23 – Jaalala

Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Jaalala.

Aayatoota sadii baay’ee murteessoo

Luqaas 6:27-29

“Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa. Yoo namni tokko maddii tokko si kabale, maddii kaanis itti qabi. Yoo namni tokko kootii kee sirraa baafate immoo, kittaa kee illee hin dhowwatin.

1 Yohannis 4:7-11

Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku. Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge. Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.

Iyyoob 6:14

“Namni michuu isaatiif garaa hin laafne Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.

Aayatoota hundi tartiiba seera-qabeessa keessatti – kutaalee 326

Uumama 2:24

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Uumama 29:20

Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.

Baʼuu 20:12

Akka biyya WAAQAYYO Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Baʼuu 20:17

Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”

Baʼuu 23:4-5

“Yoo sangaa yookaan harree diina keetii kan baduutti jiru argite deebisii geessiif. Yoo harree nama si jibbu tokkoo utuu isheen baʼaa baattee kuftee jirtuu argite achitti hin dhiisin; isa gargaarii ol kaasi.

Baʼuu 34:6

Waaqayyo fuula Musee dura darbee akkana jedhee labse; “WAAQAYYO, WAAQAYYO Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa,

Lewwota 19:17-18

“ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami. “ ‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani WAAQAYYO.

Lewwota 19:34

Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan.

Lewwota 25:35-37

“ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee isin gidduutti of gargaaruu dadhabe, akka inni isin gidduu jiraachuu dandaʼuuf akkuma alagaa yookaan keessummaa tokko gargaartutti isa gargaar. Akka namni sun si wajjin jiraachuu dandaʼuuf Waaqa kee sodaadhu malee dhala tokko iyyuu isa irraa hin fudhatin. Maallaqa kee dhalaan hin liqeessiniif yookaan nyaata kee buʼaa itti herregattee hin kenniniif.

Lakkoobsa 12:3

Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.

Keessa Deebii 6:5

Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan WAAQAYYO Waaqa kee jaalladhu.

Keessa Deebii 7:9-10

Kanaafuu akka WAAQAYYO Waaqni kee Waaqa taʼe beeki; inni Waaqa amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha. Warra isa jibban garuu, balleessuuf gatii isaanii mataa isaaniitti deebisa; nama isa jibbus gatii isaa mataa isaatti deebisuudhaaf lafa irra hin harkifatu.

Keessa Deebii 10:18-19

Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata. Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii.

Keessa Deebii 11:1

WAAQAYYO Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.

Keessa Deebii 11:13

Yoo ajajawwan ani harʼa isiniif kennu amanamummaadhaan eegdan jechuunis yoo isin WAAQAYYO Waaqa keessan jaallattanii garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltan,

Keessa Deebii 13:3

ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; WAAQAYYO Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii.

Keessa Deebii 15:10-11

Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf WAAQAYYO Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa. Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.

Keessa Deebii 16:17

Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba WAAQAYYO Waaqni keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa.

Keessa Deebii 30:6

Akka ati garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan isa jaallattee jiraattuuf WAAQAYYO Waaqni kee garaa keetii fi garaa sanyiiwwan keetii dhagna ni qaba.

Keessa Deebii 30:20

kunis akka ati WAAQAYYO Waaqa kee jaallatuuf, akka dubbii isaa dhageessee isatti maxxantee jiraattuuf. WAAQAYYO sababii jireenya kee taʼeef, biyya abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakateef sana keessatti bara dheeraa siif kenna.

Iyyaasuu 22:5

Garuu akka WAAQAYYO Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi WAAQAYYOO isinii kenne sana jabeessaa eegaa.”

1 Saamuʼeel 2:3

“Of jajuudhaan hin dubbatinaa; yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin; WAAQAYYO Waaqa beekaadhaatii; hojiiwwanis isaan madaalamu.

1 Saamuʼeel 18:1-4

Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate. Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawitin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef. Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene. Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawitiif kenne.

1 Saamuʼeel 20:41-42

Erga gurbichi deemee booddee Daawit karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawit garuu caalaa booʼe. Yoonaataanis Daawitiin, “ ‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti WAAQAYYO bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa WAAQAYYOOTIIN walii kakanneerraatii nagaan deemi” jedhe. Ergasii Daawit kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe.

Iyyoob 6:14

“Namni michuu isaatiif garaa hin laafne Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.

Faarfannaa 25:6-7

Yaa WAAQAYYO, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; isaan durumaa jalqabanii jiruutii. Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa WAAQAYYO, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.

Faarfannaa 25:9

Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.

Faarfannaa 25:10

Karaan WAAQAYYOO hundinuu warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.

Faarfannaa 31:23

Qulqulloonni isaa hundinuu, WAAQAYYOON jaalladhaa! WAAQAYYO amanamoota ni eega; of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.

Faarfannaa 36:5-7

Yaa WAAQAYYO, araarri kee samiiwwan bira, amanamummaan kees duumessa bira gaʼa. Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. Yaa WAAQAYYO, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta. Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.

Faarfannaa 40:11

Yaa WAAQAYYO araara kee na hin dhowwatin; jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.

Faarfannaa 41:1-3

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti WAAQAYYO isa ni oolcha. WAAQAYYO isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu. WAAQAYYO siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.

Faarfannaa 51:1

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee kan hin geeddaramne sanaatti na maari; akkuma baayʼina araara keetiitti, yakka koo narraa haqi.

Faarfannaa 69:16

Yaa WAAQAYYO, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni; araara kee guddichaanis natti garagali.

Faarfannaa 86:5

Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.

Faarfannaa 86:15

Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.

Faarfannaa 101:5

Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu, ani afaan nan qabachiisa; nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf, ani obsa hin qabaadhu.

Faarfannaa 103:8-12

WAAQAYYO gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha. Inni yeroo hunda hin dheekkamu; aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu; inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne. Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha; akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.

Faarfannaa 103:17

Jaalalli WAAQAYYOO garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

Faarfannaa 107:1

WAAQAYYOOF galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Faarfannaa 107:8-9

Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif WAAQAYYOON haa galateeffatan; inni warra dheebotan dheebuu baasee warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.

Faarfannaa 117:2

Jaalalli inni nuuf qabu guddaadhaatii; amanamummaan WAAQAYYOO bara baraan jiraata. Haalleluuyaa.

Faarfannaa 133:1

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!

Faarfannaa 136:26

Waaqa samiitiif galata galchaa. Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Faarfannaa 145:8-9

WAAQAYYO arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha. WAAQAYYO, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.

Faarfannaa 147:6

WAAQAYYO warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.

Fakkeenya 3:3

Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.

Fakkeenya 5:15-20

Eela kee keessaa bishaan, boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi. Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa? Isaan kan kee haa taʼan; ormi si wajjin qooddachuu hin qabu. Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi. Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu. Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta? Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?

Fakkeenya 6:16-19

WAAQAYYO waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis: Ija of tuulu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu, garaa mala hamaa malu, miilla gara jalʼinaatti ariifatu, dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.

Fakkeenya 8:13

WAAQAYYOON sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.

Fakkeenya 8:17

Ani warra na jaallatan nan jaalladha; warri na barbaadanis na argatu.

Fakkeenya 10:12

Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.

Fakkeenya 11:2

Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

Fakkeenya 11:17

Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.

Fakkeenya 11:24-25

Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma. Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

Fakkeenya 13:24

Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

Fakkeenya 14:21

Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.

Fakkeenya 14:31

Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.

Fakkeenya 15:1

Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.

Fakkeenya 15:25

WAAQAYYO mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.

Fakkeenya 16:5-6

Namni of tuulu kam iyyuu fuula WAAQAYYOO duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu. Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; WAAQAYYOON sodaachuudhaanis hammina irraa cita.

Fakkeenya 16:18-19

Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema. Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.

Fakkeenya 16:24

Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.

Fakkeenya 17:9

Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.

Fakkeenya 17:17

Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.

Fakkeenya 18:21

Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.

Fakkeenya 18:24

Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

Fakkeenya 19:17

Namni hiyyeessaaf garaa laafu WAAQAYYOOF liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

Fakkeenya 19:22

Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.

Fakkeenya 21:3-4

Fuula WAAQAYYOO duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba. Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa kan hin qotaminii dha; innis cubbuu dhala.

Fakkeenya 21:13

Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu.

Fakkeenya 21:21

Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu, jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.

Fakkeenya 21:23-24

Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega. Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;” inni akka malee koora.

Fakkeenya 22:9

Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.

Fakkeenya 22:10-11

Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu. Nama qulqullina garaa jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.

Fakkeenya 25:21-22

Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; WAAQAYYOS si badhaasa.

Fakkeenya 28:27

Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.

Fakkeenya 29:22

Namni aaru lola kakaasa; kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.

Fakkeenya 29:23

Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.

Fakkeenya 30:18-19

“Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; afur immoo ani hin hubadhu; kunis: Karaan risaa samii irra, karaan bofaa kattaa irra, karaan doonii galaana guddaa irra, karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.

Fakkeenya 31:8-9

“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi. Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”

Lallaba 7:9

Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin; aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii.

Weedduu 1:1-4

Weedduu Weeddotaa Solomoon. Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii. Urgaan shittoo keetii namatti tola; maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. Kanaafuu dubarran si jaallatu! Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. Nu sitti gammannee ililchina; jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!

Weedduu 1:9-16

Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala. Maddiin kee amartii gurraatiin, mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera. Nu warqee gurraa meetiidhaan wal make siif tolchina. Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu shittoon koo urgaa isaa kenne. Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; inni guntuta koo gidduu boqota. Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha. Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! Dinqii akkam bareedda! Iji kee gugee fakkaata. Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii akkam namatti tolta! Margi lalisaan siree keenya.

Weedduu 2:1-9

Ani daraaraa Shaaroon; daraaraa sulula keessaa ti. Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti. Michuun koo dargaggoota gidduutti akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; iji isaas natti miʼaawa. Inni galma cidhaatti na geesse; akeekni inni naaf qabu jaalala. Sababii ani jaalalaan gaggabeef isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; muka hudhaatiinis na haaromsaa. Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata. Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee gaarran irras qaariʼee dhufaa jira. Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee foddaa keessaan ilaalaa qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.

Weedduu 2:10-17

Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; “Yaa miidhagduu koo kaʼi! Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi. Kunoo! Ganni darbeera; bokkaanis caamee sokkeera. Daraaraan lafa irratti mulʼateera; waqtiin sirbaa gaʼeera; wacni gugees biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira. Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; wayiniin daraares urgaa kenneera. Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; yaa bareedduu koo na wajjin deemi.” Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, mee fuula kee na argisiisi; mee sagalee kee na dhageessisi; sagaleen kee miʼaawaadhaatii; fuulli kees namatti tola. Mee waangoo, waangoodhuma xixinnoo ishee kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii. Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; inni daraaraa keessa dheechifata. Yaa michuu ko, hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.

Weedduu 3:5-6

Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti, jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. Isheen qumbii fi ixaana urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee akkuma utubaa aaraa gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?

Weedduu 4:1-7

Yaa bareedduu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii ati akkam bareedda! Iji kee haguuggii kee duubaan gugee fakkaata. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼootaa kan gaara Giliʼaad irraa gad buʼuu ti. Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan rifeensi irraa haadamee dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru. Hidhiin kee akkuma kirrii bildiimaa ti; haasaan kee namatti tola. Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata. Mormi kee gamoo Daawit kan miʼa lolaa itti kuusuuf ijaarame sana fakkaata; isa irratti gaachana kumatu rarraafama; hundinuu gaachana loltootaa ti. Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti. Hamma bariʼee gaaddisni baduutti, ani gara tulluu qumbiitii fi gara gaara ixaanaa nan dhaqa. Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha; ati mudaa tokko illee hin qabdu.

Weedduu 4:9-16

Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta; ati milʼuu ija keetii tokkoon, faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta. Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, jaalalli kee akkam nama gammachiisa! Jaalalli kee daadhii wayinii caalaa, urgaan shittoo keetiis urgooftuu kam iyyuu caalaa akkam namatti tola! Yaa misirrittii ko, hidhiin kee akkuma dhaaba dammaa nadhii coccobsa; aannanii fi dammi arraba kee jala jira. Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoon. Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati akkuma iddoo biqiltuu cufamee ti; ati burqaa dallaan itti ijaaramee fi madda chaappaan cufamee dha. Biqiltuun kee iddoo roomaanii kan ija filatamaa heennaa fi naardoos qabuu dha; akkasumas naardoosii fi marga urgaaʼu, qundhii fi qarafaa, muka ixaanaa gosa garaa garaa, qumbii, argeessaa fi urgooftuu akka malee gaarii hunda qaba. Ati burqaa biqiltuu keessaa ti; bishaan boollaa yaaʼu kan Libaanoon irraa gad dhangalaʼuu dha. Yaa bubbee kaabaa dammaqi; bubbeen kibbaas kottu! Akka urgaan isaa naannoo hunda waliin gaʼuuf biqiltuu koo irratti bubbisi. Michuun koo dhufee, biqiltuu seenee ija filatamaa haa nyaatu.

Weedduu 5:1-4

Yaa obboleettii ko, misirrittii ko, ani dhufee biqiltuu koo seeneera; ani qumbii koo urgooftuu koo wajjin walitti qabadheera. Ani dhaaba damma koo nadhii isaa wajjin nyaadheera; daadhii wayinii koos aannan koo wajjin dhugeera. Yaa michoota, nyaadhaa dhugaa; jaalalas dhugaa quufaa. Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera. Mee dhaggeeffadhaa! Michuun koo balbala rurrukutaa jiraatii; inni akkana jedha; “Yaa obboleettii ko, miidhagduu ko, gugee koo kan mudaa hin qabne, balbala naaf bani. Mataan koo fixeensaan, rifeensi koos jiidha halkaniitiin tortoreera.” Ani uffata koo of irraa baaseera; akkamittan deebisee uffadha ree? Miilla koo dhiqadheera; akkamittan deebisee xureessa ree? Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche; lapheen koo isaaf ni dhaʼate.

Weedduu 5:8-9

Yaa intallan Yerusaalem, isin michuun koo yoo argitan jaalalaan dhukkubsachuu koo akka isatti naaf himtan isinan kakachiisa. Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee maaliin warra kaan caala? Ati kan akkas nu kakachiiftu, michuun kee maaliin warra kaan caala?

Weedduu 5:10-16

Michuun koo diimaa cululuqaa dha; inni namoota kuma kudhan keessaa ni mulʼata. Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha; rifeensi mataa isaa jigaa dha; akkuma arraagessaas gurraacha. Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa kan aannaniin dhiqamee akka faayaatti kaaʼatamuu dha. Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti. Hidhiin isaa akkuma daraaraa qumbiin irraa coccobuu ti. Harki isaa ulee warqee kan biiraleedhaan faayeffamee dha. Dhagni isaa akkuma ilka arbaa kan sanpeeriin miidhagfamee dha. Miilli isaa utubaa dhagaa adii kan baattuu warqee qulqulluu irraa hojjetame irra dhaabamee dha. Bifti isaa akkuma Libaanoon, akkuma birbirsaa Libaanoon filatamaa dha. Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha; inni guutumaan guutuutti namatti tola. Yaa intallan Yerusaalem, kun michuu koo ti; kun michuu koo ti.

Weedduu 6:3

Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti; inni daraaraa keessa dheechifata.

Weedduu 6:5

Ija kee narraa buqqisi; inni na jeeqeeraatii. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.

Weedduu 7:1-9

Yaa intala ilma mootii, miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata. Handhuurri kee xoofoo geengoo kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa hin dhabamin fakkaata. Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii kan daraaraadhaan marfame fakkaata. Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii ti. Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. Iji kee haroo Heshboon kan karra Baatrabii biraa fakkaata. Funyaan kee gamoo Libaanoon kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata. Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama. Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin akkam bareedda; akkamis namatti tolta! Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata. Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; ija isaa nan qabadha” nan jedhe. Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti; afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.

Weedduu 7:10-13

Ani kan michuu koo ti; hawwiin isaas anumaaf. Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; gandoota achii keessa haa bullu. Akka mukni wayinii hudhaa baafate, akka daraaraan ija banatee fi akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; anis achitti jaalala koo siif nan kenna. Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi balbala keenya dura jira.

Weedduu 8:3

Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.

Weedduu 8:4-5

Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. Kan michuu isheetti irkattee gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu? Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase; haati kee achitti si ulfoofte; achumattis ciniinsifattee si deesse.

Weedduu 8:6-7

Akkuma chaappaatti laphee kee irra, akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. Inni akkuma ibidda balaliʼuu, akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa. Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. Namni tokko qabeenya mana isaa hunda yoo jaalalaaf kenne qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.

Isaayyaas 2:11-12

Iji nama of tuuluu gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas WAAQAYYO qofatu ol ol jedha. WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; isaanis gad deebifamu.

Isaayyaas 32:8

Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa; hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.

Isaayyaas 50:6

Ani warra na rukutanitti dugda koo, warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne; yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti, ani fuula koo isaan hin dhokfanne.

Isaayyaas 53:3-7

Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef. Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne. Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine. Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; WAAQAYYOS balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe. Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; garuu afaan isaa hin saaqqanne; inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.

Isaayyaas 58:7

Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii?

Isaayyaas 58:10

ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, warra rakkatanis rakkinaa baafte, ifni kee dukkana keessa ni ibsa; halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa.

Isaayyaas 63:7

Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaatti ani waaʼee jaalala WAAQAYYOO kan hin geeddaramne sanaa hojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa; wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fi arjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼee ani dhugumaan nan odeessa.

Ermiyaas 31:3

WAAQAYYO fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.

Faaruu 3:22-23

Nu sababii jaalala WAAQAYYOO guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii. Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.

Daaniʼel 9:4

Anis WAAQAYYO Waaqa kootti kadhannaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe: “Yaa Gooftaa, Waaqa guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu,

Hooseʼaa 2:19-20

Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; ani qajeelummaa fi dhugaadhaan jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha. Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; atis WAAQAYYOON ni beekta.”

Miikiyaas 6:8

Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. WAAQAYYO maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?

Sefaaniyaa 2:3

Isin garraamonni lafaa kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi WAAQAYYOON barbaaddadhaa. Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa; isin guyyaa dheekkamsa WAAQAYYOOTTI ni golbomamtu taʼaatii.

Sefaaniyaa 3:17

WAAQAYYO Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”

Zakkaariyaas 7:9-10

“WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa. Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’

Maatewos 5:3-12

“Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii. Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii. Warri garraamiin eebbifamoo dha; lafa ni dhaaluutii. Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha; isaan ni quufuutii. Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha; araara ni argatuutii. Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii. Warri nagaa buusan eebbifamoo dha; ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii. Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii. “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.

Maatewos 5:22-24

Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata. “Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.

Maatewos 5:38-42

“ ‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’ akka jedhame dhageessaniirtu. Ani garuu isinittin hima. Nama hamaadhaan hin morkatinaa. Yoo namni tokko maddii kee mirgaa si kabale, kaanis itti qabi. Yoo namni tokko si himatee kittaa kee sirraa fudhate, kootii kees kenniif. Yoo namni tokko akka ati gara kiiloo meetira tokkoo fi walakkaa isa wajjin deemtu si dirqisiise, ati immoo gara kiiloo meetira sadii isa wajjin deemi. Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.

Maatewos 5:43-48

“ ‘Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu. Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa; kanaanis abbaa keessan kan samii irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa. Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii? Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii? Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.

Maatewos 6:1-4

“Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii. “Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin; kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

Maatewos 6:14-15

Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii. Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.

Maatewos 6:24

“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.

Maatewos 7:1-5

“Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa. Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama. “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.

Maatewos 7:12

Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii.

Maatewos 11:28-30

“Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”

Maatewos 18:3-4

Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.

Maatewos 18:12-14

“Isin maal seetu? Namni tokko yoo hoolota dhibba qabaatee hoolota sana keessaas tokko bade, namichi sun sagaltamii sagallan hafan kaan tulluuwwan irratti dhiisee tokkicha bade sana barbaaduu hin dhaquu? Ani dhuguman isinitti hima; inni yoo hoolaa sana argate, hoolota sagaltamii sagallan hin badin irra hoolaa tokkicha sanatti caalaa ni gammada. Akkasuma immoo isaan xixinnoo kanneen keessaa tokko iyyuu akka badu fedhii Abbaa keessan isa samii irraa miti.

Maatewos 18:15

“Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.

Maatewos 18:21-22

Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, “Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.

Maatewos 19:19

abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’”

Maatewos 19:21

Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef.

Maatewos 20:16

“Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.”

Maatewos 20:26-28

Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba; Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”

Maatewos 22:37-39

Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu. Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha. Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha.

Maatewos 23:11-12

Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu. Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.

Maatewos 25:34-40

“Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa. Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan; ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’ “Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine? Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne? Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’ “Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.

Maatewos 25:41-45

“Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa. Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii; ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’ “Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu. “Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha.

Maatewos 26:7

dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.

Maatewos 26:39

Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.

Maarqos 9:35

Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.

Maarqos 10:43-45

Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba. Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”

Maarqos 11:25-26

Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [ Yoo dhiisuufii baattan garuu Abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”]

Maarqos 12:30-33

Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’ Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’ Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.” Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Waaqa tokkicha malee Waaqni biraa hin jiruutii. Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.”

Maarqos 14:3

Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.

Luqaas 3:11

Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.

Luqaas 6:27-31

“Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa. Yoo namni tokko maddii tokko si kabale, maddii kaanis itti qabi. Yoo namni tokko kootii kee sirraa baafate immoo, kittaa kee illee hin dhowwatin. Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin. Isinis akkuma namoonni kaan akka isiniif godhan barbaaddan sana isaaniif godhaa.

Luqaas 6:32-34

“Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan, kun galata maalii isinii qaba? Cubbamoonni iyyuu warra isaan jaallatan ni jaallatuutii. Isin yoo warra waan gaarii isinii godhaniif waan gaarii gootan, kun galata maalii isiniif qaba? Kana immoo cubbamoonni iyyuu ni godhuutii. Warruma akka isiniif deebisan abdattaniif yoo liqeessitan galata maalii argattu? ‘Cubbamoonni iyyuu’ hammuma liqeessan sana deebisanii argachuuf jedhanii cubbamootaaf ni liqeessuutii.

Luqaas 6:35-38

Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii. Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa. “Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii. Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”

Luqaas 7:37-38

Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Yesuus mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte. Isheenis booʼaa dugda isaa duubaan miilla isaa bira dhaabattee imimmaan isheetiin miilla isaa jiisuu jalqabde. Rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxee, dhungattees miilla isaa shittoo dibde.

Luqaas 7:41-47

Yesuusis akkana jedheen; “Namoonni lama nama maallaqa liqeessu tokko irraa maallaqa liqeeffatan. Inni tokko diinaarii dhibba shan liqeeffate; kaan immoo diinaarii shantama liqeeffate. Jarri lachuu waan isaaf kaffalan dhabnaan dhiiseef. Egaa jara lamaan keessaa kamtu caalaa isa jaallata?” Simoonis deebisee, “Isa liqiin guddaan dhiifameef sana natti fakkaata” jedheen. Yesuusis, “Ati dhugaa dubbatte” isaan jedhe. Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe. Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne. Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde. Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.”

Luqaas 10:27

Namichis, “ ‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’” jedhee deebise.

Luqaas 10:30-37

Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe. Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe. Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef. Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare. Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen. “Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?” Hayyuun seeraa sunis, “Isa garaa laafeef sana” jedheen. Yesuusis, “Atis dhaqiitii akkasuma godhi” jedheen.

Luqaas 14:8-11

“Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii. Namichi isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Namicha kanaaf kaʼi’ siin jedha; atis qaanoftee dhaqxee lafa iddoo hundumaa gad taʼe teessa. Ati garuu yommuu waamamtu akka namichi si waame sun yeroo dhufutti, ‘Yaa michuu koo iddoo ol aanutti hiiqi’ siin jedhuuf dhaqii lafa iddoo hundumaa gad taʼe taaʼi; yoos fuula warra si wajjin maaddiitti dhiʼaatan hundumaa duratti ulfina argattaatii. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”

Luqaas 14:12-14

Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama. Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami. Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”

Luqaas 15:20-24

Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate. “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen. “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa. Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus. Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban.

Luqaas 16:13

“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.”

Luqaas 17:4

Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”

Luqaas 18:14

“Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”

Luqaas 19:8

Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe.

Luqaas 21:3-4

Innis akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra kaan hunda caalaa buufteerti. Namoonni kunneen hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan ittiin jiraattu hunda kennite.”

Luqaas 22:26-27

Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu. Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.

Luqaas 22:33

Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.

Luqaas 23:34

Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.

Yohannis 3:16-17

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.

Yohannis 3:30

Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba.

Yohannis 10:17

Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata.

Yohannis 11:35-36

Yesuusis imimmaan dhangalaase. Yihuudoonnis, “Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!” jedhan.

Yohannis 12:3

Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.

Yohannis 13:1

Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Yesuusis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.

Yohannis 13:5

Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.

Yohannis 13:14-17

Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu. Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu. Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.

Yohannis 13:23

Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture.

Yohannis 13:34-35

“Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”

Yohannis 14:15

“Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.

Yohannis 14:21

Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa.”

Yohannis 14:23-24

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna. Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.

Yohannis 15:9-15

“Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa. Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu. Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera. Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa. Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu. Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti. Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.

Yohannis 15:17

Ajajni koo isa kana: Wal jaalladhaa.

Yohannis 16:27

Isin waan na jaallattaniif, Waaqa biraa baʼuu koo waan amantaniif Abbaan mataan isaa isin jaallata.

Yohannis 17:23

kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.

Yohannis 17:26

Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”

Yohannis 21:15-17

Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen. Yesuus amma illee, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuus immoo, “Hoolota koo tiksi” jedheen. Yeroo sadaffaas, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Phexrosis sababii Yesuus yeroo sadaffaa, “Ati na jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta” jedheen. Yesuusis akkana jedheen; “Hoolota koo soori.

Hojii 2:44-46

Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.

Hojii 4:34-35

Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii, miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.

Hojii 7:59-60

Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate. Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.

Hojii 8:32-33

Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne. Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”

Hojii 20:35

Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.”

Roomaa 5:5-10

Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu. Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Kiristoos cubbamootaaf jedhee duʼe. Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa. Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa. Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree! Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!

Roomaa 8:35-37

Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? Kunis akkuma, “Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra” jedhamee barreeffamee dha. Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.

Roomaa 8:38-39

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

Roomaa 12:3

Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.

Roomaa 12:9-13

Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa. Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa. Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa. Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa. Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa.

Roomaa 12:14-18

Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa. Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa. Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa. Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa. Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa.

Roomaa 12:19-21

Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedha, jedhamee barreeffameeraatii. Garuu, “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.” Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.

Roomaa 13:8-10

Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii. Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu. Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.

Roomaa 14:1

Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa.

Roomaa 14:10-12

Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Waaqaa dura ni dhaabannaatii. Kunis: “ ‘Ani jiraataadhaatii; jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata; arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan” jedhamee barreeffameeraatii. Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Waaqaa duratti deebii ni kennina.

Roomaa 14:13-15

Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa. Akka wanni ofuma isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko iyyuu hin jirre ani karaa Gooftaa Yesuus nan beeka; nan amanas. Nama wanni tokko xuraaʼaadha jedhee yaaduuf garuu wanni sun isaaf xuraaʼaa dha. Yoo wanni ati nyaattu obboleessa kee miidhe, ati jaalalaan jiraachaa hin jirtu. Ati waan nyaattuun obboleessa kee isa Kiristoos isaaf duʼe hin balleessin.

Roomaa 14:19

Kanaaf waan nagaa fidu gochuu fi wal ijaaruuf haa tattaaffannu.

Roomaa 15:1-7

Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu. Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna. Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera” jedhamee barreeffamee dha. Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii. Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru. Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif. Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa.

Roomaa 16:16

Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. Waldaaleen Kiristoos hundinuu nagaa isinii dhaamu.

Roomaa 16:17-18

Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa. Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.

1 Qorontos 2:9

Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,

1 Qorontos 6:7

Wal himachuun keessan amma iyyuu guutumaatti moʼatamuu keessan argisiisa. Qooda kanaa dabni isinitti hojjetamuu hin wayyuu? Gowwoomfamuu isinii hin wayyuu?

1 Qorontos 7:1-5

Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha. Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu. Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha. Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.

1 Qorontos 9:19

Ani nama hunda irraa bilisa taʼu iyyuu nama gara caaluuf buʼaa buusuuf jedhee nama hundaaf of garboomse.

1 Qorontos 10:24

Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu.

1 Qorontos 10:32-33

Yihuudoota yookaan Giriikota yookaan waldaa kiristaanaa kan Waaqaa hin gufachiisinaa; kunis akkuma ani nama hunda karaa hundaan gammachiisuuf yaalii godhutti jechuu dha. Ani akka isaan fayyaniif buʼaa namoota baayʼeetiif malee buʼaa kootiif jedhee waan kana hin godhu.

1 Qorontos 12:25-26

kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef. Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu.

1 Qorontos 13:1-8

Ani yoon afaan namootaatii fi afaan ergamoota Waaqaa dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti. Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti. Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu. Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata. Jaalalli gonkumaa hin badu. Raajii taanaan ni darba; afaan haaraa taanaan ni hafa; beekumsas taanaan ni bada.

1 Qorontos 13:13

Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala.

1 Qorontos 14:1

Karaa jaalalaa duukaa buʼaa; kennaawwan Hafuuraa, keessumattuu kennaa raajii cimsaatii barbaadaa.

1 Qorontos 16:14

Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.

2 Qorontos 5:14-15

Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.

2 Qorontos 6:4-10

Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon, garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun, qulqullaaʼummaan, hubannaan, obsaa fi gara laafinaan, Hafuura Qulqulluu fi jaalala of tuulummaa hin qabneen, dubbii dhugaatii fi humna Waaqaatiin, miʼa waraanaa kan qajeelinaa harka mirgaatii fi harka bitaatti qabachuun, ulfinaa fi salphinaan, maqaa baduu fi maqaa toluun jiraanneerra; akkasumas utuu dhugaa qabeeyyii taanee jirruu, sobduu jedhamneerra; beekamtoota turre; garuu akka warra hin beekaminiitti hedamne; nu duʼaa jirra; garuu kunoo ni jiraanna; ni tumamna; garuu hin ajjeefamnu; ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna.

2 Qorontos 8:2-5

Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera. Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan. Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone.

2 Qorontos 8:7-9

Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, tattaaffii guutuu fi jaalala nuuf qabdaniin caaltan sana, kennaa arjummaa kaaniinis akka caaltan mirkaneessaa. Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru. Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.

2 Qorontos 8:12

Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.

2 Qorontos 8:24

Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.

2 Qorontos 9:7

Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.

2 Qorontos 10:1

Ani Phaawulos kan yeroon isin bira jiru “Ija laafessa” yeroon isin irraa fagaadhu immoo “Ija jabeessa” taʼe garraamummaa fi gara laafina Kiristoosiin isinan kadhadha!

2 Qorontos 12:10

Ani waaʼee Kiristoosiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.

2 Qorontos 13:11-12

Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Waaqni jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa. Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.

2 Qorontos 13:14

Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.

Galaatiyaa 3:28

Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.

Galaatiyaa 5:6

Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.

Galaatiyaa 5:13-15

Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa. Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuun xumurameeraatii. Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa.

Galaatiyaa 5:19-21

Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.

Galaatiyaa 5:22-23

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

Galaatiyaa 6:1-2

Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.

Galaatiyaa 6:3-4

Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa. Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa;

Galaatiyaa 6:9-10

Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii. Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.

Efesoon 1:4

Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis

Efesoon 1:15-16

Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne.

Efesoon 2:4-5

Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Efesoon 2:10

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.

Efesoon 3:17-19

akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha; isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif, akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha.

Efesoon 4:1-3

Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha. Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa. Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa.

Efesoon 4:28-32

Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu. Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin. Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa. Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu. Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

Efesoon 5:1-2

Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa; akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.

Efesoon 5:21

Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa.

Efesoon 5:25

Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;

Efesoon 5:28-30

Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; nu kutaalee dhagna isaatii.

Efesoon 5:31-33

“Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.” Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha. Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.

Efesoon 6:1-5

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha; kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.” Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa. Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa.

Efesoon 6:23-24

Waaqa Abbaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa nagaan, jaalallis amantii wajjin obboloota hundaaf haa taʼu. Warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin jaallatan hundaaf ayyaanni haa taʼu.

Fiiliphisiyuus 1:8-10

Akka ani jaalala Kiristoos Yesuusiin hammam hunda keessan yaadu Waaqayyo dhuga baatu koo ti. Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu, akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,

Fiiliphisiyuus 2:1-4

Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa. Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.

Fiiliphisiyuus 2:5-8

Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu. Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe. Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, gad of deebise; duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!

Fiiliphisiyuus 4:1

Kanaafuu yaa obboloota ko, isin warri ani jaalladhuu fi warri ani yaadu, warri gammachuu kootii fi gonfoo koos taatan, yaa michoota ko, akkanatti Gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa!

Qolosaayis 1:3-4

Nu yommuu isiniif kadhannutti Waaqa, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos yeroo hunda ni galateeffanna; amantii isin Kiristoos Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan sana dhageenyeerraatii;

Qolosaayis 1:24

Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Kiristoos dhagna isaatiif jechuunis waldaa kiristaanaatiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta.

Qolosaayis 2:2

Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif;

Qolosaayis 3:8-11

Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin. Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu. Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Kiristoos garuu hunduma; hunduma keessas jira.

Qolosaayis 3:12-17

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa. Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa. Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa. Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa. Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.

Qolosaayis 3:18-21

Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa. Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii. Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.

Qolosaayis 3:22-23

Yaa garboota, isinis warra fooniin gooftota keessan taʼaniif waan hundaan ajajamaa; kanas yeroo isaan isin ilaalan qofa isaan gammachiisuuf utuu hin taʼin garaa qulqulluu fi Gooftaa sodaachuudhaan godhaa. Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;

Qolosaayis 4:5-6

Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa. Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

1 Tasaloniiqee 3:12-13

Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus. Akka isin yommuu Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hunda wajjin dhufutti fuula Waaqa keenyaatii fi Abbaa keenyaa duratti warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniifis inni garaa keessan haa jajjabeessu.

1 Tasaloniiqee 4:9-10

Egaa waan Waaqni akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu. Dhugumaan isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hunda ni jaallattu. Yaa obboloota, nu garuu akka kana caalaa isaan jaallattan isin gorsina;

1 Tasaloniiqee 5:11-15

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas. Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna. Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa. Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina. Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.

2 Tasaloniiqee 1:3-5

Yaa obboloota, sababii amantiin keessan baayʼee guddachaa, jaalalli hundi keessan walii keessaniif qabdanis ittuma dabalaa jiruuf nu yeroo hunda waaʼee keessaniif akka malutti Waaqa galateeffachuu qabna. Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Waaqaa keessatti sababii keessaniin of jajna. Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu.

2 Tasaloniiqee 3:5

Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obsa Kiristoositti haa qajeelchu.

1 Xiimotewos 1:5

Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.

1 Xiimotewos 1:14

Ayyaanni Gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin argamu wajjin baayʼinaan narratti dhangalaafame.

1 Xiimotewos 4:12

Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.

1 Xiimotewos 5:8

Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.

1 Xiimotewos 6:11

Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.

2 Xiimotewos 1:3-4

Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa kadhannaa koo keessatti si yaadadhutti Waaqa akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha. Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa.

2 Xiimotewos 1:7-8

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii. Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu;

2 Xiimotewos 2:24-25

Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu. Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba;

2 Xiimotewos 3:2-5

Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.

2 Xiimotewos 3:10

Ati garuu barsiisa ko, haala jireenya koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo, jabaadhee dhaabachuu koo hundumaa duukaa buuteerta;

Tiitoo 2:1-8

Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi. Jaarsoliin akka amala qabeeyyii, kabajamoo fi warra of qaban taʼaniif, akkasumas akka warra amantii dhugaa, jaalalaa fi obsa qabaatan barsiisi. Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi. Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu. Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi. Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi; akka warri siin morman waaʼee keenya waan hamaa dubbatan tokko illee dhabanii qaanaʼaniifis dubbii dhugaa kan tuffatamuu hin dandeenye dubbadhu.

Tiitoo 3:1-5

Ati akka namoonni bulchitootaa fi abbootii taayitaatiif bulan, akka ajajamanii fi akka waan gaarii kam iyyuu hojjechuuf qophaaʼoo taʼan yaadachiisi; akka isaan maqaa nama tokko illee hin balleessine, akka namoota nagaatii fi obsa qabeeyyii taʼan, akka nama hundaaf garraamummaa argisiisanis yaadachiisi. Nu mataan keenyas duraan warra gowwoota, warra hin ajajamne, warra gowwoomfamnee fi warra dharraa hamaa fi gammachuu gosa hundaatiif garboomfamne turre. Namootaan jibbamaa fi walis jibbaa, hamminaa fi hinaaffaan jiraachaa turre. Yommuu gaarummaa fi jaalalli Fayyisaa keenya Waaqaa mulʼatetti garuu, inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;

Fiilmoonaa 1:4-5

Ani yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha; ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Yesuusitti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii.

Fiilmoonaa 1:7-9

Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera. Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Kiristoosiin ija jabina qabaadhe illee, sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,

Ibroota 6:10

Waaqni qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii.

Ibroota 8:12

Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”

Ibroota 10:24-25

Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Ibroota 12:6-9

Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii; inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba.” Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!

Ibroota 13:1-3

Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa. Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii. Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.

Ibroota 13:16

Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.

Yaaqoob 1:9

Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju.

Yaaqoob 1:19-21

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu; aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii. Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.

Yaaqoob 1:26

Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.

Yaaqoob 2:2-6

Namni qubeelaa warqee kaaʼatee uffata bareedaas uffatu tokko gara wal gaʼii keessanii dhufa haa jennu; akkasumas hiyyeessi darsa uffatu ni dhufa haa jennu. Isinis yoo namicha uffata bareedaa uffatu sanaaf ulfina addaa kennitanii, “Maaloo kottuu iddoo gaarii taaʼi!” jettan, yoo namicha hiyyeessa sanaan immoo, “Ati achi dhaabadhu” yookaan “Kottuutii miilla koo bira taaʼi!” jettan, isin gidduu keessanitti garaa garummaa uumtanii warra yaada hamaan murteessitan hin taanee? Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii? Isin garuu hiyyeeyyii salphiftaniirtu. Warri isin qisaasuutti jiran warruma sooreyyii sana mitii? Kanneen gara mana murtiitti isin harkisaa jiranis isaanuma mitii?

Yaaqoob 2:8-9

Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, “Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu” jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu. Yoo nama wal caalchiftan garuu isin cubbuu hojjettan; seera durattis akka seera cabsitootaatti isinitti murama.

Yaaqoob 2:13

nama namaaf hin araaramnetti murtii araara hin qabnetu murama. Araarri murtii moʼa.

Yaaqoob 2:15-17

Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.

Yaaqoob 3:5-6

Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.

Yaaqoob 3:13-14

Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu. Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa.

Yaaqoob 3:16-18

Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira. Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu. Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.

Yaaqoob 4:1-3

Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii? Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Waaqa hin kadhanneef hin qabaattan. Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan.

Yaaqoob 4:6-11

Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma. Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa. Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa. Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu. Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa. Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu.

Yaaqoob 4:17

Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.

Yaaqoob 5:8-10

Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii. Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera. Yaa obboloota, raajota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa.

Yaaqoob 5:16

Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.

1 Phexros 1:22

Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.

1 Phexros 2:1-2

Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa. Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;

1 Phexros 2:17-18

Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqa sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa. Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa.

1 Phexros 2:21-23

Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii. “Inni cubbuu hin hojjenne; sobni afaan isaatii hin baane.” Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.

1 Phexros 3:8-9

Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa. Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.

1 Phexros 4:8-10

Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii. Guungummii malee wal keessumsiisaa. Tokkoon tokkoon namaa kennaa warra kaan tajaajiluuf argate kam iyyuu akkuma abbaa imaanaa amanamaa kan ayyaana Waaqaa bifa garaa gaaraatiin jiru sanaa tokkootti itti fayyadamuu qaba.

1 Phexros 5:5-7

Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.” Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa. Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

1 Phexros 5:14

Dhungoo jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa. Isin warra kan Kiristoos taatan hundaaf nagaan haa taʼu.

2 Phexros 1:5-7

Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa; akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu, Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.

1 Yohannis 2:5

Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna;

1 Yohannis 2:9-11

Namni ani ifa keessa jira ofiin jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu amma illee dukkana keessa jira. Namni obboleessa isaa jaallatu hundinuu ifa keessa jiraata; wanni isa gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru. Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira; dukkanuma keessa jiraatas; inni waan dukkanni sun isa jaamseef gara itti adeemu hin beeku.

1 Yohannis 2:15

Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru.

1 Yohannis 3:1

Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

1 Yohannis 3:11

Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, “Nu wal jaallachuu qabna” jedhuu dha.

1 Yohannis 3:14-18

Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata. Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu. Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna. Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa? Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.

1 Yohannis 3:23

Ajajni isaas kana: kunis nu maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka amannuu fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannuuf.

1 Yohannis 4:7-12

Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku. Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge. Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna. Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.

1 Yohannis 4:16-21

Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata. Nus akka guyyaa murtiitti ija jabina qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu gidduutti guutuu taʼeera; nu addunyaa kana irratti Yesuusin fakkaannaatii. Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti. Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna. Namni, “Ani Waaqa nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu. Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Waaqa jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.

1 Yohannis 5:1-3

Yesuus kun Kiristoos akka taʼe namni amanu hundinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata. Nu yommuu Waaqa jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Waaqaa jaallannu kanaan beekna. Waaqa jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.

2 Yohannis 1:3

Ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqa Abbaa biraa, Yesuus Kiristoos Ilma Abbaa biraas, dhugaa fi jaalalaan nu wajjin ni taʼa.

2 Yohannis 1:5-6

Ammas yaa giiftii jaallatamtuu, ani ajaja durumaa jalqabee nuuf kenname sana malee ajaja haaraa siif barreessuutti hin jiru. Akka wal jaallannuufis sin kadhadha. Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.

Yihuudaa 1:21-23

Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa. Warra shakkii qabaniif garaa laafaa; Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.

Mulʼata 1:5

akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase,

Mulʼata 2:4

Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba.

Mulʼata 2:19

Ani hojii kee, jaalalaa fi amantii kee, tajaajilaa fi obsaan dhaabachuu kee beeka; akkasumas akka hojiin kee inni ammaa kun isa duraa caalu nan beeka.

Mulʼata 3:19

Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.

Mulʼata 7:16-17

‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu. Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ ”

Mulʼata 21:2

Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge.

Mulʼata 21:4-7

Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.” Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe. Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna. Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa.

Oromo - Oromoo - OM

GAZCV'22 - Oromo Contemporary Biblica - 2022

This Bible text is from Biblica Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022
https://open.bible/bibles/oromo_latin-biblica-text-bible/
provided by: Biblica Inc, available by Creative Commons CC-BY-SA-4.0,
and this new compilation is shared as www.creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0.
Languages are made available to you by www.ipedge.net