26 – Mootummaa
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Mootummaa.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Mootummaa.
Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera.
”Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis WAAQAYYOO fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman; isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa.
”Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture. Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan; akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina. Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.”
”WAAQAYYO Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
”“Nama dhiiga namaa dhangalaasu, dhiigni isaa harka namaatiin dhangalaafama; Waaqni bifa Waaqaatiin nama uumeetii.
”Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.
”Bara sana addunyaan guutuun afaan tokkoo fi haasaa tokko qaba ture. Namoonni akkuma gara baʼa biiftuutti godaananiin, Shineʼaar keessatti lafa diriiraa argatanii achi qubatan. Isaanis, “Kottaa mee xuubii hojjennee ibiddaan gubnaa” waliin jedhan. Isaanis qooda dhagaa, xuubiitti fayyadaman; hapheedhaaf immoo leeleetti fayyadaman. Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan. WAAQAYYO garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe. WAAQAYYOS akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu. Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!” Kanaafuu WAAQAYYO achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan. Waan WAAQAYYO achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; WAAQAYYO iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
”“Ani saba guddaa sin taasisa; sin eebbisas; maqaa kee illee guddaa nan taasisa; atis eebba taataa.
”Waaqni akkana isaan jedhe; “Ani Waaqa Waan Hunda Dandaʼu dha; hori; baayʼadhus. Sabnii fi waldaan sabootaa sirraa argamu; mootonnis mudhii kee keessaa baʼu.
”Ati masaraa koo irratti itti gaafatamaa taata; sabni koo hundinuus ajaja kee jalatti bula. Ani ulfina teessoo qofaan si caala.” Faraʼoonis Yoosefiin, “Ilaa, ani biyya Gibxi hunda irratti si muudeera” jedhe. Ergasii Faraʼoon qubeelaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoosefitti kaaʼe. Uffata quncee talbaa haphii irraa hojjetame isatti uffise; amartii warqee morma isaatti kaaʼe. Innis gaarii isaa isa lammaffaa irra isa teessise; namoonnis, “Sagadaa!” jechaa fuula isaa dura deemanii iyyaa turan; akkanaan Faraʼoon biyya Gibxi hunda irratti isa muude. Ergasiis Faraʼoon Yoosefiin, “Ani Faraʼoonii dha; garuu ajaja kee malee namni guutummaa Gibxi harka isaa yookaan miilla isaa sochoosu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
”Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma WAAQAYYO isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate. Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan. Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite. Taʼus Faraʼoon akkuma WAAQAYYO dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.
”Museen akkana jedhe; “WAAQAYYO akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba. Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa. Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa. Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka WAAQAYYO Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu. Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.
”Halkan walakkaatti WAAQAYYO ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu hangafaa jalqabee hamma ilma namicha boolla mana hidhaa keessa jiru hangafaatti hangafoota Gibxi hunda dhaʼe; hangafoota horiis akkasuma dhaʼe. Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa hundi, warri Gibxi hundis halkaniin kaʼan; sababii manni namni keessaa hin duʼin tokko iyyuu hin turiniif booʼicha guddaatu Gibxi keessa ture.
”“WAAQAYYO, bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”
”Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda. Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii.
”Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate. Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Museetti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan.
”isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.” Museen deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf WAAQAYYO isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse.
”“Waaqa hin arrabsin; bulchaa saba keetiis hin abaarin.
”“ ‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa. Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti. Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin. Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte. Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti.
”“ ‘Akka lafti ani akka isin keessa jiraattaniif itti isin fidu sun isin hin tufneef ajajaa fi seera koo hunda eegaa; duukaa buʼaas. Isin bartee saboota ani fuula keessan duraa ariʼee baasuuf jiru kanneenii duukaa hin buʼinaa; sababii isaan wantoota kanneen hunda hojjetaniif ani isaan jibbeera. Ani garuu, “Isin lafa isaanii ni dhaaltu; anis lafa aannanii fi damma baasu dhaala godhee isiniifin kenna” jedheera. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan kan saboota kaan irraa addaan isin baasee dha.
”Kunneen labsiiwwan, seerawwanii fi qajeelcha WAAQAYYO Gaara Siinaa irratti harka Museetiin ofii isaatii fi Israaʼeloota gidduutti baasee dha.
”Ati yommuu biyya WAAQAYYO Waaqni kee siif kennutti galtee dhaaltuu fi biyya sana keessa qubattee, “Akkuma saboota naannoo koo jiraataniitti anis mootii of irrattan moosisa” jettutti, mootii WAAQAYYO Waaqni kee filatu of irratti moosisi. Nama obboleessa kee Israaʼel taʼe keessaa malee nama biyya alaa of irratti hin moosisin. Sababii WAAQAYYO, “Lammata garas hin deebitan” jedhee sitti himeef, mootichi ofii isaatii fardeen hin baayʼifatin yookaan lakkoobsa fardeenii baayʼifachuuf jedhee gara Gibxitti saba hin deebisin. Akka yaadni isaa hin badneef inni niitota baayʼee fuudhuu hin qabu; meetii fi warqee baayʼisees walitti qabachuu hin qabu.
”Inni yommuu teessoo mootummaa isaa irra taaʼutti garagalchaa seera kanaa luboota Lewwota taʼan irraa fudhatee kitaaba maramaa irratti ofii isaatii haa barreeffatu. Inni akka WAAQAYYO Waaqa isaa sodaachuu baratuuf dubbii seera kanaa hundaa fi ajajawwan kanneen of eeggannaadhaan duukaa buʼuuf kitaabichi isa wajjin haa turu; innis bara jireenya isaa guutuu haa dubbisu; kunis akka inni akka waan obboloota isaa caaluutti of ilaalee seericha irraa gara mirgaatti yookaan bitaatti hin gorreef. Akkasiinis innii fi sanyiin isaa mootummaa isaa irratti Israaʼel keessatti bara dheeraadhaaf ni mooʼu.
”Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti, yommuu sanyii namaas gargar qoqoodetti, akkuma baayʼina ilmaan Israaʼelitti namootaaf daarii dhaabe.
”Namoonni Israaʼelis Gidewooniin, “Ati waan harka Midiyaanotaa jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan. Gidewoon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. WAAQAYYOTU isin bulcha” isaaniin jedhe.
”Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.
”Saamuʼeel yeroo dulloometti ilmaan isaa abbootii murtii godhee Israaʼeliif muude. Maqaan ilma isaa hangaftichaa Yooʼeel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa jedhama; isaanis Bersheebaa keessatti abbootii murtii turan. Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan.
”Garuu, “Mootii nu bulchu nuuf muudi” jechuun isaanii waan Saamuʼeelin hin gammachiisiniif inni WAAQAYYOON kadhate. WAAQAYYOS akkana isaan jedhe; “Waan sabni sun siin jedhu hunda dhagaʼi; isaan akka ani mootii isaanii hin taaneef na tuffatan malee si hin tuffanne.
”Egaa amma waan isaan jedhan dhagaʼi; garuu sirriitti isaan akeekkachiisiitii haala mootii isaan irratti mooʼu sanaa isaanitti himi.” Saamuʼeelis dubbii WAAQAYYOO hunda namoota akka mootiin isaaniif moosifamuuf gaafatan sanatti hime. Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni mootiin isin irratti mooʼu sun godhu kana: Inni ilmaan keessan fudhatee akka isaan gaariiwwan isaa irra tajaajilan godha; abbootii fardaas isaan godhata; isaanis gaariiwwan isaa dura fiigu. Gariin isaanii ajajjuuwwan kumaa, gariin isaanii immoo ajajjuuwwan shantamaa, kaan immoo akka isaan lafa isaa qotanii midhaan isaa walitti qaban godha; warra hafanis akka isaan miʼa lolaatii fi miʼa gaariiwwan isaa hojjetan godha. Intallan keessan fudhatee qopheessitoota dibata urgaaʼaa, qopheessitoota ittoo fi tolchitoota buddeenaa godhata. Lafa qotiisaa keessan isa filatamaa, iddoo dhaabaa wayiniitii fi iddoo itti ejersa cuunfan isin irraa fudhatee hojjettoota isaatiif kenna. Midhaanii fi ija wayinii keessanii harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltota isaatii fi hojjettoota isaatiif kenna. Garboota dhiiraatii fi garboota dubartii, horii gagaarii fi harroota keessan fudhatee hojii ofii irratti bobbaafata. Bushaayee keessan keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni fudhata; isin mataan keessanuu garboota isaa taatu. Gaafas isin mootii keessan isa ofii keessaniif filattan sana jalaa furamuuf ni iyyitu; garuu guyyaa sana WAAQAYYO deebii isinii hin kennu.”
”Namoonni sun garuu Saamuʼeelin dhagaʼuu didanii akkana jedhan; “Hin taʼu! Nu mootii nu bulchu feena. Ergasiis akkuma saboota kaanii taana; mootiin keenyas nu hooggana; nu dura baʼees lola keenya nuu lola.”
”Saamuʼeel yommuu Saaʼolin argetti, WAAQAYYO, “Namichi ani waaʼee isaa sitti dubbadhe sun isa kana; inni saba koo ni bulcha” jedheen.
”Ergasii Saamuʼeel zayitii bilillee tokko fuudhee mataa Saaʼol irratti dhangalaasee isa dhungatee akkana jedhe; “Akka ati dhaala isaa irratti mootuuf WAAQAYYO si hin dibnee?
”Isin garuu amma Waaqa keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hunda jalaa isin baase sana dhiiftaniirtu. Isin, ‘waawuu; mootii nu bulchu nuu muudi’ jettaniirtu. Kanaafuu gosa gosaa fi balbala balbala keessaniin fuula WAAQAYYOO duratti of dhiʼeessaa.”
”Saamuʼeelis saba sana hundaan, “Namicha WAAQAYYO isa filate argituu? Saba hunda keessaa kan akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedhe. Namoonnis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan. Saamuʼeelis seera mootummaan sun ittiin bulu namootaaf ibse. Kitaaba keessattis barreessee fuula WAAQAYYOO dura kaaʼe. Ergasii Saamuʼeel namoota hunda gara mana isaaniitti of irraa geggeesse.
”Saaʼol garuu Gibeʼaatti deebiʼee mana ofii isaatti gale; namoonni jajjaboon Waaqni yaada isaanii kakaases isa wajjin deeman. Garuu namoonni kashlabboonni tokko tokko, “Namni kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?” jedhan. Isas ni tuffatan. Kennaa tokko illees hin fidneef. Saaʼol garuu ni calʼise.
”Yeroo Saaʼol dubbii kana dhagaʼettis Hafuurri Waaqaa humnaan isa irra buʼe; innis aaree bobaʼe. Innis sangoota cimdii tokko fuudhee kukkutee foon isaanii harka ergamootaatti erguudhaan, “Sangoonni nama Saaʼolii fi Saamuʼeelin duukaa hin buune kamii iyyuu akkas taʼu” jedhee guutummaa Israaʼel keessa labse. Sodaachifni WAAQAYYOOS waan nama hunda qabateef namni hundinuu akkuma nama tokkootti baʼe.
”Ergasiis namoonni Saamuʼeeliin, “Warri, ‘Saaʼol nurratti mootii taʼuu hin qabu’ jedhan eenyu faʼi? Namoota kanneen nuu fidi ni ajjeefnaatii” jedhan.
”Kanaafuu namoonni hundinuu gara Gilgaal dhaqanii Saaʼol mootii taʼuu isaa fuula WAAQAYYOO duratti mirkaneessan. Aarsaa nagaas fuula WAAQAYYOO duratti dhiʼeessan; Saaʼolii fi sabni Israaʼel hundis guddaa gammadan.
”“Yommuu akka Naahaash mootiin Amoonotaa isinitti dhufe argitanitti garuu, WAAQAYYO Waaqni keessan mootii keessan taʼu iyyuu isin, ‘Lakki; nu mootii nu bulchu barbaannaa’ jettan. Ammas mootiin isin gaafattanii fi filattan kunoo ti! WAAQAYYO mootii isin irratti moosiseera. Yoo isin WAAQAYYOON sodaattan, yoo isa tajaajiltan, yoo isaaf ajajamtanii fi yoo ajaja isaatti finciluu baattan, yoo hundi keessanii fi mootiin isin irratti moosifame sun WAAQAYYO Waaqa keessan faana buutan gaarii dha! Yoo isin WAAQAYYOOF ajajamuu baattanii ajaja isaatti finciltan akkuma abbootii keessanitti kaʼe sana harki isaa isinittis ni kaʼa.
”Namoonni hundinuus Saamuʼeeliin, “Akka nu tajaajiltoonni kee hin dhumneef WAAQAYYOON Waaqa kee nuuf kadhadhu; nu cubbuu keenya hunda irratti daballee mootiin nurratti akka moʼu gaafachuudhaan daba hojjenneerraatii” jedhan. Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe; “Hin sodaatinaa; isin hammina kana hunda raawwattaniirtu; taʼus garaa guutuudhaan WAAQAYYOON tajaajilaa malee WAAQAYYO irraa hin deebiʼinaa.
”Yoo hammina hojjechuu itti fuftan garuu, isinis mootiin keessanis ni baddu.”
”Innis akkuma yeroo Saamuʼeel murteesse sanaatti bultii torba eege; Saamuʼeel garuu gara Gilgaal hin dhufne; namoonni Saaʼolis bibittinnaaʼuu jalqaban. Saaʼolis, “Aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa as naa fidaa” jedhe. Innis aarsaa gubamu ni dhiʼeesse. Akkuma Saaʼol aarsaa dhiʼeessee xumureen Saamuʼeel dhufe. Saaʼolis isa simachuuf gad baʼe. Saamuʼeel, “Ati maal gochuu kee ti?” jedhee gaafate. Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Ani yeroon akka sabni bibittinnaaʼe, akka ati yeroo murteeffametti hin dhufinii fi akka Filisxeemonni Mikmaasitti walitti qabaman argetti, ‘Filisxeemonni Gilgaalitti natti dhufan; anis surraa WAAQAYYOO hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaafuu aarsaa gubamu dhiʼeessuun dirqama natti taʼe.” Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati waan siif hin malle hojjete; ajaja WAAQAYYO Waaqni kee siif kenne hin eegne; utuu ajaja isaa eegdee jiraattee inni mootummaa kee Israaʼel irratti jabeessee bara baraan ni dhaaba ture. Amma garuu mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; WAAQAYYO nama akka fedhii garaa isaa taʼe argateera; sababii ati ajaja WAAQAYYOO hin eeginiif inni dura deemaa saba isaa godhatee isa muudateera.”
”Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “WAAQAYYO akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala. Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii WAAQAYYOO tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”
”Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja WAAQAYYOOTII fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera. Ammas cubbuu koo naa dhiisiitii akka ani WAAQAYYOOF sagaduuf na wajjin deebiʼi.” Saamuʼeel immoo, “Ani si wajjin hin deebiʼu. Ati dubbii WAAQAYYOO tuffatteerta; WAAQAYYOS saba Israaʼel irratti mootii taʼuu kee tuffateera!” jedheen.
”Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri WAAQAYYOO humnaan Daawit irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.
”Kana booddee Daawit waan fiixee wayyaa Saaʼol kuteef ni gaabbe. Namoota isaatiinis, “Gooftaa koo kan WAAQAYYO dibetti waan akkasii gochuu yookaan harka koo isatti ol kaafachuu irraa WAAQAYYO na haa oolchu; inni dibamaa WAAQAYYOOTII” jedhe. Daawitis dubbii kanaan namoota isaa ifatee akka isaan Saaʼolin hin tuqne godhe. Saaʼolis holqa sana keessaa baʼee qajeele. Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagade.
”Akka ati dhugumaan mootii taatuu fi akka mootummaan Israaʼel harka keetti jabaatee dhaabatu anuu beeka. Ati akka sanyii koo hin balleessine yookaan akka maqaa koos maatii abbaa koo keessaa hin balleessine amma maqaa WAAQAYYOOTIIN naaf kakadhu.” Kana irratti Daawit Saaʼoliif kakate. Ergasii Saaʼol manatti gale; Daawitii fi namoonni isaa garuu daʼannootti deebiʼan.
”Daawit garuu Abiishaayiin akkana jedhe; “Isa hin ajjeesin! Namni nama WAAQAYYO dibetti harka ol fudhatee yakka malee hafu jiraa? Dhugaa WAAQAYYO jiraataa, WAAQAYYO mataan isaa iyyuu isa ni galaafata yookaan inni yeroon isaa gaʼee ni duʼa yookaan duula dhaqee achitti ni duʼa. Garuu akka ani dibamaa WAAQAYYOOTTI harka koo ol hin kaafanne WAAQAYYO na haa eegu; amma garuu eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.” Kanaafuu Daawit eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii WAAQAYYO hirriba cimaa isaanitti gad dhiiseef hundi isaanii rafanii turan.
”Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa WAAQAYYOO tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate. Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe. Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama WAAQAYYO isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen.
”Ergasiis namoonni Yihuudaa gara Kebroon dhufanii mana Yihuudaa irratti Daawitin mootii godhanii diban. Yeroo akka namoonni Yaabeesh Giliʼaad Saaʼolin awwaalan Daawititti himametti,
”yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba. Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba. Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa. Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu. Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ” Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
”Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
”Waaqni Israaʼel dubbateera; Kattaan Israaʼel akkana naan jedhe: ‘Namni qajeelummaan saba bulchu, kan sodaa Waaqaatiin bulchu,
”Isaanis, “Naataan raajichi as jira” jedhanii mootichatti himan. Kanaafuu Naataan dhufee fuula mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
”Zaadoq lubichi dunkaana qulqulluu keessaa gaanfa zayitii fuudhee Solomooniin dibe. Isaanis malakata afuufanii namoonni hundi, “Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhanii iyyan. Namoonni hundi hamma sagalee sanaan lafti sochootutti faaggaa afuufaa gammachuu guddaadhaan isa faana ol baʼan.
”Solomoon akkuma ajaja abbaan isaa Daawit isaaf kenneetti jiraachaa jaalala WAAQAYYOOF qabu argisiise; garuu aarsaa fi ixaana aarfamu iddoo ol kaʼaa irratti dhiʼeessaa ture. Mootichi aarsaa dhiʼeessuuf gara Gibeʼoon dhaqe; iddoon sunis iddoo sagadaa kan gaara irraa isa baayʼee jaalatamaa isa Solomoon aarsaa gubamu kuma tokko irratti dhiʼeesse tureetii.
”WAAQAYYOS Gibeʼoonitti halkan abjuu keessa Solomoonitti mulʼate; Waaqnis, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedhe. Solomoon immoo akkana jedhee deebise; “Ati sababii inni amanamummaa fi qajeelummaadhaan fuula kee dura jiraatee gara tolina siif qabaateef garbicha kee, abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote. Arjummaa guddaa kanas ittuma fufteefii harʼa ilma teessoo isaa irra taaʼu kenniteefii jirta. “Egaa yaa WAAQAYYO Waaqa ko, ati iddoo abbaa koo Daawit, garbicha kee mootii gooteerta. Ani garuu daaʼima xinnaa dha; hojii koos akkan itti hojjedhu hin beeku. Garbichi kee kunoo saba ati filatte saba guddaa, kan lakkaaʼamuu hin dandeenye yookaan herregamuudhaaf akka malee baayʼatu keessa jira. Kanaafuu hubannaa ani ittiin saba kee bulchuu fi waan gaarii fi waan hamaa ittiin gargar baasee beeku garbicha keetiif kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?” Solomoon waan kana kadhachuun isaa fuula Gooftaa duratti gammachiisaa ture. Kanaafuu Waaqni akkana jedheen; “Ati waan kana kadhatte malee ofii keetiif bara dheeraa yookaan sooroma yookaan lubbuu diinota keetii hin kadhanne; garuu waan murtii qajeelaa kennuuf hubannaa kadhatteef, ani waan ati kadhatte kana siifin kenna. Qalbii ogeessa waa hubatu kan namoonni si dura turan hin qabaatin, kan warri si duubaan dhufanis hin qabaanne siifin kenna. Kana malee iyyuu akka bara jireenya keetii keessa mootota gidduudhaa tokko illee siin hin qixxaanneef ani waan ati hin kadhatin sooromaa fi ulfina siifin kenna. Yoo ati karaa koo irra deemtee akkuma abbaan kee Daawit hojjete sana seeraa fi ajaja koo eegde, ani umurii kee nan dheeressa.”
”Solomoon iddoo aarsaa WAAQAYYOO duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa gara samiitti ol balʼisee akkanas jedhe: “Yaa WAAQAYYO Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
”Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture.
”Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan. Jarri kunneen saboota WAAQAYYO, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame. Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan. Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO Waaqa isaatiif hin kennamne. Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe. Solomoonis akkasiin fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO duukaa hin buune. Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare. Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.
”WAAQAYYOS sababii garaan Solomoon WAAQAYYO Waaqa Israaʼel kan yeroo lama isatti mulʼate sana irraa goreef isatti aare. Waaqni akka Solomoon waaqota biraa duukaa hin buune isa dhowwu iyyuu, Solomoon ajaja WAAQAYYOO hin eegne. Kanaafuu WAAQAYYO Solomooniin akkana jedhe; “Sababii yaadni kee akkana taʼee, atis kakuu fi seera ani siif kenne sana hin eeginiif, ani dhugumaan mootummaa sirraa baqaqsee tajaajilaa keetiif nan kenna.
”Bultii sadii booddee Yerobiʼaamii fi namoonni hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana gara Rehooboʼaamitti deebiʼan. Mootichi immoo afaan hamaadhaan namoota sanaaf deebii kenne. Gorsa maanguddoonni kennaniif sana didee gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
”Yerobiʼaamis gaara irratti iddoo sagadaa ijaaree saboota Lewwota hin taʼin keessaa luboota muude. Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaa keessa ayyaana akkuma ayyaana Yihuudaa keessatti ayyaaneffame sanaa tokko hundeessee iddoo aarsaa irratti qalma dhiʼeesse. Kanas fakkiiwwan jabbii kanneen tolchee ture sanaatiif aarsaa dhiʼeessuudhaan Beetʼeelitti hojjete. Akkasumas Beetʼeelitti iddoo sagadaa kan gaara irratti ijaaree ture sanatti luboota ramade.
”Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Waaqaa sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, “Isa qabaa!” jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye. Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Waaqaa sun dubbii WAAQAYYOOTIIN kenne sanaatti gargari baqaqee daaraan isa irra tures lafatti gad jige.
”Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase. Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.
”Ati warra siin dura jiraatan hunda caalaa waan hamaa hojjetteerta. Ati ofii keetiif waaqota biraa fakkiiwwan baqfamanii hojjetaman tolfattee dheekkamsaaf na kakaafte; dugda kee duubattis na gatte. “ ‘Sababii kanaaf ani amma mana Yerobiʼaam irratti badiisa nan fida. Ani mana Yerobiʼaamii dhiira hunda, garbicha yookaan birmaduu Israaʼel keessaa nan balleessa. Ani akkuma namni tokko kosii gubee barbadeessutti mana Yerobiʼaam gubeen barbadeessa.
”Innis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee akka Israaʼelis hojjetu godhe sanaatiif saba Israaʼel ni gata.”
”Bara mootummaa Yerobiʼaam ilma Nebaat keessa, waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe; innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte. Innis cubbuu abbaan isaa isaan dura hojjete hunda hojjete; garaan isaa akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO Waaqa isaatiif hin kennamne.
”Aasaan akkuma Daawit Abbaan isaa hojjete sana waan fuula WAAQAYYOO duratti qajeelaa taʼe hojjete. Inni mana sagadaa kan dhiirota sagaagalanii biyya sanaa balleessee waaqota tolfamoo abbootiin isaa hojjetan hundas barbadeesse. Akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana diigee Sulula Qeedroon keessatti ni gube. Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti balleessuu baate iyyuu bara jireenya isaa guutuu garaan Aasaa WAAQAYYOOF kennamee ture.
”Naadaab ilmi Yerobiʼaamis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa lammaffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama Israaʼelin bulche. Innis karuma abbaa isaa irra deemee cubbuu abbaan isaa hojjetee saba Israaʼelinis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete.
”Kunis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis cubbuu hojjechiisuudhaan WAAQAYYO Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaaseefii dha.
”Bara Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa sadaffaatti Baʼishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessatti Israaʼel hunda irratti mootii taʼee waggaa digdamii afur bulche. Innis karuma Yerobiʼaam irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete.
”Namoota Baʼishaan kanneen magaalaa keessatti dhuman sareetu nyaata; kanneen baadiyyaatti dhuman immoo allaattii samiitu nyaata.”
”Sababii inni akkuma mana Yerobiʼaam taʼuudhaan hojii harka isaatiin Waaqa dheekkamsaaf kakaasee Yerobiʼaaminis ajjeesuudhaan hammina fuula WAAQAYYOO duratti hojjete hundaaf dubbiin WAAQAYYOO karaa Yehuu raajichaa ilma Hanaaniin gara Baʼishaanii fi mana isaa dhufe.
”Akkasiin Zimriin akkuma dubbii WAAQAYYOO kan Baʼishaaniin mormuudhaan karaa Yehuu raajichaatiin dubbatame sanaatti maatii Baʼishaan hunda barbadeesse; kunis sababii cubbuu Baʼishaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetanii akka Israaʼeloonnis hojjetan gochuudhaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen WAAQAYYO Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaasaniif taʼe.
”Zimriinis yommuu akka magaalaan sun qabame argetti dallaa masaraa mootummaa seenee masaraa mootummaa of irratti gubee duʼe. Wanni kunis sababii inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina hojjechuu fi karaa Yerobiʼaam irra deemuudhaan cubbuu Yerobiʼaam hojjetee Israaʼelootas hojjechiise sana hojjeteef taʼe.
”Omriin garuu fuula WAAQAYYOO duratti hammina hojjetee namoota isa duraan turan hunda caalaa cubbame. Innis karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat hunda irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiisee akka isaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen WAAQAYYOON Waaqa Israaʼel aariif kakaasan godhe.
”Ahaab ilmi Omrii warra isa duraan turan kam iyyuu caalaa fuula WAAQAYYOO duratti hammina hojjete. Innis cubbuu Yerobiʼaam ilmi Nebaat hojjete sana hojjechuu akka waan salphaa tokkootti ilaaluu bira darbee Iizaabel intala Etebaʼaal mooticha Siidoonotaa fuudhe; dhaqees Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuu jalqabe. Innis mana Baʼaal itti waaqeffatamu tokko Samaariyaatti ijaaree iddoo aarsaa tokko achi keessa dhaabe. Ahaab ammas siidaa Aasheeraa dhaabee waan mootonni Israaʼel kanneen isa duraan turan hundi hojjetan caalaa hojjetee WAAQAYYOON Waaqa Israaʼel aariif kakaase.
”Yeroo Iizaabel raajota WAAQAYYOO ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture.
”Innis Eeliyaasin argee, “Kan Israaʼelin jeequ sun siʼii?” jedheen. Eeliyaas immoo deebisee akkana jedheen; “Siʼii fi mana abbaa keetiitu jeeqe malee ani Israaʼelin hin jeeqne. Isin ajaja WAAQAYYOO diddaniirtu; atis Baʼaal duukaa buuteerta. Egaa amma akka isaan Tulluu Qarmeloos irratti na arganiif saba Israaʼel hunda walitti naaf waami. Raajota Baʼaal dhibba afurii fi shantamaa fi raajota Asheeraa dhibba afran maaddii Iizaabel irraa nyaatan sanas naaf fidi.”
”Ahaab waan Eeliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti raajota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime. Kanaafuu Iizaabel nama tokko Eeliyaasitti ergitee, “Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jetteen.
”Dubbiin WAAQAYYOO akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe; “Ahaab mooticha Israaʼel kan Samaariyaa keessa taaʼee bulchu sana arguuf gad buʼi. Inni amma lafa qotiisaa sana dhaaluuf gad buʼee iddoo dhaabaa wayinii Naabot keessa jira. Atis akkana jedhiin: ‘WAAQAYYO akkana jedha; ati nama tokko ajjeeftee qabeenya isaa hin dhaallee?’ Ergasiis akkana jedhiin; ‘WAAQAYYO akkana jedha: Iddoo sareen dhiiga Naabot arraabde sanatti sareen dhiiga kees ni arraabdi; eeyyee dhugumaan dhiiga kees ni arraabdi!’ ” Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina ko, ati na argatteerta!” jedhe. Innis deebisee akkana jedheen; “Sababii ati fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjechuuf of gurgurteef ani si argadheera. ‘Ani badiisa sitti nan fida. Sanyii kee illee nan balleessa; dhiira mana Ahaab, garbas taʼu birmaduu hunda Israaʼel keessaa nan balleessa. Sababii ati aariif na kakaaftee fi akka Israaʼel cubbuu hojjetu gooteef ani mana kee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.’ “Waaʼee Iizaabelis WAAQAYYO akkana jedha: ‘Dallaa dhagaa Yizriʼeel biratti saroonni Iizaabelin ni nyaatu.’ “Nama Ahaab kan magaalaa keessatti duʼu kam iyyuu sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼu immoo allaattii samiitu nyaata.”
”Namni akka Ahaab isa niitii ofii isaa Iizaabeliin kakaafamee fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjechuudhaaf of gurgure sanaa gonkumaa hin jiru. Inni akkuma Amoorota kanneen WAAQAYYO saba Israaʼel duraa ariʼee baase sanaa waaqota tolfamoo duukaa buʼuudhaan waan akka malee jibbisiisaa taʼe hojjete. Ahaab yommuu dubbii kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee soome. Innis wayyaa gaddaatiin ciisaa, mataa buusees deemaa ture. Dubbiin WAAQAYYOOS akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe: “Ati akka Ahaab fuula koo duratti gad of qabe argitee? Sababii inni gad of qabeef ani balaa kana bara isaa keessa hin fidu; garuu bara ilma isaa keessa mana isaatti nan fida.”
”Isaanis haroo Samaariyaa keessaa kan sagaagaltoonni itti dhiqachaa turan tokko keessatti gaarii sana dhiqan; akkuma dubbiin WAAQAYYOO jedhee ture sana saroonni dhiiga isaa arraaban. Wantoonni bara mootummaa Ahaab keessa hojjetaman biraa, wantoota inni hojjete hunda dabalatee, masaraa mootummaa inni ijaaree ilka arbaatiin bareeche sun, magaalaawwan inni dallaa dhagaa itti ijaare kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
”Innis waan hundumaan karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula WAAQAYYOO durattis waan qajeelaa hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii achitti aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas aarsaa turan. Yehooshaafaaxis mootii Israaʼel wajjin nagaan jiraata ture.
”Ahaaziyaan ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼe; innis waggaa lama Israaʼelin bulche. Inni karaa abbaa isaatii fi haadha isaa irra akkasumas karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat kan Israaʼelin cubbuu hojjechiise sanaa irra deemuudhaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Innis akkuma abbaan isaa godhe sana Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuudhaan WAAQAYYO Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaase.
”Innis akkana jedhee mootichatti hime; “WAAQAYYO akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Waaqni gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!” Kanaafuu inni akkuma dubbii WAAQAYYOO kan Eeliyaas dubbate sanaatti duʼe. Sababii Ahaaziyaan ilma hin qabneef obboleessi isaa Yehooraam iddoo isaa buʼee mootii taʼe; kunis bara Yehooraam ilmi Yehooshaafaax mootii Yihuudaa ture keessa waggaa lammaffaatti taʼe.
”Yehooraam ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche. Yehooraam fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; garuu akka abbaa fi haati isaa hojjetan sana miti. Inni siidaa Baʼaal kan abbaan isaa hojjechiise sana balleesseeraatii. Taʼus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni saba Israaʼel hojjechiise sana cimsee qabate malee irraa hin deebine.
”Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe. Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula WAAQAYYOO durattis waan hamaa hojjete.
”Ahaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii mooticha Israaʼel sanaa turte. Innis karaa mana Ahaab duukaa buʼee, akkuma manni Ahaab godhe sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; inni karaa fuudhaatiin maatii Ahaabitti firoomee tureetii.
”Yommuu achi gaʼettis ajajjoota loltootaa kanneen walitti qabamanii tataaʼan arge. Innis, “Yaa ajajaa, ani ergaa siif qaba” jedhe. Yehuun immoo, “Nu keessaa, ati eenyuuf ergaa qabda?” jedhee gaafate. Innis, “Yaa ajajaa, siʼiif” jedhee deebise. Yehuun kaʼee mana ol seene. Raajichi sun mataa Yehuutti zayitii naqee akkana jedheen; “WAAQAYYO Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani saba WAAQAYYOO, Israaʼel irratti mootii godhee sin diba. Ati mana gooftaa keetii mana Ahaab balleessuu qabda; anis dhiiga garboota koo raajotaatii fi dhiiga garboota WAAQAYYOO kanneen Iizaabel dhangalaafte hunda haaloo nan baasa. Manni Ahaab guutumaan guutuutti ni bada. Ani dhiira maatii Ahaab kanneen Israaʼel keessatti hafan hunda garbas taʼu birmaduu nan balleessa.
”Ergasii Yehuun kaʼee Yizriʼeel dhaqe. Iizaabel yommuu waan kana dhageessetti ija ishee kuulattee mataa dhaʼattee foddaa keessaan ala ilaalte. Akkuma Yehuun karraan ol seeneen Iizaabel, “Zimrii, ati namichi gooftaa kee ajjeefte naguma dhuftee?” jetteen. Innis foddaa sana keessaan ol ilaalee, “Eenyutu na bira jira? Eenyuu dha?” jedhe. Xuʼaashiiwwan lama yookaan sadii taʼan gara isaa gad ilaalan. Yehuun, “Ishee gad darbadhaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad ishee darbatan; akkasiin dhiigni ishee keenyan manaatii fi fardeen kotteedhaan ishee irra yaaʼan sanatti faffacaʼe. Yehuun ol seenee waa nyaatee dhuge. Innis, “Dubartii abaaramtuu kana fuudhaatii awwaalaa; isheen intala mootii turteetii” jedhe. Isaan garuu yeroo ishee awwaaluuf gad baʼanitti buqqee mataa ishee, harkaa fi miilla ishee malee waan tokko illee hin argine. Isaanis deebiʼanii Yehuutti himan; innis akkana jedhe; “Kun dubbii WAAQAYYO karaa garbicha isaa Eeliyaas namicha Tishbii sanaatiin akkana jedhee dubbatee dha: Lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu. Reeffi Iizaabelis akka namni tokko iyyuu, ‘Kun Iizaabel’ jechuu hin dandeenyeef lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti akkuma kosii taʼa.”
”Ergasii Yehuun saba hunda walitti waamee akkana jedheen; “Ahaab xinnuma Baʼaalin tajaajile. Yehuun garuu guddisee isa tajaajila. Kanaafuu amma raajota Baʼaal hunda, tajaajiltoota isaa hundaa fi luboota isaa hunda walitti waamaa. Waan ani qalma guddaa isaa Baʼaaliif dhiʼeessuuf tokkoon isaanii iyyuu hin hafin. Namni hafu kam iyyuu siʼachi lubbuudhaan hin jiraatu.” Yehuun garuu tajaajiltoota Baʼaal barbadeesuudhaaf sobee akkas jedhe. Yehuun, “Ulfina Baʼaaliif jedhaatii yaaʼii waamaa” jedhe. Kanaafuu isaan ni labsan. Kana irratti inni Israaʼel guutuu keessa ergaa ergee akkasiin tajaajiltoonni Baʼaal hundinuu ni dhufan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. Isaanis mana waaqeffannaa Baʼaalitti ol galan; manni sunis gama tokkoo hamma gama kaaniitti guutame. Yehuunis namicha uffata eeguun, “Tajaajiltoota Baʼaal hundaaf uffata fidi” jedhe. Kanaafuu namichi sun wayyaa fideef. Yehuu fi Yehoonaadaab ilmi Rekaab sun mana waaqeffannaa Baʼaal ol seenan. Yehuunis tajaajiltoota Baʼaaliin, “Mee asii fi achi ilaalaatii akka tajaajiltoota Baʼaal malee tajaajiltoonni WAAQAYYOO tokko iyyuu isin wajjin as hin jirre hubadhaa” jedhe. Kanaafuu isaan qalmaa fi aarsaa gubamu dhiʼeessuuf ol galan. Yehuun yeroo sanatti nama saddeettama ala dhaabee, “Namni warra ani harka keessanitti kennu kanneen keessaa akka tokko iyyuu miliqu godhu kam iyyuu qooda lubbuu namicha sanaa lubbuu isaa dhaba” jedhee akeekkachiisee ture.
”Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu.
”Taʼus Yehuun seera WAAQAYYO Waaqa Israaʼel garaa guutuudhaan eeguuf of eeggannoo hin goone. Inni cubbuu Yerobiʼaam kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
”Yeroo isheen ilaaltetti mootichi akkuma baratame sanatti utubaa bira dhaabatee ture. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
”Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula WAAQAYYOO duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
”Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine.
”Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche. Inni fuula WAAQAYYOO duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate.
”Bara mootummaa Yooʼaash ilma Yooʼaahaaz mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Amasiyaa ilmi Iyooʼas mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe. Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte. Innis waan fuula WAAQAYYOO duratti qajeelaa taʼe ni hojjete. Garuu akka abbaa isaa Daawititti miti. Inni waan hunda keessatti fakkeenya abbaa isaa Yooʼaash duukaa buʼe. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
”Bara Amasiyaa ilma Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha shanaffaatti Yerobiʼaam ilmi Iyooʼas mooticha Israaʼel Samaariyaa keessatti mootii taʼe; innis waggaa afurtamii tokko bulche. Inni fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraas hin deebine.
”Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe. Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa ni hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan. WAAQAYYOS hamma gaafa inni duʼeetti mooticha lamxiidhaan dhaʼe; innis mana kophaa keessa ni jiraate. Yootaam ilmi mootichaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
”Bara mootummaa Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti Zakkaariyaas ilmi Yerobiʼaam Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa jaʼa bulche. Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraa hin deebine.
”Shaluum ilmi Yaabeesh bara mootummaa Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa tokko bulche. Menaaheem ilmi Gaadiis Tiirzaadhaa kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis Shaluum ilma Yaabeesh sana lolee Samaariyaa keessatti ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
”Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Menaaheem ilmi Gaadii mootii Israaʼel taʼe; innis Samaariyaa keessa jiraatee waggaa kudhan bulche. Innis fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Bara biyya bulchaa ture guutuus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
”Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa shantammaffaatti Pheqaayaan ilmi Menaaheem Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche. Pheqaayaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
”Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa shantamii lammaffaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa digdama bulche. Innis fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
”Bara Pheqaa ilma Remaaliyaa mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Yootaam ilmi Uziyaan mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa ni hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture. Namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa ixaanas achitti aarsaa turan. Yootaam Karra mana qulqullummaa WAAQAYYOO kan Ol aanu deebisee ijaare.
”Bara mootummaa Pheqaa ilma Remaaliyaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Aahaaz ilmi Yootaam mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula WAAQAYYOO Waaqa isaa duratti waan qajeelaa hin hojjenne. Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee gochawwan jibbisiisoo saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan ilma isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube. Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
”Bara Aahaaz mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha lammaffaatti Hoosheeʼaa ilmi Eelaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa sagal bulche. Innis fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; garuu akka mootota Israaʼel kanneen isaan dura turan sanaa miti.
”Bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa waggaa sadaffaatti Hisqiyaas ilmi Aahaaz mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. Inni Yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas. Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa hojjete. Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture. Hisqiyaas WAAQAYYO Waaqa Israaʼel amanate. Mootota Yihuudaa hunda keessaa namni akka isaa tokko iyyuu isa duraan yookaan isa duubaan hin turre. Inni jabaatee WAAQAYYOTTI hiiqe malee isa duukaa buʼuu hin dhiisne; seera WAAQAYYO Museef kenne sanas ni eege.
”Kanaafuu Hisqiyaas mootichi Yihuudaa, “Ani balleessaa hojjedheera. Biyya koo keessaa naa baʼi; ani waan ati na gaafattu kam iyyuu siifin kennaa” jedhee gara Laakkiishitti mooticha Asooritti ergaa ergate. Mootichi Asooris, “Meetii taalaantii dhibba sadii fi warqee taalaantii soddoma naa kenni” jedhee Hisqiyaas mooticha Yihuudaa ni gaafate. Kanaafuu Hisqiyaas meetii mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessattii fi kan mankuusaa masaraa mootummaa keessatti argamu hunda guuree kenneef. Yeroo kanatti Hisqiyaas mootichi Yihuudaa warqee balbalaa fi dhaaba balbala mana qulqullummaa WAAQAYYOOTTI uffisee ture irraa baasee mootii Asooriif kenne.
”Hisqiyaasis ergamoota sana simatee waan mankuusa isaa keessa ture hunda jechuunis meetii, warqee, urgooftuu fi zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre. Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa dhufan” jedhee deebise. Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan. Wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen. Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii WAAQAYYOO dhagaʼi: Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha WAAQAYYO.
”Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. Innis waan jibbisiisaa saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas diigee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas akkuma Ahaab mootichi Israaʼel godhe sana Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaa Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates. Innis mana qulqullummaa WAAQAYYOO kan WAAQAYYO, “Ani Maqaa koo Yerusaalem keessa nan dhaaba” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche. Oobdiiwwan mana qulqullummaa WAAQAYYOO lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche. Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase. Innis fakkii Asheeraa kan soofee hojjete sana fuudhee mana qulqullummaa kan WAAQAYYO akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonii dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe sana keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
”Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera.
”Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemet ture; isheenis intala Haaruus nama biyya Yoxbaa turte. Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade. Inni WAAQAYYO Waaqa abbootii isaa dhiise; karaa WAAQAYYOO irras hin deemne.
”Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Yediidaa dha; isheenis intala Adaayaa nama biyya Boozqaatii ti. Inni fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
”Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise. Ergasiis Shaafaan gara mootichaa dhaqee, “Qondaaltonni kee maallaqa mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessa ture baasanii hojjettootaa fi namoota hojii mana qulqullummaa toʼatanitti imaanaa kennaniiru” jedhee hime. Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise. Mootichis dubbii Kitaaba Seeraa sana dhageenyaan uffata isaa ni tarsaase. Innis ajaja kana Hilqiyaa lubichatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Akboor ilma Miikaayaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne; “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, sabaa fi Yihuudaa hundaaf WAAQAYYOON gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii kitaabaa kanaatiif hin ajajaminiif dheekkamsi WAAQAYYOO guddaan nutti bobaʼeera; isaan akka waan waaʼee keenya barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
”Mootichis iddoowwan aarsaa mootonni Yihuudaa bantii manaa irra, kutaa mana Aahaaz kan ol aanu bira dhaabanii fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessa oobdiiwwan lamaan keessa dhaabe sana ni buqqise. Iddoowwan aarsaa sanas achii fuudhee ni caccabsee, caccabaa isaanii Sulula Qeedroon keessatti ni gate. Akkasumas mootichi iddoowwan sagadaa kanneen gama baʼa Yerusaalemitti karaa kibba Gaara Faalamuutiin turan kanneen Solomoon mootichi Israaʼel Ashtooreti waaqittii xurooftuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha xuraaʼaa Moʼaabii fi Moolek waaqicha xuraaʼaa ijoollee Amooniitiif hojjete sana ni xureesse. Yosiyaas soodduuwwan dhagaa caccabsee siidaawwan Aasheeraas diigee iddoo sana lafee namaatiin guute.
”Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe. Mootiin akka Yosiyaas kan akka Seera Musee hundaatti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuu fi humna isaa guutuudhaan gara WAAQAYYOOTTI deebiʼe tokko iyyuu isaan duras isaan duubas hin argamne. Taʼus sababii Minaaseen waan hojjete hundaan dheekkamsaaf isa kakaaseef WAAQAYYO dheekkamsa isaa guddaa fi sodaachisaa Yihuudaa irratti bobaʼe sana irraa hin deebine.
”Yehooʼaahaazis yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan Libnaadhaa dhuftee turte. Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete.
”Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Zebuudaa ture; isheenis intala Phedaayaa kan magaalaa Ruumaatii dhufte turte. Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete.
”Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti. Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete.
”Nebukadnezaris akkuma WAAQAYYO dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa WAAQAYYOOTII fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa WAAQAYYOOTIIF tolche hunda isaa immoo caccabse. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe. Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse. Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan.
”Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte. Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa ni hojjete. Wanni kun hundi sababii dheekkamsa WAAQAYYOOTIIF Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse. Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.
”innis ni qabame. Gara mootii Baabilonitti Riiblaatti geeffamee achittis itti murame. Isaanis ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa fixan; isaanis ija isaa keessaa baasanii foncaa naasiitiin hidhanii Baabilonitti isa geessan.
”Saaʼol sababii WAAQAYYOOF amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii WAAQAYYOOTIIF hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate; WAAQAYYOON gorsa hin gaafanne. Kanaaf WAAQAYYO isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne.
”Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti. Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. WAAQAYYOO Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
”“Taʼus WAAQAYYO, Waaqni Israaʼel akka ani bara baraan Israaʼel irratti mootii taʼuuf mana abbaa koo keessaa na filate. Akka inni dura buʼaa taʼuufis Yihuudaa filate; mana Yihuudaa keessaa maatii koo filate; ilmaan abbaa kootii keessaa immoo akka ani guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼu jaallate. WAAQAYYO ilmaan baayʼee naa kenneera; ilmaan koo hunda keessaa immoo akka inni teessoo mootummaa WAAQAYYOO irra taaʼee saba Israaʼel bulchuuf ilma koo Solomoonin filate.
”Akkanas naan jedhe; ‘Kan mana koo fi oobdiiwwan koo naaf ijaaru ilma kee Solomoonii dha; ani akka inni ilma naa taʼuuf isa filadheeraatii; anis abbaa isaa nan taʼa. Yoo inni akkuma ammaa kanatti ittuma fufee ajaja koo fi seera koo eege ani bara baraan mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’ “Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja WAAQAYYO Waaqa keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa WAAQAYYOO duratti, akkasumas utuu Waaqni keenya dhagaʼuu isinin ajaja.
”Daawit ilmi Isseey guutummaa Israaʼel irratti mootii ture. Innis waggaa afurtama Israaʼelin bulche; waggaa torba Kebroon taaʼee, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem taaʼee ni bulche. Daawit bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Solomoon mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
”Sababii WAAQAYYO Waaqni isaa isa wajjin turee fi sababii inni akka malee guddaa isa godheef Solomoon ilmi Daawit jabaatee mootummaa isaa irra bule. Ergasiis Solomoon Israaʼeloota hundatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, hooggantoota Israaʼel hundattii fi hangafoota abbootiitti dubbate; sababii dunkaanni wal gaʼii kan Waaqaa inni Museen garbichi WAAQAYYOO sun gammoojjii keessatti hojjete achi tureef Solomoonii fi yaaʼiin guutuun gara iddoo sagadaa kan gaara irraa kan Gibeʼoon jiru sanaa ni dhaqan. Daawitis taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii gara iddoo qopheesseef sanaatti ni fide; inni Yerusaalem keessatti dunkaana dhaabeefii tureetii.
”Solomoon iddoo aarsaa WAAQAYYOO duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa ni balʼise. Waltajjii dhundhuma shan lafa irra dheeratu, kan dhundhuma shan balʼatee dhundhuma sadii ol dheeratu tokkos naasii irraa hojjetee walakkaa oobdii ni dhaabe; innis waltajjii sana irra dhaabatee fuula guutummaa waldaa Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol ni balʼise. Akkanas jedhe: “Yaa WAAQAYYO Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
”Yommuu Solomoon kadhannaa isaa fixatetti ibiddi samiidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni WAAQAYYOOS mana qulqullummaa guute. Sababii ulfinni WAAQAYYOO mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa WAAQAYYOO seenuu hin dandeenye. Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda samiidhaa gad buʼuu fi ulfina WAAQAYYOO mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis WAAQAYYOON galateeffatan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan jiraata.” Ergasii mootichii fi sabni hundi fuula WAAQAYYOO duratti aarsaa dhiʼeessan. Solomoon Mootichis loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama aarsaa dhiʼeesse; akkasiin mootichii fi namoonni hundi mana qulqullummaa Waaqaa eebbisan.
”WAAQAYYOS halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen: “Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera. “Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef samii cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti, yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
”Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa WAAQAYYO Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. Inni sababii WAAQAYYOON barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete.
”Abiyaa fi namoonni isaa akka malee isaan miidhan; kanaafuu loltoota Israaʼel ciccimoo keessaa namni kuma dhibba shan ni dhume.
”Yerobiʼaam bara mootummaa Abiyaa keessa deebiʼee bayyanachuu hin dandeenye. WAAQAYYO isa dhaʼe; innis ni duʼe.
”Aasaan waan fuula WAAQAYYO Waaqa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe hojjete. Innis iddoowwan aarsaa waaqota ormaa fi iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ni diige; soodduuwwan dhagaa fi siidaawwan Aasheeraa ni caccabse. Akka sabni Yihuudaa WAAQAYYO Waaqa abbootii isaa barbaadu, akka seera isaa fi ajaja isaaf bulu ni ajaje. Magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaas iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa ixaanaa balleesse; mootummaanis isa jalatti nagaadhaan ni jiraate.
”Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu WAAQAYYOOF kennamee ture.
”Aasaan sababii kanaaf ilaaltuu sanatti ni aare; akka malee dheekkamees mana hidhaa keessa isa buuse. Yeruma sanatti Aasaan namoota tokko tokko gara jabinaan ni cunqurse.
”Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa WAAQAYYOO hin barbaanne.
”Sababii Yehooshaafaax bara dargaggummaa isaa keessa karaa abbaan isaa Daawit jiraachaa ture irra deddeebiʼeef WAAQAYYO isa wajjin ture. Inni Baʼaal duukaa hin buune; waan Israaʼeloonni hojjetan duukaa buʼuu dhiisee Waaqa abbootii isaa duukaa buʼuudhaan ajaja isaa ni eege. WAAQAYYOS harka isaa jalatti mootummaa cimsee ni dhaabe; akka inni qabeenyaa fi ulfina guddaa qabaatuufis Yihuudoonni hundi Yehooshaafaaxiif kennaa fidaa turan. Garaan isaas karaa WAAQAYYOOTIIF banamaa ture; kana malees iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi siidaawwan Aasheeraa Yihuudaa keessaa ni balleesse.
”Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii WAAQAYYOO dhagaʼi; ani utuu WAAQAYYO teessoo isaa irra taaʼee, ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin dhadhaabatanuu nan arge. WAAQAYYOS, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaab mooticha Israaʼel gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha. Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula WAAQAYYOO dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Ati maaliin isa dogoggorsita?’ jedhee isa gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen. “Kanaafuu WAAQAYYO amma afaan raajota kee kanneenii keessa hafuura sobaa kaaʼeera. WAAQAYYO badiisa sitti ajajeera.”
”Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri WAAQAYYOO yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate. Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef. Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii, ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.” Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, WAAQAYYO karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
”Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa qomee sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi. Ani madaaʼeeraatii” jedhe. Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootiin Israaʼelis ol jedhee hamma aduun dhiitutti gara warra Sooriyaatti garagalee irkatee gaarii isaa keessa oole. Yommuu biiftuun lixxettis ni duʼe.
”Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate. Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan. Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef WAAQAYYO hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.
”Yehooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula WAAQAYYOO durattis waan hamaa hojjete.
”WAAQAYYOS Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase. Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef. Waan kana hundaa booddee WAAQAYYO dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe. Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine.
”Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte. Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe. Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete.
”Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan WAAQAYYOON barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre.
”Ataaliyaan yommuu waca namoota fiiganii mooticha leellisanii dhageessetti, isaan bira gara mana qulqullummaa WAAQAYYOO dhaqxe. Yeroo isheen ilaaltetti mootichi balbala irra utubaa isaa bira dhaabatuu ni argite. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan; faarfattoonni immoo meeshaa muuziiqaatiin faarfannaa qajeelchaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
”Yehooyaadaan akka inni, sabnii fi mootichis saba WAAQAYYOO taʼaniif kakuu ni dhaabe. Sabni hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan. Ergasii Yehooyaadaan luboota Lewwota turan kanneen Daawit mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti ramadee ture sanatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa ni kenne; isaan akkuma Seera Musee keessatti barreeffame sanatti aarsaa gubamu WAAQAYYOOF dhiʼeessuu qabu; Daawit akka isaan gammachuu fi faarfannaadhaan aarsaa kana dhiʼeessan ajajee tureetii.
”Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula WAAQAYYOO duratti qajeelaa taʼe hojjete.
”Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja WAAQAYYOO eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin WAAQAYYOON dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ ” jedheen. Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan. Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakkaariyaas isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, “WAAQAYYO waan kana haa argu; haaloos haa baʼu” jedhe.
”Amasiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa, Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte. Innis waan fuula WAAQAYYOO duratti qajeelaa taʼe ni hojjete; garuu garaa guutuudhaan miti.
”Yeroo Amasiyaa WAAQAYYOON duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan.
”Uziyaan yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche; maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa ni hojjete. Inni bara Zakkaariyaas isa akka inni Waaqa sodaatu isa barsiise sanaa keessa Waaqa barbaade. Yeroo inni WAAQAYYOON barbaade hundas Waaqni isa ni milkoomse.
”Garuu Uziyaan erga jabaatee booddee, of tuulummaan isaa kufaatii isatti fide. Innis iddoo aarsaa ixaanaatti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa WAAQAYYOO seenuudhaan amanamummaa WAAQAYYO Waaqa isaatiif qabu irraa duubatti ni deebiʼe. Azaariyaa lubichis luboota WAAQAYYOO warra waa hin sodaanne kan biraa saddeettama wajjin isa duukaa ni seene. Isaanis Uziyaan mootichaan mormanii, “Yaa Uziyaan WAAQAYYOOF ixaana aarsuun luboota sanyii Aroon warra ixaana aarsuuf filataman sanaaf malee siif hin malu. Ati sababii amanamaa hin taʼiniif WAAQAYYO Waaqa biraa ulfina hin argattuutii iddoo qulqulluu kanaa baʼi” jedhaniin. Uziyaanis utuu ixaana aarsuuf girgiraa harkatti qabatee qophaaʼee jiruu ni aare. Innis utuma mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti iddoo aarsaa ixaana duratti lubootatti aaraa jiruu ijuma isaanii duratti lamxiin adda isaatti ni baʼe. Azaariyaa lubichi hangafnii fi luboonni biraa hundinuu yeroo isa ilaalanitti akka lamxiin adda isaa irra jiru ni argan; kanaafuu isaan dafanii gad isa baasan. Sababii dheekkamsi WAAQAYYOO isa dhaʼeef dhugumaan inni iyyuu baʼuuf ariifatee ture. Uziyaan mootichi hamma gaafa duʼuutti lamxaaʼee ture. Innis waan lamxaaʼee tureef mana qulqullummaa WAAQAYYOO irraa citee mana kophaa keessa ni jiraate. Ilmi isaa Yootaam ilmi isaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
”Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa ni hojjete; inni garuu akka abbaa isaa mana qulqullummaa WAAQAYYOO hin seenne. Taʼus namoonni cubbuu hojjechuu ittuma fufan.
”Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa hin hojjenne. Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqota tolfamoo baqsee ni tolche. Inni gochawwan jibbisiisoo saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
”Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee WAAQAYYOOF amanamuu ni dide. Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan. Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa WAAQAYYOOS cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe. Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree WAAQAYYO Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase.
”Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas. Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa hojjete. Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa WAAQAYYOO ni bane; ni haaromses.
”Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif kadhannaadhaan gara samiitti ol iyyan. WAAQAYYOS ergamaa isaa tokko itti erge; ergamaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Waaqa isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran. WAAQAYYO akkasiin Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem harka Senaaheriib mooticha Asoorii fi harka diinota isaa hundaa jalaa ni baase. Inni karaa hundaan isaan eege. Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti WAAQAYYOOF aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate.
”Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Waaqni isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise.
”Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Innis waan jibbisiisaa saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates. Innis mana qulqullummaa WAAQAYYOO kan WAAQAYYO, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche. Oobdiiwwan mana qulqullummaa WAAQAYYOO lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche. Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula WAAQAYYOO duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase. Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba. Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.” Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
”WAAQAYYOS Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene. Kanaafuu WAAQAYYO ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan. Innis lubbamee WAAQAYYO Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe. WAAQAYYOS yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka WAAQAYYO Waaqa taʼe ni beeke.
”Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate. Iddoo aarsaa WAAQAYYOO deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan WAAQAYYO Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje. Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun WAAQAYYO Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.
”Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse. Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula WAAQAYYOO duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.
”Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Inni fuula WAAQAYYOO duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme. Inni mootii taʼee waggaa saddeettaffaatti utuma umurii dargaggummaa keessa jiruu Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaduu jalqabe. Waggaa kudha lammaffaatti immoo Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan baqfamanii tolfaman ni balleesse. Qajeelfama isaatiinis iddoowwan aarsaa Baʼaal diigaman; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen achi irra turan caccabsee siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan hurreesse. Wantoota kanneenis daakee bulleessee awwaala warra isaaniif aarsaa dhiʼeessaa turanii irratti bittinneesse.
”Hilqiyaanis Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe; kitaabichas Shaafaanitti kenne. Shaafaanis kitaabicha fuudhee mootichatti geessee akkana jedhe; “Qondaaltonni kee waan ajajaman hunda hojjechaa jiru. Maallaqa mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessa tures baasanii namoota hojii toʼatanii fi hojjettootatti imaanaa kennaniiru.” Kana irrattis Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise. Mootichis yommuu dubbii Seeraa sana dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. Innis ajaja kana Hilqiyaatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Abdoon ilma Miikaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne: “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif WAAQAYYOON gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii WAAQAYYOO hin eeginiif dheekkamsi WAAQAYYOO guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
”‘WAAQAYYO akkana jedha: Ani iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa jechuunis abaarsa kitaaba fuula mootii Yihuudaa duratti dubbifame sana keessatti barreeffame hunda nan fida. Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’ Mootii Yihuudaa kan akka isin WAAQAYYOON gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘WAAQAYYO Waaqni Israaʼel waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa akkana jedha: Sababii ati yeroo waan inni waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa waan hamaa dubbate dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqaa duratti gad of qabdeef, sababii ati fuula koo duratti gad of qabdee, uffata kee tarsaaftee boosseef ani si dhagaʼeera, jedha WAAQAYYO.
”Mootichis utubaa isaa bira dhaabatee akka WAAQAYYOON duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee, dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffamaniifis akka ajajamu fuula WAAQAYYOO duratti kakuu ni haaromse. Ergasiis akka namni Yerusaalemii fi Beniyaam keessa jiraatu hundi kakuu galu ni godhe; namoonni Yerusaalemis akkuma kakuu Waaqaa jechuunis Waaqa abbootii isaaniitti waan kana ni godhan. Yosiyaasis guutummaa biyya Israaʼel keessaa waaqota jibbisiisoo ni balleesse; akka warri Israaʼel keessa jiran hundinuus WAAQAYYO Waaqa isaanii waaqeffatan ni godhe. Isaan hamma inni lubbuun jiraatetti WAAQAYYO Waaqa abbootii isaanii duukaa buʼuu irraa duubatti hin deebine.
”Yehooʼaahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche.
”Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula WAAQAYYO Waaqa isaa duratti waan hamaa hojjete.
”Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi bultii kudhan bulche. Fuula WAAQAYYOO durattis waan hamaa hojjete.
”Birraa keessas Nebukadnezar Mootichi nama itti ergee miʼoota mana qulqullummaa WAAQAYYOO kanneen gatii guddaa qaban wajjin gara Baabilon isa fichisiise; Zedeqiyaa obboleessa abbaa Yehooyaakiin sana immoo Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
”Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula WAAQAYYO Waaqa isaa duratti waan hamaa ni hojjete; fuula Ermiyaas raajicha dubbii WAAQAYYOO isatti dubbate sanaa durattis gad of hin qabne. Akkasumas Nebukadnezar Mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiisee turetti illee ni fincile. Inni mataa jabaatee gara WAAQAYYO Waaqa Israaʼelitti deebiʼuu ni dide. Kana malees dura buutonni lubootaa hundii fi uummanni wantoota jibbisiisoo saboota kaanii hunda duukaa buʼuu fi mana qulqullummaa WAAQAYYOO kan inni Yerusaalem keessatti qulqulleesse sana xureessuudhaan ittuma caalchisanii amanamummaa dhaban.
”Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi WAAQAYYOO saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne. Kanaafuu inni mootii warra Baabilon isaanitti fide; mootichis mana qulqullummaa keessatti dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixe; dargaggoota yookaan dubara, jaarsolii yookaan warra dullooman tokko illee hin hambifne. Waaqni hunda isaanii dabarsee harka Nebukadnezaritti kenne. Innis mana qulqullummaa Waaqaatii miʼoota hunda xinnaa fi guddaa, qabeenya mana qulqullummaa WAAQAYYOO, qabeenya mootichaa fi kan qondaaltota isaa saamee Baabilonitti geesse. Isaan mana qulqullummaa Waaqaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan; masaraawwan mootummaa hunda gubanii waan gatii qabu hundas barbadeessan. Inni hambaa goraadee irraa hafe boojiʼee Baabilonitti geesse; isaanis hamma mootummaan Faares aangoo qabatetti tajaajiltoota isaa fi tajaajiltoota ilmaan isaa taʼan. Biyyattiin boqonnaa sanbata ishee ni argatte; akka dubbiin WAAQAYYOO kan afaan Ermiyaasiin dubbatame raawwatamuuf hamma waggaan torbaatamni dhumutti biyyattiin yeroo ontee turte guutuu ni boqotte.
”WAAQAYYO akka dubbiin WAAQAYYOO kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha: “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘WAAQAYYO Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu WAAQAYYO Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis ol haa baʼu.’ ”
”WAAQAYYO akka dubbiin WAAQAYYOO kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha: “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘WAAQAYYO Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa WAAQAYYO Waaqa Israaʼel, Waaqa Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru.
”Qondaaltonni keenya iddoo waldaa guutuu haa buʼan. Ergasii namni magaalaawwan keenyaa kan dubartii ormaa fuudhe kam iyyuu hamma dheekkamsi Waaqa keenyaa sodaachisaan sababii waan kanaatiif dhufe sun nurraa deebiʼutti maanguddootaa fi abbootii murtii tokkoo tokkoo magaalaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufu.”
”Waan kanneen booddee Ahashweroos Mootichi Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag ol ol qabuudhaan teessoo qondaaltota kaanii hunda caalu kenneefii isa kabaje. Qondaaltonni mootichaa warri karra eegan hundi jilbeenfatanii Haamaaniif ulfina kennan; mootichi waaʼee isaa waan kana ajajee tureetii. Mordekaayi garuu hin jilbeenfanne yookaan ulfina isaaf hin kennine. Qondaaltonni mootichaa warri karra mootichaa dura turan, “Ati maaliif ajaja mootichaa eeguu didda?” jedhanii Mordekaayiin gaafatan. Isaan guyyuma guyyaadhaan isatti himaa turan; inni garuu isaan dhagaʼuu dide. Kanaafuu isaan sababii Mordekaayi akka nama gosa Yihuudaa taʼe isaanitti hime tureef dubbiin isaa kun akka maal taʼuu qabu beekuudhaaf waan kana Haamaanitti himan.
”Guyyaa kudha sadaffaa jiʼa jalqabaatti barreessitoonni mootichaa walitti waamaman. Isaanis waan Haamaan ajaje sana hunda arfii tokkoo tokkoo kutaa biyyaatiin, afaan saba hundaatiinis gara biyya bulchitoota mootichaatti, bulchitoota tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatii fi gara gurguddoota saba adda addaatti barreessan. Wanni kunis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin barreeffamee, qubeelaa chaappaa isaatiin mallatteeffame. Xalayoonni akka Yihuudoonni hundi dargaggoonnii fi maanguddoonni, dubartoonnii fi ijoolleen xixinnoon guyyuma tokkotti jechuunis guyyaa kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar jedhamu keessa ajjeefaman, akka barbadeeffamanii fi lafa irraa balleeffaman, akka qabeenyi isaaniis saamamu gara kutaalee biyya mootichaa hundaatti ajajaan ergamootaan ergaman. Akka sabni hundi beekee guyyaa sanaaf qophaaʼuufis garagalchi barreeffama sanaas akka seeraatti kutaalee biyyaa hunda keessatti saba hundatti labsamuu qaba ture. Ergamoonni sun ajaja mootichaatiin ariitiidhaan deeman; labsiin sunis Suusaa magaalaa guddittii keessatti labsame. Mootichi fi Haamaan waa dhuguudhaaf taaʼan; magaalaan Suusaa garuu ni jeeqamte.
”Guyyaa sadaffaatti Asteer uffata ishee kan mootummaa uffatee dhaqxee oobdii masaraa mootichaa kan gara keessaa irra fuula galma mootichaa dura dhaabatte. Mootichi immoo galma sana keessa gara balbalaatti garagalee teessoo mootummaa isaa irra taaʼee ture. Mootichis utuu Asteer Mootittiin oobdii keessa dhaabachaa jirtuu argee isheetti gammadee bokkuu warqee kan harkatti qabatee ture sana isheef diriirse. Kanaafuu Asteer itti dhiʼaattee fiixee bokkuu sanaa tuqxe. Mootichi, “Yaa Asteer Mootittii maal siif godhu? Maal barbaadda? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif ni kennama” jedheen.
”Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti, inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa; kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
”Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa? Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa?
”Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii?
”Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis WAAQAYYOO fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman; isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa.
”innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha. Ani seera WAAQAYYOO nan labsa: innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera. Na kadhadhu; ani saboota dhaala kee, handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna. Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; akka qodaa supheettis isaan hurreessita.” Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; bulchitoonni lafaas of eeggadhaa. Sodaadhaan WAAQAYYOON tajaajilaa; hollachaas gammadaa.
”Namoonni hamoon, warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu. Yaa WAAQAYYO kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; fuula kee duratti sabootatti haa muramu. Yaa WAAQAYYO, sodaa isaanitti buusi; saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.
”WAAQAYYO bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.
”WAAQAYYO qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.
”Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara WAAQAYYOOTTIS ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu; mootummaan kan WAAQAYYOOTII; innis saboota hunda ni bulcha.
”Mootiin ulfinaa kun eenyu? WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu sun, inni Mootii ulfinaa ti.
”WAAQAYYO marii sabootaa ni fashaleessa; akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha. Karoorri WAAQAYYOO garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata. Sabni WAAQAYYO Waaqa isaaf taʼe, namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.
”WAAQAYYO Waaqa Waan Hundaa Olii, Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii! Inni saboota nu jala, namootas miilla keenya jala galcheera. Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef, dhaala keenya nuu fileera. Waaqni ililleedhaan, WAAQAYYO sagalee malakataatiin ol baʼe. Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa; faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa. Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa. Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.
”WAAQAYYO Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
”malakataa fi sagalee gaanfaatiin, fuula WAAQAYYO mootichaa duratti ililchaa.
”Saboonni maqaa WAAQAYYOO ni sodaatu; mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
”Mootonni anaan moʼu; bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu. Ilmaan moototaa anaan bulchu; namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
”Qajeelummaan saba ol guddisa; cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina. Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.
”Hidhiin mootii hooda dubbata; afaan isaa illee murtii hin jalʼisu. Madaallii fi safartuun qajeelaan kan WAAQAYYOO ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti. Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu. Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu. Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; namni ogeessi garuu ni qabbaneessa. Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
”Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree? Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina. Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.
”Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
”Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
”Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka WAAQAYYOO keessa jira; innis garuma fedhetti qajeelcha.
”Yaa ilma ko, WAAQAYYOO fi mootii sodaadhu; finciltootattis hin makamin; badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii; balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?
”Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti; waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti. Akkuma samiiwwan ol dheeratanii laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu. Meetii irraa xurii baasi; ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa. Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi; ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata. Fuula mootii duratti ol of hin qabin; iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin; inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra, yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa. Ati waan ija keetiin argite,
”Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti. Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
”Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha; yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma. Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa; miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa. Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa; kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.
”Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu. Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu: WAAQAYYO ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna. Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan hiyyeeyyiif murtii kenne, teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.
”“Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu; kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
”Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi. Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii. Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa?
”Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf, yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf, ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin; yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin.
”Biyyi keessan duwwaa hafteerti; magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru; alagoonni fuuluma keessan duratti lafa qotiisaa keessan saamu; akkuma waan ormi ishee saameettis onti. Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo dhaabaa wayinii keessaatti, akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti, akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti. Utuu WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre. Yaa bulchitoota Sodoom dubbii WAAQAYYOO dhagaʼaa; yaa saba Gomoraa, Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
”Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa! Ixaanni keessan na jibbisiisa. Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu. Ayyaana Baatii keessanii fi ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti. Isaan baʼaa natti taʼaniiru; anis obsuu dadhabeera.
”Inni saboota gidduutti murtii kenna; namoota hedduudhaafis ni murteessa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.
”“Isin waan uummanni kun fincila jedhu hundaan fincila hin jedhinaa; waan isaan sodaatan hin sodaatinaa; hin raafaminaa.
”Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama. Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.
”Baabilon ulfinni moototaa, miidhaginni of jaja warra Baabilon akkuma Sodoomii fi Gomoraa irree Waaqaatiin garagalfamti. Namni ishee keessa hin qubatu; yookaan dhaloota hunda keessatti namni ishee keessa hin jiraatu; namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu; tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
”akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta: Cunqursichi akkamitti bade! Aariin isaas akkamitti isa irraa gale! WAAQAYYO ulee hamootaatii fi bokkuu bulchitootaa,
”Lafti saba isheetiin xuroofteerti; isaan seeraaf ajajamuu didan; sirnaan buluu didanii kakuu bara baraa sana cabsaniiru. Kanaafuu abaarsi lafa balleessa; sabni ishees balleessaa isaatiif adabama. Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu; nama muraasatu hafa.
”Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa; bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.
”WAAQAYYO abbaa murtii keenyaatii; WAAQAYYO seera nuuf kenna; WAAQAYYO mootii keenya; inni nu fayyisa.
”isa Qiirosin, ‘Inni tiksee koo ti; fedhii koo hundas ni raawwata; inni waaʼee Yerusaalem, “Isheen deebifamtee haa ijaaramtu” waaʼee mana qulqullummaa immoo, “Hundeen isaa haa hundeeffamu” jedhee dubbatu sun anuma.’
”“WAAQAYYO dibamaa isaa Qiiros, kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee harka isaa mirgaa qabee akka karrawwan hin cufamneef, balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:
”Sabni yookaan mootummaan si hin tajaajille ni barbadaaʼuutii; guutummaan guutuuttis ni balleeffamu.
”Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.”
”Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa, guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne” jedha WAAQAYYO.
”Yaa mana Israaʼel,” jedha WAAQAYYO; “Ani saba duriitii fi jabaa, saba ati afaan isaa hin beekne, kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko biyya fagoodhaa sitti nan fida.
”“Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
”WAAQAYYO garuu Waaqa dhugaa ti; inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.
”Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha WAAQAYYO.
”Ergasii dubbiin WAAQAYYOO akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha WAAQAYYO. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu. Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti, yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa. Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse, yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.
”mootonni biyyoota Kaabaa kanneen dhiʼoo fi fagoo, wal duraa duubaan jechuunis mootonni lafa irra jiran hundi daadhii sana dhuganiiru. Hunda isaanii booddee immoo mootiin Sheeshaakiis ni dhuga. “Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel sun akkana jedha: Sababii goraadee ani isin gidduutti erguu sanaatiifis dhugaa, machaaʼaa, hoqqisaa; akka lammata ol hin kaaneefis kukkufaa.’
”WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ilaa! Sabaa gara sabaatti balaan babalʼachaa jira; bubbeen hamaan jabaan tokko daarii lafaatii kaʼaa jira.” Gaafas warri WAAQAYYO fixe handaara lafaa tokkoo hamma kaaniitti firfirfamanii argamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamu malee booʼicha hin argatan yookaan walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman. Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas; eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa. Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii; isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu. Tiksoonni iddoo itti baqatan, eegdonni bushaayee immoo iddoo itti miliqan hin qaban. Iyya tiksootaatii fi wawwaannaa eegdota bushaayee dhagaʼaa! WAAQAYYO lafa dheeda isaanii balleessaa jiraatii.
”Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf WAAQAYYOON kadhadhaa.”
”Burruusni guutummaa lafaa akkamitti cabe! Akkamittis bullaaʼe! Baabilon saboota gidduutti, akkam onte!
”“Baabilon keessaa baqadhaa! Lubbuu keessan oolfadhaa! Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa. Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Waaqayyoo ti; innis gatii isheef malu ni kennaaf. Baabilon harka WAAQAYYOO keessatti xoofoo warqee turte; isheen guutummaa lafaa ni macheessite. Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan; kanaafuu amma maraataniiru.
”“Yoo Baabilon samiitti ol baatee daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu, ani warra ishee barbadeessan itti nan erga” jedha WAAQAYYO.
”Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee, akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi gootota ishee nan macheessa; isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,” jedha mootichi maqaan isaa WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu, jedhamu sun. WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga; karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu; namoonni akkasumaan of dadhabsiisu; dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.”
”Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna.
”“Abjuun sun kana ture; nus mootichaaf ni hiikna. Yaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera; inni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti. “Siʼiin duuba mootummaan mootummaa keetii gadii biraa tokko ni kaʼa. Itti aansee mootummaan Naasii sadaffaan kan tokko guutummaa lafaa ni bulcha. Dhuma irrattis mootummaan afuraffaan akkuma sibiilaa jabaa taʼe tokko ni kaʼa; sibiilli waan hunda caccabsee bulleessaatii; mootummaan kunis akkuma sibiilli waan hunda caccabsee balleessu sana mootummoota isa duraan turan hunda caccabsee ni bulleessa. Akkuma ati akka faannii fi qubni miilla isaa gartokko suphee, gartokko immoo sibiila taʼe argite sana mootummaan kun mootummaa gargar qoodame taʼa; taʼus inni akkuma sibiila gartokkeen isaa supheedhaan makame kan ati argite sanaa jabina sibiilaa of keessaa ni qabaata. Akkuma qubni miillaa sun gartokko sibiila, gartokko immoo suphee taʼe sana mootummaan kunis gartokko jabaa, gartokko immoo dadhabaa taʼa. Akkuma ati sibiila supheedhaan wal make argite sana uummanni kunis walmakaa taʼa; innis siʼachi sibiilaa fi supheen walitti makame sana caalaa tokko taʼee hin jiraatu. “Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata. Hiikkaan mulʼata dhagaa utuu harka namaatiin hin taʼin ofuma isaatiin tulluu irraa fottoqee sibiila, naasii, suphee, meetii fi warqee caccabse sanaa kanaa dha. “Waaqni guddaan waan gara fuula duraatti taʼu mootichatti argisiiseera. Abjuun sun dhugaa dha; hiikkaan isaas amanamaa dha.”
”Nebukadnezar mootichi addaan lafatti gombifamee Daaniʼeliif sagade; ulfinas kenneef; akka aarsaa fi ixaana isaaf dhiʼeessanis ajaje. Mootichis Daaniʼeliin, “Ati dhoksaa kana mulʼisuu dandeesseertaatii dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqotaatii fi Gooftaa moototaa kan dhoksaa mulʼisuu dha” jedhe. Ergasii mootichi Daaniʼeliif taayitaa guddaa kennee, kennaa akka malee baayʼees itti dhangalaase. Bulchaa guutummaa kutaalee biyyaa Baabilon isa godhee namoota Baabilon hunda irratti isa muude. Daaniʼel mooticha kadhannaan mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo bulchitoota biyya Baabilon godhee muude. Daaniʼel garuu mana mootichaa keessatti hafe.
”Nebukadnezar Mootichi fakkii warqee kan dheerinni isaa dhundhuma jaatamaa fi balʼinni isaa dhundhuma jaʼaa hojjetee kutaa biyyaa Baabilon keessa dirree Duuraa jedhamu irra dhaabe. Ergasii mootichi akka isaan eebba fakkii inni dhaabe sanaa irratti argamaniif ilmaan mootota, muudamoota, bulchitoota gorsitoota, itti gaafatamtoota mankuusa qabeenyaa, abbootii murtii, hayyoota seeraatii fi qondaaltota biyya hundaa waame. Kanaafuu eebba fakkii Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaa irratti argamuuf ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonni, gorsitoonni, itti gaafatamtoonni mankuusa qabeenyaa, abbootiin murtii hayyoonni seeraa biraatii fi qondaaltonni biyyaa hundi walitti qabamanii fuula fakkii sanaa dura dhadhaabatan. Kana irratti labsituun tokko akkana jedhee sagalee guddaadhaan labse; “Yaa namoota, sabootaa fi namoonni afaan garaa garaa dubbattan hundi, wanni isin akka gootan ajajamtan kanaa dha: Isin akkuma sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirbaa dhageessaniin addaan lafatti gombifamtanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabeef sagaduu qabdu. Namni addaan lafatti gombifamee hin sagadne kam iyyuu yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatama.” Kanaafuu namoonni, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatan hundi yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa fi sirbaa hunda dhagaʼanitti addaan lafatti gombifamanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaaf sagadan.
”Yeroo kanatti Kaldoonni tokko tokko gara fuula duraatti dhufanii dabaan Yihuudoota himatan. Isaanis Nebukadnezar Mootichaan akkana jedhan; “Yaa mootii, ati bara baraan jiraadhu! Yaa mootii, ati akka namni kam iyyuu yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa kan faaggaatii fi kan sirbaa dhagaʼu kam iyyuu addaan lafatti gombifamee fakkii warqee sanaaf sagaduu qabu seera baafteerta; akka namni lafatti gombifamee sagaduu didu kam iyyuus boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamu seera baafteerta. Garuu yaa Mooticha, Yihuudoonni ati dhimma biyya Baabilon irratti muudde tokko tokko ajaja kee didaniiru; isaanis Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo dha. Isaan waaqota kee hin tajaajilan yookaan fakkii warqee ati dhaabdeef hin sagadan.” Nebukadnezaris akka malee aaree Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo waamsise. Kanaafuu namoonni kunneen mooticha duratti dhiʼeeffaman; Nebukadnezaris akkana isaaniin jedhe; “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, isin dhugumaan waaqota koo hin tajaajiltanii? Yookaan fakkii warqee ani dhaabeef hin sagaddanii? Amma isin yeroo sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirba kam iyyuu dhageessanitti kuftanii fakkii ani dhaabeef yoo sagaddan gaarii dha. Garuu yoo isin sagaduu baattan, yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamtu. Egaa waaqa kamitu harka kootii isin baasuu dandaʼa?”
”Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon deebisanii mootichaan akkana jedhan; “Yaa Nebukadnezar, nu fuula kee duratti waan kana falmachuu hin barbaannu. Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa. Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna.” Kana irratti Nebukadnezar akka malee aaree fuulli isaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagootti geeddarame. Akka ibiddi boollaa sunis hamma durii caalaa harka torba hoʼee finiinu ajaje; akka isaan Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo hidhanii boolla ibiddi keessaa bobaʼu sanatti darbataniif loltoota isaa keessaa jajjaboo tokko tokko ajaje. Kanaafuu namoonni kunneen akkuma wandaboo isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii kan mataatii fi uffata biraas uffatanitti hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sanatti darbataman. Ajajni mootichaa akka malee ariifachiisaa ture; sababii ibiddi boollaa sun akka malee bobaʼaa tureef arrabni ibidda sanaa loltoota Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo geessan sana fixe; namoonni sadan kunneenis jabeeffamanii hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sana keessatti kufan.
”Nebukadnezar Mootichi dinqisiifachuudhaan utaalee kaʼee, “Namoonni nu hiinee ibiddatti darbanne sadii hin turree?” jedhee gorsitoota isaa gaafate. Isaanis, “Yaa Mootii, kun dhuguma” jedhanii deebisan. Innis, “Ilaa! Ani namoota ibidda keessa deddeebiʼan afur nan arga; isaanis hin hidhamne; hin miidhamnes; inni afuraffaan immoo ilma waaqotaa fakkaata” jedheen. Nebukadnezaris gara afaan boolla ibiddi keessaa bobaʼutti dhiʼaatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii, kottaa baʼaa! As kottaa” jedhe. Akkasiin Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon ibidda keessaa baʼan; ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonnii fi gorsitoonni mootii naannoo isaaniitti walitti qabaman. Isaanis akka ibiddi sun dhagna jaraa hin miidhin yookaan akka rifeensa mataa isaanii keessaa tokko iyyuu hin gubatin ni argan; wandaboon isaanii iyyuu homaa hin taane; fooliin ibiddaas isaan irra hin turre.
”Kana irratti Nebukadnezar akkana jedhe; “Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo isa ergamaa isaa ergee tajaajiltoota isaa baraareef galanni haa taʼu! Isaan isa amanatanii ajaja mootii didanii akka Waaqa isaanii malee waaqota biraa hin tajaajille yookaan hin waaqeffanne lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru. Kanaafuu Waaqni akkasitti nama oolchu kan biraa Waaqa hin jirreef, ani akka uummanni saba kamii iyyuu yookaan afaan kamii iyyuu yoo Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo irratti waan hamaa dubbate kukkutamu, akka manni isaas tuullaa waan diigamee taʼu labseera.” Ergasii mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo kutaa biyyaa Baabilon irratti muude.
”Nebukadnezar Mooticha irraa, Sabootaa fi namoota afaan garaa garaa dubbatan kanneen guutummaa addunyaa irra jiraatan hundaaf: Nagaan isiniif haa baayʼatu! Mallattoowwanii fi hojiiwwan dinqii kanneen Waaqni Waan Hundaa Olii naaf godhe isinitti himuun na gammachiisa. Mallattoowwan isaa akkam gurguddaa dha; dinqiin isaas akkam jabaa dha! Mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi isaas dhalootaa hamma dhalootaatti jabaatee dhaabata.
”“ ‘Akka namni lubbuun jiraatu hundinuu akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa barbaadeef isaan kennee nama namoota hundaa gad taʼe isaanitti muudu beekaniif ergatamtoonni murtii labsanii qulqulloonni murtoo lallaban.’
”Ati saba keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta; akka loonii marga nyaatta; fixeensa samiitiinis ni jiita. Ati hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni mootummoota kanas abbaa barbaadeef kennuu dandaʼu beektutti waggaan torba si darba.
”Kanaafuu yaa Mootii, gorsa koo fudhadhu: Waan qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee of irraa haqi; hammina kees cunqurfamtootaaf garaa laafuudhaan of irraa balleessi; yoos barri jireenya keetii ni dheerataa.”
”Kun hundi Nebukadnezar Mooticha irra gaʼe. Jiʼa kudha lama booddee mootichi utuu gubbaa masaraa mootummaa Baabilon irra asii fi achi deddeebiʼaa jiruu, “Kun Baabilon guddittii ani akka isheen mana jireenya mootii taatuuf ulfina maqaa kootiif jedhee humna koo jabaadhaan ijaare sanaa mitii?” jedhe. Utuu inni dubbii isaa afaanii hin fixatin sagaleen akkana jedhu tokko samiidhaa dhufe; “Yaa Nebukadnezar Mooticha, wanni sirratti labsame kana: Aangoon mootummaa keetii sirraa fudhatameera. Ati uummata keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta. Akka looniis marga nyaatta. Hamma ati akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti Gooftaa taʼee fi akka inni mootummoota sana abbaa fedheef kennu beektutti waggaan torba si darba.” Yommusuma wanni waaʼee Nebukadnezar dubbatame sun ni raawwatame. Innis uummata keessaa ariʼamee akka loonii marga nyaate. Inni hamma rifeensi isaa akka baallee risaa guddatee qeensi isaa akka qeensa allaattii fakkaatutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
”Dhuma yeroon sanaatti, ani Nebukadnezar gara samii ol nan ilaale; qalbiin koos naa deebiʼe. Anis Waaqa Waan Hundaa Olii nan galateeffadhe; isa bara baraan jiraatus nan jajadhe; ulfinas nan kenneef. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti; mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufee dhaabata. Uummanni lafaa hundi wayittuu hin hedaman. Inni humnoota samii irratti, namoota lafaa irrattis, waanuma fedhe hojjeta. Namni harka isaa dhowwuu yookaan “Ati maal hojjechaa jirta?” jedhee isa gaafachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Akkuma qalbiin koo naaf deebiʼeenis, ulfina mootummaa kootiitiif ulfinnii fi miidhaginni koo yommusuma naaf deebiʼan. Gorsitoonnii fi qondaaltonni koo na barbaadan; anis teessoo kootti deebifamee kan durii caalaas guddaa nan taʼe. Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha samii sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii.
”Mootummaa kee keessa namichi hafuurri waaqota qulqullootaa keessa jiru tokko jira. Namichi kun bara abbaa keetii keessa nama hubannaa, beekumsaa fi ogummaa akkuma waaqotaa qabu taʼee argame. Abbaan kee Nebukadnezar Mootichi, itti gaafatamaa tolchitootaa, mortootaa, kan warra urjii ilaalaniitii fi ilaaltotaa godhee isa muudee ture.
”“Yaa mootii, Waaqni Waan Hundaa Olii abbaa kee Nebukadnezariif surraa fi guddina, ulfinaa fi kabaja kenne. Sababii ol aantummaa inni isaaf kenneef saboonnii fi mootummoonni hundi, namoonni afaan garaa garaa dubbatan ni hollataniif; isa sodaatanis. Mootichis warra ajjeesuu barbaade ni ajjeesa; warra oolchuu barbaade ni oolcha, kan muuduu barbaade ni muuda, kan salphisuu barbaades ni salphisa ture. Gaafa garaan isaa of tuulee mataa jabaatetti garuu inni teessoo isaa irraa kaafamee ulfinni isaas isa irraa fudhatame. Inni uummata keessaa ariʼamee qalbiin horii kennameef; harroota diidaa wajjin jiraatee akka loonii marga nyaate; inni hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa fedhe isaan irratti muudu beekutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
”“Yaa Beelshaazaar, ati ilmi isaa utuma waan kana hunda beektuu mataa kee gad hin qabanne. Qooda kanaa ati Gooftaa samii irratti mataa ol qabatte. Ati xoofoowwan mana qulqullummaa isaatii fichisiiftee atii fi qondaaltonni kee, niitonnii fi saajjatoowwan kee isaan keessaa dhugdan. Ati waaqota meetii, warqee, naasii, sibiilaa, mukaatii fi kan dhagaa kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan hubachuu hin dandeenye jajatte. Waaqa lubbuu keetii fi karaa kee hunda harka isaatti qabatee jiru garuu hin ulfeessine. Kanaafuu inni harka katabbii sana barreesse erge. “Katabbiin barreeffamee tures kana: Maanee, Maanee, Teeqeel, Faares. “Hiikkaan isaas kana: “Maanee jechuun Waaqni bara kee murteessee gara dhumaatti fide jechuu dha. “Teeqeel jechuun ati madaalliidhaan madaalamtee salphattee argamte jechuu dha. “Faares jechuun mootummaan kee qoodamee namoota Meedeetii fi Faaresiitiif kenname jechuu dha.” Ergasii ajaja Beelshaazaariin Daaniʼelitti uffata diimaa dhiilgee uffisan; morma isaattis faaya warqee kaaʼaniif; mootummaa sana irrattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼee muudame. Halkanuma sana Beelshaazaar mootiin Baabilonotaa ajjeefame; Daariyoos namichi Meedee umurii isaa jaatamii lammaffaatti mootummaa sana fudhate.
”Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade; innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu. Mootichi sababii Daaniʼel ilmaan moototaatii fi bulchitoota ol aantota kaan caalaa dandeettii addaa qabuuf isa jaallatee guutummaa mootummaa irratti isa muuduu barbaade. Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye. Dhuma irrattis namoonni kunneen, “Yoo waan seera Waaqa isaatiin wal qabatu taʼe malee waan ittiin namicha Daaniʼel jedhamu kana himannu tokko iyyuu hin argannu” jedhan. Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu! Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru. Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.” Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase.
”Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef. Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan. Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan. Mootichis, “Seerri sun seera akkuma seera Meedeetii fi Faares kan hin geeddaramnee dha” jedhee deebise. Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan. Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe. Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.
”Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe. Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse. Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule.
”Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate. Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame. Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.” Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.
”Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan. Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse: “Nagaan isiniif haa baayʼatu! “Ani akka namni kutaa mootummaa kootii hunda keessatti Waaqa Daaniʼel sodaatuu fi akka ulfina isaaf kennu labsii kana baaseera. “Inni Waaqa jiraataa, kan bara baraan jiraatuu dha; mootummaan isaa hin badu; bulchiinsi isaas dhuma hin qabu. Inni ni baraara; ni oolchas; samii keessaa fi lafa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan hojjeta. Inni Daaniʼelin, afaan leencotaatii baaseera.” Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole.
”Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.
”‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha. Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
”“Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade. Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade.
”“Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha. Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata.
”Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu. “ ‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
”Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’
”Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu.
”“Yeroo sanatti Miikaaʼel hangafni ergamootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu.
”Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. Isaan meetii fi warqee isaaniitiin badiisa isaaniitiif waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.
”“Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee mormiteef ati baddeerta. Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira? Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaa kanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’ jettee kadhatte sun eessa jiru? Ani aarii kootiin mootii siifan kenne; dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe.
”Warri Nanawwees Waaqatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan. Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe. Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse: “Ajajni mootichaatii fi qondaaltota isaa kanaa dha: Akka namni yookaan horiin tokko iyyuu, karri loonii yookaan bushaayeen waan tokko iyyuu afaaniin qabu hin eeyyaminaa; akka isaan waa nyaatan yookaan dhugan hin eeyyaminaa. Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Waaqa isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan.
”Ergasii ani akkanan jedhe; “Isin hooggantoonni Yaaqoob, bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa. Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii? Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan, warri saba koo irraa gogaa, lafee isaanii irraa immoo foon baaftan, warri foon saba koo nyaattan, kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan, isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”
”Isin hooggantoonni mana Yaaqoob bulchitoonni mana Israaʼel warri murtii qajeelaa tuffattanii waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa; warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin, hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.
”Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.
”“Garuu yaa Beetlihem Efraataa, ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu, kan bulchaa Israaʼel taʼu, kan jiraachuun isaa durumaa, kan bara duriitii jalqabee ture tokko si keessaa baʼee naaf dhufa.”
”WAAQAYYO guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas WAAQAYYO tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.
”Ergasii hambaawwan saboota Yerusaalemin lolan hundaa wagguma waggaadhaan Mooticha, WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuu fi Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol baʼu. Uummanni lafa irra jiraatu kam iyyuu yoo Mooticha, WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuuf Yerusaalemitti ol baʼuu baate bokkaa hin argatu. Uummanni Gibxiis yoo ol baʼee hirmaachuu baate bokkaa hin argatu. WAAQAYYO dhaʼicha ittiin saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane rukutu isaanitti ni fida. Kun adabbii Gibxii fi adabbii saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane hundaa taʼa.
”Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan; isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan. Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte. Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate. Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”
”Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen. Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele; hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
”Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
”Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. Akkanas jedheen; “Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna.” Yesuusis, “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’ jedhamee barreeffameeraatii” jedheen.
”“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
”Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii.
”Namoota irraa of eeggadhaa; isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanii fi Namoota Ormaatti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa duratti ni dhiʼeeffamtu. Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama; Hafuura Abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee isintu dubbata mitii.
”Yommuu magaalaa tokko keessatti isin ariʼatanitti, gara magaalaa kaaniitti baqadhaa; ani dhuguma isinittin hima; hamma Ilmi Namaa dhufutti magaalaawwan Israaʼel hundumaa keessa naannoftanii waliin hin geessan.
”Bara sana Heroodis bulchaan oduu waaʼee Yesuus dhagaʼe; innis tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohannis Cuuphaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhe.
”Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yohannisin qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii. Kunis sababii Yohannis Heroodisiin, “Ati ishee fuudhuun kee seera miti” jechaa tureef. Inni immoo Yohannisin ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yohannisin akka raajiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate. Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte; kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale. Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, “Mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra kaaʼii naa kenni” jette. Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje; innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute. Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite.
”Yommuu Yesuusii fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?” jedhanii gaafatan. Innis deebisee, “Ni kaffala” jedheen. Yesuus yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, “Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?” jedhee gaafate. Phexrosis deebisee, “Keessummoota irraa walitti qabu” jedhe. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Yoos ijoolleen isaanii bilisa. Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni.”
”Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?” Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu? Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.” Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; inni immoo, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
”Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu.
”Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye. Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa. Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti. “Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu.
”Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan. Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne. Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii,
”Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii, “Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.
”Yeroo sanatti Yesuus fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise. Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine. Phiilaaxoosis, “Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee isa gaafate. Yesuus garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate.
”Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Yesuusin mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Yesuusitti walitti qaban. Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan; gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii isatti qoosan. Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan. Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
”Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis, Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti, jedha.
”“Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii.
”Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
”Erga Yohannis mana hidhaatti galfamee booddee, Yesuus wangeela Waaqaa lallabaa Galiilaa seene. Innis, “Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!” jedhe.
”Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Yesuus sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, “Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhan. Warri kaan, “Inni Eeliyaas” jedhan. Kaan immoo, “Inni raajota durii keessaa akka isa tokkoo ti” jedhan. Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, “Yohannis isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!” jedhe.
”Heroodis mataan isaa akka Yohannis qabamee, hidhamee mana hidhaatti galfamu ajajee tureetii. Innis sababii niitii obboleessa ofii isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaas ishee ofii fuudhee ture sanaatiif jedhee waan kana godhe. Yohannisis Heroodisiin, “Ati niitii obboleessa keetii fuudhuun kee seera miti” jedhaanii tureetii. Kanaafuu Heroodiyaas Yohannisitti haaloo qabattee isa ajjeesuu barbaadde. Garuu isheen hin dandeenye; Heroodis akka Yohannis nama qajeelaa fi nama qulqulluu taʼe beekee, isa sodaatee, eegumsa isaaf gochaa tureetii. Heroodis yommuu waan Yohannis dubbatu dhagaʼetti akka malee rifate; taʼus gammachuudhaan isa dhaggeeffachuu barbaade. Dhuma irrattis yeroon mijaaʼaan argame. Heroodis guyyaa dhaloota isaatti qondaaltota gurguddootaaf, ajajjoota loltootaatii fi namoota Galiilaa keessatti beekamaniif irbaata qopheesse. Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte. Mootichis intalattiidhaan, “Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!” jedhe. Innis, “Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!” jedhee kakuudhaan waadaa galeef. Isheenis gad baatee haadha isheetiin, “Maal kadhadhu?” jette. Haati immoo, “Mataa Yohannis Cuuphaa” jettee deebifteef. Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, “Akka ati ammuma mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada” jetteen. Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne. Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yohannis fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute; mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite.
”Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne? Haa baasnu moo haa dhiifnuu?” Yesuus garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, “Isin maaliif na qortu? Mee diinaarii tokko natti fidaa nan ilaalaa” jedheen. Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Kana irratti Yesuus, “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen. Isaanis isa dinqifatan.
”Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye. Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
”“Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu. Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba. Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.
”Isaanis Yesuusin luba ol aanaatti geessan; luboonni hangafoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa hundinuu walitti qabaman. Phexrosis hamma dallaa luba ol aanaa keessaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waardiyyoota wajjin ibidda bira taaʼee qaqqaammachaa ture. Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne. Namoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane.
”Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Waaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran. Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
”Ganama barii luboonni hangafoonni, maanguddoota, barsiistota seeraatii fi guutummaa yaaʼii Yihuudootaa wajjin mariʼatanii Yesuusin hidhanii, geessanii Phiilaaxoositti dabarsanii kennan. Phiilaaxoosis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise. Luboonni hangafoonni waan baayʼeedhaan isa himatan. Phiilaaxoos amma illee, “Ati deebii hin kennituu? Isaan waan meeqaan akka si himatan mee ilaali” jedhee isa gaafate. Yesuus garuu amma illee deebii tokko iyyuu hin kennine; Phiilaaxoosis ni dinqisiifate.
”Phiilaaxoos garuu, “Akka ani mootii Yihuudootaa gad isinii dhiisu barbaadduu?” jedhee gaafate;
”Phiilaaxoosis, “Yoos namicha isin mootii Yihuudootaa jettaniin kana maal godhu ree?” jedhee amma illee isaan gaafate. Isaan amma illee, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
”Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne. Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman. Uffata dhiilgee itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan. Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban. Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif. Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
”Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan, Mooticha Yihuudootaa, jedhu mataa isaatiin ol ture.
”Akka nu arginee amannuuf Kiristoos mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu.” Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
”Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.”
”Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe. Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame. Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.
”Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan; yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe.
”Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate, hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.
”Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif, warri kaanis Eeliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo raajota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe. Heroodis garuu, “Ani Yohannisin mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?” jedhe. Yesuusin arguufis ni hawwa ture.
”Sababii kanaaf Waaqni ogummaa isaatiin, ‘Ani raajotaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe. Kanaaf dhaloonni kun dhiiga raajota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama;
”Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata.
”“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.”
”“Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama; diinota koo kanneen akka ani isaan irratti mootii taʼu hin barbaadin immoo as fidaatii fuula koo duratti isaan gogorraʼaa.’ ”
”Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?” Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe; “Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?” Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan. Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
”“Kana hunda dura garuu isaan isin qabu; isin ariʼatus. Dabarsanii manneen sagadaatti isin kennu; mana hidhaa keessas isin buusu; isin maqaa kootiif jettanii fuula moototaatii fi bulchitootaa duratti ni dhiʼeeffamtu.
”kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.
”Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban. Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan. Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan. Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii, “Ati yoo Kiristoos taate mee nutti himi” jedhaniin. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan;
”Isaanis, “Nu utuu namichi kun saba keenya karaa irraa jalʼisuu, utuu inni akka Gibirri Qeesaariif hin baafamne godhuu, akkasumas utuu inni akka mataan isaa Kiristoos mooticha taʼe dubbatuu argineerra” jedhanii isa himachuu jalqaban. Kanaafuu Phiilaaxoos, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise. Phiilaaxoosis luboota hangafootaa fi tuuta namootaatiin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe.
”Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii, “Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan. Katabbiin, Kun Mooticha Yihuudootaa ti, jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.
”Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.
”Naatnaaʼelis, “Yaa Barsiisaa, ati Ilma Waaqaa ti! Ati Mootii Israaʼel” jedheen.
”Fariisicha Niqoodemoos jedhamu bulchaa Yihuudootaa tokkotu ture. Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, “Yaa barsiisaa, akka ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte taate nu beekna; nama Waaqni isa wajjin jiru malee namni mallattoo ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii” jedheen. Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.
”Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban.
”Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
”Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan. Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
”Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate. Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen. Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe. Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise. Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne. Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”
”“Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.
”Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate. Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef. Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen. Yesuus immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef. Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan.
”Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture. Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe. Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif.
”Phiilaaxoosis Katabbii, Yesuus Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa, jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse. Iddoon Yesuus itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame. Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, “Namichi kun, ‘ “Ani mootii Yihuudootaa ti” jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin” jedhan. Phiilaaxoosis, “Ani waanan barreesse, barreesseera” jedhee deebise.
”Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Yesuusiitiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan. Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; “Qooda Waaqaa isiniif ajajamuun fuula Waaqaa duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa! Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii.” Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Waaqa galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye.
”Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan. Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume. Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta; “ ‘Namoonni maaliif akkanumaan mariʼatu? Saboonnis maaliif waan faayidaa hin qabne yaadu? Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Gooftichaa fi dibamaa isaatiin mormuuf walitti qabaman.’ Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesuus isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman. Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan. Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif.
”Lubni ol aanaanii fi miseensonni garee Saduuqotaa warri isa wajjin turan hundinuu hinaaffaan guutaman. Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan.
”Garuu ergamaan Gooftaa tokko halkaniin balbala mana hidhaa banee gad isaan baase. Innis, “Dhaqaa mana qulqullummaa keessa dhadhaabadhaatii, dubbii jireenya haaraa kana hunda isaa uummatatti himaa” jedheen. Isaanis akkuma isaanitti himame sanatti ganama barii mana qulqullummaa seenanii uummata barsiisuu jalqaban. Lubni ol aanaanii fi warri isa wajjin turan yommuu achi gaʼanitti waldaa Yihuudootaatii fi yaaʼii maanguddoota Israaʼel walitti waaman; akka ergamoota sana fidaniifis mana hidhaatti namoota ergan. Qondaaltonni ergaman sun garuu yommuu mana hidhaa gaʼanitti jara achitti hin arganne; kanaafis deebiʼanii, “Mana hidhaa sana isaa sirriitti qollofamee jiru, eegdotas, utuu isaan balbala dura dhaabatanii jiranuu argine; yeroo bannetti garuu nama tokko illee achi keessatti hin arganne” jedhan. Ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi luboonni hangafoonni yommuu oduu kana dhagaʼanitti dinqifachuudhaan waan jedhan wallaalanii, “Maaltu dhalate immoo?” jedhan. Yommus namichi tokko dhufee, “Jarri isin mana hidhaatti galchitan sun kunoo, mana qulqullummaa keessa dhadhaabatanii uummata barsiisaa jiru!” jedhe. Kana irratti ajajaan sun qondaaltota wajjin dhaqee ergamoota sana fide; isaanis sababii uummanni dhagaan nu tuma jedhanii sodaataniif humnatti hin fayyadamne. Ergamootas fidanii, akka lubni ol aanaan isaan qoruuf fuula yaaʼii Yihuudootaa dura isaan dhadhaabachiisan. Lubichi ol aanaanis, “Nu akka isin maqaa kanaan hin barsiisne jabeessinee isin ajajnee turre; isin garuu barsiisa keessaniin Yerusaalem guuttaniirtu; akka nu itti gaafatamtoota dhiiga namicha kanaa taanu nu gochuu barbaaddu” jedhe. Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!
”Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman.
”Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe. Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese. Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe. Erga isa qabee booddee akka isaan isa eeganiif jedhee gareewwan loltootaa afur kanneen tokkoon tokkoon isaanii loltoota afur afur of keessaa qabanitti dabarsee isa kennuudhaan, mana hidhaa keessa isa buuse; kanas ayyaana Faasiikaa booddee fuula uummataa duratti dhiʼeessee isa qoruuf godhe. Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte.
”Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan. Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe. Ergamaan Waaqaa sunis, “Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu” jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Ergamaan sunis, “Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi” jedheen. Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni ergamaan Waaqaa hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne. Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu ergamaan sun isa biraa sokke. Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, “Ani amma akka Gooftaan ergamaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera” jedhe. Innis erga waan kana hubatee booddee mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii kadhachaa turan dhaqe. Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte. Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte. Isaanis, “Ati maraatteerta!” jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, “Yoos ergamaa isaa ti!” jedhan. Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan. Phexrosis akka isaan calʼisaniif harkaan itti hime; akka itti Gooftaan mana hidhaatii isa baases isaanitti odeesse; innis, “Waan kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa” isaaniin jedhe; achii kaʼees lafa biraa dhaqe.
”Yommuu bariʼetti raafamni guddaan isaa loltoota gidduutti uumame; isaanis, “Phexros maal taʼe?” jedhanii wal gaggaafatan. Heroodisis cimsee barbaadee isa dhabnaan eegdota sana jabeessee qoree akka isaan ajjeefaman ajaje. Heroodis Yihuudaadhaa kaʼee Qiisaariyaatti gad buʼee xinnoo achi jiraate.
”Innis warra Xiiroosii fi Siidoonaatti akka malee aare; isaanis tajaajilaa mootichaa amanamaa Bilaasxoos jedhamu tokko michoomfatanii tokkummaan gara mootichaa dhaqanii araara kadhatan; biyyi isaanii biyya mooticha sanaa irraa midhaan nyaataa argachaa jiraatteetii. Guyyaa beellamaattis Heroodis uffata mootii uffatee teessoo isaa irra taaʼe; uummatattis dubbate. Namoonnis, “Kun sagalee Waaqaati malee sagalee namaa miti” jedhanii iyyan. Heroodisis waan Waaqaaf ulfina hin kenniniif yeruma sana ergamaan Waaqaa tokko isa dhaʼe; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.
”Namoonnis tokkummaadhaan Phaawulosii fi Siilaasitti kaʼan; qondaaltonni sunis akka wayyaan isaan irraa baafamee uleedhaan tumaman ajajan. Jarris erga akka malee garafamanii booddee mana hidhaatti darbataman; eegduun mana hidhaa sanaas akka jabeessee isaan eegu ajajame. Innis ajaja kana fudhatee gola mana hidhaa keessa isaan galche; miilla isaaniis jirma gidduu galchee hidhe.
”Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan. Akkuma tasaa sochiin lafaa cimaan tokko taʼe; kanaanis hundeen mana hidhaa sanaa raafame; yommusuma balballi hundinuu ni baname; foncaan nama hundaas ni hiikame. Eegduun mana hidhaa sunis yommuu dammaqee akka balballi mana hidhaa baname argetti waan hidhamtoonni baʼanii badan seʼee of ajjeesuuf goraadee isaa luqqifate. Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan iyyee, “Nu hundi asuma jirraatii of hin miidhin” jedheen. Eegduun sunis ibsaa fichisiifatee fiigaa ol gale; sodaadhaanis hollachaa Phaawulosii fi Siilaas duratti kufe; gad isaan baasees, “Yaa Gooftota ko, ani akka fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate.
”Yommuu bariʼetti qondaaltonni sun, “Namoota sana gad dhiisi” jedhanii eegduu mana hidhaa sanatti poolisii ergan. Eegduun sunis, “Qondaaltonni akka isin hiikamtan ajajaniiru; kanaaf amma deemuu ni dandeessu; nagaan galaa” jedhee Phaawulositti hime. Phaawulos garuu poolisoota sanaan akkana jedhe; “Isaan utuma nu lammiiwwan Roomaa taanee jirruu, murtii tokko malee nu garafanii mana hidhaatti nu darbatan; amma immoo dhoksaan nu baasuu barbaaduu? Kun hin taʼu! Isaanumti mataan isaanii dhufanii nu haa baasanii!” jedhe. Poolisoonnis dubbii kana qondaaltotatti himan; qondaaltonnis yommuu akka Phaawulosii fi Siilaas lammiiwwan Roomaa taʼan dhagaʼanitti ni rifatan. Isaanis dhufanii dhiifama isaan gaafatan; mana hidhaatii isaan baasanii akka isaan magaalattii keessaa baʼanii deemaniif isaan kadhatan. Phaawulosii fi Siilaas mana hidhaatii baʼanii mana Liidiyaa dhaqan; isaanis yommuu obboloota arganitti isaan jajjabeessan; achiis baʼanii deeman.
”Yommuu jara dhabanitti immoo Yaasonii fi obboloota tokko tokko harkisaa fuula qondaaltota magaalaa duratti dhiʼeessanii akkana jedhanii iyyan; “Namoonni addunyaa hunda rakkisaa turan kunneen amma kunoo as dhufaniiru; Yaasonis mana isaatti isaan simateera. Hundi isaaniis, ‘Mootiin biraa kan Yesuus jedhamu tokko jira’ jedhanii labsii Qeesaariin mormu.” Uummannii fi qondaaltonni magaalaa sanaas yommuu waan kana dhagaʼanitti ni raafaman.
”Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse.
”ajajaan sun akka Phaawulos qubata loltootaatti ol galfamuu ajaje; innis waan namoonni akkas isatti iyyaniif beekuuf jedhee akka Phaawulos garafamee qoratamu ajaje. Phaawulos immoo yommuu isaan isa garafuuf jedhanii teephaan isa hidhanitti ajajaa dhibbaa kan isa bira dhaabachaa tureen, “Lammii Roomaa tokko murtii malee garafuun isiniif ni eeyyamamaa?” jedhe. Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gara ajajaa kumaa sanaa dhaqee, “Namichi kunoo lammii Roomaatii ati maal gochuu yaadda?” jedheen. Ajajaan kumaa sunis Phaawulos bira dhaqee, “Mee natti himi; ati lammii Roomaatii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee” jedhee deebise. Ajajaan kumaa sunis, “Ani lammummaa kana argachuudhaaf gatii guddaa baase” jedhe. Phaawulos immoo deebisee, “Ani garuu ittin dhaladhe” jedhe. Warri isa qoruuf yaadanis yommusuma isa irraa deebiʼan; ajajaan kumaa sunis yommuu akka Phaawulos lammii Roomaa taʼee fi akka ofii isaatii immoo Phaawulosin foncaan hidhe hubatetti ni rifate. Ajajaan kumaa sun sababii Yihuudoonni Phaawulosin himataniif sirriitti beekuu fedhee guyyaa itti aanu isa hiikee akka luboonni hangafoonnii fi waldaan Yihuudootaa hundi walitti qabaman ajaje. Ergasii immoo Phaawulosin fidee akka inni fuula isaanii duratti dhiʼaatu godhe.
”Phaawulos xiyyeeffatee yaaʼii sana ilaalee, “Yaa obboloota ko, ani hamma guyyaa harʼaatti fuula Waaqaa dura yaada gaariidhaan jiraadheera” jedhe. Kana irratti Anaaniyaas lubni ol aanaan akka warri Phaawulos bira dhaabachaa turan sun afaan isaa keessa dhaʼan ajaje. Phaawulosis deebisee, “Ati keenyan nooraa dibame, Waaqni si rukuta! Seeraan natti muruuf jettee achi teessee atumti mataan kee immoo akka ani dhaʼamu ajajuudhaan seera cabsitaa?” jedhe. Warri Phaawulos bira dhaabachaa turanis; “Ati akkam luba Waaqaa ol aanaa tokko arrabsita?” jedhaniin. Phaawulos immoo deebisee, “Yaa obboloota, ani akka inni lubicha ol aanaa taʼe hin beekne; ‘Waaʼee bulchaa saba keetii hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameeraatii” jedhe.
”Phaawulos yommuu akka isaan keessaa garri tokko Saduuqota, garri kaan immoo Fariisota taʼan beeketti, “Yaa obboloota ko, ani Fariisicha ilma Fariisii ti. Ani sababii akka warri duʼan duʼaa kaʼan abdadhuuf qoramuuf dhiʼaadheera” jedhe. Yommuu inni waan kana dubbatetti Fariisotaa fi Saduuqota gidduutti falmiin uumame; yaaʼiin sun gargar qoodame. Saduuqonni, “Duʼaa kaʼuun hin jiru, ergamoonnis, hafuuronnis hin jiran” jedhu; Fariisonni garuu akka kunneen hundinuu jiran amanu. Wacni guddaanis uumame; barsiistonni seeraa tokko tokkos garee Fariisotaa keessaa kaʼanii, “Nu balleessaa tokko illee namicha kana irratti hin arganne; Hafuura yookaan ergamaa Waaqaatu isatti dubbate taʼinnaa?” jedhanii cimsanii dubbatan. Ajajaan kumaa sunis yommuu falmiin jabaachaa deemetti jarri kun Phaawulosin cicciru jedhee sodaate. Kanaaf akka loltoonni dhaqanii humnaan achii isa fuudhanii qubata loltootaatti ol galchan ajaje.
”Innis erga guyyaa saddeeti yookaan kudhan isaan bira bubbulee booddee Qiisaariyaatti gad buʼe; guyyaa itti aanuttis barcuma murtii irra taaʼee akka Phaawulos fuula isaa duratti dhiʼeeffamu ajaje. Yommuu Phaawulos dhiʼaatettis Yihuudoonni Yerusaalemii gad buʼan sun isatti naannaʼanii dhaabachuun himata ciccimaa hedduu isa irratti dhiʼeessan; garuu amansiisuu hin dandeenye. Phaawulosis, “Ani seera Yihuudootaa irratti yookaan mana qulqullummaa irratti yookaan Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhee falmate. Fesxoosis Yihuudoota gammachiisuuf jedhee Phaawulosiin, “Ati Yerusaalemitti ol baatee himata kana irratti fuula koo duratti qoratamuu ni feetaa?” jedhe. Phaawulos garuu akkana jedhee deebise; “Ani amma barcuma murtii Qeesaar dura, iddoo itti qoratamuu qabu dhaabadheen jira; akkuma ati mataan kee iyyuu sirriitti beektu ani yakka tokko illee Yihuudoota irratti hin hojjenne. Taʼus ani utuu balleessaa duʼa natti mursiisu tokko illee hojjedhee silaa duʼa jalaa baʼuuf hin carraaqu; garuu yoo wanni Yihuudoonni kunneen ittiin na himatan dhugaa hin taʼin, namni tokko iyyuu dabarsee harka isaaniitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti oli nan iyyadha!” Fesxoosis erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booddee, “Ati Qeesaaritti ol iyyatteerta; gara Qeesaar ni dhaqxa!” jedhe.
”Anis akka itti dubbii sana qoradhu wallaale; kanaaf inni Yerusaalem dhaqee himata kana irratti qoratamuuf fedhii qabuu fi akka inni hin qabne isa gaafadhe. Garuu yommuu Phaawulos murtii Awugisxoos Qeesaar argachuuf jedhee turfamuu kadhatetti ani akka inni hamma ani Qeesaaritti isa ergutti eegamu nan ajaje.”
”Phaawulosis akkana jedhee deebise; “Yaa Fesxoos kabajamaa, ani hin maraanne; wanni ani dubbachaa jirus dhugaa dha; sirrii dhas. Sababii mootichi waan kana beekuuf, ani ifatti baasee isatti himuu nan dandaʼa. Sababii wanni kun suuqatti hin hojjetaminiif ani akka waan kana keessaa tokko iyyuu isa duraa hin dhokatin nan amana. Yaa Agriiphaa Mooticha, ati raajota ni amantaa? Akka ati amantu ani iyyuu beeka.” Agriiphaanis Phaawulosiin, “Ati yeruma gabaabaa keessatti Kiristaana na gochuu yaaddaa?” jedhe. Phaawulosis deebisee, “Yeroo gabaabaattis taʼu dheeraatti, si qofa utuu hin taʼin akka warri na dhagaʼaa jiran hundinuu foncaa kanaan hidhamuu malee akkuma koo akka taʼan ani Waaqa nan kadhadha” jedhe. Kana irratti mootichi, bulchaanii fi Barniiqeen, akkasumas warri isaan wajjin tataaʼaa turan ol kaʼan. Isaanis yeroo gad baʼanitti, “Namichi kun waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne” wajjin jedhan. Agriiphaanis Fesxoosiin, “Namichi kun utuu Qeesaaritti ol iyyachuu baatee silaa ni hiikama ture” jedhe.
”Ergamaan Waaqa ani kan isaa taʼee fi isa tajaajilu sanaa tokko eda dhufee na cina dhaabatee, ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin; ati Qeesaar dura dhaabachuu qabdaatii; kunoo, Waaqni warra si wajjin deemaa jiran hunda gaarummaa isaatiin sitti kenneera’ naan jedhe.
”Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef. Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera. Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan. Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame.
”Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude. Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu. Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii. Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha. Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha. Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Waaqaa warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii. Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.
”Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii.
”“Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu.
”“Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan nama fayyadu garuu waan hunda miti.
”Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Waaqa Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa. Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.
”Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii. Erga kan Kiristoos taatanii yoos isin sanyii Abrahaam; akka waadaattis dhaaltota.
”Garuu Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Garbittii sanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii sun ilma dubartittii birmaduu wajjin hin dhaaluutii” jedha. Kanaafuu yaa obboloota, nu ilmaan dubartii birmaduu sanaati malee ilmaan garbittii miti.
”Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
”Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuun xumurameeraatii.
”Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
”isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne;
”isin akka yeroo sana Kiristoos irraa cittanii, lammummaa Israaʼel keessaa baafamtanii, kakuu waadaatiifis keessumoota taatanii, abdii malee, Waaqa malees addunyaa keessa turtan yaadadhaa.
”Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti;
”Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii.
”Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne. Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf. Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
”Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;
”Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman.
”Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.
”Yoo namni sirriitti itti fayyadame seerri gaarii akka taʼe ni beekna. Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna; akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;
”Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.
”Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa; nus akka Waaqa sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu.
”Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa;
”nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.
”Ati akka namoonni bulchitootaa fi abbootii taayitaatiif bulan, akka ajajamanii fi akka waan gaarii kam iyyuu hojjechuuf qophaaʼoo taʼan yaadachiisi; akka isaan maqaa nama tokko illee hin balleessine, akka namoota nagaatii fi obsa qabeeyyii taʼan, akka nama hundaaf garraamummaa argisiisanis yaadachiisi.
”Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
”Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna. Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
”Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman. Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran; addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan.
”Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii.
”Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.
”Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa. Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Waaqni nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa. Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa. Waaqni akka isin waan gaarii hojjechuudhaan haasaa wallaalummaa namoota gowwaa afaan qabachiiftan fedhaatii. Akka warra bilisummaa qabaniitti jiraadhaa; bilisummaa keessan immoo hammina dhoksuuf itti hin fayyadaminaa; garuu akka tajaajiltoota Waaqaatti jiraadhaa. Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqa sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa. Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa.
”magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraas hamma isaan daaraa taʼanitti gubuudhaan itti muree, fakkeenya waan warra Waaqaaf hin bulletti dhufuuf jiruu erga isaan godhee, namicha qajeelaa jechuunis Looxi isa jireenya xuraaʼaa finciltootaatiin dhiphachaa ture sana erga badiisa oolchee, namichi qajeelaan sun yeroo gidduu isaanii jiraachaa turetti guyyuma guyyaan fincila isaanii sana arguu fi dhagaʼuudhaan lubbuun isaa qajeeltuun sun isa keessatti dhiphachaa turtee,
”Wanni kun keessumattuu warra hawwii foonii xuraaʼaa sana duukaa buʼanii fi warra abbootii taayitaa tuffatanitti ni cima. Namoonni kunneen ija jabeeyyii fi of tuultota; isaan ulfina qabeeyyii samii arrabsuu hin sodaatan; ergamoonni iyyuu yoo isaan caalaa jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan iyyuu fuula Gooftaa duratti uumamawwan akkasii arrabsanii hin himatan.
”Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu seeratti ni fincila; cubbuun finciluudhaatii.
”Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
”Yohannis irraa, Gara waldoota kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa keessa jiran torbaniitti: Isa jiru, isa ture, Isa dhufuuf jiruu fi Hafuurota torban fuula teessoo isaa dura jiran irraa, akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase, isa akka nu Waaqa isaatii fi Abbaa isaa tajaajilluuf mootummaa fi luboota nu taasise sanaaf ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu! Ameen.
”Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf.
”Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture. Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture. Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan. Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha. Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.
”Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu:
”Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moʼu.” Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan. Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!” Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe.
”Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan. Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼuutii fi kan Hoolichaati” jedhanii iyyan. Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan;
”Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata.
”Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture. Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan; akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina. Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.”
”Bineensi jawwee fakkaatu sunis cirracha galaanaa irra dhaabate. Bineensa tokkos utuu inni galaana keessaa baʼuu nan arge. Innis gaanfa kudhanii fi mataa torba qaba ture; gaanfawwan isaa irratti gonfoo kudhan, tokkoo tokkoo mataa isaa irratti immoo maqaa arrabsoo qaba ture. Bineensi ani arge sunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Bineensi jawwee fakkaatu sunis humna isaa, teessoo isaatii fi taayitaa guddaas bineensichaaf kenne.
”Ergamaan lammaffaanis itti aansee, “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti” jedhe.
”Magaalattiin guddoon iddoo sadiitti gargar qoodamte; magaalaawwan sabootaas ni kufan. Waaqnis Baabilon Guddittii ni yaadate; xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa sodaachisaadhaan guutames ni kenneef. Biyyoonni bishaaniin marfaman hundinuu ni baqatan; tulluuwwanis argamuu hin dandeenye.
”Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa. Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.”
”“Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha. Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba. Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa. “Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu. Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu.
”Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.” Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota. Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu. Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii. Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.”
”Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye: “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin kufteerti!’ Lafa jireenya hafuurota hamoo, lafa qubata hafuurota xuraaʼoo hundaa, iddoo jireenya simbirroota xuraaʼoo, iddoo jireenya bineensota xuraaʼoo fi jibbisiisoo hundaa taateerti. Saboonni hundinuus, daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii. Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru; daldaltoonni addunyaas qananii ishee guddaa sanaan sooromaniiru.”
”“Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus. Isaanis dhiphina ishee waan sodaataniif fagoo dhaabatanii, “ ‘Wayyoo! Wayyoo! Yaa magaalaa guddittii, yaa Baabilon magaalattii jabduu! Badiin kee saʼaatuma tokko keessatti dhufeeraatii!’ jedhu.
”Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe: “Baabilon magaalaa guddittiin, akkasuma furguggifamtee ni darbatamti; gonkumaas deebitee hin argamtu.
”Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; “Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha.” Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita.
”Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.
”Ergamaa tokkos utuu inni aduu irra dhaabatuu nan arge; innis sagalee guddaadhaan simbirroota samii walakkaa barrisanitti akkana jedhee iyye; “Kottaa, irbaata Waaqaa isa guddaaf walitti qabamaa; kunis akka isin foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo, foon fardeeniitii fi foon warra farda yaabbatanii akkasumas foon nama hundaa jechuunis foon nama birmaduu taʼeetii fi garbaa, foon xinnaatii fi guddaa nyaattaniif.” Yeroo sanas bineensichi, mootonni lafaatii fi loltoonni isaanii namicha farda yaabbatu sanaa fi loltoota isaatti waraana kaasuuf jedhanii utuu walitti qabamanuu nan arge.
”Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
”Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne. Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate.
”Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe. Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.
”Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise; bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture. Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu. Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama. Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.
”