03 – Namoota

Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Namoota.

Aayatoota sadii baay’ee murteessoo

Faarfannaa 139:13-14

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite. Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.

Galaatiyaa 3:28

Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.

Uumama 6:11-12

Lafti fuula Waaqaa duratti faalamtee jeequmsaan guutamte turte. Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Waaqni akka lafti faalamte arge.

Aayatoota hundi tartiiba seera-qabeessa keessatti – kutaalee 141

Uumama 1:26-30

Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe. Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume. Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen. Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera. Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe.

Uumama 2:7

WAAQAYYO Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.

Uumama 2:18

WAAQAYYO Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe.

Uumama 2:23-25

Namichis akkana jedhe; “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; foon kunis foon foon kootii ti; isheen waan dhiira irraa argamteef ‘dubartii’ jedhamti.” Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu. Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.

Uumama 3:19

Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.”

Uumama 5:1-2

Kun galmee sanyii Addaam. Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche. Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame.

Uumama 6:3

Yommus WAAQAYYO, “Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa” jedhe.

Uumama 6:5-6

WAAQAYYOS akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge. WAAQAYYOS waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde.

Uumama 6:11-12

Lafti fuula Waaqaa duratti faalamtee jeequmsaan guutamte turte. Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Waaqni akka lafti faalamte arge.

Uumama 8:21

WAAQAYYOS foolii tolaa sana urgeeffatee garaa isaa keessatti akkana jedhe; “Yoo wanni namni ijoollummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hammina taʼe illee ani sababii namaatiif jedhee lammata lafa hin abaaru. Ani akkan kanaan dura godhe sana deebiʼee uumamawwan jiraatoo hunda hin balleessu.

Lewwota 17:11

Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.

1 Saamuʼeel 2:6

“WAAQAYYO ni ajjeesa; ni fayyisas; siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa.

1 Saamuʼeel 16:7

WAAQAYYO garuu Saamuʼeeliin, “Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. WAAQAYYO waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; WAAQAYYO garuu waan garaa keessa jiru ilaala” jedhe.

Iyyoob 1:21

akkana jedhe: “Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe; qullaa koos nan deema. WAAQAYYOTU kenne; WAAQAYYOTU fudhate; maqaan WAAQAYYOO haa eebbifamu.”

Iyyoob 4:18-19

Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata; yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?

Iyyoob 8:9

nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii; baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.

Iyyoob 10:8-12

“Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa? Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa? Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? Akka baaduus na hin itichinee? Ati gogaa fi foon natti uffifte; lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite. Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte; kunuunsi kees hafuura koo naa eege.

Iyyoob 12:10

Lubbuun uumama hundaa, hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira.

Iyyoob 14:1-2

“Nama dubartoota irraa dhalate, barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha. Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas; akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu.

Iyyoob 14:5

Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha; baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira; daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta.

Iyyoob 15:16

yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan, kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun hammam hammasii gad haa taʼu ree!

Iyyoob 16:22

“Waggoota xinnoo booddee, ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.

Iyyoob 25:6

namni raammoo foonii taʼe, ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”

Iyyoob 27:3-4

hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti, afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu.

Iyyoob 33:4

Hafuura Waaqaatu na uume; hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.

Faarfannaa 8:4

akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?

Faarfannaa 8:5-8

Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite. Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; waan hundas miilla isaa jala galchite; bushaayee fi loon hunda, bineensota bosonaas, simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa, waan daandii galaanaatiin darbu hundas miilla isaa jala galchite.

Faarfannaa 14:1-3

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. WAAQAYYO yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.

Faarfannaa 24:1-2

Faarfannaa Daawit. Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan WAAQAYYOO ti; inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; bishaan irras ishee dhaabeera.

Faarfannaa 33:13-15

WAAQAYYO samii irraa gad ni ilaala; ilmaan namootaa hundas ni arga; inni teessoo isaa irra taaʼee, warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala; inni garaa nama hundumaa uumu sun, hojii isaanii hunda ni hubata.

Faarfannaa 39:4-5

Yaa WAAQAYYO, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi; dheerina umurii kootiis na barsiisi; jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi. Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta; umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu; jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.

Faarfannaa 39:11

Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas; akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita; dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.

Faarfannaa 51:5

Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.

Faarfannaa 51:17

Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.

Faarfannaa 53:1-3

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. Waaqni yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.

Faarfannaa 78:39

Innis akka isaan nama duʼa hin oolle, qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.

Faarfannaa 89:47-48

Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu. Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte! Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti?

Faarfannaa 90:10

Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama, yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa; kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera; inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.

Faarfannaa 90:12

Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf, bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.

Faarfannaa 102:11-12

Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; anis akkuma margaa gogeera. Yaa WAAQAYYO, ati bara baraan teessoo irra jirta; yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.

Faarfannaa 103:14-16

inni akka nu itti uumamne ni beekaatii; akka nu biyyoo taanes ni yaadata. Barri namaa akkuma margaa ti; akka abaaboo dirrees ni misa; inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada; iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.

Faarfannaa 104:29

Yeroo ati fuula kee dhokfattutti, isaan ni naʼu; yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti, isaan duʼanii biyyootti deebiʼu.

Faarfannaa 115:16-17

Samiin samiiwwanii oliis kan WAAQAYYOO ti; lafa garuu inni namaaf kenneera. Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan WAAQAYYOON galateeffachuu hin dandaʼan;

Faarfannaa 139:1-4

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa WAAQAYYO, ati na qorteerta; na beekteertas. Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta; yaada koos fagootti hubatta. Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta; karaa koo hundas beekta. Yaa WAAQAYYO, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre, ati guutumaan guutuutti ni beekta.

Faarfannaa 139:13-18

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite. Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka. Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, lafeen koo si duraa hin dhokanne. Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame, iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin, kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru. Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata! Baayʼinni isaas akkam guddaa dha! Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee, silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata. Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.

Faarfannaa 144:4

Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti, barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.

Faarfannaa 146:3-4

Abdii keessan bulchitoota irra, namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa. Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu; guyyuma sanas karoorri isaanii bada.

Fakkeenya 11:20

WAAQAYYO warra yaada jalʼaa qaban balfa; warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.

Fakkeenya 21:1-2

Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka WAAQAYYOO keessa jira; innis garuma fedhetti qajeelcha. Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata; WAAQAYYO garuu yaada namaa madaala.

Fakkeenya 22:2

Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii WAAQAYYOO dha.

Lallaba 5:15

Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa; inni akkuma dhufetti deebiʼee deema. Inni waan itti dadhabe keessaa waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.

Lallaba 7:1

Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.

Lallaba 7:20

Namni qajeelaan waan qajeelaa malee cubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru.

Lallaba 8:8

Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu; kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu. Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana, hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu.

Lallaba 9:3

Hamminni waan aduudhaa gaditti taʼu hunda keessa jiru kanaa dha: Galgalli nama hundaa tokkoo dha. Kana malees garaan namootaa hamminaan guutameera; bara jireenya isaanii keessas maraatummaatu garaa isaanii keessa jira; ergasii isaan warra duʼanitti dabalamu.

Lallaba 11:5

Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu.

Isaayyaas 40:6-7

Sagaleen tokko “Iyyi” jedha. Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe. “Namni hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti. Sababii hafuurri WAAQAYYO baafatu isaanitti bubbisuuf margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa. Dhugumaan namni marguma.

Isaayyaas 42:5

WAAQAYYO Waaqni samiiwwan uumee diriirse, inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee warra ishee irra jiraataniifis jireenya kenne sun akkana jedha:

Isaayyaas 44:24

“WAAQAYYO Furiin kee, kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: Ani WAAQAYYO Tolchaan waan hundaa isa samiiwwan diriirse, isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;

Isaayyaas 51:12

“Kan isin jajjabeessu ana; anuma. Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle, ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?

Isaayyaas 53:6

Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; WAAQAYYOS balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.

Isaayyaas 55:8-9

“Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha WAAQAYYO. “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.

Isaayyaas 64:6-8

Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; hundi keenya akkuma baalaa coollagne; cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate. Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru; yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru; ati fuula kee nu dhokfattee sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii. Taʼus yaa WAAQAYYO, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti.

Ermiyaas 1:5

“Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”

Ermiyaas 16:12

Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii.

Ermiyaas 17:5

WAAQAYYO akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa WAAQAYYO irraa garagalu abaaramaa dha.

Ermiyaas 17:9-10

Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa? “Ani WAAQAYYO nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”

Hisqiʼeel 18:4

Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.

Hisqiʼeel 36:26

Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.

Hisqiʼeel 37:5-6

WAAQAYYO Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani WAAQAYYO taʼe ni beektu.’ ”

Maatewos 9:36

Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.

Maatewos 10:30-31

Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera. Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

Maatewos 12:35

Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa.

Maatewos 15:18-19

Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa. Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.

Maatewos 19:14

Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.

Maatewos 26:41

Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”

Maarqos 7:21-23

Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja, doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa. Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’ ”

Maarqos 10:6-9

Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’ ‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”

Maarqos 10:18

Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.

Luqaas 6:45

Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.

Luqaas 12:7

Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

Yohannis 1:12-13

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne. Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.

Yohannis 2:24-25

Yesuus garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne. Akka namni tokko iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii.

Yohannis 3:3-7

Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen. Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura. Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’

Yohannis 3:16

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Yohannis 3:19

Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.

Yohannis 8:23-24

Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti. Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”

Hojii 17:25-28

Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu. Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse. Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe. Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’

Roomaa 1:18

Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu;

Roomaa 1:22-24

Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan; ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran. Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne.

Roomaa 3:4

Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf” jedhamee barreeffamee dha.

Roomaa 3:10-12

Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu; namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru. Hundinuu dogoggoraniiru; walumatti warra faayidaa hin qabne taʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.”

Roomaa 3:23

sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;

Roomaa 5:12

Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.

Roomaa 6:3-13

Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne. Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii. Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna. Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu. Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata. Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa. Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa. Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa.

Roomaa 6:19

Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa.

Roomaa 7:5

Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture.

Roomaa 7:18

Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu.

Roomaa 7:24

Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa?

Roomaa 8:3-9

Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni Ilma ofii isaa bifa foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure. Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha. Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu. Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha. Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu. Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan. Isin garuu yoo Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraate akka Hafuuraatti jiraattu malee akka fooniitti hin jiraattan. Eenyu iyyuu yoo Hafuura Kiristoos qabaachuu baate inni kan Kiristoos miti.

Roomaa 8:13

Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu.

Roomaa 9:8

Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Waaqaa miti.

Roomaa 13:14

Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.

1 Qorontos 2:14

Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu.

1 Qorontos 3:16-17

Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii? Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.

1 Qorontos 6:19-20

Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.

1 Qorontos 15:21-22

Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii. Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii.

1 Qorontos 15:39

Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu.

1 Qorontos 15:42-50

Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama. Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama; dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira. Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe. Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe. Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe. Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti. Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha samii sanaa ni uffanna. Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima.

2 Qorontos 4:16

Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.

2 Qorontos 5:1-4

Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna. Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna; nu yommuu isa ufannutti qullaa hin argamnuutii. Nu utuma dunkaana kana keessa jirruu ni aadna; baʼaanis nutti ulfaateera; nu garuu wanni duʼa hin oolle jireenyaan akka liqimfamuuf mana keenya kan samii irraa uffachuu malee akka uffanni nurraa baafamu hin barbaannuutii.

2 Qorontos 7:1

Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.

Galaatiyaa 3:28

Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.

Galaatiyaa 5:16-17

Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha. Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu.

Galaatiyaa 5:24

Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.

Galaatiyaa 6:8

Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.

Efesoon 2:3

Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre.

Efesoon 4:18

Sababii mata jabina isaaniitiinis waan wallaalummaan isaan keessa jiruuf hubannaan isaanii dukkaneeffameera; jireenya Waaqaa keessaas baʼaniiru.

Fiiliphisiyuus 1:21

Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha.

Fiiliphisiyuus 3:3

Sababiin isaa nu warri Hafuura Waaqaatiin waaqeffannu, warri Kiristoos Yesuusiin of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii;

Fiiliphisiyuus 3:18-21

Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Kiristoos taʼanii jiraatuutii. Dhumni isaanii badiisa; Waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama. Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna; innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.

Qolosaayis 2:8

Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.

Qolosaayis 3:11

Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Kiristoos garuu hunduma; hunduma keessas jira.

1 Tasaloniiqee 5:23

Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.

1 Xiimotewos 6:7

Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu.

2 Xiimotewos 1:7

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

2 Xiimotewos 3:2-5

Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.

Tiitoo 1:15-16

Warra qulqullaaʼoof wanni hundinuu qulqulluu dha; warra xuraaʼoo fi warra hin amanneef garuu wanni tokko iyyuu qulqulluu miti. Dhugumaanuu yaadni isaaniitii fi qalbiin isaanii xuraaʼeera. Isaan nu Waaqa beekna jedhu; hojii isaaniitiin garuu isa ganu. Isaan jibbamoo dha; warra hin ajajamnee fi warra waan gaarii tokko iyyuu hojjechuuf gaʼumsa hin qabnee dha.

Ibroota 2:6-8

Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera; “Akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali? Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; hojii harka keetii irrattis isa muudde. Waan hundas miilla isaa jala galchite.” Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu.

Ibroota 2:14-15

Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.

Ibroota 4:12-13

Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora. Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.

Ibroota 9:27

Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana

Yaaqoob 1:14-16

tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama. Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti. Yaa obboloota koo jaallatamoo, hin dogoggorinaa.

Yaaqoob 2:26

Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.

Yaaqoob 4:13-14

Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa. Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha.

1 Phexros 1:24

“Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;

1 Phexros 2:11

Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa.

1 Yohannis 2:15-17

Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru. Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti. Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.

1 Yohannis 3:1

Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Yihuudaa 1:23

Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.

Mulʼata 1:7

“Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa; iji hundinuu, warri isa waraanan iyyuu isa ni argu;” saboonni lafaa hundinuus “sababii isaatiif ni wawwaatu.” Akkasuma taʼa! Ameen.

Oromo - Oromoo - OM

GAZCV'22 - Oromo Contemporary Biblica - 2022

This Bible text is from Biblica Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022
https://open.bible/bibles/oromo_latin-biblica-text-bible/
provided by: Biblica Inc, available by Creative Commons CC-BY-SA-4.0,
and this new compilation is shared as www.creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0.
Languages are made available to you by www.ipedge.net