12 – Amala saalqunnamtii gadhee

Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Amala saalqunnamtii gadhee.

Aayatoota sadii baay’ee murteessoo

Maatewos 5:28

Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.

Galaatiyaa 5:24

Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.

Maatewos 19:9

Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”

Aayatoota hundi tartiiba seera-qabeessa keessatti – kutaalee 177

Uumama 2:24

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Uumama 18:20-32

WAAQAYYOS akkana jedhe; “Iyyi Sodoomii fi Gomoraa irratti iyyame guddaa dha; cubbuun isaaniis waan akka malee hamaa taʼeef ani gad buʼee akka wanni isaan hojjetan akkuma iyya na qaqqabe sanaa hamaa taʼe nan ilaala. Yoo akkas taʼuu baate immoo natu beeka.” Namoonni sunis garagalanii Sodoomitti qajeelan; Abrahaam garuu WAAQAYYO dura dhaabatee hafe. Abrahaamis isatti dhiʼaatee akkana jedhe; “Ati nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin ni balleessitaa? Yoo namoonni qajeeloon shantamni magaalattii keessa jiraatan hoo? Ati dhugumaan ishee ni balleessitaa? Sababii qajeelota shantamman ishee keessa jiraatan sanaatiif jettee ishee hin oolchituu? Qajeelaa fi hamaa wal qixxee ilaaluudhaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin balleessuun sirraa haa fagaatu. Kun sirraa haa fagaatu! Abbaan murtii lafa hundaa waan qajeelaa hin hojjetuu?” WAAQAYYOS, “Ani yoo magaalaa Sodoom keessatti qajeeltota shantama argadhe, isaaniif jedhee iddoo sana guutuu nan oolcha” jedhe. Abrahaam ammas akkana jedhe; “Kunoo ani utuman awwaaraa fi daaraa taʼee jiruu Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadheera; yoo baayʼinni qajeeltotaa shantama irraa shan hirʼate hoo? Ati sababii namoota shanan sanaatiif jettee magaalaa sana guutuu ni balleessitaa?” Innis, “Ani yoo nama afurtamii shan achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhe. Abrahaam amma illee, “Yoo qajeeltonni afurtamni qofti achitti argaman hoo?” jedhee isatti dubbate. Gooftaanis, “Ani warra afurtama sanaaf jedhee nan dhiisa” jedhe. Abrahaamis, “Mee nan dubbadhaatii Gooftaan, hin aarin. Yoo namoonni soddomni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. Gooftaanis, “Ani yoon nama soddoma achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhee deebise. Abrahaamis, “Kunoo amma erga ani Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadhe, yoo namoonni digdamni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. Gooftaanis, “Ani sababii namoota digdama sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe. Abrahaamis, “Yaa Gooftaa amma illee yeroo tokko waa sin gaafadhaatii maaloo hin aarin; yoo namni kudhan qofti achitti argame hoo?” jedhe. Gooftaan immoo, “Ani sababii namoota kurnan sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe.

Uumama 19:1-11

Ergamoonni Waaqayyoo sun lamaan galgala sana Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoomii dura taaʼaa ture. Innis yeroo jara argetti, isaan simachuuf kaʼee isaanitti deeme; gad jedhees adda isaatiin lafatti gombifame. Innis, “Yaa gooftota ko, maaloo mana garbicha keessaniitti goraatii miilla dhiqadhaa bulaa; barii barraaqaan kaatanii karaa keessan itti fufuu dandeessu” jedhe. Isaan immoo, “Hin taʼu; nu waltajjii karaa irra bullaa” jedhaniin. Inni garuu akka malee isaan dirqisiise; kanaafuu goranii mana isaa seenan; innis maxinoo tolchee nyaata qopheesseef; isaanis ni nyaatan. Utuu isaan hin rafin namoonni kutaalee magaalaa Sodoom hunda keessaa dhufan hundi dargaggoonnii fi jaarsoliin mana sana marsan. Isaanis Looxin waamanii, “Namoonni galgala kana gara kee dhufan eessa jiru? Akka nu isaan wajjin ciifnuuf gad nuu yaasi” jedhan. Looxis jara sanatti gad baʼee balbala of duubaan cufe; Akkanas jedhe; “Yaa obboloota ko, waan hamaa kana hin hojjetinaa! Kunoo ani intallan lama kanneen takkumaa dhiira wajjin hin ciisin qaba. Lamaanuu gad isinii nan baasa; isinis waan feetan isaan gochuu dandeessu. Namoota kanneen garuu waan isaan bantii mana koo jala jiraniif homaa isaan hin godhinaa.” Isaanis, “Badi asii!” jedhaniin. Ittuma fufaniis, “Namichi kun nama ormaa kan nu keessa jiraachuu dhufee dha; amma immoo abbaa murtii nutti taʼuu fedha! Nu waan hamaa jara irratti hojjennu caalaa sirratti hojjenna” jedhaniin. Isaanis Looxin humnaan dhiibanii balbala sana cabsuu gaʼan. Namoonni sunis hiixatanii Looxin harkisanii manatti ol deebisan; balbalichas ni cufan. Ergasii immoo namoota balbala manaa dura turan sana akka isaan balbalicha hin argineef xinnaa fi guddaa isaanii dhaʼichaan ija jaamsan.

Uumama 19:12-17

Namoonni lamaan sun Looxiin akkana jedhan; “Ati nama biraa tokko illee jechuunis soddoota, ilmaan yookaan intallan yookaan nama kan kee taʼe tokko illee magaalaa kana keessaa qabdaa? Asi keessa isaan baafadhu; nu iddoo kana balleessuuf deemnaatii. Sababii iyyi saba ishee irratti iyyame fuula WAAQAYYOO duratti guddaa taʼeef, Waaqni akka nu ishee balleessinuuf nu ergeera.” Kanaafuu Loox gad baʼee soddoota isaa warra intallan isaa fuudhuuf jiraniin, “Sababii WAAQAYYO magaalaa kana balleessuuf kaʼeef, dafaatii asii baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu waan inni qoosu seʼan. Yeroo boruun diimatetti ergamoonni Waaqayyoo sun Looxin jarjarsanii, “Niitii keetii fi intallan kee lamaan as jiran fudhadhuutii dafii baʼi! Yoo kanaa achii yeroo magaalattiin adabamtutti atis ni baddaa” jedhaniin. Inni garuu duubatti harkifate; waan WAAQAYYO isaaniif garaa laafeef namoonni sun harka isaatii fi harka niitii isaa, intallan isaa lamaanis harka qabanii magaalattii keessaa isaan baasan. Akkuma gad isaan baasaniinis ergamoota sana keessaa inni tokko, “Lubbuu kee oolfachuuf baqadhu! Of duuba hin milʼatin! Dirree irra iddoo tokko illee hin dhaabatin! Tulluuwwanitti ol baqadhu; yoo kanaa achii ni baddaa!” jedhe.

Uumama 19:24

WAAQAYYO samiiwwan keessaa WAAQAYYO biraa, dinyii bobaʼu Sodoomii fi Gomoraa irratti roobse.

Uumama 19:26

Niitiin Looxi garuu of duuba ilaaltee utubaa soogiddaa taatee hafte.

Uumama 20:3

Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen.

Uumama 34:2

Sheekem ilmi Hamoor namicha gosa Hiiwii kan bulchaa biyya sanaa ture ishee arge; innis qabee humnaan ishee gudeede.

Uumama 34:7

Ilmaan Yaaqoobis akkuma waan uumame sana dhagaʼaniin dirreedhaa dhufan. Isaanis sababii Sheekem intala Yaaqoob wajjin ciisuudhaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa hojjeteef ni gaddan; akka malees aaran.

Uumama 34:26-27

Isaanis goraadeedhaan Hamoorii fi ilma isaa Sheekemin ajjeesanii Diinaa immoo mana Sheekemiitii fudhatanii qajeelan. Ilmaan Yaaqoobis reeffawwan irra darbanii magaalaa obboleettiin isaanii itti gudeedamte sana saaman.

Uumama 34:31

Isaan garuu, “Yoos inni akkuma sagaagaltuu tokkootti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?” jedhanii deebisan.

Uumama 38:15-26

Yihuudaan yommuu ishee argetti sababii isheen fuula ishee haguuggattee turteef sagaagaltuu ishee seʼe. Innis utuu akka isheen niitii ilma isaa taate hin beekin karaa cina iddoo isheen jirtu ishee bira dhaqee, “Mee kottu si wajjin nan ciisaa” jedheen. Isheenis, “Ati na wajjin ciisuuf maal naa kennita?” jettee isa gaafatte. Inni immoo, “Ani bushaayee koo keessaa ilmoo reʼee tokko siifin erga” jedheen. Isheenis, “Hamma ilmoo sana naa ergitutti waan biraa qabsiisa naa kennitaa?” jetteen. Innis, “Ani qabsiisa maalin siif kenna?” jedheen. Isheenis deebiftee, “Chaappaa kee hidhaa isaa wajjin, ulee qabattee deemtus naa kenni” jetteen. Innis wantoota kanneen kenneefii ishee wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte. Erga achii deemtee booddee haguuggii ishee of irraa baaftee wayyaa dhirsi ishee irraa duunaan uffattee turte sana deebiftee uffatte. Yihuudaan waan qabsiisa kenne dubartii sana irraa deebifachuuf jedhee karaa michuu isaa namicha Adulaam sanaatiin ilmoo reʼee ergeef; namichi garuu ishee hin argine. Namichis, “Sagaagaltuun Enaayim bira, daandii irra taaʼaa turte sun eessa jirti?” jedhee warra achi jiraatan gaafate. Jarri immoo deebisanii, “Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre” jedhan. Innis gara Yihuudaatti deebiʼee, “Ani dubartittii arguu hin dandeenye. Akkasumas warri iddoo sana jiraatan, ‘Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre’ jedhan” jedheen. Yihuudaanis, “Isheen waan qabatte sana haa hambifattu; yoo kanaa achii nu waan kolfaa taanaa. Kunoo ani ilmoo reʼee kana isheef ergeera; ati garuu ishee dhabde” jedhe. Gara jiʼa sadii booddee, “Taamaar niitiin ilma keetii sagaagaltuu taateerti; kanaanis isheen amma ulfoofteerti” jedhanii Yihuudaatti himan. Yihuudaan immoo, “Gadi baasaatii ibiddaan gubaa ishee ajjeesaa!” jedhe. Isheenis utuma gad baafamaa jirtuu, “Ani abbaa miʼa kanaa irraa ulfaaʼeera” jettee abbaa dhirsa isheetti ergaa ergite. Akkasumas, “Chaappaa fi kirriin isaa, uleen kunis kan eenyuu akka taʼe mee ilaalii addaan baafadhu” jetteen. Yihuudaanis miʼa kana beekee, “Sababii ani ilma koo Sheelaatti ishee hin heerumsiisiniif, isheen na caalaa qajeeltuu dha” jedhe. Innis deebiʼee ishee bira hin geenye.

Uumama 39:7-12

niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera. Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?” Isheen guyyuma guyyaan Yoosefitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide. Gaaf tokko Yoosef hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre. Isheenis wayyaa isaa qabattee, “Kottuutii na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe.

Uumama 39:13-20

Isheenis yommuu akka inni wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe argitetti, hojjettoota mana ishee waamtee akkana jetteen; “Kunoo, inni Ibricha kana akka nutti taphatuuf fide! Inni na bira gaʼuuf natti ol seennaan ani sagalee guddaan iyye. Innis gargaarsa barbaachaaf iyyuu koo dhageenyaan wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.” Isheen hamma gooftaan isaa galutti wayyaa isaa of bira keesse. Akkana jettees oduu kana isatti himte: “Garbichi Ibrichi ati nuu fidde sun natti taphachuuf natti ol seene. Garuu akkuma ani gargaarsa barbaachaaf iyyeen inni wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.” Gooftaan isaa yommuu oduu niitiin isaa, “Wanni garbichi kee na godhe kana” jettee itti himte sana dhagaʼetti aaree gubate. Gooftaan isaas Yoosefin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse. Taʼus yeroo Yoosef mana hidhaa keessa turetti,

Baʼuu 20:14

Hin ejjin.

Baʼuu 20:17

Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”

Baʼuu 22:19

“Namni horii wajjin ciisu kam iyyuu ajjeefamuu qaba.

Lewwota 18:6-18

“ ‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani WAAQAYYO. “ ‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin. “ ‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa. “ ‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin. “ ‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa. “ ‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti. “ ‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti. “ ‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti. “ ‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti. “ ‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin. “ ‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa. “ ‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina. “ ‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin.

Lewwota 18:19-23

“ ‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin. “ ‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin. “ ‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani WAAQAYYO. “ ‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha. “ ‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha.

Lewwota 19:29

“ ‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin.

Lewwota 20:10-16

“ ‘Yoo namni niitii nama biraa wajjin jechuunis niitii ollaa isaa wajjin sagaagale namichi sagaagalee fi niitiin sagaagalte sun haa ajjeefaman. “ ‘Namni yoo niitii abbaa isaa wajjin ciise inni abbaa isaa salphiseera. Namichis, dubartiin sunis haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa. “ ‘Yoo namni niitii ilma isaa wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman. Isaan haraamuu dha; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa. “ ‘Yoo namni akkuma dubartii wajjin ciisutti dhiira wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu waan jibbisiisaa hojjetaniiru. Isaan haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa. “ ‘Namni tokko yoo intalaa fi haadha ishee fuudhe, wanni kun xuraaʼummaa dha. Akka isin gidduutti xuraaʼummaan akkasii hin argamneef namichii fi dubartoonni lamaan ibiddaan haa gubaman. “ ‘Namni tokko yoo horii wajjin wal bira gaʼe haa ajjeefamu; horii sana illee ajjeesaa. “ ‘Yoo dubartiin horii kamitti iyyuu dhiʼaattee horii sana wajjin wal bira geesse, dubartiin sunii fi horiin sun haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.

Lewwota 20:17-21

“ ‘Namni tokko yoo obboleettii isaa jechuunis intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa fuudhee wal bira gaʼan wanni kun salphina. Isaan utuma sabni isaanii arguu saba isaanii keessaa haa balleeffaman; namichi kun obboleettii isaa salphiseera; itti gaafatamas. “ ‘Namni tokko yoo yeroo dubartiin tokko xurii jiʼaa of irraa qabdutti ishee bira gaʼe, inni madda dhangalaʼaa ishee ifatti baaseera; isheenis madda dhangalaʼa ishee mulʼifteerti. Lamaan isaanii iyyuu saba isaanii keessaa haa balleeffaman. “ ‘Obboleettii haadha keetii yookaan abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun fira dhiigaa salphisaatii; isin lamaanuus itti gaafatamtu. “ ‘Namni tokko yoo niitii eessuma isaa wajjin wal bira gaʼe inni eessuma isaa salphiseera. Isaan itti gaafatamu; utuu ijoollee hin argatinis duʼu. “ ‘Namni tokko yoo niitii obboleessa isaa fuudhe, wanni kun hojii xuraaʼummaa ti; innis obboleessa isaa salphiseera. Isaan ijoollee malee hafu.

Lewwota 21:7-9

“ ‘Luboonni sababii Waaqa isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban. Ati isa qulqulleessi; inni nyaata Waaqa keetii dhiʼeessaatii. Inni siif haa qulqullaaʼu; ani WAAQAYYO inni isin qulqulleessu qulqulluudhaatii. “ ‘Intalli luba tokkoo yoo sagaagalummaadhaan of xureessite isheen abbaa ishee salphifti; isheen ibiddaan haa gubamtu.

Lewwota 21:14

Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu;

Lakkoobsa 5:12-13

“Akkana jedhiitii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Yoo niitiin nama kamii iyyuu karaa irraa baduudhaan isaaf amanamuu baattee dhiira biraa wajjin ciifte, yoo dhirsi ishees waan kana beekuu baate, yoo xuraaʼummaan ishee akkuma dhokatetti hafe, yoo namni ishee irratti dhugaa baʼu hin argamin, isheen yoo waan kana irratti hin qabamin,

Lakkoobsa 5:29

“ ‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite

Lakkoobsa 25:6

Kunoo namichi Israaʼel tokko utuma isaan balbala dunkaana wal gaʼii duratti booʼaa jiranuu fuula Museetii fi fuula waldaa Israaʼel guutuu duratti dubartii Midiyaan tokko gara maatii ofii isaatti fidate.

Keessa Deebii 5:18

Hin ejjin.

Keessa Deebii 5:21

Niitii namaa hin hawwin. Mana namaa yookaan lafa qotiisaa yookaan hojjetaa yookaan xomboree isaa, qotiyyoo isaa yookaan harree isaa, yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”

Keessa Deebii 22:5

Dubartiin uffata dhiiraa uffachuu hin qabdu yookaan dhiirri uffata dubartii uffachuu hin qabu; WAAQAYYO Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu ni jibbaatii.

Keessa Deebii 22:20-21

Taʼus yoo himannaan dhiʼaate sun dhugaa taʼee ragaan durbummaa intalattii mirkaneessu hin argamin, isheen balbala mana abbaa ishee duratti fidamtee namoonni magaalaa ishee hamma isheen duututti dhagaadhaan ishee haa tuman; isheen utuma mana abbaa ishee jirtuu sagaagaluudhaan gocha Israaʼel keessatti qaanii taʼe hojjetteerti. Ati gidduu keetii waan hamaa baasuu qabda.

Keessa Deebii 22:22

Yoo namni tokko utuu niitii nama biraa wajjin ciisuu argame lamaan isaanii iyyuu, namichi ishee wajjin ciisee fi dubartiin sun ajjeefamuu qabu. Ati Israaʼel keessaa waan hamaa baasuu qabda.

Keessa Deebii 22:23-24

Yoo namni tokko durba kaadhimamte magaalaatti argee ishee wajjin ciise, waan isheen utuu magaalaa keessa jirtuu na oolchaa jettee hin iyyiniif, namichi immoo waan niitii nama biraa salphiseef, lamaan isaanii iyyuu gara balbala magaalaatti geessaatii hamma isaan duʼanitti dhagaadhaan tumaa. Waan hamaa gidduu keessanii balleessaa.

Keessa Deebii 22:25-27

Garuu yoo namni tokko durba kadhatamte tokko baadiyyaatti argee ishee gudeede, namichi waan kana godhe qofti haa ajjeefamu. Intalattii hin tuqinaa; isheen cubbuu duʼaan ishee gaʼu tokko iyyuu hin hojjenneetii. Dubbiin akkasii nama balaa buusee namicha ollaa isaa ajjeesuun wal fakkaata; kunis waan namichi durba kaadhimamte sana baadiyyaatti argatee yoo iyyite illee namni isheef birmatu hin argamneef.

Keessa Deebii 22:28-29

Namni tokko yoo durba hin kaadhimamin tokko argee humnaan ishee gudeedee wanni kun beekame, inni abbaa isheetii fi meetii saqilii shantama haa baasu. Inni waan gudeedee durbummaa ishee balleesseef ishee fuudhuu qaba. Hamma lubbuun jiruttis ishee hiikuu hin dandaʼu.

Keessa Deebii 22:30

Namni tokko niitii abbaa isaa fuudhuu hin qabu; inni siree abbaa isaa hin xureessin.

Keessa Deebii 23:2

Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa WAAQAYYOO hin seenin.

Keessa Deebii 23:17-18

Dhiirri yookaan dubartiin Israaʼel kam iyyuu sagaagaltuu mana waaqa tolfamaa hin taʼin. Dubartii yookaan dhiira sagaagalu tokko irraa akka galchaatti kennaa fuutee mana WAAQAYYO Waaqa keetiitti hin fidin; lachan isaanii iyyuu fuula WAAQAYYO Waaqa keetii duratti jibbisiisoo dhaatii.

Keessa Deebii 27:20

“Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.

Keessa Deebii 27:21

“Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.

Keessa Deebii 27:22

“Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.

Keessa Deebii 27:23

“Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.

Abbootii Murtii 16:1

Gaaf tokko Saamsoon gara Gaazaa iddoo itti sagaagaltuu tokko arge dhaqe. Ishee wajjin buluufis ol seene.

Abbootii Murtii 19:1-2

Yeroo sanatti Israaʼel mootii hin qabdu ture. Lewwichi lafa gammoojjii biyya gaaraa Efreem keessa jiraatu tokko Beetlihem Yihuudaa keessaa dubartii tokko saajjatoo godhatee fudhate. Isheen garuu isaaf amanamtuu hin taane. Isa dhiiftees gara mana abbaa ishee Beetlihem Yihuudaatti deebite. Erga jiʼa afur achi turtee booddee,

Abbootii Murtii 19:22-30

Utuu isaan gammadaa jiranuu kashlabboonni magaalaa sanaa tokko tokko mana jaarsichaa marsan. Balbalas dhadhaʼanii iyyuudhaan, “Akka nu isatti sagaagalluuf namicha mana kee seene sana gad nuu baasi” jedhaniin. Abbaan manichaas gad baʼee akkana isaaniin jedhe; “Lakkisaa yaa firoota ko, hammina akkasii hin hojjetinaa; namichi kun waan keessummaa koo taʼeef waan jibbisiisaa kana hin hojjetinaa. Kunoo intalli koo durbi qulqulluunii fi saajjatoon namichaa as jiru. Ani isaan gad isinii baasaatii waan feetan isaan godhaa. Namicha kanatti garuu waan jibbisiisaa akkasii hin hojjetinaa.” Taʼus isaan isa hin dhageenye. Kanaafuu Lewwichi saajjatoo isaa gad isaanii baase; isaanis halkan guutuu isheetti taphatanii ganama barii gad ishee dhiisan. Akkuma lafti bariiteenis dubartiin sun gara mana gooftaan ishee ture sanaa dhaqxee balbala duratti kuftee hamma biiftuun baatutti achumatti diriirtee hafte. Yommuu gooftaan ishee ganama barii kaʼee deemuuf balbala banee gad baʼetti, kunoo saajjatoon isaa kuftee harka ishee gulantaa balbalaa irratti diriirsitee arge. Innis, “Kaʼi ni deemnaa” isheen jedhe. Garuu deebiin tokko illee hin turre. Kana irratti namichi sun harree irra ishee kaaʼee gara mana isaatti qajeele. Innis yommuu mana isaa gaʼetti haaduu fudhatee saajjatoo isaa sana buusaa buusaatti iddoo kudha lamatti kukkutee guutummaa biyya Israaʼelitti erge. Namni waan kana arge hundi, “Erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii jalqabee wanni akkasii takkumaa argamee yookaan hojjetamee hin beeku. Waaʼee isaa yaadaa! Hubadhaas! Waan gochuu qabnus nutti himaa!” jedhe.

Abbootii Murtii 20:10-11

Akka isaan warra duulaniif waan isaan nyaatan fidaniif, gosoota Israaʼel hunda keessaa nama dhibba tokko keessaa nama kudhan, nama kuma tokko keessaa nama dhibba tokko, nama kuma kudhan keessaa nama kuma tokko ni fudhanna. Duulli kunis yeroo Gibeʼaa ishee Beniyaam keessa jirtu sana qaqqabutti waan isaan Israaʼel irratti hojjetan sanaaf adabbii barbaachisaa ni kenna.” Kanaafuu namoonni Israaʼel hundi walitti qabamanii akkuma nama tokkootti magaalattiitti duulan.

1 Saamuʼeel 2:22

Yeroo kanatti Eeliin akka malee dulloomee ture; innis waan ilmaan isaa saba Israaʼel hundatti hojjetan hunda akkasumas akka isaan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii irra tajaajilan wajjin ciisan dhagaʼe.

2 Saamuʼeel 11:2-5

Gaaf tokko galgala Daawit siree isaa irraa kaʼee bantii masaraa mootummaa irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Innis bantii gubbaa dhaabatee dubartii dhagna ishee dhiqattu tokko arge. Dubartiin sun baayʼee bareedduu turte; Daawitis waaʼee ishee beekuuf nama itti erge. Namichi sunis, “Isheen Batisheebaa intala Eliʼaam, niitii Uuriyaa namicha gosa Heet sanaatii mitii?” jedhe. Daawitis nama itti ergee ishee fichisiise. Isheenis gara isaa dhufte; innis ishee wajjin ciise. Isheen xuraaʼummaa ishee irraa qulqullooftee turte. Ergasii gara mana isheetti deebite. Dubartiin sun ulfooftee, “Ani ulfaaʼeera” jettee Daawititti ergaa ergite.

2 Saamuʼeel 12:9-12

Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii WAAQAYYOO tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte. Kanaafuu amma sababii ati na tuffattee niitii Uuriyaa namicha Heet sana ofii keetiif fudhatteef goraadeen mana kee irraa hin fagaatu.’ “WAAQAYYO akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa waan hamaa sitti nan kaasa; utuma iji kee arguu niitota kee fuudhee fira sitti aanuuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan isaan wajjin ni ciisa. Ati dhoksaatti akkas goote; ani garuu Israaʼeloota hunda duratti guyyuma saafaadhaan waan kana nan godha.’ ”

2 Saamuʼeel 13:11-14

Inni garuu yommuu isheen nyaata dhiʼeessiteefitti humnaan ishee qabatee, “Yaa obboleettii ko, kottuu na wajjin ciisi” jedheen. Isheen immoo deebiftee akkana jetteen; “Yaa obboleessa ko, waan kana hin godhin! Na hin dirqisiisin. Wanni fokkisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuu hin qabu! Ati waan hamaa kana hin godhin. Ani maalan taʼa? Salphina koos baadhee eessan dhaqa? Ati hoo? Atis Israaʼel keessatti akka gowwaa hamaa tokkootti ilaalamuu kee ti mitii? Maaloo mootichatti himadhu; inni sitti heerumuu na hin dhowwuutii.” Inni garuu ishee dhagaʼuu dide; waan ishee caalaa jabaa taʼeefis humnaan ishee gudeede.

1 Mootota 11:1-6

Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan. Jarri kunneen saboota WAAQAYYO, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame. Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan. Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO Waaqa isaatiif hin kennamne. Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe. Solomoonis akkasiin fuula WAAQAYYOO duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO duukaa hin buune.

1 Mootota 14:24

Manni sagadaa dhiirota sagaagalaniis biyya sana keessa ture; namoonni sun gochawwan jibbisiisoo kan saboota WAAQAYYO fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hunda keessatti hirmaatan.

1 Mootota 15:12

Inni mana sagadaa kan dhiirota sagaagalanii biyya sanaa balleessee waaqota tolfamoo abbootiin isaa hojjetan hundas barbadeesse.

1 Mootota 22:46

Inni manneen sagadaa dhiirota sagaagalanii kanneen bara mootummaa abbaa isaa Aasaa keessa turan iyyuu biyyattii keessaa ni balleesse.

2 Mootota 23:7

Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige.

Iyyoob 31:1

“Ani ija koo wajjin kakuu galeera; yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?

Fakkeenya 2:16-17

Ogummaatu dubartii ganda labee, niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara; niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.

Fakkeenya 5:3-4

Hidhiin ejjituu damma coccobsa; haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa; dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti; akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.

Fakkeenya 5:20

Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta? Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?

Fakkeenya 6:24-29

isaan dubartii hamtuu irraa, niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu. Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin; yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin. Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii; ejjituunis jireenyuma kee adamsiti. Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee wayyaan isaa hin gubanne jiraa? Namni ibidda cilee irra ejjetee miilli isaa hin gubanne jiraa? Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa; namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.

Fakkeenya 6:32

Namni sagaagalu qalbii hin qabu; namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.

Fakkeenya 7:5-10

isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin nama harkiftu irraa si eegu. Ani foddaa mana koo biraa keessaan, karaa qaawwaatiin ala ilaale. Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, dargaggoota keessatti hubadhee dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge. Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture. Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture. Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.

Fakkeenya 7:21-27

Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte. Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe; akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku. Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus qalbeeffadhaa. Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin. Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru. Manni ishee karaa qileetti nama geessu, kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha.

Fakkeenya 11:6

Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.

Fakkeenya 22:14

Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; namni dheekkamsa WAAQAYYOO jala jiru achi keessa buʼa.

Fakkeenya 23:27-28

sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii, niitiin ganda labeenis boolla bishaanii dhiphaa dha. Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti; namoota gidduuttis warra hin amanamne baayʼifti.

Fakkeenya 29:3

Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa; miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.

Fakkeenya 30:20

“Karaan ejjituu kana: Isheen waa nyaattee afaan haqatti; ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti.

Lallaba 7:26

Ani waan duʼa caalaa hadhaaʼuu nan arge; kunis: dubartii kiyyoo taate, kan yaadni ishee kiyyoo, harki ishee immoo foncaa taʼee dha. Namni Waaqa gammachiisu ishee jalaa ni baʼa; cubbamaan garuu isheedhaan qabama.

Isaayyaas 1:21

Akka magaalaan amanamtuun sun sagaagaltuu taate ilaalaa! Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee qajeelummaan ishee keessa jiraata ture; amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!

Isaayyaas 57:3

“Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii, isin sanyiin ejjituutii fi sagaagaltuu as kottaa!

Ermiyaas 3:1-3

“Namni tokko yoo niitii isaa hiikee isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte, inni lammata isheetti deebiʼaa? Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu? Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta; taʼus amma gara kootti deebiʼi?” jedha WAAQAYYO. “Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali. Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa? Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse; sagaagaltummaa fi hammina keetiin biyyattii xureessiteerta. Kanaafuu tiifuun ni ittifame; birraa keessa illee bokkaan hin roobne. Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda; qaanaʼuus ni didde.

Ermiyaas 3:6-8

WAAQAYYO bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; “Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte. Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite. Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite.

Ermiyaas 3:20

Yaa mana Israaʼel, ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo, anaaf hin amanamne turte” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 5:7-8

“Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa? Ijoolleen kee na dhiisanii waaqota waaqota hin taʼiniin kakataniiru. Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture; isaan garuu ni ejjan; gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan. Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha; tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu.

Ermiyaas 7:9

“ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii,

Ermiyaas 13:27

Ejjummaa fi himimsuun kee, sagaagalummaan kee kan qaanii hin qabne sunis ni mulʼata! Ani hojii kee jibbisiisaa sana gaarran irraa fi bakkee keessatti argeera. Yaa Yerusaalem, siif wayyoo! Ati hamma yoomiitti xurooftee hafta?”

Ermiyaas 23:14

Raajota Yerusaalem gidduutti ani waan nama suukaneessu tokko argeera; isaan ni ejju; sobaan jiraatus. Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef isaan harka jalʼootaa jajjabeessu. Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom; sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti.”

Ermiyaas 29:23

Isaan waan akka malee hamaa taʼe Israaʼel keessatti hojjetaniiruutii; isaan niitota ollaa isaanii wajjin ejjaniiru; waan ani akka isaan hojjetan isaanitti hin himin hojjechuudhaan maqaa kootiin soba dubbataniiru; ani waan kana nan beeka; dhugaa illee nan baʼa” jedha WAAQAYYO.

Faaruu 5:11

Xiyoon keessatti dubartoonni, magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun humnaan gudeedaman.

Hisqiʼeel 16:15-17

“ ‘Ati garuu miidhagina kee amanattee maqaa kee sagaagalummaadhaaf itti fayyadamte. Kara deemaa kam iyyuu wajjin sagaagaltee miidhagina kees kenniteef. Uffata kee keessaas tokko tokko fuutee iddoowwan sagadaa kanneen itti sagaagaltu sana ittiin miidhagsite. Wanni akkasii takkumaa taʼee hin beeku; fuuldurattis hin taʼu. Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte.

Hisqiʼeel 16:20-22

“ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee? Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote. Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne.

Hisqiʼeel 16:25-29

Fiixee daandii hundaatti gaarran sagadaa kee ol dhedheeroo ijaarratte; nama achiin darbu hundaaf dhagna kee dhiʼeessitee sagaagalummaa kee baayʼisuudhaan miidhagina kee busheessite. Ati warra Gibxi, olloota kee kanneen dhagna guddaa qaban wajjin sagaagaltee sagaagalummaa kee kan hamma hin qabne sanaan dheekkamsaaf na kakaafte. Kanaafuu ani harka koo sitti kaasee qooda kee sirraa nan hirʼise; ani intallan Filisxeemotaa warra diinota kee taʼan kanneen amala sagaagalummaa kee saalfatanitti dabarsee si kenneera. Ati sababii dharraa hin baʼiniif warra Asoor wajjinis akkasuma sagaagalte; ati amma illee dharraa hin baane. Ergasiis itti fuftee daldaltoota biyya Baabilon wajjin sagaagalte; garuu kanaan iyyuu dharraa hin baane.

Hisqiʼeel 16:30-34

“ ‘Ati akka sagaagaltuu hin saalfanne tokkootti waan kana hunda gochuun kee yaada dadhabaa akkamii qabaatteeti! jedha WAAQAYYO Gooftaan. Ati yeroo fiixee daandii hundaatti waltajjii tolfattee oobdii uummataa hunda irratti iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroo ijaarrattetti, ati sababii gatii hin baasisiniif akka sagaagaltuu tokkoo hin turre. “ ‘Yaa niitii sagaagaltuu nana! Ati qooda dhirsa keetii kara deemaa filatta! Sagaagaltuun kam iyyuu gatii fudhatti; ati garuu michoota kee hundaaf kennaa kennita; akka isaan iddoo kamii iyyuu gara kee dhufanii si wajjin sagaagalaniif jettee mattaʼaa kennitaaf. Kanaafuu sagaagalummaan kee kan warra kaaniitiin adda; namni kam iyyuu si argachuuf si faana hin buʼu. Ati gatii kennita malee waan gatiin siif hin kennamneef ati kan addaa ti.

Hisqiʼeel 16:35-38

“ ‘Kanaafuu yaa sagaagaltuu nana, dubbii WAAQAYYOO dhagaʼi! WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef, ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu. Ani adabbii dubartoota sagaagalaniitii fi dhiiga namaa dhangalaasaniif malu sitti nan murteessa; dheekkamsa koo fi hinaaffaa kootiinis dhiiga kee nan dhangalaasa.

Hisqiʼeel 16:41-43

Isaan manneen keessan ni gubu; fuula dubartoota hedduu durattis isin adaban. Ani sagaagaltummaa kee sin dhiisisa; siʼachis michoota keetiif gatii hin kaffaltu. Yoos dheekkamsi koo sirraa qabbanaaʼa; hinaaffaan koos sirraa ni deebiʼa; ani nan calʼisa; siʼachis hin aaru. “ ‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha WAAQAYYO Gooftaan. Ati hojii kee jibbisiisaa kaan hunda irratti wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetamu dabalatteerta mitii?

Hisqiʼeel 22:9-11

Namoonni dhiiga dhangalaasuuf maqaa nama balleessan si keessa jiru; warri galma waaqeffannaa tulluuwwan irraattii nyaatanii fi sagaagalan si keessa jiru. Namoonni siree abbaa isaanii xureessan si keessa jiru; namoonni dubartoota xurii jiʼaa qaban kanneen akka seeraatti qulqulluu hin taʼin wajjin ciisanis si keessa jiru. Si keessatti namni tokko niitii ollaa isaa wajjin waan jibbisiisaa hojjeta; kaan haala fokkisaadhaan niitii ilma isaa xureessa; kaan immoo obboleettii isaa, intaluma abbaa isaa xureessa.

Hisqiʼeel 23:1-21

Ergasii dubbiin WAAQAYYOO akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, dubartoota lama, intallan haadha tokkootu ture. Isaanis shamarrummaa isaaniitii jalqabanii sagaagalummaadhaaf of kennuudhaan biyya Gibxi keessatti sagaagaltoota taʼan. Biyya sanattis harmi isaanii ni tuttuqame; fiixeen guntuta isaanii kan yeroo durbummaa immoo ni qaqqabatame. Ishee hangafni Oholaa, obboleettiin ishee immoo Oholaa jedhamte. Isaanis kan koo turan; ilmaanii fi intallanis daʼan. Aholaan Samaariyaa dha; Oholiibaan immoo Yerusaalemii dha. “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa jalqabde; isheenis michoota ishee jechuunis loltoota Asoor kajeelte; isaanis loltoota wayyaa bifa cuquliisaa uffatan, bulchitootaa fi ajajjoota; isaan hundinuus namoota mimmiidhagoo kanneen farda yaabbatan turan. Isheenis hayyoota Asoor hundaaf sagaagalummaadhaan of kennite; waaqota tolfamoo namoota isheen kajeelte sanaa hundaanis of xureessite. Isheen sagaagalummaa ishee kan biyya Gibxi keessatti jalqabde sana hin dhiifne; yeroo shamarrummaa isheetti namoonni ishee wajjin ciisan fiixee guntuta ishee kan yeroo durbummaa qaqqabatanii dharraa sagaagalummaa isaanii ishee irratti dhangalaasan. “Kanaafuu ani michoota ishee, Asoorota isheen dharraatetti dabarsee ishee nan kenne. Isaanis qullaa ishee mulʼisan; ilmaanii fi intallan ishee ni fudhatan; goraadeedhaanis ishee ajjeesan. Isheen dubartoota keessatti waan kolfaa taatee murtiin ishee irratti raawwatame. “Obboleettiin ishee Oholiibaa waan kana argitee turte; taʼus isheen dharraa isheetii fi sagaagalummaa isheetiin obboleettii ishee caalaa xuroofte. Akkasumas isheen Asoorota jechuunis bulchitootaa fi ajajjoota, loltoota wayyaa irraa fi jalaa uffatan, namoota farda yaabbatan kanneen hundi isaanii dargaggeeyyii mimmiidhagoo taʼan dharraate. Ani akka isheenis of xureessite nan arge; lachan isaanii iyyuu daandii tokko irra deemu. “Isheen garuu sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Fakkii namootaa kan keenyan manaa irratti fakkeeffame, fakkiiwwan Kaldootaa kan halluu diimaadhaan fakkeeffame, kan mudhii isaanii irraa sabbata, mataa isaanii irraa immoo marata qaban argite; isaan hundi ajajjoota gaarii waraanaa kan Baabilonotaa, dhalattoota biyya Kaldootaa fakkaatu ture. Isheenis akkuma isaan argiteen isaan dharraatee gara biyya Kaldootaatti ergamoota isaanitti ergatte. Warri Baabilonis gara ishee, gara siree jaalalaa seenanii dharraa sagaagalummaa isaaniitiin ishee xureessan. Isheenis erga isaaniin xurooftee booddee jibbitee isaan irraa garagalte. Yeroo isheen ifaan ifatti sagaagalummaa ishee itti fuftee qullaa of dhaabdetti, ani akkuman obboleettii ishee irraa gara gale sana jibbaan ishee irraa nan gara gale. Taʼus isheen akkuma yeroo shamarrummaa ishee, yeroo biyya Gibxi keessatti sagaagaltuu turte sana yaadatteen sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Isheenis achitti michoota ishee kanneen dhagni saala isaanii, dhagna hormaata korma harree fakkaatu, fincaan isaanii kan dhiiraa immoo fincaan korma fardaa fakkaatu sana dharraate. Kanaafuu ati addaggummaa yeroo shamarrummaa keetii kan yeroo biyya Gibxi turtetti harmi kee qaqqabatamee guntunni kee immoo tuttuqame sana yaadatte.

Hisqiʼeel 23:27-30

Akkasiin ani addaggummaa fi sagaagalummaa ati biyya Gibxitti jalqabde sana nan dhaaba. Ati dharraadhaan wantoota kanneen hin ilaaltu yookaan lammata biyya Gibxi hin yaadattu. “WAAQAYYO Gooftaan akkana jedhaatii: Ani warra ati jibbite, kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sanatti dabarsee sin kenna. Isaanis jibbaan sitti dhufanii waan ati itti dadhabde hunda sirraa fudhatu. Qullaa fi harka duwwaa si hambisu; qaaniin sagaagalummaa keetiis ifatti baʼa. Addaggummaan keetii fi halalummaan kee, waan kana sitti fidaniiru; ati saboota ormaa dharraatee waaqota isaanii tolfamoodhaan of xureessiteertaatii.

Hisqiʼeel 23:35-39

“Kanaafuu WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Ati waan na irraanfattee duubatti na gatteef gatii addaggummaa keetiitii fi sagaagalummaa keetii ni argatta.” WAAQAYYO akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholiibaatti ni murtaa? Yoos hojii isaanii jibbisiisaa sana isaanitti himi; isaan sagaagalaniiru; dhiigni harka isaanii irra jira. Isaan waaqota isaanii tolfamoo wajjin sagaagalaniiru; isaan ijoollee naaf daʼan iyyuu nyaata godhanii isaaniif aarsaa dhiʼeessaniiru. Dabalaniis waan kana narratti raawwatan: Yeruma sana iddoo koo qulqulluu xureessan; Sanbatoota koos ni salphisan. Gaafuma ijoollee isaanii waaqota tolfamoof aarsaa godhanitti iddoo koo qulqulluu seenanii xureessan. Wanni isaan mana koo keessatti godhan kanaa dha.

Hisqiʼeel 23:40-45

“Akka namoonni biyya fagootii dhufaniif ergamoota itti ergan; isaanis ni dhufan; yommuu isaan dhufanittis ati dhagna kee dhiqattee, ija kee kuulattee faaya kee kaaʼatte. Ati siree ulfinaa irra teesse; fuula siree sanaa dura minjaala keesse; minjaala sana irras ixaana kootii fi zayitii koo keesse. “Wacni fandalaltootaa naannoo isheetti dhagaʼame; machooftonni namoota wacan sana wajjin gammoojjiidhaa dhufanis achi turan; isaanis irree dubartii sanaattii fi kan obboleettii isheetti bitawoo, mataa isaaniitti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼaniif. Anis, ‘Namoonni yeroo ishee wajjin sagaagalanitti isaan amma ejja hojjechuu isaaniitii mitii?’ nan jedhe. Jarris ishee wajjin ciisan. Isaanis akkuma namoonni sagaagaltoota wajjin ciisan sana Oholaa fi Oholiibaa addaggeewwan sana wajjin ciisan. Sababii isaan ejjitoota taʼanii fi dhiigni harka isaanii irratti argameef, namoonni qajeeltonni adabbii dubartoota ejjitootaa fi dhiiga dhangalaasaniif malu isaanitti muru.

Hisqiʼeel 23:48-49

“Kanaafuu akka dubartoonni hundi of eeggatanii fi isin duukaa hin buuneef ani biyyattii keessaa addaggummaa nan balleessa. Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani WAAQAYYO Gooftaa taʼe ni beektu.”

Hooseʼaa 1:2

Yeroo WAAQAYYO karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti WAAQAYYO akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin WAAQAYYO irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.”

Hooseʼaa 2:2-5

“Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; isheen niitii koo mitiitii; anis dhirsa ishee miti. Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu. Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; akkuma gammoojjii ishee nan godha; lafa goggogaatti ishee nan geeddara; dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa. Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu. Haati isaanii amanamummaa dhabdee karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, warra nyaata koo fi bishaan koo, warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jette.

Hooseʼaa 4:2

Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, hannaa fi ejja qofatu jira; isaan kakuu hunda ni cabsu; dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.

Hooseʼaa 4:12-14

Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; uleen falfaltuus isaanitti dubbata. Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman. Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma, aarsaa gubamu immoo gaarran irratti, qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu. Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu; niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu. “Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif, yommuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼanitti yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu; sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!

Hooseʼaa 5:3-4

Ani waaʼee Efreem hunda beeka; Israaʼelis na duraa hin dhokattu. Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; Israaʼelis xuraaʼeera. “Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti deebiʼan hin eeyyamuuf. Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; isaan WAAQAYYOON hin beekan.

Hooseʼaa 9:1

Yaa Israaʼel hin ililchin; akka saboota kaanii hin gammadin. Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii; ati oobdii hunda irratti gatii sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.

Yooʼeel 3:3

Isaan uummata kootti ixaa buufatanii ijoollee dhiiraas sagaagalummaatti geeddarataniiru; akka dhuganiif dubara illee daadhii wayiniitti gurguratan.

Naahoom 3:4

kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu, giiftii falfaltootaa, kan sagaagaltummaa isheetiin saboota, tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.

Miilkiyaas 2:14-16

Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef WAAQAYYO siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha. WAAQAYYO tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin. “Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba” jedha WAAQAYYO Waaqni Israaʼel; “Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba” jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.

Miilkiyaas 3:5

“Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu.

Maatewos 5:27-28

“Isin akka, ‘Hin ejjin’ jedhame dhageessaniirtu. Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.

Maatewos 5:32

Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.

Maatewos 15:19

Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.

Maatewos 19:9

Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”

Maatewos 26:41

Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”

Maarqos 7:21-23

Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja, doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa. Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’ ”

Maarqos 10:11-12

Innis akkana jedhee deebiseef; “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata. Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti.”

Maarqos 10:19

Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”

Luqaas 16:18

“Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata; namni dubartii dhirsa ishee hiikte fuudhus ejja raawwata.

Luqaas 18:20

Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”

Yohannis 8:3-11

Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii, Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte. Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?” Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe. Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen. Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse. Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe. Yesuusis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen. Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. Yesuusis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.]

Hojii 15:20

Qooda kanaa akka isaan nyaata waaqonni tolfamoon xureessan, sagaagalummaa, foon horii hudhamee duʼeetii fi dhiiga lagataniif xalayaa barreessinee itti himuu qabna.

Hojii 15:29

kunis akka isin nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan. Nagaatti.

Hojii 21:25

Waaʼee Namoota Ormaa kanneen amananii immoo akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagataniif nu murtii keenya isaaniif barreessineerra.”

Roomaa 1:24-27

Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne. Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen. Sababii kanaaf Waaqni dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran. Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan.

Roomaa 1:28-29

Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne. Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota,

Roomaa 1:32

Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.

Roomaa 6:12-13

Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa. Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa.

Roomaa 6:19

Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa.

Roomaa 7:3-5

Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti. Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf. Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture.

Roomaa 7:23

ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga.

Roomaa 8:1-8

Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru; seerri Hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii. Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni Ilma ofii isaa bifa foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure. Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha. Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu. Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha. Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu. Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan.

Roomaa 8:12-13

Egaa yaa obboloota, nu gatii of irraa qabna; garuu fooniif miti; akka fooniitti jiraachuufis miti. Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu.

Roomaa 12:1

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.

Roomaa 13:9

Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu.

Roomaa 13:13-14

Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti. Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.

1 Qorontos 5:1

Akka halalummaan ormoota keessatti illee hin beekamin isin gidduu jiru odeeffamaa jira: namni niitii abbaa isaa wajjin ciise tokko jiraatii.

1 Qorontos 5:9-13

Ani akka isin namoota halalummaadhaan jiraatan wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef xalayaa koo keessatti isinii barreesseen ture; kunis gonkumaa namoota halalummaadhaan addunyaa kana irra jiraatan yookaan doqnootaa fi saamtota yookaan warra Waaqa tolfamaa waaqeffatan jechuu koo miti. Utuu akkas taʼee immoo silaa addunyaa kana keessaa baʼuu qabdu ture. Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa! Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii? Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!”

1 Qorontos 6:9-11

Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan. Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.

1 Qorontos 6:13

“Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;” Waaqni garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf.

1 Qorontos 6:15-18

Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Kiristoos taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Kiristoos fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu! Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? “Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu” jedhameeraatii. Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko. Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.

1 Qorontos 7:1-5

Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha. Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu. Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha. Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.

1 Qorontos 7:9

Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii.

1 Qorontos 7:36

Namni kam iyyuu yoo durba kaadhimate sirriitti qabuu baate, yoo umuriin ishee dabalaa deemee innis akka ishee fuudhuu qabu yaade, akkuma fedhii isaa haa godhu. Inni cubbuu hojjechuu isaa miti. Isaan wal fuudhuu qabu.

1 Qorontos 10:8

Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman sana, nu halalummaa raawwachuu hin qabnu.

1 Qorontos 10:12-13

Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu. Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.

2 Qorontos 5:10

Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii.

2 Qorontos 7:1

Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.

2 Qorontos 12:21

Yeroo ani deebiʼee gara keessan dhufutti Waaqni koo fuula keessan duratti gad na deebisa; anis waaʼee namoota baayʼee kanneen kanaan dura cubbuu hojjetanii fi xuraaʼummaa irraa, halalummaa fi jireenya gad dhiisii hamaa irraa hin deebiʼiniif nan gadda jedheen sodaadha.

Galaatiyaa 5:16-21

Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha. Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu. Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan. Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.

Galaatiyaa 5:24

Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.

Galaatiyaa 6:7-8

Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii. Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.

Efesoon 2:3

Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre.

Efesoon 4:19

Isaanis waan qalbiin isaanii hadoodeef hamma xuraaʼummaa gosa hundaa keessa galanitti sassattummaan guutaman.

Efesoon 5:3-5

Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii. Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin. Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.

Qolosaayis 3:5

Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.

1 Tasaloniiqee 4:3-5

Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;

1 Tasaloniiqee 4:7-8

Waaqni akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii. Kanaafuu namni gorsa kana tuffatu Waaqa Hafuura isaa Qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu.

1 Xiimotewos 1:9-10

Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna; akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;

2 Xiimotewos 2:22

Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.

2 Xiimotewos 3:2-6

Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu. Isaan warra manneen seenuudhaan dubartoota dadhaboo warra cubbuun isaan irra tuulamee fi warra hawwii gosa hundaatiin asii fi achi raafaman boojiʼanii dha;

Tiitoo 2:12

Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa;

Ibroota 12:16

Namni kam iyyuu akka Esaawu isa mirga hangafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurgurate sanaa sagaagaltuu yookaan nama Waaqatti hin bulle hin taaneef of eeggadhaa.

Ibroota 13:4

Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.

Yaaqoob 1:12-15

Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii. Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru; tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama. Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.

Yaaqoob 4:3-4

Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan. Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa.

1 Phexros 1:14

Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.

1 Phexros 2:11

Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa.

1 Phexros 4:1-3

Kanaafuu waan Kiristoos foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera. Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Waaqaatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu. Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu.

2 Phexros 2:4-10

Waaqni yeroo ergamoonni cubbuu hojjetanitti utuu isaanii hin hilin akka isaan guyyaa murtiitiif turfamaniif foncaadhaan dukkana keessatti hidhee gahaannamitti erga isaan darbatee, utuu addunyaa duriitiif hin hilin Nohi isa qajeelummaa lallabu namoota biraa torba wajjin oolchee warra Waaqatti hin bulletti bishaan badiisaa erga fidee, magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraas hamma isaan daaraa taʼanitti gubuudhaan itti muree, fakkeenya waan warra Waaqaaf hin bulletti dhufuuf jiruu erga isaan godhee, namicha qajeelaa jechuunis Looxi isa jireenya xuraaʼaa finciltootaatiin dhiphachaa ture sana erga badiisa oolchee, namichi qajeelaan sun yeroo gidduu isaanii jiraachaa turetti guyyuma guyyaan fincila isaanii sana arguu fi dhagaʼuudhaan lubbuun isaa qajeeltuun sun isa keessatti dhiphachaa turtee, wanni kun akkas taʼee Gooftaan akkamitti akka warra Waaqaaf bulan qorumsa keessaa baasuu fi akka itti warra jalʼaa hamma guyyaa murtiitti adabbiif tursu beeka. Wanni kun keessumattuu warra hawwii foonii xuraaʼaa sana duukaa buʼanii fi warra abbootii taayitaa tuffatanitti ni cima. Namoonni kunneen ija jabeeyyii fi of tuultota; isaan ulfina qabeeyyii samii arrabsuu hin sodaatan;

2 Phexros 2:14

Waan iji isaanii ejjaan guutameef isaan cubbuu hojjechuu hin dhiisan; warra hin jabaatin gowwoomsu; garaan isaanii doqnummaa barateera; isaan ijoollee abaaramanii dha!

2 Phexros 2:18

Isaan dubbii faayidaa hin qabnee fi dubbii of tuulummaa odeessu; warra namoota jireenya dogoggoraa keessa jiraatan keessaa baqatanii baʼan hawwii foonii hamaadhaan gowwoomsu.

2 Phexros 3:3

Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa.

1 Yohannis 2:16-17

Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti. Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.

Yihuudaa 1:4

Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.

Yihuudaa 1:6-8

Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera. Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru. Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.

Mulʼata 2:14

Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaam duukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii.

Mulʼata 2:20-22

Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti. Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde. Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.

Mulʼata 9:21

Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.

Mulʼata 14:8

Ergamaan lammaffaanis itti aansee, “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti” jedhe.

Mulʼata 17:1-2

Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa. Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.”

Mulʼata 18:3

Saboonni hundinuus, daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii. Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru; daldaltoonni addunyaas qananii ishee guddaa sanaan sooromaniiru.”

Mulʼata 18:9

“Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus.

Mulʼata 19:2

murtiin isaa dhugaa fi qajeelaadhaatii. Inni sagaagaltittii guddoo, ishee sagaagaltummaa isheetiin lafa xureessite sanatti mureera; dhiiga garboota isaatiifis isheetti haaloo baʼeera.”

Mulʼata 21:8

Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.”

Oromo - Oromoo - OM

GAZCV'22 - Oromo Contemporary Biblica - 2022

This Bible text is from Biblica Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022
https://open.bible/bibles/oromo_latin-biblica-text-bible/
provided by: Biblica Inc, available by Creative Commons CC-BY-SA-4.0,
and this new compilation is shared as www.creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0.
Languages are made available to you by www.ipedge.net