24 – Maatii
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Maatii.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Maatii.
Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
”“Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.” Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha. Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
”Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha; kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.” Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
”Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume. Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen.
”WAAQAYYO Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe. WAAQAYYO Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef. Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota samii hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase. Addaamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne.
”Kanaafis WAAQAYYO Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche. WAAQAYYO Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse. Namichis akkana jedhe; “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; foon kunis foon foon kootii ti; isheen waan dhiira irraa argamteef ‘dubartii’ jedhamti.”
”Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu. Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.
”Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe. WAAQAYYO Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette.
”Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.” Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.” Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
”Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase.
”Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, “Ani gargaarsa WAAQAYYOOTIIN ilma tokko argadheera” jette. Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture. Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa WAAQAYYOOF aarsaa dhiʼeesse. Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. WAAQAYYO faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale. Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe. WAAQAYYOS Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe? Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.” Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese. WAAQAYYOS, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise. WAAQAYYO akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira. Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta.
”Kun galmee sanyii Addaam. Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche. Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame.
”Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef. Addaam erga Seeti dhalatee booddee waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. Walumatti Addaam waggaa 930 jiraatee duʼe.
”Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti,
”WAAQAYYOS Nohiin akkana jedhe; “Ani akka ati dhaloota kana keessaa na duratti qajeelaa taate argeeraatii maatii kee hundumaa wajjin doonicha seeni.
”Waaqni akkana jedhee Nohii fi ilmaan isaa eebbise; “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa.
”WAAQAYYO Abraamiin akkana jedhe; “Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi. “Ani saba guddaa sin taasisa; sin eebbisas; maqaa kee illee guddaa nan taasisa; atis eebba taataa. Ani warra si eebbisan nan eebbisa; warra si abaaran nan abaara; sabni lafa irraa hundinuu karaa keetiin eebbifama.”
”“Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: ati abbaa saba baayʼee taata. Ati siʼachi Abraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Abrahaam taʼa. Ani akka ati guddaa baayʼattu nan godha; akka sabni hedduun si keessaa argamu nan godha; mootonnis si keessaa ni argamu. Ani Waaqa keetii fi Waaqa sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba.
”Waaqni ammas Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati siʼachi niitii kee Sooraadhaan, Sooraa hin jettu; maqaan ishee Saaraa taʼa. Ani ishee nan eebbisa; ishee irraas ilma siif nan kenna. Akka isheen haadha sabootaa taatuufis ishee nan eebbisa; mootonni sabootaas ishee keessaa argamu.” Abrahaamis addaan gombifame; kolfees, “Nama waggaa dhibbaatiif ilmi ni dhalataa? Saaraanis waggaa sagaltamatti mucaa deessii?” jedhee yaade.
”Akka inni ijoollee isaatii fi sanyii isaa warra isa duubaan dhufan, akka isaan waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuudhaan karaa WAAQAYYOO eegan ajajuuf ani isa filadheeraatii; kunis akka WAAQAYYO waan Abrahaamiif kakate sana isaaf guutuuf.”
”WAAQAYYO akkuma dubbate sana Saaraa yaadate; WAAQAYYO waan waadaa galeef sana ni raawwateef. Saaraan ulfooftee bara dulluma isaa keessa yeruma Waaqni waadaa isaaf seene sanatti Abrahaamiif ilma deesse. Abrahaamis ilma Saaraan isaaf deesse sana Yisihaaq jedhee moggaase.
”Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate.
”Sanyiin kee akkuma biyyoo lafaa ni baayʼata; atis gara dhiʼaatti, gara baʼaatti, gara kaabaattii fi kibbaatti ni babalʼatta. Uummanni lafa irraa hundinuu karaa keetii fi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama.
”Yaaqoob Raahelin jaallatee, “Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila” jedheen. Laabaan immoo, “Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi” jedhe. Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
”Raahel yommuu akka Yaaqoobiif ijoollee tokko iyyuu hin daʼin argitetti obboleettii isheetti hinaafte. Yaaqoobiinis, “Ijoollee naa kenni, yoo kanaa achii nan duʼa!” jette. Yaaqoobis isheetti aaree, “Anatu iddoo Waaqa isa ijoollee si dhowwate sanaa jira moo?” jedheen.
”WAAQAYYOS Yaaqoobiin, “Biyya abbaa keetii fi fira keetti deebiʼi; anis si wajjin nan taʼa” jedhe.
”Yaaqoob warra mana isaa jiranii fi warra isa wajjin turan hundaan akkana jedhe; “Waaqota ormaa kanneen isin of biraa qabdan irraa fagaadhaa; of qulqulleessaa; uffata keessanis geeddaradhaa.
”Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, “Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!” jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre. Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame. Yoosefis obboloota isaatiin, “Ani Yoosef; abbaan koo amma iyyuu jiraa?” jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye.
”Yoosef gaarii isaa qopheeffatee abbaa isaa Israaʼel simachuuf Gooshenitti qajeele. Innis akkuma fuula isaa duratti mulʼateen morma isaatti marmee yeroo dheeraa booʼe.
”Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne. Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne.
”Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani WAAQAYYO Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
”Akka biyya WAAQAYYO Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
”“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa rukutu haa ajjeefamu.
”“Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa.
”kan araara isaa dhaloota kumaatamaaf tursu, kan hammina, fincilaa fi cubbuu namaaf dhiisuu dha. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii ni adaba.”
”Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu.
”“ ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan.
”“ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
”“ ‘Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare kam iyyuu haa ajjeefamu. Inni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaareeraatii dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
”“ ‘Luboonni sababii Waaqa isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban.
”“ ‘Dubartiin inni fuudhu durba taʼuu qabdi. Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu;
”“ ‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite yookaan yoo dhiirri sababii niitii ofii shakkuuf hafuurri hinaaffaa isa qabate, seerri hinaaffaaf kenname kanaa dha. Lubichi dubartii sana fuula WAAQAYYOO dura dhaabee seera kana hunda ishee irratti haa raawwatu. Dhirsi sun balleessaa irraa bilisa taʼa; dubartiin sun garuu gatii cubbuu ishee argatti.’ ”
”“Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi. “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa. Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa. Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa. Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma WAAQAYYO Musee ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’ ”
”Wanni WAAQAYYO waaʼee intallan Zelofehaad ajaje kanaa dha: Isaan gosa abbaa isaanii qofa keessaa haa taʼu malee nama jaallatanitti haa heeruman. Sababii tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala gosa abbaa isaa irraa argatu jabeessee qabatuuf, dhaalli ilmaan Israaʼel gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin. Akka tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala abbootii isaa argatuuf, gosa ilmaan Israaʼel keessaa intalli dhaala argattu kam iyyuu gosa abbaa ishee keessaa nama tokkotti heerumuu qabdi. Sababii tokkoon tokkoon gosa ilmaan Israaʼel dhaala ofii isaa jabeessee qabatuuf, dhaalli tokko iyyuu gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.”
”Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi. Gaafa isin Kooreebitti fuula WAAQAYYO Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa.
”Akka biyya WAAQAYYO Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma WAAQAYYO Waaqni kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
”Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
”Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin; sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi WAAQAYYOOS sitti bobaʼee dafee si balleessa.
”Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata.
”Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
”Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duuba dhalataniif yeroo hunda toluuf qajeelchawwan ani siif kennu kanneen hunda of eeggannaadhaan eegi; sababiin isaa ati ija WAAQAYYO Waaqa keetii duratti waan gaarii fi qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
”Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa.
”Akka yaadni isaa hin badneef inni niitota baayʼee fuudhuu hin qabu; meetii fi warqee baayʼisees walitti qabachuu hin qabu.
”Namni niitii fuudhuuf kadhatee utuu hin fuudhin dhufe jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola irratti duʼee namni biraa ishee fuudha.”
”Namni tokko yoo niitota lama qabaatee ishee tokko jaallatee garuu lamaan isaanii iyyuu ilmaan daʼaniif, yoo ilmi hangafni niitii inni hin jaallanne sana irraa dhalate, namichi yommuu qabeenya isaa ilmaan isaatiif qoodutti mirga hangafummaa ilma niitii jibbe sanaa ilma niitii jaallatuutiif dabarsee kennuu hin qabu. Garuu ilma hangafticha niitii hin jaallanne sana irraa dhalcheef qooda dhaala isaa keessaa harka lama kennuufiidhaan isa beeksisuu qaba. Ilmi sun mallattoo jalqabaa kan jabina abbaa isaa ti. Mirgi hangafummaa kan isaa ti.
”Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate, abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan. Isaanis, “Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha” jedhanii maanguddootatti haa himan. Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu.
”Yoo namni tokko niitii fuudhee erga ishee wajjin ciisee booddee ishee jibbee, ishees qaanessee maqaa balleessuudhaan, “Ani niitii tana fuudheera; garuu yommuu ani ishee wajjin ciisetti waan durbummaa ishee mirkaneessu hin arganne” jedhee, abbaa fi haati intalattii ragaa durbummaa ishee mirkaneessu balbala irratti maanguddoota magaalattiitti haa dhiʼeessan. Abbaan intalattiis maanguddootaan akkana haa jedhu; “Ani intala koo nama kanatti heerumsiiseera; inni garuu ishee jibbe. Maqaa ishees balleessee, ‘Ani intala kee durbummaa isheetiin hin arganne’ jedhe. Garuu ragaan durbummaa intala kootii mirkaneessu kunoo ti.” Kana irratti abbaa fi haati ishee fuula maanguddoota magaalattii duratti wayyaa sana haa diriirsan; maanguddoonni sunis namicha sana qabanii haa adaban. Isaanis sababii namichi kun maqaa durba Israaʼel tokkoo xureesseef meetii saqilii dhibba tokko baasisanii abbaa intalattiitiif haa kennan; isheen niitii isaa taatee haa jiraattu; innis hamma lubbuudhaan jirutti ishee hiikuu hin dandaʼu. Taʼus yoo himannaan dhiʼaate sun dhugaa taʼee ragaan durbummaa intalattii mirkaneessu hin argamin, isheen balbala mana abbaa ishee duratti fidamtee namoonni magaalaa ishee hamma isheen duututti dhagaadhaan ishee haa tuman; isheen utuma mana abbaa ishee jirtuu sagaagaluudhaan gocha Israaʼel keessatti qaanii taʼe hojjetteerti. Ati gidduu keetii waan hamaa baasuu qabda. Yoo namni tokko utuu niitii nama biraa wajjin ciisuu argame lamaan isaanii iyyuu, namichi ishee wajjin ciisee fi dubartiin sun ajjeefamuu qabu. Ati Israaʼel keessaa waan hamaa baasuu qabda.
”Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa WAAQAYYOO hin seenin.
”Namni tokko erga niitii fuudhee booddee yoo waan fafaa ishee irratti argee ishee jibbe, inni waraqaa ragaa hiikkaa barreessee itti kennuudhaan mana isaatii baasee ishee haa geggeessu. Isheen erga mana isaatii baatee booddee yoo niitii nama biraa taate, yoo dhirsi ishee lammaffaan ishee jibbee waraqaa hiikkaa barreessee kenneefii mana isaatii ishee baase yookaan yoo inni duʼe, dhirsi inni jalqabaa kan ishee hiike sun erga isheen xurooftee booddee deebiʼee ishee fuudhuun isaaf hin eeyyamamu. Wanni kun fuula WAAQAYYOO duratti balfamaa dha. Ati biyya WAAQAYYO Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennutti cubbuu hin fidin.
”Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.
”“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
”“Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
”Wanti dhoksaan kan WAAQAYYO Waaqa keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.
”Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii WAAQAYYO Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi. Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi WAAQAYYO Waaqa isaanii sodaachuu barachuu qabu.”
”“Egaa amma sababii ani garaa isinii laafeef isinis akkasuma akka maatii kootiif garaa laaftan maqaa WAAQAYYOOTIIN naa kakadhaa. Mallattoo dhugaas naa kennaa; kunis akka isin lubbuu abbaa kootii, haadha kootii, obbolootaa fi obboleettota kootii, waan kan isaanii taʼe hundaa fi lubbuu keenya duʼa oolchitaniif.”
”“ ‘Kanaafuu ganama gosa gosaan ofi dhiʼeessaa. Gosti WAAQAYYO filatu balbala balbalaan gara fuula duraatti haa baʼu; balballi WAAQAYYO filatus maatii maatiidhaan gara fuula duraatti haa baʼu; maatiin WAAQAYYO filatus nama tokko tokkoon gara fuula duraatti haa baʼu.
”“Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan, akka WAAQAYYO Waaqni keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii WAAQAYYO Waaqni keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu.
”Isin garuu yoo WAAQAYYOON tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu WAAQAYYOON waaqeffanna.”
”Yeroo sanattis ijoolleen Israaʼel iddoo sanaa kaʼanii gara mana isaanii, gara gosa isaanii, gara lammii isaaniitii fi gara dhaala isaaniitti deebiʼan.
”Ruut garuu akkana jettee deebifte; “Akka ani si dhiisu yookaan si biraa deebiʼu na hin dirqisiisin. Iddoo ati deemtu nan deema; iddoo ati jiraattus nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni taʼa; Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.
”Akkasumas akka maqaan isaa maatii isaa keessaa yookaan biyya isaa keessaa hin badneef ani qabeenya isaatiin maqaa isaa waamsisuudhaaf Ruuti Moʼaabittii niitii Mahiloon kana niitii godhadhee fuudhuu kootiif isin harʼa dhugaa baatota!”
”Dhirsi ishee Elqaanaanis, “Haannaa ati maaliif boossa? Maaliif hin nyaattu? Garaan kee maaliif gaddaa? Ani ilmaan kudhan siif hin caaluu?” Isheen jedha ture.
”Akkanas jettee wareegde; “Yaa WAAQAYYOO Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa WAAQAYYOOF nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu.”
”Ani mucaa kana argachuuf kadhadheera; WAAQAYYOS waan ani isa kadhadhe naaf kenneera. Kanaafuu ani amma WAAQAYYOOFAN isa kenna. Bara jireenya isaa guutuu WAAQAYYOOF ni kennama.” Isaanis achitti WAAQAYYOOF sagadan.
”Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; WAAQAYYONIS hin sodaatan ture.
”Saamuʼeel garuu dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee fuula WAAQAYYOO dura ni tajaajila ture.
”Saamuʼeel mucichis guddachaa deemee fuula WAAQAYYOOTII fi fuula namaa duratti surraa argate.
”Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa.
”Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan. Jarri kunneen saboota WAAQAYYO, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame. Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan. Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti WAAQAYYO Waaqa isaatiif hin kennamne.
”Kanaafuu intallan keessan ilmaan isaanitti hin heerumsiisinaa yookaan ilmaan keessan intallan isaanii hin fuusisinaa. Akka jabaattaniif, akka waan gaarii biyya sanaa nyaattanii biyyatti illee dhaala bara baraa gootanii ijoollee keessanitti dabarsitaniif yoom iyyuu isaan wajjin walii galtee michummaa hin barbaadinaa.’
”Izraan lubichi ol kaʼee akkana isaaniin jedhe; “Isin amanamoo hin turre; dubartoota ormaa fuudhuudhaanis Israaʼel irratti yakka dabaltaniirtu. Egaa amma cubbuu keessan WAAQAYYO Waaqa abbootii keessanitti himadhaatii fedhii isaa guutaa. Saboota naannoo keessan jiraatanii fi niitota warra ormaa keessaa fuutaniin gargar baʼaa.” Guutummaan waldaa sanaa akkana jedhee sagalee guddaadhaan deebise: “Ati sirrii dha! Nu akkuma ati jette gochuu qabna.
”Niitiin isaa, “Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Waaqa abaariitii duʼi!” isaan jette. Inni immoo deebisee, “Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Waaqaatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?” jedhe. Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob waan dubbateen cubbuu hin hojjenne.
”Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.
”kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef ati ijoollee abbaa hin qabnee fi cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.
”Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege. Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
”Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, WAAQAYYO na simata.
”Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; garuu qajeeltonni gatamuu isaanii yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine. Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
”Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture. Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi.
”Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa, niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira. Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.
”Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha. Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu, waan abbootiin keenya nutti himanii dha. Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; hojii WAAQAYYOO ulfina qabeessa sana, humna isaatii fi dinqii inni hojjete, dhaloota itti aanutti ni himna. Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe; Israaʼeliif immoo seera kenne; waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif, abbootii keenya ajaje; kunis akka dhaloonni itti aanu beeku, akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan, isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif. Yoos isaan Waaqa amanatu; ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan. Isaan akka abbootii isaanii, akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa, warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee, akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.
”Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.
”Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, WAAQAYYO warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
”Jaalalli WAAQAYYOO garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;
”isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa. Inni WAAQAYYO Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira. Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
”Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.
”WAAQAYYO, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu.
”Kunoo, ijoolleen kennaa WAAQAYYOO ti; iji gadameessaas badhaasa isaa ti. Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan, akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti. Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha. Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.
”Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
”ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
”Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
”Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite. Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka. Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, lafeen koo si duraa hin dhokanne. Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame, iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin, kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
”dargaggoonnii fi shamarran, jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa. Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, isaan maqaa WAAQAYYOO haa galateeffatan; ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
”Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
”Yaa ilma ko, adabbii WAAQAYYOO hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin. WAAQAYYO akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.
”Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa. Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa. Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti, inni akkana jedhee na barsiise; “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.
”Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; barri jireenya keetiis ni baayʼataa. Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; daandii qajeelaa irras sin buusa.
”Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni. Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu; inni warra isa argatuuf jireenya, dhagna namaa guutuufis fayyinaatii. Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
”Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi. Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
”Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
”Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
”Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
”Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
”Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.
”Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.
”Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
”Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
”Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
”Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
”Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
”Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha; haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
”Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
”Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
”Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula WAAQAYYOO durattis surraa argata.
”Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; niitiin nyakkiftunis akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti. Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu WAAQAYYOTU namaaf kenna.
”Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.
”Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
”Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
”Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
”Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
”Dhaalli jalqabumatti dafee argame dhumni isaa eebba hin qabaatu.
”Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
”Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa, gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
”Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
”Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
”Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin; yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan. Arcummeedhaan isaan adabiitii lubbuu isaanii duʼa oolchi. Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe, garaan koo ni gammada; yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate, keessi koo baayʼee gammada.
”Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin. Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu. Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba; namni ilma ogeessa qabu isatti gammada. Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan; isheen si deesse sun haa ililchitu! Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni; iji kees karaa koo haa ilaalu;
”Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
”Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa dhimmisaa ooluu ti;
”Namni seera eegu ilma ogeessa; michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
”Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu garee nama waa balleessuu ti.
”Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
”Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; lubbuu kees ni gammachiisa.
”“Dhaloota abbaa isaa abaaru kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira; dhaloota qulqulluu of seʼu, kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru; dhaloota iji isaa akka malee of tuulu, kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira;
”“Ija abbaatti qoosu, kan ajaja haadhaa tuffatu arraagessa sululaatiin baafama; joobiraanis ni nyaatama.
”“Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; afur immoo ani hin hubadhu; kunis: Karaan risaa samii irra, karaan bofaa kattaa irra, karaan doonii galaana guddaa irra, karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.
”“Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, maali yaa ilma wareega ko, humna kee dubartoota irratti, jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
”Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha. Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu. Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu. Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi. Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti. Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi. Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi. Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti. Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu. Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti. Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti. Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii. Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti. Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama. Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti. Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi. Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira. Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu. Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja: “Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; ati garuu isaan hunda caalta.” Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin WAAQAYYOON sodaattu garuu galateeffamtuu dha. Buʼaa harka ishee kennaafii; hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.
”Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif nama tokko irra nama lama wayya: Yoo inni tokko kufe, inni kaan ol isa qaba. Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne garaa nama nyaata! Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa; nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa? Namni tokko moʼatamuu dandaʼa; namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu. Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
”Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
”Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu.
”Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin, utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin, bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;
”Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa; inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa, guyyaa garaan isaa gammadetti, mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.
”Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.
”Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.
”Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti, ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana, yaa WAAQAYYO, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra. Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne; nu garuu bubbee deenye. Nu lafaaf fayyina hin fidne; nu uummata addunyaa hin deenye.
”Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa, yaa jiraataa jedhanii si jajatu; abbootiin waaʼee amanamummaa keetii ijoollee isaaniitti ni odeessu.
”Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: Utuu ani hin dhalatin dura WAAQAYYO na waame; utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.
”“Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
”Uumaan kee dhirsa keeti; maqaan isaas WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼuu dha; Qulqullichi Israaʼel Furii kee ti; innis Waaqa guutummaa lafaa jedhama. WAAQAYYO akka waan ati akkuma niitii gatamtee garaan ishee gaddee, akka niitii dargaggeessaa kan jibbamteetti deebisee ofitti si waama” jedha Waaqni kee.
”WAAQAYYO ilmaan kee hunda ni barsiisa; nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.
”Ani WAAQAYYO itti guddaa nan gammada; lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, wayyaa fayyinaa natti uffiseera uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
”Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, ilmaan kee si fuudhu; akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu, Waaqni kees sitti gammada.
”Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana, anis isinan urursa; isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu.”
”“Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”
”“Namni tokko yoo niitii isaa hiikee isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte, inni lammata isheetti deebiʼaa? Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu? Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta; taʼus amma gara kootti deebiʼi?” jedha WAAQAYYO.
”Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite.
”“Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha WAAQAYYO; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida.
”utuu isin alagaa, ijoollee abbaa hin qabne yookaan haadha hiyyeessaa cunqursuu baattanii iddoo kanatti dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuu baattanii, utuu waaqota isin balleessan duukaa buʼuu baattanii, silaa ani akka isin iddoo kana, biyya ani bara baraan abbootii keessaniif kenne keessa jiraattan nan godha.
”Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa.
”“ ‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha WAAQAYYO Gooftaan. Ati hojii kee jibbisiisaa kaan hunda irratti wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetamu dabalatteerta mitii? “ ‘Namni mammaaksa mammaaku kam iyyuu, “Intalli akkuma haadhaa ti” jedhee waaʼee kee mammaaksa kana mammaaka.
”Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa.
”Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa.
”Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman.
”Isaan haadha hiyyeessaa yookaan niitii dhirsi hiike fuudhuu hin qaban; durba sanyii Israaʼel yookaan niitii lubni irraa duʼe qofa fuudhuu dandaʼu.
”Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; ani qajeelummaa fi dhugaadhaan jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha. Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; atis WAAQAYYOON ni beekta.”
”Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
”Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
”“Anis kana booddee, Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa. Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu; dargaggoonni keessan mulʼata argu.
”Yoo walii galan malee namoonni lama wajjin ni deemuu?
”Ilmi abbaa isaa tuffata; intalli haadha isheetti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati; diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
”“WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa. Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’
”Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef WAAQAYYO siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha. WAAQAYYO tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin. “Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba” jedha WAAQAYYO Waaqni Israaʼel; “Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba” jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.
”Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”
”Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha: Abrahaam Yisihaaqin dhalche; Yisihaaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche; Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche; Faares Hezroonin dhalche; Hezroon Arraamin dhalche; Arraam Amiinaadaabin dhalche; Abiinaadaab Nahishoonin dhalche; Nahishoon Salmoonin dhalche; Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche; Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Isseeyin dhalche; Isseey Daawit Mooticha dhalche. Daawit niitii Uuriyaa irraa Solomoonin dhalche; Solomoon Rehooboʼaamin dhalche; Rehooboʼaam Abiyaa dhalche; Abiyaan Asaafin dhalche; Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche; Yehooshaafaax Yehooraamin dhalche; Yehooraam Uziyaan dhalche; Uziyaan Yootaamin dhalche; Yootaam Akaazin dhalche; Akaaz Hisqiyaasin dhalche; Hisqiyaas Minaasee dhalche; Minaaseen Aamoonin dhalche; Aamoon Yosiyaasin dhalche; Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche. Boojuu Baabilon booddee, Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche; Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche; Zarubaabel Abiyuudin dhalche; Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche; Eliyaaqeem Azoorin dhalche; Azoor Zaadoqin dhalche; Zaadoq Akiimin dhalche; Akiim Eliyuudin dhalche; Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche; Eleʼaazaar Maattaanin dhalche; Maattaan Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yoosefin dhalche; Yoosef kunis dhirsa Maariyaam ishee Yesuus isa Kiristoos jedhamu deesse sanaa ti.
”Egaa walumaa galatti Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Kiristoosiitti dhaloota kudha afurtu ture.
”Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte. Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne. Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.” Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha. Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase.
”Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif.
”Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata. “Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.
”“Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’ jedhameera. Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
”“Isin keessaa namni yoo ilmi isaa buddeena isa kadhate, dhagaa kennuuf eenyu? Yookaan yoo inni qurxummii isa kadhate, bofa kennuuf eenyu? Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!
”“Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe hin seʼinaa. Ani goraadee fiduuf malee nagaa buusuuf hin dhufne. Ani, “ ‘Nama abbaa isaatti, intala immoo haadha isheetti, niitii ilmaas amaatii isheetti kaasuuf dhufeeraatii; diinonni namaa, miseensotuma mana isaatii.’ “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu; namni ilma isaa yookaan intala isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu.
”Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu.
”Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan. Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime. Innis deebiseefii, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?” jedheen. Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti. Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
”Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii? Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?” Isaanis isatti gufatan. Yesuus garuu, “Raajiin magaalaa itti dhalatee fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
”Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’ jedheeraatii. Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate, inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu.
”Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala. Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata. “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.
”“Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [
”“Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.
”Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, “Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?” jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.
”Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, “Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafatan. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’ hin dubbifnee? Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.” Isaanis, “Yoos Museen maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?” jedhanii isa gaafatan. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre. Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.” Barattoonni isaas, “Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya” jedhaniin.
”Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee isaaniif kadhatuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan. Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.
”Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.
”Isaanis, “Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo, “Eeyyee;” isin waan, “ ‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta’ jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?” jedhee deebise.
”“Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata. Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne. “Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’
”Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’ Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame. “Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge. Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.
”Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera. Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe. Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu. Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis. Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha; ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’ Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”
”Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
”Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii.
”“Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata.
”Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha;
”Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu.
”Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan. Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan. Inni immoo, “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?” jedhee gaafate. Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti! Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
”Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?” Isaanis isatti gufatan. Yesuus immoo, “Raajiin magaalaa itti dhalatetii, firoota isaa keessattii fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
”Museen, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’ jedheeraatii. Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate, isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif. Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”
”Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe; “Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”
”“Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture.
”Fariisonni dhufanii, “Namni tokko niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafachuudhaan isa qoran. Innis deebisee, “Museen maal isin ajaje?” jedheen. Isaanis, “Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Museen eeyyameera” jedhan. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse. Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’ ‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.” Utuu ammas mana jiranuu barattoonni waaʼee dubbii kanaa Yesuusin gaafatan. Innis akkana jedhee deebiseef; “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata. Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti.”
”Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan. Yesuus yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii. Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.” Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.
”Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
”Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi wangeelaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu, kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru.
”“Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Museen nuu barreesseera. Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe. Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii? Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis. Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Waaqni Kitaaba Musee keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’ jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee?
”“Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.
”Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi. Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa. Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”
”Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture. Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe. Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde. Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.” Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte. Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.
”Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte. Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha. Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame? Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera.
”Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe. Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe. Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe. Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
”Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame. Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan. Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
”Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen. Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe. Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne. Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
”Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture: ilma Eelii, ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Melkii, ilma Yaanaa, ilma Yoosef, ilma Maataatiyaas, ilma Amoos, ilma Naahoom, ilma Asiiliim, ilma Naagee, ilma Maaʼat, ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi, ilma Yoosef, ilma Yoodaa, ilma Yoonaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel, ilma Neeri, ilma Melkii, ilma Hadii, ilma Qoosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer, ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer, ilma Yoorim, ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Simiʼoon, ilma Yihuudaa, ilma Yoosef, ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem, ilma Meeleyaa, ilma Mennaa, ilma Maataataa, ilma Naataan, ilma Daawit, ilma Isseey, ilma Yoobeed, ilma Boʼeez, ilma Salmoon, ilma Nahishoon, ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam, ilma Hezroon, ilma Faares, ilma Yihuudaa, ilma Yaaqoob, ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahoor, ilma Seruug, ilma Reʼuu, ilma Feleg, ilma Eeber, ilma Saalaa, ilma Qaayinaam ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamehi, ilma Matuuselaa, ilma Henook, ilma Yaared, ilma Mahalaleel, ilma Keenaan, ilma Enoos, ilma Seeti, ilma Addaam, ilma Waaqaa.
”Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye. Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si arguu barbaadanii ala dhadhaabatanii jiru” jedhee isatti hime. Innis, “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha” jedhee deebise.
”“Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu? Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu? Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!”
”Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu.”
”“Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu. Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
”Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture. Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire. “Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse. Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe. Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge. Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture. “Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa. Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera. Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.” ’ Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate. “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen. “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa. Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus. Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban.
”“Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata; namni dubartii dhirsa ishee hiikte fuudhus ejja raawwata.
”Kanaafuu of eeggadhaa. “Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif. Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”
”Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan. Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii. Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
”Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee, bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.”
”Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan; akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera. Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe. Inni lammaffaan, inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus. Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis.
”Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne. Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
”Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu ture. Haati Yesuusiis achi turte;
”Misirrittiin kan misirrichaa ti. Miinjeen misirricha bira dhaabatuu fi isa dhaggeeffatu, yommuu sagalee misirrichaa dhagaʼutti akka malee gammada. Gammachuun sun kan koo ti; gammachuun koos amma guutuu taʼeera. Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba.
”Yesuus immoo, “Dhaqiitii dhirsa kee waamii kottu!” jedheen. Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen. Yesuusis akkana jedheen; “Dhirsa hin qabu jechuun kee sirrii dha; ati dhirsoota shan qabda turteetii; namichi amma si wajjin jirus dhirsa kee miti. Wanni ati amma dubbate dhugaa dha.”
”Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, “Ilmi kee ni jiraata” jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.
”Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
”Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. Barattoonni isaas, “Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?” jedhanii isa gaafatan. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti.
”Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
”Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.
”Fannoo Yesuus biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qilophaatii fi Maariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan. Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, “Dubartii nana! Kunoo, ilma kee” jedhe. Barataa sanaan illee, “Kunoo haadha kee” jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.
”Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
”“ ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata argu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
”Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
”Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Waaqaaf bulanii fi warra Waaqa sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Waaqa kadhata ture.
”inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’
”Isheenis erga warra mana ishee jiraatan wajjin cuuphamtee booddee, “Yoo akka nama Gooftaatti amanu tokkootti na ilaaltan, kottaatii mana koo turaa” jettee nu waamte; jabeessitees nu kadhatte.
”Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan. Dubbii Gooftaas isaa fi warra mana isaa jiraatan hundatti himan. Eegduun mana hidhaa sunis saʼaatuma halkanii sana isaan fuudhee madaa isaanii dhiqeef; yommusumas innii fi maatiin isaa hundinuu cuuphaman. Eegduun sunis mana isaatti isaan geessee nyaata dhiʼeesseef; sababii maatiin isaa hundi gara Waaqa amanuutti dhufaniif warri mana isaa jiraatan hundi akka malee gammadan.
”Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti. Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti.
”Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii. Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “Aabbaa, yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana. Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla.
”Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira. Uumamni utuu filannoo isaatiin hin taʼin, fedhii isa dabarsee isa kenne sanaatiin abdiidhaan waan faayidaa hin qabnetti saaxilameeraatii; kunis akka uumamni mataan isaa garbummaa tortoruu jalaa baʼee bilisummaa ulfina qabeessa ijoollee Waaqaatti galuuf. Uumamni hundinuu hamma ammaatti akkuma dhiphina yeroo ciniinsuutti akka aadaa jiru ni beekna.
”Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
”Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha. Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu. Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha. Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa. Kanas ani eeyyamaan malee ajajaaf hin dubbadhu. Ani utuu namni hundumtuu akkuma koo taʼee nan hawwa ture. Garuu namni hundi kennaa ofii isaa kan Waaqni isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa tokko, kaan immoo kennaa biraa qaba.
”Ani warra hin fuudhinii fi warra hin heeruminiin, haadhota hiyyeessaatiin illee akkanan jedha: Isaan yoo akkuma koo fuudhaa fi heeruma malee hafan isaaniif wayya. Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii. Warra fuudhanii fi warra heerumaniifis ajajni ani kennu kana: Ajaja kanas Gooftaatu kenna malee ana miti; niitiin dhirsa isheetiin gargar hin baʼin. Yoo gargar baate garuu utuu hin heerumin haa jiraattu; yoo kanaa achii dhirsa isheetti haa araaramtu. Dhirsis niitii isaa hin hiikin.
”Warra hafaniinis ani akkanan jedha: Kana immoo anatu jedha malee Gooftaa miti; obboleessi kam iyyuu yoo niitii amantii hin qabne qabaate, yoo isheenis isa wajjin jiraachuuf fedhii qabaatte, inni ishee hin hiikin. Dubartiin tokkos yoo dhirsa amantii hin qabne qabaatte, yoo innis ishee wajjin jiraachuuf fedhii qabaate, isheen isa hin hiikin. Dhirsi amantii hin qabne karaa niitii isaatiin qulqulleeffameeraatii; niitiin amantii hin qabnes karaa dhirsa isheetiin qulqulleeffamteertii. Yoo kanaa achii ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu; amma garuu qulqulloota. Namni amantii hin qabne garuu yoo gargar baʼuu fedhe gargar haa baʼu. Obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko haala akkasii keessatti hin hidhaman; Waaqni akka isin nagaan jiraattaniif isin waameeraatii. Yaa niitii, ati dhirsa kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta? Yookaan yaa dhirsa, ati niitii kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta?
”Ani waaʼee dubarran qulqulluu ajaja Gooftaan natti kenne hin qabu; garuu akka nama amanamaa taʼuuf araara Gooftaa argate tokkootti yaada koo nan kenna. Sababii rakkina ammaatiif jettanii akkuma jirtanitti turuun isiniif gaarii natti fakkaata. Ati niitiitti hidhamteertaa? Ishee hiikuu hin barbaadin. Ati niitii irraa hiikamteertaa? Niitii hin barbaadin. Ati garuu yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Taʼus addunyaa kana irratti warra fuudhanii fi warra heeruman rakkinatu argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin baasuun barbaada. Yaa obboloota, wanti ani jedhu kana; yeroon murteeffame sun gabaabateera; siʼachi warri niitii qaban akka waan hin qabaatiniitti haa jiraatan;
”Ani akka isin yaaddoo malee jiraattan nan hawwa. Namni hin fuudhin tokko Gooftaa gammachiisuuf dhimma Gooftaatti dhimma. Namni fuudhe garuu niitii isaa gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimma; fedhiin isaas gargar qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookaan durbi qulqulluun dhagnaa fi hafuuraan qulqulluu taʼuuf dhimma Gooftaatti dhimmiti. Dubartiin heerumte garuu dhirsa ishee gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimmiti. Kana jechuun koos isin fayyaduuf malee kiyyootti isin galchuuf miti; qooda kanaa akka isin yaada gargar hin hiraminiin karaa qajeelaa irra Gooftaaf jiraattan nan hawwa.
”Namni kam iyyuu yoo durba kaadhimate sirriitti qabuu baate, yoo umuriin ishee dabalaa deemee innis akka ishee fuudhuu qabu yaade, akkuma fedhii isaa haa godhu. Inni cubbuu hojjechuu isaa miti. Isaan wal fuudhuu qabu. Garuu namni waan kana yaada ofii isaatiin murteesse, kan dirqama tokko illee jala hin jirree fedhii ofii isaa moʼachuu dandaʼu, kan akka durba sana hin fuune murteeffate, innis waan qajeelaa hojjete. Kanaafuu namni durba fuudhu waan qajeelaa hojjete; kan ishee fuudhuu dhiise immoo caalaa waan qajeelaa hojjete. Dubartiin tokko hamma dhirsi ishee jirutti isatti hidhamteerti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu isheen abbaa barbaaddetti heerumuuf bilisa; garuu inni nama Gooftaa taʼuu qaba. Akka yaada kootti garuu isheen yoo utuu hin heerumin hafte caalaa gammaddi; anis Hafuura Waaqaa of keessaa nan qaba jedheen yaada.
”Ani akka mataan dhiira hundumaa Kiristoos taʼe, akka mataan dubartii dhiira taʼe, akka mataan Kiristoos immoo Waaqa taʼe akka beektan nan barbaada. Dhiirri mataa isaa haguuggatee kadhatu yookaan raajii dubbatu hundinuu mataa ofii isaa salphisa. Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin kadhattu yookaan raajii dubbattu kam iyyuu mataa ofii ishee salphifti; kun akka waan mataan ishee haaddameetti hedamaatii. Dubartiin tokko yoo mataa ishee haguuggachuu baatte rifeensa mataa ishee murachuu qabdi; dubartiin rifeensa mataa ishee murachuun yookaan haaddachuun yoo qaanii itti taʼe immoo mataa ishee haguuggachuu qabdi. Dhiirri fakkaattii fi ulfina Waaqaa waan taʼeef mataa isaa haguuggachuu hin qabu; dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti. Dubartiitu dhiira irraa argame malee dhiirri dubartii irraa hin argamneetii; dubartiitu dhiiraaf uumame malee dhiirri dubartiif hin uumamne. Kanaafuu dubartiin sababii ergamoota Waaqaatiif mallattoo taayitaa mataa ishee irraa qabaachuu qabdi. Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu. Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalataatii; wanni hundi garuu Waaqa biraa argama. Mee isinuu murteessaa; dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin Waaqa kadhachuun sirriidhaa? Akka dhiirri rifeensa mataa dheereffachuun isaaf salphina taʼe uumamni iyyuu isin hin barsiisuu? Dubartiin garuu yoo rifeensa dheeraa qabaatte, inni isheef ulfina mitii? Rifeensi dheeraan akka haguuggiitti isheef kennameeraatii. Garuu yoo abbaan fedhe iyyuu waaʼee kanaa mormuu barbaade, nu yookaan waldaaleen kiristaanaa Waaqaa duudhaa akkasii hin qabnu.
”Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
”Ani yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleettin dubbadha ture; akka ijoolleettin yaada ture; akka ijoolleetti nan herrega ture; ani ergan nama guddaa taʼee garuu ijoollummaa dhiiseera.
”Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii. Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii. Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee? Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku. Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin.
”Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba? Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha; isaan gidduus nan deddeebiʼa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.” Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.” Amma illee, “Ani Abbaa isiniif nan taʼa; isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu; jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.”
”Ani hinaaffaa Waaqaatiin isiniif nan hinaafa. Ani akka durba tokkootti fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhirsa tokko jechuunis Kiristoosiif isin kaadhimeeraatii.
”Wanni ani jedhu kana; dhaaltuun yoo qabeenyi hundi kan isaa taʼe iyyuu inni hamma daaʼima taʼee jirutti garba irraa adda miti. Inni hamma guyyaan abbaan isaa murteesse sun gaʼutti warra isa eeganii fi warra isa guddisan jala jira.
”Sababii isin ilmaan taataniifis Waaqni Hafuura Ilma isaa kan, “Aabbaa, yaa Abbaa” jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge. Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Waaqni dhaaltuu si taasiseera.
”Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu.
”Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman. Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe. Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; nu kutaalee dhagna isaatii. “Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.” Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha. Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
”Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha; kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.” Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
”Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa. Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii. Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.
”nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane. Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne.
”Isin akka nu akkuma abbaan ijoollee isaa gorsee jajjabeessutti tokkoo tokkoo keessaniif taane ni beektuutii;
”Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada; isaanis akkuma dubartoota, “Nu Waaqa sodaanna” jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan. Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu. Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu. Sababiin isaas Addaam jalqabatti uumame; Hewaan immoo ergasii uumamte. Addaam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite. Taʼus dubartoonni yoo amantiin, jaalalaa fi qulqullinaan, naamusaan jiraatan ijoollee daʼuudhaan ni fayyu.
”Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu, kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba. Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba. Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Waaqaa eeguu dandaʼaa?
”Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu. Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba.
”Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali; dubartoota dullooman akka haadhotiitti, dubartoota shamarran akka obboleettotaatti qulqullummaa guutuun ilaali. Haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan kabaji. Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Waaqa gammachiisaatii.
”Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.
”Haati hiyyeessaa tokko yoo umuriin ishee waggaa jaatamaa ol taʼee akkasumas niitii dhirsa tokkichaa turte taate malee maqaan ishee galmee haadhota hiyyeessaa irratti hin galmeeffamin; akkasumas isheen hojii gaarii hojjechuudhaan jechuunis ijoollee guddisuudhaan, keessummaa simachuudhaan, miilla qulqullootaa dhiquudhaan, warra rakkatan gargaaruudhaan, karaa hundumaanis hojii gaarii hojjechuu keessatti of kennuudhaan kan beekamte taʼuu qabdi. Haadhota hiyyeessaa kanneen shamarran taʼan garuu hin galmeessin. Isaan yommuu hawwiin foonii Kiristoos irraa gargar isaan baasutti deebiʼanii heerumuu barbaaduutii. Kanaanis isaan waan kakuu isaanii kan jalqabaa cabsaniif murtii ofitti fidu. Kana malees manaa gara manaatti labanii dhibaaʼummaa baratu. Dhibaaʼummaa qofa utuu hin taʼin waan dubbachuun isaaniif hin malle dubbachuudhaan nama hamatu; dhimma namaa keessas galu. Kanaafuu haadhonni hiyyeessaa kanneen ijoollummaa qaban akka carraa maqaa nu balleessuu diinaaf hin kennineef ani akka isaan heeruman, akka ijoollee daʼanii fi akka mana isaanii bulfatan nan gorsa. Namoonni tokko tokko Seexana duukaa buʼuuf jedhanii duraanuu karaa irraa goraniiru. Dubartiin amantu kam iyyuu yoo haadhota hiyyeessaa maatii ishee keessaa qabaatte, akka waldaan kiristaanaa haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan gargaartuuf isheen isaan haa gargaartuu malee akka waldaa kiristaanaatti baʼaa taʼan hin godhin.
”Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii; akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta.
”Jaarsi tokko kan mudaa hin qabne, dhirsa niitii tokkittii, kan ijoolleen isaa amananii jireenya gad dhiisiitii fi ajajamuu diduun maqaan isaanii hin badin taʼuu qaba.
”Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.
”Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate;
”Nohi waaʼee waan amma illee ijaan hin argaminii Waaqni isa akeekkachiifnaan sodaatee warra mana isaa jiraatan oolfachuuf jedhee amantiin doonii tolche. Amantii isaatiinis addunyaatti mure; dhaaltu qajeelummaa amantiin argamuus taʼe.
”Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha: “Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin; yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin; Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii; inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba.” Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!
”Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
”Amantaan Waaqa Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.
”Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.
”Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa; isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu. Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu. Dubartoonni qulqulloonni durii warri Waaqa abdatanis akkasuma dhirsoota isaaniitiif ajajamuudhaan of miidhagsan; Saaraanis Abrahaamiin “Gooftaa” jettee waamaa isaaf ajajamaa turte. Isinis yoo waan qajeelaa hojjettanii fi sodaachuu baattan intallan ishee ti. Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa. Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
”Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”
”Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata. Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu. Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna. Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa?
”Ani waan ijoollee kee keessaa tokko tokko akka isaan akkuma Abbaan nu ajajetti dhugaan jiraatan argeef baayʼee gammadeera.
”Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.
”Mallattoon guddaan tokko samii keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture. Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite. Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture. Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate. Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Waaqaatti, gara teessoo isaattis ol butame. Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Waaqni isheef qopheesseetti baqatte.
”Kottaa ni gammannaa; ni ililchinas; ulfinas isaaf ni kennina! Yeroon fuudha Hoolichaa gaʼeeraatii; misirrittiin isaas of qopheessiteerti. Akka uffattuufis uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame, adii fi qulqulluun isheedhaaf kennameera.” Uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame sun hojii qulqullootaa isa qajeelaa sana argisiisa. Ergamaan Waaqaa sunis, “ ‘Warri gara irbaata cidha fuudha Hoolichaatti affeeraman eebbifamoo dha!’ jedhii barreessi” naan jedhe; innis, “Dubbiin kun dubbii Waaqaa isa dhugaa dha” naan jedhe.
”Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge.
”Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe.
”Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.
”