu dandaʼa. “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa. Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu. Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu.
”“Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha duwwaa taʼee, haramee qulqulleeffamee, qopheeffames argata. Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata. Dhaloonni hamaan kunis akkasuma taʼa.”
”Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha.
”Yesuus akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata. Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme. Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate. “Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin. “Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe. “Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.
”Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti; diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti. “Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa.
”Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”
”Yesuus yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaattii fi harka barsiistota seeraatti waan hedduun dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu qabuu fi akka guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaafamu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe. Phexrosis kophaatti baasee, “Yaa Gooftaa, kun gonkumaa hin taʼin! Kun sirraa haa fagaatu!” jedhee isa ifachuu jalqabe. Yesuus garuu of irra garagalee Phexrosiin, “Yaa Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati gufuu natti taateerta; ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhe.
”akkanas jedhe; “Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa. Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.” Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!” jedhe. Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye.
”“Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.
”“Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu?
”“Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa.
”inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan.
”Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise. Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan. Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee akkana jedhe; “Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!” Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe. Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, “Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf” waliin jedhan.
”Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Yesuusitti fidan. Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame. Yesuusis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef.
”Kanaafuu inni manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa, hafuurota hamoos baasaa, Galiilaa guutuu keessa deeme.
”Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan. Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje.
”Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase; akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.
”Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, “Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan. Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa? Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu. Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu. Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii. Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa. Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa; namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti.” Yesuusis sababii isaan, “Inni hafuura xuraaʼaa qaba” jechaa turaniif waan kana dubbate.
”Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa. Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata.
”Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe. Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture. Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. Sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!” jedheen. Yesuusis, “Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!” jedheenii tureetii. Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon” jedhee deebise. Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate. Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis, “Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami” jedhanii Yesuusin kadhatan. Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame. Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis. Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan. Kana irratti jarri akka Yesuus biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban. Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate. Yesuus garuu, “Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!” jedheen malee hin eeyyamneef.
”Warra Kudha Lamaan ofitti waamee lama lamaan isaan erguu jalqabe; hafuurota xuraaʼoo irrattis taayitaa kenneef.
”Isaanis achii baʼanii akka namoonni qalbii jijjiirrataniif lallaban. Hafuurota hamoo baayʼee baasan; dhukkubsattoota baayʼees zayitii dibanii fayyisan.
”Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte. Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Yesuusin kadhatte. Innis, “Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedheen. Isheen garuu, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu” jettee deebifteef. Yesuusis, “Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera” jedheen. Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte.
”Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe. Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe. Yesuus garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis, “Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhee ifate.
”Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera. Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.” Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa” jedhe. Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate. Yesuusis, “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?” jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Innis akkana jedhe; “Ijoollummaadhaa jalqabee ti. Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.” Yesuusis, “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen. Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye. Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja” jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate. Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan. Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate. Erga Yesuus manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan. Innis deebisee, “Inni akkanaa kun kadhannaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu” jedheen.
”Yesuusis barii guyyaa jalqaba torban sanaa yeroo duʼaa kaʼetti duraan dursee Maariyaam ishee Magdalaatti mulʼate; Maariyaam kunis kan inni hafuurota hamoo torba ishee keessaa baasee turee dha.
”Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama. Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu;
”Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame; achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe. Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen. Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen. Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise. Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa. Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.” Yesuus immoo, “ ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’ jedhamee barreeffameera” jedhee deebiseef. Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja; isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’” Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’ jedhameera” jedheen. Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
”Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan. Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe; “Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!” Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe. Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan.
”Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise. Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
”warri isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufanis achi turan. Warri hafuurota xuraaʼoon dhiphachaa turanis ni fayyan;
”Yesuusis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise.
”dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan,
”“Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti. Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha.
”Yommuu Yesuus qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; awwaala gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture. Innis yommuu Yesuusin argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!” jedhe. Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture. Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, “Leegewoon” jedhee deebise. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Yesuusin kadhatan. Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Yesuusin kadhatan; innis ni eeyyameef. Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame. Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Yesuus jala taaʼee argan; ni sodaatanis. Warri waan kana arganii turanis namichi hafuura hamaan qabame sun akkamitti akka fayye namootatti odeessan. Kana irratti namoonni biyya Gergeesenoon hundinuu waan sodaadhaan guutamaniif akka Yesuus isaan biraa deemu isa kadhatan. Innis bidiruu yaabbatee achii deeme. Namichi hafuuronni hamoon keessaa baʼan sun Yesuus wajjin deemuuf isa kadhate; Yesuus garuu akkana jedhee of biraa isa deebise; “Mana keetti deebiʼiitii wanni Waaqni siif godhe hammam guddaa akka taʼe odeessi.” Namichis dhaqee wanni Yesuus isaaf godhe hammam guddaa akka taʼe magaalaa sana hunda keessatti odeesse.
”Yesuus warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef;
”Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; “Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii. Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye.” Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiitti isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis isinii obsa?” jedhe. Namichaanis, “Mee ilma kee as fidi” jedhe. Utuma gurbaan sun gara Yesuus dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne. Hundumti isaaniis humna Waaqaa isa jabaa sana ni dinqifatan. Utuu hundi isaanii waan Yesuus hojjete sana dinqisiifachaa jiranuu inni barattoota isaatiin akkana jedhe;
”Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, “Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru” jedhan. Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge. Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu. Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa.”
”Yesuusis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan. Isaan keessaa namoonni tokko tokko garuu, “Inni Biʼeelzebuuliin, hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan. Warri kaan immoo mallattoo samii irraa isa gaafachuudhaan isa qoran. Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga. Seexanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif. Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu. Garuu ani quba Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
”“Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf. Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda. “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa. “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata. Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata.”
”Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte.
”Yoos dubartiin kun intalli Abrahaam kan Seexanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?”
”Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale. Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate.
”“Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera. Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”
”Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
”Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame. Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan. Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
”Yeroo irbaataatti diiyaabiloos akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe.
”Yesuusis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa” jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne. Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale. Yesuusis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi” isaan jedhe.
”Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute? Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.”
”Namoonnis magaalaawwan naannoo Yerusaalem jiran keessaa warra dhukkubsatanii fi warra hafuura xuraaʼaan dhiphatan fidanii achitti wal gaʼan; warri geeffaman hundinuus ni fayyifaman.
”Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan.
”Kunis akka Waaqni Yesuus nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Yesuus waan gaarii hojjechaa fi warra humna diiyaabiloos jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Waaqni isa wajjin tureetii.
”Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme. Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen; “Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu? Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.” Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe. Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
”Gaaf tokko utuu iddoo itti kadhatan dhaqnuu xomboree hafuura waa himsiisuun guutamte tokkoon walitti dhufne; isheen waa namaa himuun gooftota isheetiif maallaqa guddaa galchiti turte. Isheenis, “Namoonni kunneen tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii kanneen karaa fayyinaa isinitti himanii dha” jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa buute. Waan kanas guyyaa hedduu itti fufte; Phaawulos garuu waan akka malee aareef itti garagalee hafuura sanaan, “Ani akka ati ishee keessaa baatu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin sin ajaja” jedhe; hafuurichis yommusuma ishee keessaa baʼe. Gooftonni xomboree sanaas yommuu akka abdiin galii isaanii citte hubatanitti Phaawulosii fi Siilaasin qabanii fuula abbootii taayitaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii lafa irra harkisaa iddoo gabaatti isaan geessan.
”Waaqni harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture. Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture.
”Yihuudoonni biyya keessa nanaannaʼanii hafuurota xuraaʼoo nama keessaa baasan tokko tokkos namoota hafuura hamaan qabaman irratti maqaa Gooftaa Yesuus waamuu yaalan; isaanis, “Ani maqaa Yesuus kan Phaawulos lallabu sanaan sin ajaja” jedhan. Ilmaan Iskoyaas, isa luba hangafa Yihuudootaa ture sanaa torbanis waan kana hojjetaniiru. Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusin beeka; waaʼee Phaawulosis beeka; isin immoo eenyu?” jedhee deebiseef. Namichi hafuura hamaan qabame sunis isaanitti utaale; hunda isaaniis moʼate; ni tumes; isaanis madaaʼanii qullaa isaanii mana keessaa baʼanii baqatan.
”Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii kuma shantama taʼe.
”Ani saba keetii fi Namoota Ormaa kanneen gara isaaniitti si ergu jalaa sin baasa. Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’
”Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
”Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.”
”Waaqni nagaa dafee Seexana miilla keessan jalatti ni burkuteessa. Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.
”akka foon isaa balleeffamuuf, akka hafuurri isaa immoo guyyaa Gooftaatti fayyuuf namicha kana dabarsaatii Seexanatti kennaa.
”Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.
”Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu. Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan. Nu Gooftaa hinaaffaaf kakaafnaa? Nu isa caalaas jabaannaa?
”kunis akka Seexanni nu hin gowwoomsineefi. Nu mala isaa hin wallaalluutii.
”Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama; Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.
”Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba?
”Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti. Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.
”Garuu akkuma bofti haxxummaa isaatiin Hewaanin gowwoomse sana yaadni keessanis akkasuma dhugaa fi qulqullina ittiin Kiristoosiif of kennitan sana irraa ni dogoggorfama jedheen sodaadha.
”Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha. Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu. Egaa tajaajiltoonni isaas yoo tajaajiltoota qajeelummaa fakkaachuuf of geeddaran kun waan nama dinqu miti. Dhumni isaaniis akkuma hojii isaanii taʼa.
”akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, ergamaan Seexanaa akka na dhiphisuuf naa kenname.
”isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise.
”kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha.
”Kaayyoon isaas akka ogummaan Waaqaa inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen samii irra jiranitti beeksifamuuf;
”“Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;” utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin; diiyaabiloosiifis carraa hin kenninaa.
”Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa. Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii. Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
”Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa.
”Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.
”Nu gara keessan dhufuu barbaannee turreetii; dhugumaanuu ani Phaawulos yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaaleera; garuu Seexanatu nu dhowwe.
”Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa. Isin akka ani yeroo isin bira turetti waan kana isinitti himaa ture hin yaadattanii? Akka inni yeroo murteeffame sanatti mulʼatuufis waan amma isa dhowwu ni beektu. Icciitiin humna fincila sanaa amma iyyuu hojiitti jiraatii; garuu inni amma humna sana duubatti deebisu sun hamma karaa irraa fuudhamutti ittuma fufee isa dhowwa. Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa. Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa; innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu.
”Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.
”Himenewoosii fi Iskindiroos warri ani akka isaan Waaqa arrabsuu dhiisuu barataniif dabarsee Seexanatti kenne sun isaan keessatti argamu.
”Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii diiyaabiloos keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin. Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo diiyaabiloos keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.
”Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
”Namoonni tokko tokko Seexana duukaa buʼuuf jedhanii duraanuu karaa irraa goraniiru.
”Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
”akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu.
”Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate;
”Akka Waaqni tokkichi jiru ati ni amanta. Kun gaarii dha! Hafuuronni hamoon iyyuu waan kana ni amanu; sodaadhaanis ni hollatu.
”Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa. Ogummaan kun kan lafaa ti; kan foonii ti; kan hafuura hamaati malee kan samii irraa dhufu miti.
”Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
”Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.
”Waaqni yeroo ergamoonni cubbuu hojjetanitti utuu isaanii hin hilin akka isaan guyyaa murtiitiif turfamaniif foncaadhaan dukkana keessatti hidhee gahaannamitti erga isaan darbatee,
”Yaa ijoolle, saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa ti; akka farri Kiristoos sun dhufu akkuma dhageessan sana ammuma iyyuu farroonni Kiristoos baayʼeen dhufaniiru. Kanaanis nu akka saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa taʼe beekna. Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise. Isin garuu Isa Qulqulluu sanaan dibamtaniirtu; isin hundis dhugaa ni beektu. Sababiin ani isinii barreessuuf waan isin dhugaa beektanii fi akka sobni tokko iyyuu dhugaa keessa hin jirres beektaniif malee waan isin dhugaa hin beekneef miti. Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana.
”Namni cubbuu hojjetu kan diiyaabiloos; diiyaabiloos jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Waaqaa hojii diiyaabiloos diiguudhaaf mulʼateetii. Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Waaqaa isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Waaqa irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu. Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen diiyaabiloos kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Waaqaa miti.
”Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.
”Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
”Nu ijoollee Waaqaa akka taane, addunyaan guutuunis toʼannaa isa hamaa sanaa jala akka jiru ni beekna.
”Gowwoomsitoonni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi farra Kiristoos. Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa. Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
”Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera.
”Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
”Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti. Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
”Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne.
”Isin warra Tiyaatiraa keessa jiraattan kanneen barsiisa ishee duukaa hin buʼinii fi warra barsiisa Seexanaa kan dhoksaa gad fagoo jedhamu sana hin baratiniin akkana nan jedha; ‘Ani baʼaa biraa isinitti hin feʼu;
”Kunoo, ani warra waldaa Seexanaa taʼan kanneen utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhanii soban keessaa tokko tokko akka isaan dhufanii miilla kee irratti kufanii sagadanii fi akka isaan akka ani si jaalladhe beekan nan godha.
”Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname. Yommuu inni Boolla Qilee sana banettis aarri tokko akkuma aara boolla ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti ol baʼe. Aduu fi samiinis aara Boolla Qilee keessaa baʼu sanaan ni dukkanaaʼan. Aara sana keessaas hawwaannisa baayʼeetu lafatti yaaʼe; hawwaannisoota sanaafis taayitaan akka taayitaa torbaanqabaa lafaa ni kenname. Isaanis akka marga lafaa yookaan biqiltuu yookaan muka tokko illee miidhan utuu hin taʼin akka namoota adda isaanii irraa chaappaa Waaqaa hin qabaatin qofa miidhan ajajaman. Isaanis akka namoota sana jiʼa shan dhiphisaniif eeyyamameef malee akka jara ajjeesaniif miti. Dhiphinni kunis akkuma dhiphina isa yommuu torbaanqabaan nama iddutti dhiphatanii ti. Guyyoota sana keessa namoonni duʼa barbaadu; garuu hin argatan. Duʼuus ni hawwu; duuti garuu isaan baqata. Bifti hawwaannisoota sanaas fardeen duulaaf qopheeffaman fakkaata ture. Mataa isaaniittis waan akka gonfoo warqee kaaʼatanii turan; fuulli isaaniis fuula namaa fakkaata ture. Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata ture; ilkaan isaaniis ilkaan leencaa fakkaata ture. Isaanis maddaa maddaa sibiilaa fakkaatu qabu turan; sagaleen qoochoo isaaniis sagalee fardeenii fi gaariiwwan baayʼee kanneen gara duulaatti didichanii fakkaata ture. Isaanis akkuma torbaanqabaa eegee fi ilkee qabu turan; eegee isaanii keessaa immoo taayitaa ittiin jiʼa shan nama dhiphisan qabu turan. Isaanis mootii qabu turan; innis ergamaa Boolla Qilee ti; maqaan isaas afaan Ibraayisxiitiin Abadoon, afaan Giriikiin immoo Aphooliyoon jedhama ture.
”Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne.
”Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas.
”Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture. Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate.
”Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan. Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban. Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman. Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “Amma fayyinni, humnii fi mootummaan Waaqa keenyaa, taayitaan Kiristoos isaas dhufeera. Himataan obboloota keenyaa inni halkanii guyyaa fuula Waaqaa duratti, isaan himatu sun gad darbatameeraatii. Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne. Kanaafuu yaa samiiwwan, isin warri isaan keessa jiraattanis gammadaa! Garuu yaa lafaa fi yaa galaana isiniif wayyoo! Diiyaabiloos gara keessanitti gad buʼeeraatii! Innis akka yeroo gabaabaa qabu waan beekuuf baayʼee aareera.”
”Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe. Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname. Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase. Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte. Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.
”Bineensi jawwee fakkaatu sunis cirracha galaanaa irra dhaabate. Bineensa tokkos utuu inni galaana keessaa baʼuu nan arge. Innis gaanfa kudhanii fi mataa torba qaba ture; gaanfawwan isaa irratti gonfoo kudhan, tokkoo tokkoo mataa isaa irratti immoo maqaa arrabsoo qaba ture. Bineensi ani arge sunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Bineensi jawwee fakkaatu sunis humna isaa, teessoo isaatii fi taayitaa guddaas bineensichaaf kenne. Mataa bineensichaa torban keessaa inni tokko waan madaa duʼa fidu qabu fakkaata ture; madaan duʼa fidu sun garuu fayyee ture. Addunyaan guutuunis dinqisiifatee bineensicha duukaa buʼe. Namoonni sababii inni taayitaa isaa bineensa sanaaf kenneef bineensa jawwee fakkaatu sanaaf ni sagadan; akkasumas, “Kan akka bineensichaa eenyuu? Eenyutus lola isatti kaasuu dandaʼa?” jedhanii bineensichaaf sagadan. Akka bineensichi dubbii of tuulummaatii fi arrabsoo dubbatuuf afaan ni kennameef; jiʼa afurtamii lamaaf akka ittiin hojjetuufis taayitaan isaaf kenname. Innis Waaqa arrabsuuf, Waaqaa fi iddoo jireenya isaa, akkasumas warra samii keessa jiraatan maqaa balleessuuf jedhee afaan banate. Akka inni qulqullootatti waraana kaasee isaan moʼatuufis humni ni kennameef. Gosa hunda, saba hunda, afaanii fi sanyii hunda irrattis taayitaan ni kennameef. Warri lafa irra jiraatan hundinuu jechuunis warri maqaan isaanii erga addunyaan uumamee jalqabee kitaaba jireenyaa kan Hoolicha qalame sanaa keessatti hin galmeeffamin hundinuu bineensichaaf ni sagadu. Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu. “Namni boojiʼamuuf jiru kam iyyuu inni ni boojiʼama. Namni goraadeedhaan ajjeefamuuf jiru kam iyyuu goraadeedhaan ni ajjeefama.” Kunis obsaa fi amanamummaa qulqullootaa argisiisa.
”Bineensa biraas utuu inni lafa keessaa baʼuu nan arge. Innis akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; akka bineensa jawwee fakkaatuuttis dubbata ture. Innis taayitaa bineensicha jalqabaa hundaan fuula isaa duratti hojjechaa ture; akka laftii fi warri lafa irra jiraatan bineensicha jalqabaa isa madaan duʼa fidu fayyeef sanaaf sagadanis godhe. Innis hamma akka ibiddi samii irraa lafatti gad buʼu godhutti ija namaa duratti dinqii gurguddaa hojjete. Mallattoo akka inni iddoo bineensichi jalqabaa jirutti hojjetuuf eeyyamameef sanaanis namoota lafa irra jiraatan ni gowwoomse. Akka isaan ulfina bineensicha goraadeedhaan madaaʼee ergasii immoo jiraate sanaatiif fakkii dhaaban ajaje. Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef. Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise; kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef. Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666.
”Ergamaan Waaqaa inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate, innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Waaqaa isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula ergamoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata. Aarri dhiphina isaaniis bara baraa hamma bara baraatti ol baʼa. Warri bineensichaa fi fakkii isaatiif sagadan yookaan warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii guyyaa boqonnaa hin qabaatan.”
”Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan;
”Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge. Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha.
”Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa. Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.” Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture. Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte. Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: Baabilon Guddittii, Haadha Sagaagaltootaa fi, Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa. Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe. Ergamichis akkana naan jedhe; “Ati maaliif dinqifatta? Icciitii dubartittii fi icciitii bineensicha ishee baatu kan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu sanaa sitti nan hima.
”Bineensi ati argite sun dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu Boolla Qilee keessaa ol baʼee gara badiisa isaa ni dhaqa. Warri lafa irra jiraatan kanneen maqaan isaanii uumama addunyaatii jalqabee kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin yommuu bineensicha arganitti ni dinqisiifatu; sababiin isaas bineensichi dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu ni dhufa. “Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha. Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba. Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa. “Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu. Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu.
”Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.” Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota. Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu. Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii. Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.”
”Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye: “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin kufteerti!’ Lafa jireenya hafuurota hamoo, lafa qubata hafuurota xuraaʼoo hundaa, iddoo jireenya simbirroota xuraaʼoo, iddoo jireenya bineensota xuraaʼoo fi jibbisiisoo hundaa taateerti.
”Yeroo sanas bineensichi, mootonni lafaatii fi loltoonni isaanii namicha farda yaabbatu sanaa fi loltoota isaatti waraana kaasuuf jedhanii utuu walitti qabamanuu nan arge. Bineensichi garuu ni qabame; raajichi sobaa kan fuula bineensichaa duratti hojiiwwan dinqii hojjechaa ture sunis isa wajjin qabame. Innis hojiiwwan dinqii kanneeniin warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra fakkii isaatiif sagadan ni gowwoomse. Isaan lachuu utuma lubbuun jiranuu haroo ibiddaa kan dinyiidhaan bobaʼu keessatti gad darbataman. Warri hafan immoo goraadee afaan isa farda yaabbatu sanaa keessaa baʼeen ajjeefaman; allaattiin hundinuus foon isaanii nyaatanii quufan.
”Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe. Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba.
”Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama; innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti. Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
”Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu.
”