18 – Barsiisota sobaa

Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Barsiisota sobaa.

Aayatoota sadii baay’ee murteessoo

2 Phexros 2:1-3

Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama. Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu.

2 Phexros 3:16

Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.

Keessa Deebii 18:20

Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”

Aayatoota hundi tartiiba seera-qabeessa keessatti – kutaalee 328

Uumama 3:1-5

Bineensa WAAQAYYO Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe. Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya; garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.” Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan. Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.”

Uumama 3:13-15

WAAQAYYO Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette. Kanaafuu WAAQAYYO Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta. Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”

Baʼuu 20:5-6

Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani WAAQAYYO Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.

Baʼuu 23:1-2

“Oduu sobaa hin odeessin; dhuga baʼuu jalʼaa kennuudhaan nama balleessaa hojjete hin gargaarin. “Waan hamaa hojjechuuf jettee nama baayʼee faana hin buʼin. Fuula seeraa duratti yommuu dhugaa baatu, gara nama baayʼee gortee murtii hin jalʼisin;

Lewwota 19:11

“ ‘Hin hatinaa. “ ‘Hin sobinaa. “ ‘Walis hin gowwoomsinaa.

Lewwota 19:16-17

“ ‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin. “ ‘Waan jireenya ollaa keetii balaa irra buusu hin hojjetin. Ani WAAQAYYO. “ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.

Lakkoobsa 23:19

Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?

Keessa Deebii 4:3

Isin waan WAAQAYYO Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. WAAQAYYO Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera;

Keessa Deebii 5:32

Kanaafuu waan WAAQAYYO Waaqni keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa.

Keessa Deebii 8:2-3

WAAQAYYO Waaqni kee gad si qabee si qoruudhaan waan garaa kee keessa jiru jechuunis akka ati ajajawwan isaa eegduu fi hin eegne beekuuf karaa inni waggoota afurtamman kanneen guutuu gammoojjii keessa si qajeelche yaadadhu. Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan WAAQAYYOOTII baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.

Keessa Deebii 8:5-6

Akka WAAQAYYO Waaqni kee akkuma abbaan ilma isaa adabatu akka si adabu beeki. Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan WAAQAYYO Waaqa keetii eegi.

Keessa Deebii 11:16

Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.

Keessa Deebii 12:32

Ati waan ani si ajaju hunda eegi; itti hin dabalin; irraas hin hirʼisin.

Keessa Deebii 13:1-3

Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe, ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; WAAQAYYO Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii.

Keessa Deebii 18:20

Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”

Keessa Deebii 18:21-22

Ati garaa keetti, “Nu dubbii WAAQAYYO nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa. Yoo wanni raajiin tokko maqaa WAAQAYYOOTIIN dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii WAAQAYYO hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.

1 Saamuʼeel 15:23

Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii WAAQAYYOO tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”

1 Mootota 22:21-23

Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula WAAQAYYOO dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen. “Kanaafuu WAAQAYYO amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. WAAQAYYO badiisa sitti ajajeera.”

2 Seenaa 18:20-22

Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula WAAQAYYOO dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Ati maaliin isa dogoggorsita?’ jedhee isa gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “WAAQAYYOS, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen. “Kanaafuu WAAQAYYO amma afaan raajota kee kanneenii keessa hafuura sobaa kaaʼeera. WAAQAYYO badiisa sitti ajajeera.”

2 Seenaa 36:15-16

WAAQAYYO Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge. Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi WAAQAYYOO saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne.

Iyyoob 13:4

Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha!

Faarfannaa 2:1-4

Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis WAAQAYYOO fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman; isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa.

Faarfannaa 5:6

Ati warra soba dubbatan ni balleessita. WAAQAYYO warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata.

Faarfannaa 5:9

Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu; garaan isaanii badiisaan guutameera. Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni sobu.

Faarfannaa 14:1-3

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. WAAQAYYO yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.

Faarfannaa 31:18

Afaan soba dubbatu, kan of tuulummaa fi tuffiidhaan, nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.

Faarfannaa 34:13

Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.

Faarfannaa 50:16-17

Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: “Ati seera koo labsuudhaaf, kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda? Ati adaba koo ni jibbita; dubbii koos of duubatti gatta.

Faarfannaa 52:2-5

Ati namni nama gowwoomsitu, arrabni kee badiisa qopheessa; arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti. Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta. Yaa arraba gowwoomsituu nana, ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta. Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.

Faarfannaa 55:21

Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu; garaa isaa keessa garuu lolatu jira; dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa; garuu goraadee luqqifamee dha.

Faarfannaa 59:12

Sababii cubbuu afaan isaaniitiif, sababii dubbii hidhii isaaniitiif, isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman. Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,

Faarfannaa 101:7

Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu mana koo keessa hin jiraatu; namni soba dubbatu tokko iyyuu fuula koo dura hin dhaabatu.

Faarfannaa 119:118

Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.

Faarfannaa 119:163

Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas; seera kee garuu nan jaalladha.

Fakkeenya 1:7

WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

Fakkeenya 1:22-23

“Isin warri homaa hin beekne kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu? Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii gowwoonnis beekumsa jibbu? Mormii koo qalbeeffadhaa; ani yaada koo isinii nan dhangalaasa; dubbii koos isiniifin ibsa.

Fakkeenya 3:5-7

Garaa kee guutuun WAAQAYYOON amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha. Ani ogeessa ofiin hin jedhin; WAAQAYYOON sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.

Fakkeenya 4:24

Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.

Fakkeenya 4:25-27

Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali. Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu. Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu.

Fakkeenya 6:16-19

WAAQAYYO waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis: Ija of tuulu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu, garaa mala hamaa malu, miilla gara jalʼinaatti ariifatu, dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.

Fakkeenya 9:7-9

“Namni nama namatti qoosu gorsu kam iyyuu ni arrabsama; namni nama hamaa ifatu kam iyyuu ni salphata. Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii; nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii. Nama ogeessa gorsi; inni ittuma caalchisee ogeessa taʼaa; nama qajeelaaf barumsa kenni; inni beekumsa isaatti dabalaatii.

Fakkeenya 9:10

“WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Fakkeenya 12:19

Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.

Fakkeenya 12:22

WAAQAYYO arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.

Fakkeenya 14:5-7

Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa. Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa. Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.

Fakkeenya 14:25

Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.

Fakkeenya 15:12

Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; nama ogeessaanis hin mariʼatu.

Fakkeenya 17:4

Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata; sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.

Fakkeenya 19:5

Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.

Fakkeenya 19:9

Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada.

Fakkeenya 22:10

Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.

Fakkeenya 24:28

Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.

Fakkeenya 27:5-6

Jaalala dhokfamee mannaa ifannaa ifatti baʼe wayya. Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.

Fakkeenya 29:12

Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.

Fakkeenya 30:5-6

“Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana. Dubbii isaatti homaa hin dabalin; yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.

Lallaba 7:1

Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.

Isaayyaas 1:2-5

Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu! WAAQAYYO akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani ijoollee horadheen guddifadhe; isaan garuu natti fincilaniiru. Qotiyyoon gooftaa isaa, harreenis gola gooftaa isaa ni beeka; Israaʼel garuu hin beeku; sabni koo hin hubatu.” Yaa saba cubbamaa, uummata balleessaan itti baayʼate, ilmaan warra waan hamaa hojjetuu, ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo! Isaan WAAQAYYOON dhiisaniiru; Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii dugda isaanii itti garagalfataniiru. Isin siʼachi maaliif rukutamtu? Maaliif fincila keessa jiraatu? Mataan keessan guutuun miidhameera; garaan keessan guutuunis dadhabeera.

Isaayyaas 1:28

Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu; warri WAAQAYYOON dhiisanis ni badu.

Isaayyaas 5:20-21

Warra hamaadhaan gaarii, gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, kanneen ifaan dukkana, dukkanaan immoo ifa jedhaniif, warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo. Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo.

Isaayyaas 8:13-14

Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼu tokkicha; kan isin sodaachuu qabdan isuma; kan isin hollachuufii qabdanis isuma. Inni iddoo qulqulluu taʼa; manneen Israaʼel lamaaniif garuu inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼa. Saba Yerusaalemitti garuu inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.

Isaayyaas 8:20

Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.

Isaayyaas 14:12-16

Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta! Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa. Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.” Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta. Warri si argan ija babaasanii si ilaalu; akkana jedhaniis dinqisiifatu: “Kun namichuma lafa sochoosee akka mootummoonni raafaman godhe,

Isaayyaas 19:3

Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama; anis karoora isaanii nan fashaleessa; isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.

Isaayyaas 28:7

Jarri kuni daadhii wayiniitiin gatantaru; dhugaatii jabaadhaan dogoggoru; luboonnii fi raajonni dhugaatii jabaadhaan gatantaru; daadhii wayiniitiin fudhatamu; isaan dhugaatii jabaadhaan karaa irraa badu; yeroo mulʼata arganittis ni dogoggoru; yeroo murtii kennanittis ni dogoggoru.

Isaayyaas 29:13

Gooftaan akkana jedha: “Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata; hidhii isaatiinis na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira. Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis seera namni barsiisu qofaan tolfame.

Isaayyaas 29:16

Kun jalʼina keessan, suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen “Inni na hin tolchine” jedhaa? Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?

Isaayyaas 29:24

Warri dogoggoran hubannaa ni argatu; warri guungumanis qajeelfama ni fudhatu.”

Isaayyaas 30:9

Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha; ijoollee seera WAAQAYYOO dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha.

Isaayyaas 30:10-13

Isaan mulʼata argitootaan, “Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu; raajotaanis akkana jedhu; “Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa! Waan nama gammachiisu nutti himaa; gowwoomsaa nuuf raajaa. Karaa kana gad dhiisaa; daandii kana irraa jalʼadhaa; Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa dhabamsiisaa!” jedhu. Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Sababii isin ergaa kana diddanii nama hacuucuu abdattanii gowwoomsaatti irkattaniif, cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.

Isaayyaas 44:25

isa mallattoo raajota sobaa busheessee ilaaltota raatessu, isa ogeeyyii duubatti deebisee beekumsa isaanii faayidaa dhabsiisuu dha;

Isaayyaas 56:10-11

Eegdonni Israaʼel jaamota, isaan hundi beekumsa hin qaban; hundi isaanii saroota duudaa dha; dutuus hin dandaʼan; isaan ciisanii abjootu; rafuus ni jaallatu. Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.

Isaayyaas 57:4

Isin eenyutti qoostu? Eenyutti afaan banattu? Eenyuttis arraba baaftu? Isin ilmaan finciltootaa, sanyii sobdootaa mitii?

Ermiyaas 5:11-13

Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa, guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne” jedha WAAQAYYO. Isaan waaʼee WAAQAYYOO soba dubbatan; akkanas jedhan; “Inni homaa hin godhu! Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu; goraadee yookaan beela hin arginu. Raajonni bubbee malee homaa miti; dubbiin isaan keessa hin jiru; wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu.”

Ermiyaas 5:30-31

“Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko biyyattii keessatti taʼeera: Raajonni raajii sobaa dubbatu; luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu; sabni koos waan akkasii jaallata; isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu?

Ermiyaas 6:13-14

“Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu. Isaan madaa saba kootii akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis ‘Nagaa, nagaa’ jedhu.

Ermiyaas 9:5-6

Michuun michuu gowwoomsa; namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu. Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru; cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru. Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta; isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 9:8

Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha; inni gowwoomsaa dubbata. Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata; garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf.

Ermiyaas 14:14-15

Amma illee WAAQAYYO akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu. Kanaafuu WAAQAYYO waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.

Ermiyaas 17:5

WAAQAYYO akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa WAAQAYYO irraa garagalu abaaramaa dha.

Ermiyaas 17:9-10

Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa? “Ani WAAQAYYO nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”

Ermiyaas 23:9

Waaʼee raajotaa, onneen koo na keessatti cabeera, lafeen koo hundi ni hollata; sababii WAAQAYYOOTII fi sababii dubbii isaa qulqulluu sanaatiif ani akkuma nama machaaʼee akka nama daadhii wayiniitiin moʼatamee nan taʼe.

Ermiyaas 23:11-12

“Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan; ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera” jedha WAAQAYYO. “Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa; isaan dukkanatti gad darbatamu; achittis ni kufu. Bara isaan adabaman keessa, ani badiisa isaanitti nan fida” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 23:14-15

Raajota Yerusaalem gidduutti ani waan nama suukaneessu tokko argeera; isaan ni ejju; sobaan jiraatus. Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef isaan harka jalʼootaa jajjabeessu. Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom; sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti.” Kanaafuu WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu waaʼee raajotaa akkana jedha: “Sababii raajota Yerusaalemiif, waan xuraaʼummaan biyyattii keessa guuteef ani akka isaan nyaata hadhaaʼaa nyaatanii bishaan summaaʼes dhugan nan godha.”

Ermiyaas 23:16-17

WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Waan raajonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa; isaan abdii sobaatiin isin guutu. Isaan utuu afaan WAAQAYYOOTII hin taʼin mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu; yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu. Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin, ‘WAAQAYYO akkana jedha: isin nagaa ni qabaattu’ jedhu. Warra mata jabina yaada ofii isaanii duukaa buʼan hundaan immoo, ‘Hamaan isin hin argatu’ jedhu.

Ermiyaas 23:20-21

Dheekkamsi WAAQAYYOO hamma inni kaayyoo yaada garaa isaa guutumaan guutuutti raawwatutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana akka gaariitti ni hubattu. Ani raajota kanneen hin ergine; isaan garuu ergaa ofii isaanii qabatanii fiiganiiru; ani isaanitti hin dubbanne; isaan garuu raajii dubbataniiru.

Ermiyaas 23:25-29

“Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu. Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata? Raajonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu. Raajiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?” jedha WAAQAYYO. “Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 23:31-32

“Kunoo ani raajota afaanuma isaaniitiin, ‘WAAQAYYO akkana jedha’ jedhaniin nan morma” jedha WAAQAYYO. “Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma” jedha WAAQAYYO, “Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 23:34-36

Yoo raajiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan WAAQAYYOO kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba. Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin WAAQAYYO kenne maali?’ Yookaan, ‘WAAQAYYO maal dubbata?’ jechuu qaba. Egaa isin lammata, ‘Baʼaa WAAQAYYOO,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Waaqa keenyaa, Waaqa jiraataa, WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii.

Ermiyaas 23:38-40

Isin, ‘Baʼaan WAAQAYYO kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, WAAQAYYO akkana jedha; ani ‘Baʼaan WAAQAYYOO kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan WAAQAYYOO kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu. Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata. Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida.”

Ermiyaas 27:9-10

Kanaafuu isin raajota keessan, ilaaltota keessan, warra abjuu isiniif hiikan, eker dubbistoota keessanii fi falfaltoota keessan kanneen, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa. Isaan akka isin biyya keessan keessaa buqqifamtanii fagaattaniif soba isiniif raaju; anis ariʼee isin nan baasa; isinis ni baddu.

Ermiyaas 27:14-16

Dubbii raajota, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhanii hin dhagaʼinaa; isaan raajii sobaa isinitti dubbatuutii. ‘Ani isaan hin ergine’ jedha WAAQAYYO. ‘Jarri maqaa kootiin soba raaju. Kanaafuu ani isinii fi raajota isinii raajan illee ariʼee nan baasa; isinis ni baddu.’ ” Anis lubootaa fi namoota kana hundaan akkanan jedhe, “WAAQAYYO akkana jedha: raajota, ‘Miʼi mana WAAQAYYOO ammuma Baabilonii ni deebifama’ jedhan hin dhagaʼinaa. Isaan soba isiniif raaju.

Ermiyaas 29:8-9

WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: “Raajotaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa. Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 50:6

“Sabni koo hoolota badan taʼaniiru; tikseen isaanii isaan dogoggorsee akka isaan tulluuwwan irra jooran godhe. Isaan tulluu fi gaara irra jooranii lafa boqonnaa isaanii illee wallaalan.

Hisqiʼeel 3:18-21

Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati isa akeekkachiisuu yookaan akka inni karaa isaa hamaa irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatu itti himuu baatte, namichi hamaan sun sababii cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada. Garuu yoo ati nama hamaa sana akeekkachiiftee inni immoo hammina isaa irraa yookaan karaa isaa isa hamaa sana irraa deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee ni oolfatta. “Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha. Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.”

Hisqiʼeel 12:24

Siʼachi mulʼanni sobaa yookaan raajiin sobaa uummata Israaʼel keessa hin jiraatuutii.

Hisqiʼeel 13:1-3

Ergasii dubbiin WAAQAYYOO akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel kanneen amma raajii dubbachaa jiraniin mormuudhaan raaji. Warra yaaduma ofii isaanii raajaniin akkana jedhi: ‘Dubbii WAAQAYYOO dhagaʼaa! WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Raajota gowwaa kanneen utuu homaa hin argin hafuura ofii isaanii duukaa buʼan sanaaf wayyoo!

Hisqiʼeel 13:4-7

Yaa Israaʼel, raajonni kee akkuma waangota waan diigame gidduu jiraatanii ti. Isin akka dallaan sun guyyaa waraana WAAQAYYOOTTI jabaatee dhaabatuuf dallaa cabe sana mana Israaʼeliif deebiftanii ijaaruudhaaf jettanii ol hin baane. Mulʼanni isaanii soba; raajiin isaanii soba. Isaan utuu WAAQAYYO isaan hin ergin, “WAAQAYYO akkana jedha” jedhu; taʼus isaan akka dubbiin isaanii raawwatamu eeggatu. Ani dubbachuu baadhu iyyuu isin, “WAAQAYYO akkana jedha” jechuun keessan mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?

Hisqiʼeel 13:8

“ ‘Kanaafuu WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Sababii dubbii sobaa keessaniitii fi mulʼata sobaa keessaniitiif ani isinitti kaʼa, jedha WAAQAYYO Gooftaan.

Hisqiʼeel 13:9-16

Harki koo raajota mulʼata sobaa arganii raajii sobaa dubbatanitti ni kaʼa. Isaan miseensa waldaa saba kootii hin taʼan yookaan galmee mana Israaʼel irratti hin galmeeffaman yookaan biyya Israaʼel hin seenan. Ergasii isin akka ani WAAQAYYO Gooftaa taʼe ni beektu. “ ‘Isaan yeroo nagaan hin jirretti, “Nagaa dha” jechaa saba koo karaa irraa waan jalʼisanii yeroo namoonni dallaa dhagaa ijaaranitti nooraa dibaniif, ati akka dallaan sun jigu warra nooraa itti diban sanatti himi. Bokkaan hamaan ni rooba; dhagaan cabbii ni buʼa; bubbeen jabaan ni bubbisa. Yeroo dallaan sun jigutti namoonni, “Nooraan isin itti dibdan sun eessa jira” jedhanii isin hin gaafatanii? “ ‘Kanaafuu WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Ani dheekkamsa kootiin bubbee hamaa nan kaasa; aarii kootiinis dhagaa cabbii fi bokkaa hamaan badiisa fidu ni rooba. Ani akka hundeen isaa qullaatti hafuuf dhagaa isin nooraa dibdan sana diigee lafaan wal nan qixxeessa. Yommuu inni jigutti isin isa keessatti ni barbadeeffamtu; akka ani WAAQAYYO taʼes ni beektu. Dallaa sanaa fi warra nooraa itti dibanitti dheekkamsa koo nan roobsa. Anis akkana isiniin nan jedha; “Dallaan sunii fi warri dallaa sana nooraa diban sun ni badu; raajonni Israaʼel kanneen Yerusaalemiif raajanii utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa isheef argan sunis ni badu, jedha WAAQAYYO Gooftaan.” ’

Hisqiʼeel 13:17

“Ammas yaa ilma namaa, fuula kee gara intallan saba keetii kanneen waanuma ofii yaadan raajaniitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji;

Hisqiʼeel 13:22-23

Ani isa dirqisiisuu baadhu iyyuu isin waan soba keessaniin nama qajeelaa dirqisiiftanii fi waan akka namni hamaan karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatuuf hin jajjabeessiniif, isin siʼachi mulʼata sobaa hin argitan yookaan raajii sobaa hin dubbattan. Anis saba koo harka keessan keessaa nan baasa. Ergasiis isin akka ani WAAQAYYO taʼe ni beektu.’ ”

Hisqiʼeel 22:28

Raajonni ishees hojii kana mulʼata sobaatii fi raajii sobaatiin haguugu. Isaan utuma WAAQAYYO hin dubbatin, ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha’ jedhu.

Hisqiʼeel 28:6-7

“ ‘Kanaafuu WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: “ ‘Sababii ati qaroo akka waaqaa of seetuuf, ani namoota biyya ormaa saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida; isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii ulfina kee guddaa sana balleessu.

Hisqiʼeel 33:3-6

eegduun sun goraadee biyyattiitti dhufaa jiru argee uummata akeekkachiisuuf malakata yeroo afuufutti, yoo namni kam iyyuu sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa sana fudhachuu didee goraadeen sun dhufee lubbuu isaa galaafate, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa waan hin fudhatiniif dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni utuu akeekkachiisa sana fudhatee jiraatee silaa of baasa ture. Garuu yoo eegduun sun goraadee dhufaa jiru argee namoota akeekkachiisuuf malakata afuufuu baatee goraadeen sun dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo galaafate, namichi sun sababii cubbuu isaatiif ajjeefama; eegduu sana garuu sababii dhiiga nama sanaatiif nan gaafadha.’

Hisqiʼeel 33:7-9

“Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni. Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa namicha hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati akka inni qalbii jijjiirratu akeekkachiisuu baatte namichi hamaan sun cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada. Garuu yoo ati nama hamaa sana akka inni karaa isaa irraa deebiʼu akeekkachiiftee inni immoo deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee oolfatteerta.

Hisqiʼeel 33:14-15

Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis, inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.

Hisqiʼeel 33:17-20

“Taʼus namoonni biyya keetii, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedhu. Garuu karaan qajeelaa hin taʼin kanuma isaanii ti. Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa. Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata. Taʼu illee yaa mana Israaʼel isin, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Ani garuu hunda keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura.”

Hisqiʼeel 34:2-6

“Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii? Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan. Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju. Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan. Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.

Hisqiʼeel 34:8-10

Ani jiraataadhaatii, jedha WAAQAYYO Gooftaan; sababii bushaayeen koo tiksoota dhabanii akkasiin saamamanii bineensa bosonaatiif nyaata taʼaniif, sababii tiksoonni koo bushaayee koo barbaaduu didanii qooda bushaayee ofuma isaanii sooraniif yaa tiksoota, kanaafuu isin dubbii WAAQAYYOO dhagaʼaa: WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Ani tiksootatti nan kaʼa; bushaayee koos harka isaanii irraa nan barbaada. Akka tiksoonni siʼachi of hin soorreef bushaayee tiksuu irraa isaan nan ariʼa. Ani bushaayee koo afaan isaaniitii nan buusa; isaanis siʼachi soora isaanii hin taʼan.

Hisqiʼeel 34:17

“ ‘Isin garuu yaa bushaayee ko, WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti, korbeessa hoolaatii fi korbeessa reʼee gidduutti murtii nan kenna.

Hisqiʼeel 34:20-22

“ ‘Kanaafuu WAAQAYYO Gooftaan akkana isaaniin jedha: Kunoo, ani mataan koo hoolaa gabbatee fi hoolaa huqqate gidduutti murtii nan kenna. Sababii isin hoolota dadadhaboo hunda cinaachaa fi gatiittii keessaniin dhiibdanii, gaanfa keessaniin immoo jifattanii alatti baaftaniif, ani bushaayee koo nan oolfadha; isaanis siʼachi hin saamaman. Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan kenna.

Hisqiʼeel 35:13

Ati afaan keetiin natti of jajjee oduu natti baayʼifteerta; anis waan kana dhagaʼeera.

Hooseʼaa 4:6

sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. “Waan ati beekumsa tuffatteef anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; sababii ati seera Waaqa keetii gatteef anis ilmaan kee nan gata.

Hooseʼaa 4:12

Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; uleen falfaltuus isaanitti dubbata. Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman.

Miikiyaas 3:5-7

WAAQAYYO akkana jedha: “Waaʼee raajota saba koo karaa irraa jalʼisanii, yoo namni tokko nyaata kenneef isaan ‘Nagaa’ labsu; yoo inni akkas gochuu baate immoo lola isatti kaasuuf qophaaʼu. Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan, utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa. Aduun raajotatti dhiiti; guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa. Ilaaltonni ni qaanaʼu; warri hooda dubbatanis ni salphifamu. Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef isaan hundi fuula haguuggatu.”

Miikiyaas 3:11

Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. Taʼus isaan WAAQAYYOTTI irkatanii, “WAAQAYYO gidduu keenya jira mitii? Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.

Zakkaariyaas 8:16-17

Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa; ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa” jedha WAAQAYYO.

Zakkaariyaas 10:2

Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; raajonni mulʼata sobaa argu; isaan abjuu sobaa namatti himu; waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee hacuucamee asii fi achi joora.

Zakkaariyaas 11:17

“Tiksee faayidaa hin qabne kan bushaayee gatee deemuuf wayyoo! Goraadeen irree isaatii fi ija isaa mirgaa haa dhaʼu! Irreen isaa guutumaan guutuutti haa goggogu; iji isaa mirgaa guutumaan guutuutti haa jaamu!”

Zakkaariyaas 13:2-5

“Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa. Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa WAAQAYYOOTIIN waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu. “Guyyaa sana raajiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa raajii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu. Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee raajii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha.

Miilkiyaas 2:7-9

“Sababii inni ergamaa WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu. Isin garuu karaa irraa jalʼattaniirtu; barsiisa keessaniinis namoota baayʼee gufachiiftaniirtu; kakuu Lewwiis cabsitaniirtu” jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. “Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii.”

Maatewos 5:10-12

Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii. “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.

Maatewos 5:17-19

“Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu. Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.

Maatewos 7:3-6

“Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita. “Waan qulqulluu sarootaaf hin kenninaa; lula keessanis booyyee dura hin buusinaa. Yoo kana gootan isaan miilla isaaniitiin dhidhiitu; gara galanis isin cicciru.

Maatewos 7:13-14

“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.

Maatewos 7:15

“Raajota sobaa warra kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan, kanneen keessi isaanii garuu yeeyyii akka malee beelaʼee waa cicciratu taʼe irraa of eeggadhaa.

Maatewos 7:19-20

Mukni ija gaarii hin naqanne hundi muramee ibiddatti naqama. Kanaaf isin ija isaaniitiin isaan beektu.

Maatewos 7:21-23

“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu. Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu. Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.

Maatewos 12:32

Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu.

Maatewos 13:13-14

Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana: “Isaan utuma ilaalanuu hin argan; utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan. Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha: “ ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.

Maatewos 13:18-23

“Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa: Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha. Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha. Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata. Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”

Maatewos 15:3

Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu?

Maatewos 15:8-9

“ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira. Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’ ”

Maatewos 15:13-14

Innis deebisee akkana jedhe; “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama. Isaan dhiisaa; isaan qajeelchitoota jaamota. Jaamaan yoo jaamaa qajeelche, isaan lachuu boolla keessa buʼu.”

Maatewos 16:11-12

Akka ani waaʼee buddeenaa isinitti dubbachaa hin turin isin akkamitti hin hubanne? Garuu raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa.” Isaanis ergasii akka inni akka isaan raacitii buddeenaa irraa of eeggataniif utuu hin taʼin akka barsiisa Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggataniif isaanitti himaa ture hubatan.

Maatewos 16:23

Yesuus garuu of irra garagalee Phexrosiin, “Yaa Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati gufuu natti taateerta; ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhe.

Maatewos 18:15-17

“Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta. Yoo si dhagaʼuu baate garuu ‘dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuuf’ nama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi. Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.

Maatewos 22:18

Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu?

Maatewos 23:1-5

Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe: “Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru. Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii. Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan. “Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu.

Maatewos 23:6-12

Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu. Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu. “Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti. Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti. ‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos. Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu. Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.

Maatewos 23:13-15

“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin mootummaa samii namoota duraa cuftuutii. Ofii keessanii hin seentan; warra seenuu yaalanis akka isaan seenan hin gootan. [ Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Mana haadha hiyyeessaa saamtanii onsituutii; itti fakkeessuuf kadhannaa ni dheeressitu; kanaafuu murtii caalutu isinitti murama.] “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii keessanitti galfachuuf jettanii lafaa fi galaana irra joortu; yommuu inni amanuttis akka inni isin caalaa dachaa lama ilma gahaannam taʼu isa gootu.

Maatewos 23:23-28

“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture. Isin qajeelchitoota jaamota nana! Bookee ni calaltu; gaala immoo ni liqimsitu. “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera. Yaa Fariisicha jaamaa nana! Jalqabatti keessa xoofootii fi caabii qulqulleessi; ergasii duubni isaas ni qulqullaaʼaa. “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin akkuma awwaala nooraa dibame kan duubni isaa bareedaa fakkaatee keessi isaa immoo lafee namoota duʼaniitiin, xuraaʼummaa hundaanis guutamee ti. Isinis akkasuma duubaan qajeeltota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessuu fi hamminaan guutameera.

Maatewos 23:29-35

“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; soodduu qajeeltotaas ni bareechitu. Isin, ‘Nu utuu bara abbootii keenyaa sana jiraannee silaa dhiiga raajotaa dhangalaasuu keessatti isaan wajjin hin hirmaannu ture’ jettu. Kanaafuu isin akka sanyii warra raajota ajjeesan sanaa taatan ofuma keessanitti dhugaa baatu. Egaa safartuu cubbuu abbootii keessanii guutaa! “Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu? Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu. Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.

Maatewos 24:4-5

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa. Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu.

Maatewos 24:10-12

Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus; raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu. Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa;

Maatewos 24:24-25

Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu. Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.

Maatewos 24:35

Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.

Maatewos 28:18-20

Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera. Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.”

Maarqos 4:14-20

Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa. Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata. Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu. Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu. Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha; garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”

Maarqos 7:6-7

Innis akkana jedhee deebise; “Yaa fakkeessitoota, Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha: “ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira. Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’

Maarqos 7:8-9

Isin ajaja Waaqaa dhiiftanii, duudhaa namootaa jabeessitanii eegdu.” Innis ittuma fufee akkana jedheen; “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu!

Maarqos 13:22-23

Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu. Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.

Maarqos 13:31

Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.

Luqaas 4:4

Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen.

Luqaas 6:26

Yommuu namni hundinuu isin saadu isiniif wayyoo; abbootiin isaanii iyyuu akkanuma raajota sobaa saadaa turaniitii.

Luqaas 6:39-40

Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Jaamaan tokko jaamaa qajeelchuu ni dandaʼaa? Isaan lachuu boolla keessa hin buʼanii? Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.

Luqaas 8:11-15

“Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti. Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha. Sanyiin lafa kattaa irraa sunis warra yommuu dubbicha dhagaʼanitti gammachuudhaan fudhatanii dha; isaan garuu hidda hin qaban. Yeroof amanu malee yeroo qorumsaatti ni ganu. Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis. Sanyiin biyyoo gaarii irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.

Luqaas 8:17-18

Wanni dhokfamee utuu hin mulʼifamin hafu, wanni haguugamee utuu hin beekamin hafu yookaan utuu ifatti hin baafamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii. Kanaaf akkamitti akka dhaggeeffattan qalbeeffadhaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne kam iyyuu garuu wanni inni waan qabu of seʼu iyyuu isa irraa fudhatama.”

Luqaas 16:17

Seera keessaa tuqaan hundumaa gadii dhabamuu irra samii fi lafti dhabamuutu salphata.

Luqaas 21:8

Innis akkana jedhee deebise; “Isin akka hin gowwoomfamneef of eeggadha. Namoonni hedduun, ‘Ani isa; yeroon sun dhiʼaateera’ jechaa maqaa kootiin ni dhufuutii. Isin garuu isaan duukaa hin buʼinaa.

Luqaas 21:33

Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.

Yohannis 2:24-25

Yesuus garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne. Akka namni tokko iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii.

Yohannis 3:18-20

Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera. Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan. Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu.

Yohannis 4:23-24

Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada. Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”

Yohannis 7:16-17

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti. Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.

Yohannis 7:19-20

Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?” Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.

Yohannis 7:24

Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”

Yohannis 8:12

Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.

Yohannis 8:31-32

Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”

Yohannis 8:43-44

Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef. Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.

Yohannis 8:47

Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”

Yohannis 9:39-41

Yesuus immoo, “Warri hin argine akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera” jedhe. Fariisota isa wajjin turan keessaa tokko tokko waan kana jechuu isaa dhagaʼanii, “Nus jaamota mitii ree?” jedhanii gaafatan. Yesuusis, “Utuu jaamota taatanii silaa cubbuu hin qabdan ture; isin garuu, ‘Ni argina’ jettu; cubbuun keessan ni jiraata” jedheen.

Yohannis 10:1-5

“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha. Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti. Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa. Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu. Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.”

Yohannis 10:12-13

Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas. Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.

Yohannis 12:37-40

Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne. Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture. Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii; “Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.”

Yohannis 12:48

Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.

Yohannis 14:6

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.

Yohannis 14:15

“Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.

Yohannis 14:17

inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.

Yohannis 14:26

Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.

Yohannis 15:26

“Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.

Yohannis 16:13

Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.

Yohannis 17:17

Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.

Hojii 5:3-4

Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute? Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.”

Hojii 7:51

“Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.

Hojii 20:28

Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa.

Hojii 20:29-31

Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka. Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu. Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa.

Hojii 26:18

Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’

Roomaa 1:18

Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu;

Roomaa 1:20-21

Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban. Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe.

Roomaa 1:22

Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan;

Roomaa 1:25

Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen.

Roomaa 2:13

Sababiin isaas warra seeraaf ajajamanitu fuula Waaqaa duratti qajeeltota taasifama malee warri seera dhagaʼan qajeeltota miti.

Roomaa 3:4

Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf” jedhamee barreeffamee dha.

Roomaa 3:11-13

namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru. Hundinuu dogoggoraniiru; walumatti warra faayidaa hin qabne taʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.” “Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni gowwoomsu.” “Hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.”

Roomaa 7:12

Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas.

Roomaa 9:1

Ani Kiristoosiin dhugaa nan dubbadha; ani hin sobu; yaadni koos Hafuura Qulqulluudhaan naa mirkaneessa;

Roomaa 10:2-4

Ani akka isaan Waaqaaf hinaaffaa qaban dhugaa nan baʼa; hinaaffaan isaanii garuu kan beekumsa irratti hundeeffame miti. Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle. Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii.

Roomaa 10:17

Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.

Roomaa 11:8

Kunis isa, “Waaqni hamma guyyaa harʼaatti, akka iji isaanii hin argineef, akka gurri isaaniis hin dhageenyeef, hafuura nama dawweessu isaaniif kenne” jedhamee barreeffamee dha.

Roomaa 14:1

Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa.

Roomaa 16:17-18

Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa. Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.

1 Qorontos 1:21-25

Sababii ogummaa Waaqaatiin addunyaan karaa ogummaa isheetiin Waaqa waan hin beekiniif, Waaqni gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu jaallate. Yihuudoonni mallattoo fedhu; Giriikonni immoo ogummaa barbaadu; nu garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha; warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti. Gowwummaan Waaqaa ogummaa namaa caalaa ogeessaatii; dadhabbiin Waaqaas jabina namaa irra jabaa dha.

1 Qorontos 2:1-5

Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne. Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii. Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe. Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre; kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef.

1 Qorontos 2:6-8

Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii.

1 Qorontos 2:11-13

Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru. Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne. Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina.

1 Qorontos 2:14-16

Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu. Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu. “Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.

1 Qorontos 3:11

Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.

1 Qorontos 3:18-20

Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba” jedhamee barreeffamee dha. Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka” jedhameera.

1 Qorontos 9:18

Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti.

1 Qorontos 10:9

Akka isaan keessaa tokko tokko Gooftaa qoranii bofaan ajjeefaman sana nu Gooftaa qoruu hin qabnu.

1 Qorontos 11:16

Garuu yoo abbaan fedhe iyyuu waaʼee kanaa mormuu barbaade, nu yookaan waldaaleen kiristaanaa Waaqaa duudhaa akkasii hin qabnu.

1 Qorontos 11:18-19

Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana. Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba.

1 Qorontos 11:27-32

Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama. Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba. Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii. Kanaafis isin keessaa hedduun dadhabaniiru; dhukkubsataniirus; hedduunis boqotaniiru. Utuu of qorree garuu nutti hin muramu ture. Gooftaan yommuu nutti muru garuu akka addunyaa wajjin nutti hin muramneef nu adaba.

1 Qorontos 14:19-21

Waldaa kiristaanaa keessatti garuu dubbii kuma kudhan afaan haaraan dubbachuu irra warra kaan barsiisuuf dubbii hubatamaa shan dubbachuu nan barbaada. Yaa obboloota, akka ijoolleetti yaaduu dhiisaa; waan hamaaf daaʼimman taʼaa; hubannaadhaan garuu nama guddaa taʼaa. Seera keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Ani afaan biraatiin, afaan alagootaatiinis saba kanatti nan dubbadha; isaan garuu yeroo sanatti illee na hin dhagaʼan, jedha Gooftaan.”

1 Qorontos 14:33-38

Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti. Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii. Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii. Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee? Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku. Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin.

1 Qorontos 15:1-2

Ammas yaa obboloota, ani waaʼee wangeela ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan wangeeluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha.

1 Qorontos 15:33-34

Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.” Gara qalbii keessan isa qajeelaatti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus dhiisaa; namoonni Waaqa hin beekne tokko tokko isin gidduu jiruutii. Anis isin qaanessuufin waan kana dubbadha.

2 Qorontos 2:11

kunis akka Seexanni nu hin gowwoomsineefi. Nu mala isaa hin wallaalluutii.

2 Qorontos 2:14-17

Waaqa yeroo hunda akka nu Kiristoosiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu. Nu warra fayyifamaa jiranii fi warra baduutti jiran gidduutti Waaqaaf urgaa Kiristoos. Nu isa tokkoof urgaa duʼaa ti; isa kaaniif immoo urgaa jireenyaa ti. Egaa eenyutu waan kanaaf gaʼaa taʼa? Nu garuu akka namoota Waaqa biraa ergamaniitti Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Waaqaa gurguratan sanaa miti.

2 Qorontos 3:6

Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.

2 Qorontos 3:14-16

Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii. Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga. Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama.

2 Qorontos 4:2-4

Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina. Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama; Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.

2 Qorontos 10:4-6

Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti. Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona. Yommuu isin guutummaatti ajajamuu keessan raawwattanitti, nu immoo ajajamuu diduu hunda haaloo baʼuuf ni qophoofna.

2 Qorontos 11:3-4

Garuu akkuma bofti haxxummaa isaatiin Hewaanin gowwoomse sana yaadni keessanis akkasuma dhugaa fi qulqullina ittiin Kiristoosiif of kennitan sana irraa ni dogoggorfama jedheen sodaadha. Namni tokko gara keessan dhufee yoo Yesuus nu isinii lallabne malee Yesuus kan biraa isinii lallabe, yookaan Hafuura nu isinii lallabne malee hafuura kan biraa yoo fudhattan, yookaan wangeela nu isinii lallabne malee wangeela kan biraa yoo fudhattan ni obsitu.

2 Qorontos 11:13-15

Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha. Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu. Egaa tajaajiltoonni isaas yoo tajaajiltoota qajeelummaa fakkaachuuf of geeddaran kun waan nama dinqu miti. Dhumni isaaniis akkuma hojii isaanii taʼa.

2 Qorontos 13:5

Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii?

Galaatiyaa 1:6-7

Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera; wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru.

Galaatiyaa 1:8-9

Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu! Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!

Galaatiyaa 1:10-12

Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture. Yaa obboloota, wangeelli ani lallabe sun nama irraa akka hin dhufin isin akka beektan nan barbaada. Ani wangeelicha mulʼataan Yesuus Kiristoos irraa fudhadhe malee nama tokko irraa illee hin fudhanne; yookaan namni na hin barsiifne.

Galaatiyaa 2:4-5

Kunis sababii obboloota sobaa tokko tokko bilisummaa nu karaa Kiristoos Yesuusiin arganne basaasuu fi nu garboomfachuuf dhokatanii nu gidduu galaniif taʼe. Nus akka dhugaan wangeelaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne.

Galaatiyaa 2:11-14

Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme. Utuu jarri tokko Yaaqoob biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe. Yihuudoonni kaanis itti fakkeessummaa isaa duukaa buʼan; Barnaabaas iyyuu itti fakkeessummaa isaaniitiin dogoggorfamee ture. Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa wangeelaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; “Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?

Galaatiyaa 3:1

Yaa warra Galaatiyaa gowwoota! Eenyutu falfala isinitti hojjete? Yesuus Kiristoos akka waan ijuma keessan duratti fannifameetti mulʼifamee hin turree?

Galaatiyaa 6:1-3

Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu. Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa.

Galaatiyaa 6:6-8

Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu. Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii. Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.

Efesoon 4:14-15

Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu. Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos.

Efesoon 4:17-18

Kanaafuu ani waan kana isinitti nan hima; maqaa Gooftaatiinis jabeessee isinitti nan dubbadha; isin siʼachi akka Namoonni Ormaa warri yaadni isaanii faayidaa hin qabne sun jiraatanitti hin jiraatinaa. Sababii mata jabina isaaniitiinis waan wallaalummaan isaan keessa jiruuf hubannaan isaanii dukkaneeffameera; jireenya Waaqaa keessaas baʼaniiru.

Efesoon 4:25

Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu.

Efesoon 4:29

Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.

Efesoon 5:6

Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii.

Efesoon 5:8-10

Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa; iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii; waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa.

Efesoon 5:11

Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa.

Efesoon 6:12

Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii.

Efesoon 6:14-17

Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa. Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa. Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.

Fiiliphisiyuus 1:9-10

Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu, akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,

Qolosaayis 2:4

Anis akka namni tokko iyyuu afaan tolee isin hin gowwoomsineef waan kana isinittin hima.

Qolosaayis 2:8

Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.

Qolosaayis 2:18

Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula.

Qolosaayis 2:20-23

Isin erga Kiristoos wajjin qajeelfama hundee kan addunyaa kanaatiif duutanii maaliif akka waan amma iyyuu kan addunyaa taataniitti sirna isaatiif bultu ree? Innis, “Harkaan hin qabatin! Hin dhandhamin! Hin tuqin!” jedha. Isaanis waan ajajaa fi barsiisa namaa irratti hundeeffamaniif yeroo hojii irra oolanitti baduuf murteeffamaniiru. Sirni kunis dhugumaan of dirqisiisuun waaqeffachuu isaanii, gad of qabuu sobaatii fi foon isaanii miidhuu isaaniitiin bifa ogummaa qaba; hawwii foonii dhowwuuf garuu faayidaa tokko illee hin qabu.

Qolosaayis 3:9-10

Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.

1 Tasaloniiqee 5:21

waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.

2 Tasaloniiqee 2:3

Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii.

2 Tasaloniiqee 2:9-12

Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa; innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu. Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga; kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf.

2 Tasaloniiqee 2:15

Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa.

2 Tasaloniiqee 3:6

Yaa obboloota, isin obboleessa dhibaaʼaa fi kan akka bartee isin nurraa argattan sanaattis hin jiraanne hunda irraa akka fagaattaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ajajna.

1 Xiimotewos 1:3-7

Akkuma ani yeroo Maqedooniyaa dhaqetti si gorse sana ati akka namoonni tokko tokko barsiisa addaa hin barsiifne akka ajajjuuf achuma Efesoon turi; akkasumas akka isaan oduu hundee hin qabnee fi hidda dhalootaa kan dhuma hin qabne sanaan hin fudhatamne isaan ajaji. Wanni kun hojii Waaqaa kan amantiin taʼu guddisuu irra mormii kakaasaatii. Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha. Namoonni tokko tokko karaa kana irraa badanii gara dubbii faayidaa hin qabneetti gara galaniiru. Isaanis maal akka jedhan yookaan akka waaʼee maalii cimsanii dubbatan utuu hin hubatin barsiistota seeraa taʼuu barbaadu.

1 Xiimotewos 2:4-7

Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada. Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha; Yesuus kunis isa furii taʼee nama hundaaf dabarsee of kennee dha; kunis yeroo isaatti mirkaneeffameera. Sababii kanaaf ani lallabaa fi ergamaa, Namoota Ormaatiif immoo barsiisaa amantii dhugaa taʼee muudameen jira. Ani dhugaa dubbadha; hin sobu.

1 Xiimotewos 2:11-14

Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu. Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu. Sababiin isaas Addaam jalqabatti uumame; Hewaan immoo ergasii uumamte. Addaam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite.

1 Xiimotewos 4:1-2

Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata. Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa.

1 Xiimotewos 4:6-7

Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata. Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi.

1 Xiimotewos 4:11-16

Wantoota kanneen ajaji; barsiisis. Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin. Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu. Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin. Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni. Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.

1 Xiimotewos 5:17-18

Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu. Katabbiin Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;” akkasumas, “Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala” jedhaatii.

1 Xiimotewos 5:19-22

Yoo dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffame malee himata jaarsa tokko mormuun dhiʼeeffamu kam iyyuu hin fudhatin. Akka warri kaan sodaataniif namoota cubbuu hojjetan fuula namoota hundaa duratti itti dheekkami. Ani akka ati waan tokko iyyuu loogiidhaan hin goonee fi akka wal caalchisuu malee ajajawwan kanneen eegduuf fuula Waaqaatii fi fuula Kiristoos Yesuus duratti, fuula ergamoota filatamanii durattis sin gorsa. Eenyu irra iyyuu harka kaaʼuuf hin ariifatin; cubbuu nama biraa keessatti hin hirmaatin. Qulqullummaadhaanis of eeggadhu.

1 Xiimotewos 6:3-5

Eenyu iyyuu yoo barsiisa addaa barsiise, yoo dubbii dhugaa kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi barsiisa nama Waaqaa taʼuuf fayyaduun walii hin galle, inni of tuulummaan guutameera; waan tokko iyyuus hin hubatu. Inni waaʼee jechootaa irratti morkii fi lolaaf fedhii hamaa qaba; kunis hinaaffaa, wal dhabuu, arrabsoo fi shakkii hamaa fida; namoota qalbiin isaanii badee dhugaanis irraa fudhatame kanneen Waaqatti buluu karaa ittiin maallaqni argamu seʼan gidduuttis walitti buʼiisa dhuma hin qabnetu uumama.

1 Xiimotewos 6:20-21

Yaa Xiimotewos, waan imaanaa sitti kenname jabeessii eegi. Oduu Waaqni hin jaallannee fi yaada mormii kan sobaan “Beekumsa” jedhamu irraa fagaadhu; namoonni tokko tokko, “Nu beekumsa akkasii qabna” jechuun amantii irraa badaniiruutii. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.

2 Xiimotewos 2:14

Wantoota kanneen isaan yaadachiisi; waaʼee jechootaatiinis akka wal hin lolleef fuula Waaqaa duratti isaan akeekkachiisi; wanni akkasii warra dhagaʼan ni diiga malee waa tokko illee hin fayyaduutii.

2 Xiimotewos 2:15-16

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu. Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Waaqaa taʼuu irraa nama fageessaatii.

2 Xiimotewos 2:17-19

Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu; isaanis duʼaa kaʼuun taʼee darbeera jechuudhaan dhugaa irraa fagaataniiru. Amantii namoota tokko tokkoos ni balleessu. Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,” akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera.

2 Xiimotewos 2:23-26

Falmii faayidaa hin qabnee fi gowwummaa keessa hin seenin; kun akka lola fidu atuu ni beektaatii. Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu. Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba; akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu.

2 Xiimotewos 3:2-5

Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.

2 Xiimotewos 3:6-7

Isaan warra manneen seenuudhaan dubartoota dadhaboo warra cubbuun isaan irra tuulamee fi warra hawwii gosa hundaatiin asii fi achi raafaman boojiʼanii dha; dubartoonni kunneen yeroo hunda ni baratu; garuu gonkumaa dhugaa beekuutti dhufuu hin dandaʼan.

2 Xiimotewos 3:8-9

Akkuma Yaaneesii fi Yaambirees Museen morman sana namoonni qalbiin isaanii badee waaʼee amantiitti fudhatama dhaban kunneenis dhugaadhaan ni mormu. Taʼus gowwummaan isaanii waan akkuma namoota sanaa nama hunda biratti ifatti baʼuuf isaan fagoo hin deeman.

2 Xiimotewos 3:12-13

Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama; namoonni hamoonii fi gowwoomsitoonni garuu nama gowwoomsaa, of illee gowwoomfamaa hamminaan ittuma caalaa deemu.

2 Xiimotewos 3:14-17

Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii; akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.

2 Xiimotewos 4:2-4

Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis. Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu. Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu.

Tiitoo 1:9-16

Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba. Finciltoonni baayʼeen, warri dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi gowwoomsitoonni keessumattuu miseensonni garee warra dhagna qabatanii hedduutu jiraatii. Isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii waan barsiisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan waan maatii guutuu diiganiif afaan qabachiifamuu qabu. Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexi yeroo hunda sobdoota; bineensota hamoo dha; albaadheyyii dhibaaʼoo dha” jedheera. Dhuga baʼumsi kun dhugaa dha. Kanaafuu akka isaan amantii dhugaa qabaataniif jabeessii isaan ifadhu. Akka isaan mammaaksa Yihuudootaa kan hundee hin qabne yookaan ajaja warra dhugaadhaan mormanii duukaa hin buuneefis jabeessii isaan ifadhu. Warra qulqullaaʼoof wanni hundinuu qulqulluu dha; warra xuraaʼoo fi warra hin amanneef garuu wanni tokko iyyuu qulqulluu miti. Dhugumaanuu yaadni isaaniitii fi qalbiin isaanii xuraaʼeera. Isaan nu Waaqa beekna jedhu; hojii isaaniitiin garuu isa ganu. Isaan jibbamoo dha; warra hin ajajamnee fi warra waan gaarii tokko iyyuu hojjechuuf gaʼumsa hin qabnee dha.

Tiitoo 2:1-2

Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi. Jaarsoliin akka amala qabeeyyii, kabajamoo fi warra of qaban taʼaniif, akkasumas akka warra amantii dhugaa, jaalalaa fi obsa qabaatan barsiisi.

Tiitoo 2:3-5

Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi. Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.

Tiitoo 2:6-8

Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi. Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi; akka warri siin morman waaʼee keenya waan hamaa dubbatan tokko illee dhabanii qaanaʼaniifis dubbii dhugaa kan tuffatamuu hin dandeenye dubbadhu.

Tiitoo 2:9-10

Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi; akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Waaqaa karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi.

Tiitoo 3:9-11

Ati garuu falmii faayidaa hin qabnee fi hidda dhalootaa lakkaaʼuu irraa, waaʼee seeraa irratti wal mormuu fi wal loluu irraa fagaadhu; kun waan buʼaa hin qabnee fi waan hin fayyadnee dhaatii. Nama gargar baʼuu fidu tokko yeroo tokko akeekkachiisi; yeroo lammaffaas akeekkachiisi. Ergasii immoo isa irraa fagaadhu. Namni akkasii akka micciiramaa fi cubbamaa taʼe atuu beekta; inni nama ofuma isaatti muruu dha.

Ibroota 2:1-3

Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna. Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii, yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame.

Ibroota 3:12

Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.

Ibroota 3:18-19

Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree? Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.

Ibroota 4:12-13

Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora. Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.

Ibroota 6:4-6

Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan, warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.

Ibroota 10:26-29

Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu; garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata. Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama. Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu?

Ibroota 12:15-17

Nama kamitti iyyuu ayyaanni Waaqaa akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa. Namni kam iyyuu akka Esaawu isa mirga hangafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurgurate sanaa sagaagaltuu yookaan nama Waaqatti hin bulle hin taaneef of eeggadhaa. Inni ergasii yeroo eebba sana dhaaluu barbaadetti akka didame isin ni beektu. Inni yoo eebba sana imimmaaniin barbaade illee geeddarama tokko illee fiduu hin dandeenye.

Ibroota 13:9

Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu.

Yaaqoob 1:3-5

amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii. Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu. Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

Yaaqoob 1:22-24

Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa. Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata; innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata.

Yaaqoob 3:1-2

Yaa obboloota ko, baayʼeen keessan barsiistota hin taʼinaa; nu warra barsiisnutti murtii cimaan akka muramu ni beektuutii. Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.

Yaaqoob 3:5-6

Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.

1 Phexros 2:7-8

Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.” Akkasumas, “Dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼe” jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman.

1 Phexros 3:10

“Namni jireenya jaallatu, kan bara gaariis arguu hawwu kam iyyuu, arraba isaa hammina irraa, hidhii isaa immoo soba dubbachuu irraa haa eeggatu.

1 Phexros 3:15-16

Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa; isinis yommuu namoonni waaʼee keessan waan hamaa dubbatanitti akka warri amala gaarii isin Kiristoos keessatti qabdan sana arrabsan qaanaʼaniif yaada gaarii qabaadhaa.

1 Phexros 5:8-9

Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii. Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.

2 Phexros 1:20-21

Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu. Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.

2 Phexros 2:1-3

Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama. Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu.

2 Phexros 2:20-21

Isaan erga Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos beekuudhaan xuraaʼummaa addunyaa keessaa baʼanii booddee yoo amma illee deebiʼanii xuraaʼummaa sanaan qabamanii fudhataman haalli isaanii kan dhumaa isa jalqabaa sana caalaa hammaata. Isaan karaa qajeelinaa beekanii ajaja qulqulluu isaanii kenname sanatti dugda galuu irra utuu duraanuu karaa qajeelinaa sana beekuu baatanii isaaniif wayya ture.

2 Phexros 3:16

Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.

2 Phexros 3:17-18

Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa. Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddadhaa. Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

1 Yohannis 1:5-6

Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Waaqni ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha. Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu.

1 Yohannis 2:3-6

Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna. Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru. Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna; namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.

1 Yohannis 2:26-27

Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa. Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.

1 Yohannis 4:1-3

Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.

1 Yohannis 4:5-6

Isaan kan addunyaa ti; kanaaf wanni isaan dubbatanis kanuma addunyaa ti; addunyaanis isaan dhaggeeffata. Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.

2 Yohannis 1:6

Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.

2 Yohannis 1:7-8

Gowwoomsitoonni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi farra Kiristoos. Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa.

2 Yohannis 1:9-11

Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.

3 Yohannis 1:9-10

Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu. Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.

Yihuudaa 1:3-4

Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.

Mulʼata 2:2

Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka.

Mulʼata 2:9

Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti.

Mulʼata 2:14-16

Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaam duukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii. Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda. Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.

Mulʼata 2:20

Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti.

Mulʼata 3:15-17

Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture. Kanaafuu ati waan laphii taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera. Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu.

Mulʼata 3:19

Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.

Mulʼata 12:9-11

Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman. Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “Amma fayyinni, humnii fi mootummaan Waaqa keenyaa, taayitaan Kiristoos isaas dhufeera. Himataan obboloota keenyaa inni halkanii guyyaa fuula Waaqaa duratti, isaan himatu sun gad darbatameeraatii. Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne.

Mulʼata 18:4

Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “ ‘Yaa saba ko, isin akka cubbuu ishee keessatti hin hirmaanneef, balaa ishee irra gaʼus akka hin qoodanneef, kottaa ishee keessaa baʼaa;’

Mulʼata 18:23

Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu. Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan. Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera.

Mulʼata 19:20

Bineensichi garuu ni qabame; raajichi sobaa kan fuula bineensichaa duratti hojiiwwan dinqii hojjechaa ture sunis isa wajjin qabame. Innis hojiiwwan dinqii kanneeniin warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra fakkii isaatiif sagadan ni gowwoomse. Isaan lachuu utuma lubbuun jiranuu haroo ibiddaa kan dinyiidhaan bobaʼu keessatti gad darbataman.

Mulʼata 20:2-3

Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe. Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba.

Mulʼata 20:10

Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu.

Mulʼata 21:8

Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.”

Mulʼata 21:27

Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu.

Mulʼata 22:15

Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu.

Mulʼata 22:18-19

Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala. Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.

Oromo - Oromoo - OM

GAZCV'22 - Oromo Contemporary Biblica - 2022

This Bible text is from Biblica Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022
https://open.bible/bibles/oromo_latin-biblica-text-bible/
provided by: Biblica Inc, available by Creative Commons CC-BY-SA-4.0,
and this new compilation is shared as www.creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0.
Languages are made available to you by www.ipedge.net