28 – Malaa'ikoota
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Malaa'ikoota.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Malaa'ikoota.
Ergamaan WAAQAYYOO naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas.
”Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, gara mirga koo taaʼi” jedhe? Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?
”Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”
”Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe.
”Ergamaan Waaqayyoo sunis itti dabalee, “Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu” jedhe. Ergamaan WAAQAYYOO sun amma illee akkana isheen jedhe; “Kunoo ati ulfoofteerta; ilmas ni deessa. Maqaa isaas Ishmaaʼeel jedhii moggaasi; WAAQAYYO dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii. Inni nama akka harree diidaa taʼa; harki isaa nama hunda irratti kaʼa; harki nama hundaas isa irratti kaʼa; obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata.”
”Utuma Abrahaam guyyaa saafaadhaan qilxuu Mamree bira balbala dunkaana isaa dura taaʼee jiruu WAAQAYYO isatti mulʼate. Abrahaamis ol ilaalee namoota isa bira dhadhaabatan sadii arge. Innis akkuma isaan argeen balbala dunkaana isaa duraa kaʼee isaan simachuudhaaf itti fiige; hamma lafa gaʼuttis gad jedhee harka fuudhe.
”Ergasii immoo namoota balbala manaa dura turan sana akka isaan balbalicha hin argineef xinnaa fi guddaa isaanii dhaʼichaan ija jaamsan. Namoonni lamaan sun Looxiin akkana jedhan; “Ati nama biraa tokko illee jechuunis soddoota, ilmaan yookaan intallan yookaan nama kan kee taʼe tokko illee magaalaa kana keessaa qabdaa? Asi keessa isaan baafadhu; nu iddoo kana balleessuuf deemnaatii. Sababii iyyi saba ishee irratti iyyame fuula WAAQAYYOO duratti guddaa taʼeef, Waaqni akka nu ishee balleessinuuf nu ergeera.” Kanaafuu Loox gad baʼee soddoota isaa warra intallan isaa fuudhuuf jiraniin, “Sababii WAAQAYYO magaalaa kana balleessuuf kaʼeef, dafaatii asii baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu waan inni qoosu seʼan. Yeroo boruun diimatetti ergamoonni Waaqayyoo sun Looxin jarjarsanii, “Niitii keetii fi intallan kee lamaan as jiran fudhadhuutii dafii baʼi! Yoo kanaa achii yeroo magaalattiin adabamtutti atis ni baddaa” jedhaniin.
”Ergamaan WAAQAYYOO garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise. Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe.
”Ergamaan WAAQAYYOO sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee akkana jedheen; “WAAQAYYO akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha; ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu. Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.”
”Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan.
”Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise.
”Yaaqoobis karaa isaa itti fufe; ergamoonni Waaqayyoos isatti dhufan. Innis yommuu isaan argetti, “Kun buufata Waaqaa ti” jedhe; iddoo sanas Mahanayiim jedhee moggaase.
”Achittis Ergamaan WAAQAYYOO daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan isatti mulʼate. Museenis daggalli sun bobaʼu illee akka hin gubatin arge. Museenis, “Daggalli kun maaliif hin gubatu laata? Ani itti goree waan dinqisiisaa kana ilaaluu qaba” jedhe.
”Yommus ergamaan Waaqayyoo kan saba Israaʼel dura deemaa ture sun kaʼee gara dugda isaanii duubaatti darbe. Utubaan duumessaa sunis fuula isaanii duraa kaʼee isaan duuba dhaabate; utubaan sunis loltoota Gibxii fi loltoota Israaʼel gidduu seene. Duumessi sun halkan sana gama tokkotti dukkana, gama kaanitti immoo ifa fide; kanaafuu halkan sana guutuu garee lamaan keessaa tokko illee garee kaanitti hin dhiʼaanne.
”“Akka inni karaa irratti si eegee iddoo ani qopheessetti si galchuuf kunoo ani fuula kee dura ergamaa koo tokko nan erga.
”Ergamaan koos fuula kee dura deemee biyya Amoorotaatti, Heetotaatti, Feerzotaatti, Kanaʼaanotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti si galcha; anis jara nan balleessa.
”Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi. Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi. Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan. Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi. Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
”Amma kaʼiitii gara lafa ani sitti hime sanaatti saba kana qajeelchi; kunoo ergamaan koos fuula kee dura ni deema. Garuu gaafa yeroon ani isaan adabu gaʼutti ani cubbuu isaaniitiif isaan nan adaba.”
”Ani ergamaa koo fuula kee duraan ergee Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota ariʼee nan baasa.
”Museen yommuu WAAQAYYO wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. WAAQAYYO isa wajjin dubbate.
”garuu nu WAAQAYYOTTI iyyaannaan, inni nu dhagaʼee ergamaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase. “Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra.
”Waaqni garuu inni deemnaan itti aare; ergamaan WAAQAYYOO tokkos isaan mormuuf jedhee karaa irra dhaabate. Balaʼaamis harree isaa yaabbatee deemaa ture; tajaajiltoonni isaa lamaan isa wajjin turan. Harreen sun immoo ergamaa WAAQAYYOO kan goraadee luqqifatee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu arginaan of irra gara galtee karaa irraa gortee lafa qotiisaa seente. Balaʼaamis karaatti ishee deebisuudhaaf harree sana rukute. Ergamaan WAAQAYYOO sun garuu daandii dhiphoo, iddoo dhaabaa wayinii lama kanneen gama lamaan dallaa qaban gidduu baatu irra dhaabate. Harreen sun ergamaa WAAQAYYOO arginaan, dallaatti maxxantee miilla Balaʼaam dallaatti buufte. Inni ammas harree sana rukute. Ergamaan WAAQAYYOOS fuula duratti hiiqee daandii dhiphaa iddoo ittiin mirgatti yookaan bitaatti goran hin qabne tokko irra dhaabate. Harreen sun ergamaa WAAQAYYOO arginaan Balaʼaam jalaa gad ciifte; innis aaree ulee ofiitiin harree sana rukute. Kana irratti WAAQAYYO afaan harree sanaa banee harreen sun Balaʼaamiin, “Ani maal si yakkinaan ati akkas yeroo sadii na rukutte?” jette. Balaʼaamis harree sanaan, “Ati na gowwoomsite; ani utuu goraadee of harkaa qabaadhee silaa ammuman si ajjeesa” jedhe. Harreen sun amma illee Balaʼaamiin akkana jette; “Ani harree kee kan ati hamma harʼaatti guyyaa hunda yaabbattu mitii? Ani takkumaa waan akkasii sitti hojjedhee beekaa?” Innis, “Lakkii” jedhee deebiseef.
”Yommus WAAQAYYO ija Balaʼaam bane; Balaʼaamis ergamaa WAAQAYYOO kan goraadee luqqifatee karaa irra dhaabatu arge. Kana irratti inni addaan lafatti gombifamee sagade. Ergamaan WAAQAYYOO sun akkana jedhee isa gaafate; “Ati maaliif yeroo sadan kana harree kee rukutte? Kunoo ani waan karaan kee fuula koo duratti jalʼaa taʼeef siin mormuudhaafan dhufe. Harreen kun na argitee yeroo kana sadanuu narraa gorte. Utuu isheen narraa goruu baattee silaa ani yoona si ajjeesee ishee immoo hambisa ture.” Balaʼaamis ergamaa WAAQAYYOOTIIN, “Ani cubbuu hojjedheera. Ani akka ati naan mormuuf jettee karaa irra dhaabatte hin hubanne. Ammas yoo sitti hin tolin ani nan deebiʼa” jedhe. Ergamaan WAAQAYYOO sunis Balaʼaamiin, “Namoota kana wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Akkasiin Balaʼaam qondaaltota Baalaaq sana wajjin deeme.
”Iyyaasuun yommuu Yerikootti dhiʼaatetti, ol milʼatee nama goraadee luqqifame harkatti qabatee isa dura dhaabatu tokko arge. Iyyaasuun gara isaa dhaqee, “Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?” jedhee isa gaafate. Innis deebisee, “Ani gara eenyuu iyyuu miti; garuu ani amma akka ajajaa loltoota WAAQAYYOOTTI dhufeera” jedhe. Iyyaasuunis addaan lafatti gombifamee sagadee, “Ergaan Gooftaan koo garbicha isaatiif qabu maali?” jedhee isa gaafate. Ajajaan loltoota WAAQAYYOOS Iyyaasuudhaan, “Sababii iddoon ati dhaabattu kun qulqulluu taʼeef kophee kee of irraa baasi” jedhe. Iyyaasuunis akkasuma godhe.
”Yeroo ergamaan WAAQAYYOO waan kana Israaʼeloota hundatti dubbatetti namoonni sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan;
”Samii keessaa urjiiwwan ni lolan; adeemsa isaanii irrattis Siisaaraadhaan lolan.
”Ergamaan WAAQAYYOOS isatti mulʼatee, “Yaa loltuu goota nana, WAAQAYYO si wajjin jira” jedheen.
”Ergamaan WAAQAYYOO sunis fiixee ulee harka isaa tureetiin foonii fi Maxinoo sana tuqe. Ibiddi kattaa keessaa baʼee foonii fi Maxinoo sana nyaate. Ergamaan WAAQAYYOOS fuula isaa duraa dhabame. Gidewoon yommuu akka ergamaa WAAQAYYOO arge beeketti, “Wayyoo, yaa WAAQAYYO Gooftaa! Ani ifaan ifatti ergamaa WAAQAYYOO argeeraatii!” jedhe.
”Dubartiin sunis gara dhirsa ishee dhaqxee akkana jettee itti himte; “Nama Waaqaa tokkotu gara koo dhufe. Innis ergamaa Waaqayyoo fakkaatee akka malee nama sodaachisa. Ani akka inni eessaa dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.
”Innis, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta? Inni akka malee dinqii dha” jedheen. Maanoʼaanis korbeessa reʼee xinnaa isaa kennaa midhaanii wajjin geessee kattaa irratti WAAQAYYOOF aarsaa godhe. Utuma Maanoʼaa fi niitiin isaa ilaalanuus WAAQAYYO waan dinqii godhe. Yeroo arrabni ibiddaa iddoo aarsaa irraa samiitti ol baʼetti ergamaan WAAQAYYOO arraba ibiddaa keessaan ol baʼe. Maanoʼaa fi niitiin isaa waan kana arganii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
”Kanaafuu WAAQAYYO guyyaa itti aanu ganamaa jalqabee hamma guyyaan murtaaʼe raawwatutti Israaʼelitti dhaʼicha fide; Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni ni dhuman. Yeroo ergamaan Waaqayyoo Yerusaalemin balleessuuf harka isaa diriirfatetti WAAQAYYO sababii hubaatiin sun isa gaddisiiseef ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan WAAQAYYOO oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa bira ture. Daawit yommuu ergamaa Waaqayyoo kan namoota ajjeesaa ture sana argetti, WAAQAYYOON, “Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu” jedhe.
”Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate. Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, “Kaʼii waa nyaadhu” jedheen. Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise. Ergamaan WAAQAYYOO amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, “Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii” jedheen. Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.
”Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii WAAQAYYOO dhagaʼi: Ani utuu WAAQAYYO teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge.
”Ergamaan WAAQAYYOOS Eeliyaasiin, “Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu Eeliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe.
”Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Eeliyaasis bubbeedhaan samiitti ol fudhatame. Elsaaʼi waan kana argee, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!” jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Elsaaʼi ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase.
”Elsaaʼis, “Yaa WAAQAYYO, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif” jedhee kadhate. WAAQAYYOS ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.
”Hisqiyaas akkana jedhee WAAQAYYOON kadhate; “Yaa WAAQAYYO, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
”Halkanuma sana ergamaan WAAQAYYOO gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture!
”Kanaafuu WAAQAYYO Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman. Waaqni akka inni Yerusaalem balleessuuf ergamaa isaa tokko erge. Garuu utuma ergamaan Waaqayyoo sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu WAAQAYYO balaa sana argee gaabbee ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture. Daawitis ol ilaalee ergamaa WAAQAYYOO kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee samii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawitii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman.
”Dunkaanni WAAQAYYOO kan Museen gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture. Daawit garuu sababii goraadee ergamaa WAAQAYYOO sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Waaqa kadhachuu hin dandeenye.
”Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise. Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa.
”Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan ni haguugan.
”Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif kadhannaadhaan gara samiitti ol iyyan. WAAQAYYOS ergamaa isaa tokko itti erge; ergamaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Waaqa isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran.
”Suma qofatu WAAQAYYO. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu.
”Gaaf tokko yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula WAAQAYYOO duratti dhiʼaachuuf dhufanitti Seexannis isaan wajjin dhufe.
”Guyyaa biraas ergamoonni Waaqayyoo fuula WAAQAYYOO duratti dhiʼaachuuf dhufan; Seexannis isaan wajjin fuula WAAQAYYOO duratti dhiʼaachuuf dhufe.
”Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti, yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture.
”akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali? Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
”Ergamaan WAAQAYYOO naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas.
”Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan; ergamaan WAAQAYYOOS isaan haa ariʼu. Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu; ergamaan WAAQAYYOOS isaan haa ariʼu. Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii na dura kaaʼaniiruutii; sababii malees boolla naa qotaniiru;
”Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha; isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti; Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
”akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef; midhaan samiis isaaniif kenne. Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan; inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
”Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa, dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
”Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja; isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu.
”WAAQAYYO moʼeera; saboonni haa hollatan; inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; lafti haa raafamtu.
”Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, warri dubbii isaatiif ajajamtanis WAAQAYYOON eebbisaa. Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa guuttan WAAQAYYOON eebbisaa.
”Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha.
”Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.
”Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge. Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan. Isaanis: “WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan. Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame. Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.” Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise. Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.
”“Yaa WAAQAYYO Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
”“Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega; nan oolchas!” Ergasii ergamaan WAAQAYYOO gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture.
”Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture; ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture; tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan. Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture. Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan; qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture. Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture. Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan. Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture. Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture.
”Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge. Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture. Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture. Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan. Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan. Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan. Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan.
”Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture. Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan. Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture. Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe.
”Sagaleen kunis sagalee guddaa gigigsu kan yeroo qoochoowwan uumamawwan jiraatoo sanaa wal riganii fi sagaleen geengoowwan isaan cina jiran dhageessisan ture.
”Anis milʼadhee bantii samii gubbaatti mataa kiirubeeliitiin olitti fakkaattii teessoo sanpeer tokko nan arge. WAAQAYYOS namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaan akkana jedhe; “Geengoowwan kiirubeelii jalaan jiran gidduu seeni. Barbadaa cilee bobaʼuu kan kiirubeelii gidduu jiru sana irraa harka kee guuttadhuutii magaalattii keessa faffacaasi.” Innis utuma ani ilaaluu ol seene. Yeroo namichi ol seenetti kiirubeeliin karaa kibba mana qulqullummaatiin dhaabatanii turan; duumessi oobdii gara keessaa guutee ture. Ulfinni WAAQAYYOOS kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Duumessis mana qulqullummaa guute; waltajjichis ifa ulfina WAAQAYYOOTIIN guutame. Sagaleen qoochoowwan kiirubeelii hamma oobdii gara alaatti akkuma sagalee yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu dubbatu dhagaʼamu sanaa fagootti dhagaʼama ture. Yeroo WAAQAYYO namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatu sanaan, “Geengoowwan gidduudhaa, kiirubeelii gidduudhaas ibidda fudhi” jedhee ajajetti namichi ol seenee geengoo bira dhaabate. Ergasii kiirubeelii keessaa inni tokko harka isaa gara ibidda isaan gidduu jiruutti hiixate. Innis ibidda sana irraa xinnoo fuudhee harka namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaa keessa kaaʼe; namichis ibidda sana fudhatee baʼe. Qoochoowwan kiirubeelii jalaanis wanni harka namaa fakkaatu tokko ni mulʼata ture.
”Anis milʼadhee geengoowwan afur kiirubeelii biratti nan arge; geengoowwan sunis tokkoo tokkoo kiirubeelii bira turan; geengoowwan sunis akka biiralee calaqqisu turan. Bifti afranuu wal fakkaata ture; tokkoon tokkoon geengoo sanaa geengoo kaanitti waan dirame fakkaata ture. Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kiirubeeliin itti gara galan kamiin iyyuu deeman; geengoowwanis yeroo kiirubeeliin deemanitti asii fi achi hin sochoʼan ture. Kiirubeeliin qixa mataan isaanii itti gara gale kamiin iyyuu utuu of irra hin milʼatin deeman. Dhagni isaanii guutuun, dugda isaanii, harka isaaniitii fi qoochoo isaanii dabalatee akkuma geengoowwan isaanii afran sanaatti akkuma jiraniin ijaan guutamanii turan. Geengoowwan sunis utuma ani dhagaʼuu, “Geengoowwan konkolaatan” jedhamanii waamaman. Tokkoon tokkoon kiirubeelii fuula afur afur qabu ture: fuulli tokkoffaan fuula kiirubeelii, fuulli lammaffaan fuula namaa, fuulli sadaffaan fuula leencaa, fuulli afuraffaan immoo fuula risaa ture. Ergasiis kiirubeeliin ol baʼan; isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti argee ture sanaa dha. Yeroo kiirubeeliin deemanitti geengoowwan isaan cina jiranis ni deeman; yeroo kiirubeeliin lafa irraa ol kaʼuuf qoochoowwan isaanii diriirfatanitti geengoowwanis isaan biraa hin hafan ture. Yeroo kiirubeeliin dhaabatanitti isaanis ni dhaabatu turan; yeroo kiirubeeliin ol kaʼanittis isaanuma wajjin ol kaʼu turan; hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa isaan keessa tureetii.
”Ergasiis ulfinni WAAQAYYOO gulantaa mana qulqullummaa irraa kaʼee kiirubeelii gubbaadhaan dhaabate. Kiirubeeliin utuma ani arguu qoochoowwan isaanii diriirffatanii lafaa ol kaʼan; yeroo isaan deemanittis geengoowwan isaan wajjin deeman. Isaan karra balbala mana WAAQAYYOO kan karaa baʼaa irra dhaabatan; ulfinni Waaqa Israaʼelis isaan gubbaadhaan ture. Isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti Waaqa Israaʼel jalatti argee turee dha; anis akka isaan kiirubeelii taʼan nan hubadhe. Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoowwan afur afur, qoochoowwan isaanii jalaan immoo waan harka namaa fakkaatu qabu ture. Bifti fuula isaaniis akkuma bifa uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti arge sanaa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman.
”Ergasiis kiirubeeliin qoochoowwan isaanii diriirfatan; geengoowwanis isaan cina turan; ulfinni Waaqa Israaʼel immoo isaan gubbaadhaan ture.
”namoonni sadan kunneenis jabeeffamanii hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sana keessatti kufan. Nebukadnezar Mootichi dinqisiifachuudhaan utaalee kaʼee, “Namoonni nu hiinee ibiddatti darbanne sadii hin turree?” jedhee gorsitoota isaa gaafate. Isaanis, “Yaa Mootii, kun dhuguma” jedhanii deebisan. Innis, “Ilaa! Ani namoota ibidda keessa deddeebiʼan afur nan arga; isaanis hin hidhamne; hin miidhamnes; inni afuraffaan immoo ilma waaqotaa fakkaata” jedheen. Nebukadnezaris gara afaan boolla ibiddi keessaa bobaʼutti dhiʼaatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii, kottaa baʼaa! As kottaa” jedhe. Akkasiin Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon ibidda keessaa baʼan; ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonnii fi gorsitoonni mootii naannoo isaaniitti walitti qabaman. Isaanis akka ibiddi sun dhagna jaraa hin miidhin yookaan akka rifeensa mataa isaanii keessaa tokko iyyuu hin gubatin ni argan; wandaboon isaanii iyyuu homaa hin taane; fooliin ibiddaas isaan irra hin turre. Kana irratti Nebukadnezar akkana jedhe; “Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo isa ergamaa isaa ergee tajaajiltoota isaa baraareef galanni haa taʼu! Isaan isa amanatanii ajaja mootii didanii akka Waaqa isaanii malee waaqota biraa hin tajaajille yookaan hin waaqeffanne lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru.
”“Ani mulʼata utuun siree koo irra ciisee jiruu arge sana keessatti nan ilaale; fuula koo duras ergamaa qulqulluu samiidhaa gad buʼaa jiru tokkotu ture.
”“ ‘Akka namni lubbuun jiraatu hundinuu akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa barbaadeef isaan kennee nama namoota hundaa gad taʼe isaanitti muudu beekaniif ergatamtoonni murtii labsanii qulqulloonni murtoo lallaban.’
”Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.”
”Lagni ibiddaa tokko fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan. Dhaddachi taaʼamee ture; kitaabonnis banamanii turan.
”Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Gabriʼeel, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe. Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe.
”utuu ani amma illee kadhannaa irra jiruu, Gabriʼeel namichi ani mulʼata koo duraa keessatti arge sun, yeroo aarsaa galgalaatti ariitiidhaan barrisaa gara koo dhufe. Innis akkana jedhee na barsiise; akkanas naan jedhe; “Yaa Daaniʼel ani amma ogummaa fi hubannaa siif kennuuf dhufeera.
”Ergasii garuu harki tokko na qabee utuu ani holladhuu harkaa fi jilba kootiin na dhaabe. Innis, “Yaa Daaniʼel, ati kan akka malee jaallatamte dubbii ani sitti himuuf jiru sirriitti qabadhu; ani gara keetti ergameeraatii ol kaʼi” jedhe. Anis yommuu inni waan kana naan jedhetti hollachaan kaʼee dhaabadhe. Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Waaqa keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera. Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe. Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.”
”Utuma inni waan kana natti dubbachaa jiruu ani mataa gad qabadhee waanan dubbadhus dhabe. Ergasii inni nama fakkaatu tokko hidhii koo tuqe; anis afaan banadheen dubbachuu jalqabe. Isa fuula koo dura dhaabachaa ture sanaanis akkanan jedhe; “Yaa gooftaa ko, ani sababii mulʼata sanaatiif dhiphadheera; humnas dhabeera. Yaa gooftaa ko, ani garbichi kee akkamittan si wajjin haasaʼuu dandaʼa? Humni koo dhumeera; ani hafuura baafachuu illee dadhabeera.” Ammas inni nama fakkaatu sun na tuqee humna naa kenne. Innis, “Yaa namicha akka malee jaallatamte, hin sodaatin; nagaan siif haa taʼu! Amma jabaadhu; jajjabaadhus” naan jedhe. Yeroo inni natti dubbatetti ani nan jajjabaadhee, “Yaa Gooftaa ko, ati waan na jajjabeessiteef dubbadhu” isaan jedhe. Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani ergamaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo ergamaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa; garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼel hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru.
”“Yeroo sanatti Miikaaʼel hangafni ergamootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu.
”Xiyoon keessatti malakata afuufaa; gaara koo qulqulluu irratti sagalee akeekkachiisaa dhageessisaa. Guyyaan WAAQAYYOO dhufaa jiraatii; warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan. Guyyaan sun dhiʼaateera; guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa, guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa. Sabni guddaa fi jabaan tokko akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa; wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu. Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa; dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa. Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata; dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti; wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu. Isaan bifa fardeenii qabu; akkuma fardeen lolaas ni gulufu. Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin fiixee tulluu irra utaalu; akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu, akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti. Saboonni jara arginii dhiphatu; fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa. Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu; akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu. Hundi isaanii tarree galanii deemu; isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu. Isaan wal hin dhiiban; hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu. Utuu toora isaanii hin dhiisin ittisa cabsanii seenu. Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu; dallaa irra fiigu. Isaan mana yaabbatu; akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu. Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti; samiin ni raafama; aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu; urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan. WAAQAYYO fuula loltoota isaa duratti sagalee dhageessisa; loltoonni isaa akka malee baayʼee dha; warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha. Guyyaan WAAQAYYOO guddaa dha; guyyaan sun akka malee nama sodaachisa. Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?
”Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture. Anis, “Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!” jedheen gaafadhe. Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa tures, “Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa” naan jedhe. Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, “Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif WAAQAYYO ergee dha” jedhee naa ibse. Isaanis, “Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine” jedhanii ergamaa WAAQAYYOO kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan. Ergamaan WAAQAYYOOS, “Yaa WAAQAYYO Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?” jedhe. WAAQAYYOS dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun ergamaa Waaqayyoo kan na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate. Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; “Dubbii kana labsi: WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa;
”Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture! Anis, “Ati garam deemuutti jirta?” jedheen gaafadhe. Innis, “Ani Yerusaalemin safaree balʼinaa fi dheerina ishee beekuufan deema” jedhee naaf deebise. Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; ergamaan Waaqayyoo kan biraa isa arguu dhufee akkana jedheen: “Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati. Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha WAAQAYYO.
”Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa WAAQAYYOO dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise. WAAQAYYOS Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, WAAQAYYO si haa ifatu! WAAQAYYO inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?” Iyyaasuun yeroo ergamaa Waaqayyoo sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture. Ergamaan Waaqayyoo sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, “Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa” jedhe. Innis ergasii Iyyaasuudhaan, “Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa” jedhe. Anis, “Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii” nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma ergamaan WAAQAYYOO sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan. Ergamaan WAAQAYYOO sunis ajaja kana Iyyaasuuf kenne: “WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.
”Anis, “Yaa gooftaa ko, isaan kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo natti dubbachaa ture sana gaafadhe. Ergamaan Waaqayyoo sunis akkana jedhee naaf deebise; “Isaan kunneen hafuurota samii afran fuula Gooftaa lafa hundaa dura iddoo dhaabachaa turanii gad baʼanii dha.
”Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.” Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha. Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate.
”Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen.
”Erga Heroodis duʼee booddee, ergamaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen.
”Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni ergamoota isaa siif ni ajaja; isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’”
”Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.
”diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti. “Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu. Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
”Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu; boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.”
”Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.
”“Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [
”Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
”Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.
”“Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.
”“Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa.
”Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa Leegewoonii Kudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
”Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe. Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture. Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan. Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa. Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.”
”inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan.
”Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”
”Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
”Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.
”“Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.
”Isaanis awwaala keessa seenanii dargaggeessa uffata adii uffate tokko karaa mirgaatiin taaʼee arganii rifatan. Innis akkana isaaniin jedhe; “Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa. Garuu dhaqaatii barattoota isaatii fi Phexrositti, ‘Inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Akkuma isinitti hime sanas achitti isa ni argitu’ jedhaatii himaa.”
”Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate. Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate. Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi. Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa. Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.” Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate. Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera. Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”
”Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture. Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe. Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde. Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.” Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte. Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.” Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
”Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture. Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan. Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii. Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha. Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.” Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan; “Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.” Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
”Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja; isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’”
”Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina ergamoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.
”“Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa. Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula ergamoota Waaqaa duratti ni ganama.
”Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
”Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”
”“Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan ergamoonni Waaqaa isa baatanii gara bobaa Abrahaamitti isa geessan; sooressichis duʼee awwaalame.
”Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.
”Ergamaan Waaqaa tokkos samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.
”Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu? Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. ‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.”
”reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan.
”Innis itti dabalee, “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu” jedheen.
”Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [ Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]
”Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus awwaallatti gad jettee ilaalte; isheenis ergamoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Yesuus kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite. Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhaniin. Isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku” jetteen.
”Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse. Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Akkanas jedhaniin; “Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa.”
”Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan. Garuu ergamaan Gooftaa tokko halkaniin balbala mana hidhaa banee gad isaan baase. Innis, “Dhaqaa mana qulqullummaa keessa dhadhaabadhaatii, dubbii jireenya haaraa kana hunda isaa uummatatti himaa” jedheen.
”warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.”
”Ergamaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, “Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti.
”Innis gaafa tokko ergamaa Waaqaa tokko isaa gara isaa dhufee, “Yaa Qorneelewoos!” jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge. Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, “Yaa Gooftaa, maal barbaadda?” jedhee gaafate. Ergamaan Waaqaa sun immoo akkana jedhee deebise; “Kadhannaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Waaqaa duratti ol baʼeera.
”Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte. Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan. Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe. Ergamaan Waaqaa sunis, “Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu” jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Ergamaan sunis, “Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi” jedheen. Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni ergamaan Waaqaa hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne. Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu ergamaan sun isa biraa sokke.
”Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, “Ani amma akka Gooftaan ergamaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera” jedhe. Innis erga waan kana hubatee booddee mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii kadhachaa turan dhaqe. Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte. Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte. Isaanis, “Ati maraatteerta!” jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, “Yoos ergamaa isaa ti!” jedhan. Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan.
”Guyyaa beellamaattis Heroodis uffata mootii uffatee teessoo isaa irra taaʼe; uummatattis dubbate. Namoonnis, “Kun sagalee Waaqaati malee sagalee namaa miti” jedhanii iyyan. Heroodisis waan Waaqaaf ulfina hin kenniniif yeruma sana ergamaan Waaqaa tokko isa dhaʼe; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.
”Saduuqonni, “Duʼaa kaʼuun hin jiru, ergamoonnis, hafuuronnis hin jiran” jedhu; Fariisonni garuu akka kunneen hundinuu jiran amanu.
”Ergamaan Waaqa ani kan isaa taʼee fi isa tajaajilu sanaa tokko eda dhufee na cina dhaabatee, ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin; ati Qeesaar dura dhaabachuu qabdaatii; kunoo, Waaqni warra si wajjin deemaa jiran hunda gaarummaa isaatiin sitti kenneera’ naan jedhe.
”Isin akka nu ergamoota Waaqaatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree?
”Kanaafuu dubartiin sababii ergamoota Waaqaatiif mallattoo taayitaa mataa ishee irraa qabaachuu qabdi.
”Ani yoon afaan namootaatii fi afaan ergamoota Waaqaa dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti.
”Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu!
”Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula.
”Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu.
”Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” Yookaan isa kamiin, “Ani isaaf Abbaa nan taʼa; innis Ilma naa taʼa” jedhee beeka?
”Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti, “Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan” jedha.
”Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus, “Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha” jedha.
”Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, gara mirga koo taaʼi” jedhe? Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?
”Inni addunyaa dhufuuf jiru, kan nu waaʼee isaa dubbannu sana ergamoota jala hin galchine. Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera; “Akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali? Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; hojii harka keetii irrattis isa muudde.
”Inni dhugumaanuu sanyii Abrahaam gargaaruuf malee ergamoota Waaqaa gargaaruuf miti.
”Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
”Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu; gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii,
”Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
”Namoonni Hafuura Qulqulluu isa samiidhaa ergameen wangeela isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taʼin isin akka tajaajilan ifa ni taʼeef; waan kana ergamoonni iyyuu gad fageenyaan arguu hawwu.
”Kiristoos samiitti ol baʼee mirga Waaqaa jira; ergamoonni Waaqaa, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
”ergamoonni iyyuu yoo isaan caalaa jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan iyyuu fuula Gooftaa duratti uumamawwan akkasii arrabsanii hin himatan.
”Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti;
”Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
”Icciitiin urjiiwwan torbaa kanneen ati harka koo mirgaa keessatti argiteetii fi baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torbanii isa kana: Urjiiwwan torban ergamoota waldaa kiristaanaa torbaa ti; baattuuwwan ibsaa torban immoo waldoota kiristaanaa torbanii dha.
”Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.
”Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan. Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha.
”Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan. Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture. Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan. Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: “Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”
”Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge.
”Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha. Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate. Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti.
”Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan. Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!” Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe. Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan.
”Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge. Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee, “Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe.
”Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan; akkanas jedhan: “Ameen! Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni, bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen!”
”Anis ergamoota fuula Waaqaa dura dhadhaabatan torban arge; isaaniifis malakanni torba ni kenname. Ergamaan biraa kan girgiraa warqee qabu tokko dhufee iddoo aarsaa bira dhaabate. Innis iddoo aarsaa warqee kan fuula teessichaa dura jiru sana irratti akka kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin dhiʼeessuuf ixaanni baayʼeen isaaf ni kenname. Aarri ixaana sanaas kadhannaa qulqullootaa wajjin harka ergamaa sanaa keessaa fuula Waaqaa duratti ol baʼe. Ergamaan sunis girgiraa fuudhee iddoo aarsaa irraa ibidda itti guutee lafatti gad darbate; ergasiis sagaleen kakawwee, balaqqeessaa fi sochii lafaa ni dhagaʼame. Ergamoonni Waaqaa torban warri malakata torban qabanis malakata afuufuuf ni qophaaʼan.
”Ergamaan jalqabaa malakata isaa afuufe; cabbii fi ibiddi dhiigaan makames lafatti gad darbatame. Lafti harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; muktis harka sadii keessaa harki tokko ni gubate; margi lalisaan hundinuus ni gubate. Ergamaan lammaffaanis malakata isaa afuufe; wanni tulluu guddaa fakkaatu kan ibiddaan gubachaa jiru tokkos galaanatti gad darbatame. Galaannis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe; uumamawwan lubbuu qabeeyyiin galaana keessaa harka sadii keessaa harki tokko ni dhuman; dooniiwwan harka sadii keessaas harki tokko ni barbadaaʼan. Ergamaan sadaffaanis malakata isaa afuufe; urjiin guddaan akka gucaa bobaʼu tokkos samii irraa lafa dhaʼe; innis lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, burqaawwan bishaanii irrattis kufe; maqaan urjii sanaas “Hadheessaa” jedhama. Bishaan sunis harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼe; sababii bishaan sun hadheeffameefis namoonni baayʼeen bishaaniin dhuman. Ergamaan afuraffaanis malakata isaa afuufe; aduun harka sadii keessaa harki tokko, jiʼi harka sadii keessaa harki tokko, urjiinis harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kanaanis ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko ni dukkanaaʼe. Guyyaan harka sadii keessaa harki tokko akkasumas halkan harka sadii keessaa harki tokko ifa malee hafe. Anis ilaalee risaa samii walakkaa barrisaa sagalee guddaadhaan, “Sababii sagalee malakataa kan ergamoota biraa sadaniin dhageessifamuuf jiru sanaatiif warra lafa irra jiraataniif Wayyoo! Wayyoo! Wayyoo!” jedhee iyyu tokko nan dhagaʼe.
”Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname.
”Ergamaan jaʼaffaanis malakata isaa afuufe; anis gaanfa afran kanneen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqaa dura jiru irraa sagalee tokko nan dhagaʼe. Sagaleen sunis ergamaa jaʼaffaa malakata qabu sanaan, “Ergamoota afran kanneen laga Efraaxiisi guddicha biratti hidhaman sana gad dhiisi” jedhe. Ergamoonni afran saʼaatii kanaaf, guyyaa kanaaf, jiʼaa fi waggaa kanaaf qopheeffamanii turanis sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko fixuuf gad dhiifaman. Baayʼinni loltoota fardeeniin duulanii miliyoona dhibba lama ture. Anis baayʼina isaaniis nan dhagaʼe.
”Anis utuu ergamaan Waaqaa inni jabaan biraa tokko samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Waaqaatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture. Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture; innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan. Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, “Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. Ergamaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa samiitti ol qabe. Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru! Garuu guyyoota ergamaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Waaqaa akkuma inni raajota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama.”
”Sagaleen ani samii irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, “Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee ergamaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu” naan jedhe. Kanaafuu ani gara ergamichaa dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, “Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’” naan jedhe. Anis kitaaba maramaa xinnaa sana ergamicha harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame. Ergasii immoo, “Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhamee natti himame.
”Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture. Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan; akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.
”Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan. Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban.
”Isaanis fuula teessichaa duratti, fuula uumamawwan lubbuu qabeeyyii afraniitii fi fuula maanguddootaa duratti faarfannaa haaraa tokko faarfatan. Faarfannaa sanas namoota 144,000 warra lafa irraa furaman sana malee namni tokko iyyuu barachuu hin dandeenye.
”Anis ergamaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee wangeela bara baraa qabatee samii walakkaa barrisu tokko nan arge. Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa.” Ergamaan lammaffaanis itti aansee, “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti” jedhe. Ergamaan Waaqaa inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate, innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Waaqaa isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula ergamoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata.
”Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaatii baʼee sagalee guddaadhaan isa duumessa irra taaʼe sanaan, “Midhaan lafaa waan bilchaateef, yeroon haamaas waan gaʼeef haamtuu kee fudhadhuutii haami” jedhee iyye. Kanaafis inni duumessa irra taaʼe sun haamtuu isaa lafatti dhaabe; laftis ni haamamte.
”Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaa isa samii keessaatii baʼe; innis akkasuma haamtuu qaramaa qaba ture. Ammas ergamaan Waaqaa kan biraa inni ibidda irratti taayitaa qabu tokko iddoo aarsaa biraa dhufee, sagalee guddaadhaan ergamaa haamtuu qaramaa qabu sanaan, “Hurbuun wayinii waan bilchaateef haamtuu kee qaramaa sana fudhadhuutii hurbuu wayinii lafaa walitti qabi” jedhe. Ergamichis haamtuu isaa lafatti dhaabe; hurbuu wayinii lafaas walitti qabee gara iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Waaqaa isa guddaatti darbate. Isaanis iddoo cuunfaa wayinii kan magaalaan ala jiru keessatti dhidhiitaman; iddoo cuunfaa sana keessaas dhiigni hamma luugama fardaatti ol kaʼee fageenya gara kiiloo meetira 300 lolaʼe.
”Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.
”Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan. Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne. Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.
”Anis sagalee guddaa, ergamoota torbaniin, “Dhaqaatii, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqaa torban keessaa lafa irratti dhangalaasaa” jedhu tokko mana qulqullummaa keessaa nan dhagaʼe. Ergamaan Waaqaa inni jalqabaa dhaqee waciitii isaa keessaa lafa irratti dhangalaase; namoota mallattoo bineensichaa of irraa qabanii fi fakkii isaatiif sagadanittis madaan hamaanii fi dhukkubsaan ni yaaʼe. Ergamaan lammaffaan waciitii isaa keessaa galaanatti dhangalaase; galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe; lubbuu qabeeyyiin galaana sana keessaa hundinuus ni duʼan. Ergamaan sadaffaan waciitii isaa keessaa lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase; isaanis dhiiga taʼan. Ergamaan bishaanota irratti itti gaafatamummaa qabus utuu akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Yaa Isa Qulqulluu, kan jirtu, kan turte, sababii wantoota kanneen murteessiteef, ati qajeelaa dha; Waan isaan dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga raajotaa dhangalaasaniif, ati immoo akka isaan dhuganiif dhiiga isaaniif kenniteerta; kun isaaniif ni malaatii.” Anis utuu iddoon aarsaa, “Eeyyee yaa Waaqayyo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, murtiin kee dhugaa fi qajeelaa dha” jedhuu nan dhagaʼe. Ergamaan afuraffaanis waciitii isaa keessaa aduu irratti dhangalaase; aduudhaafis akka isheen ibiddaan nama gubduuf humni ni kenname. Namoonnis hoʼa guddaa sanaan ni gubatan; maqaa Waaqa dhaʼicha kanneen irratti humna qabu sanaas ni abaaran; qalbii jijjiirrachuu fi ulfina isaaf kennuus ni didan. Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan; sababii dhukkubbii fi madaa isaaniitiifis Waaqa samii ni abaaran; garuu hojii isaanii irraa qalbii hin jijjiirranne. Ergamaan jaʼaffaanis waciitii isaa keessaa Efraaxiis lagicha guddaa irratti dhangalaase; bishaan laga sanaas mootota Baʼa Biiftuutii dhufaniif akka karaan qopheeffamuuf ni goge.
”Ergamaan torbaffaanis waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti dhangalaase; sagaleen guddaan, “Raawwatameera!” jedhu tokkos mana qulqullummaatii teessoo keessaa baʼe.
”Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa. Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.” Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture.
”Ergasiis utuu ergamaan biraa samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis taayitaa guddaa qaba ture; ulfina isaatiinis lafti ni ifte.
”Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe: “Baabilon magaalaa guddittiin, akkasuma furguggifamtee ni darbatamti; gonkumaas deebitee hin argamtu.
”Maanguddoonni digdamii afranii fi uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran kufanii Waaqa teessoo irra taaʼee jiru sanaaf sagadan; sagalee guddaadhaanis, “Ameen; Haalleluuyaa!” jedhan.
”Ergamaa tokkos utuu inni aduu irra dhaabatuu nan arge; innis sagalee guddaadhaan simbirroota samii walakkaa barrisanitti akkana jedhee iyye; “Kottaa, irbaata Waaqaa isa guddaaf walitti qabamaa;
”Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
”Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe. Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise.
”Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safara namaa kan ergamichi ittiin safaraa ture sanaatti dhundhuma 144 taʼe.
”Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe. Inni garuu, “Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!” naan jedhe.
”“Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.”
”