30 – Fudhatamuu amantootaa

Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Fudhatamuu amantootaa.

Aayatoota sadii baay’ee murteessoo

Maatewos 24:29-31

“Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen, “ ‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’ “Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.

1 Tasaloniiqee 4:16-17

Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.

2 Tasaloniiqee 2:1-4

Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana; kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef. Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.

Aayatoota hundi tartiiba seera-qabeessa keessatti – kutaalee 216

Uumama 3:15

Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”

Iyyoob 19:25-27

Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka. Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga; ani mataan koo isa nan arga; utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!

Isaayyaas 2:2-4

Bara dhumaa keessa, tulluun mana qulqullummaa WAAQAYYOO tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu. Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu WAAQAYYOO, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin WAAQAYYOO immoo Yerusaalem keessaa ni baʼa. Inni saboota gidduutti murtii kenna; namoota hedduudhaafis ni murteessa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.

Isaayyaas 2:10-21

Argamuu WAAQAYYOO isa sodaachisaa fi surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu; lafa keessas dhokadhu! Iji nama of tuuluu gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas WAAQAYYO qofatu ol ol jedha. WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; isaanis gad deebifamu. Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf, tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf, gaarran ol dhedheeroo hundaaf, gamoo gurguddaa hundaaf, dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf, doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf guyyaa murteeffate tokko qaba. Of tuulummaan namaa gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas WAAQAYYO qofatu ol ol jedha; waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu. Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti, sodaachisa WAAQAYYOOTII fi surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa gara holqa kattaa keessaattii fi boolla lafa keessaatti ni baqatu. Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo kanneen waaqeffachuuf jedhanii meetii fi warqee irraa tolfatan sana tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu. Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti sodaachisa WAAQAYYOOTII fi surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu.

Isaayyaas 4:4-5

Gooftaan xurii dubartoota Xiyoon irraa dhiqa; inni Yerusaalem irraa hafuura murtiitii fi hafuura ibiddaatiin dhiiga ni qulqulleessa. Ergasiis WAAQAYYO guutummaa Tulluu Xiyoonii fi warra achitti walitti qabaman hundaa irratti guyyaadhaan duumessa aaraa, halkaniin immoo ifa arraba ibiddaa ni uuma; ulfina sana hunda irra dunkaanatu jiraata.

Isaayyaas 9:6-7

Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama. Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.

Isaayyaas 13:6-13

Waan guyyaan WAAQAYYOO dhiʼaateef booʼaa; guyyaan sun akkuma badiisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa. Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa; onneen nama hundaas ni baqa. Sodaan isaan qabata; dhukkubbii fi gaddi isaan qabata; akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu. Isaan rifatanii wal ilaalu; fuulli isaanii akka ibiddaa diimata. Kunoo guyyaan WAAQAYYOO, guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan, lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan barbadeessuuf ni dhufa. Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii ifa isaanii hin kennan. Aduun baatu ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu. Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif, hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba. Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa; of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa. Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa, warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha. Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha; gaafa aariin isaa bobaʼutti dheekkamsa WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti iddoo isheetii ni raafamti.

Isaayyaas 25:8

inni bara baraan duʼa ni liqimsa. WAAQAYYO Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. WAAQAYYO waan kana dubbateeraatii.

Isaayyaas 34:2-10

WAAQAYYO saboota hundatti aareera; dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera. Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa; inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna. Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman; reeffi isaanii ni ajaaʼa; tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru. Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu; samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama; raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee, akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu. Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera; kunoo inni Edoomitti muruuf, gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera. Goraadeen WAAQAYYOO dhiiga keessa cuuphameera; inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin, moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera. WAAQAYYO Bozraa keessatti aarsaa, Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii. Gafarsi isaan wajjin, jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu. Lafti isaanii dhiigaan jiiti; biyyoon isaaniis moora quufa. WAAQAYYO guyyaa itti haaloo baʼu, waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii. Burqaawwan Edoom leeleetti, biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama; lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa! Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu; aarri isaas bara baraan ol baʼa. Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti; namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu.

Isaayyaas 45:22-23

“Isin warri handaara lafaa hundi, gara kootti deebiʼaatii fayyaa; ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii. Ani mataa kootiin kakadheera; afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan dubbii hin geeddaramne dubbateera; ‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata; arrabni hundis anaan kakata.’

Isaayyaas 46:10

Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.

Isaayyaas 52:8

Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru; isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu. Yeroo WAAQAYYO Xiyoonitti deebiʼutti, isaan ijuma isaaniitiin ni argu.

Isaayyaas 65:17

“Kunoo ani, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa nan uuma. Wanni durii hin yaadatamu; yookaan qalbii namaatti hin dhufu.

Isaayyaas 66:22

“Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha WAAQAYYO.

Ermiyaas 30:7

Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa! Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu. Guyyaan sun Yaaqoobiif yeroo rakkinaa taʼa; inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa.

Hisqiʼeel 34:11-13

“ ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas. Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha. Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha.

Hisqiʼeel 37:12-13

Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida. Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani WAAQAYYO taʼe ni beektu.

Daaniʼel 2:28

garuu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:

Daaniʼel 2:31-35

“Yaa mootii, ati ni ilaalte; fuula kee duras fakkii guddaa jechuunis fakkii akka malee guddaa, bifa calaqqisaa fi sodaachisaa tokkotu ture. Mataan fakkii sanaas warqee qulqulluu irraa, qomaa fi irreen isaa meetii irraa, garaa fi tafni isaa naasii irraa hojjetaman; miilli isaa sibiila irraa, faanni isaa gartokko sibiila irraa, gartokko immoo suphee irraa hojjetame. Utuma ati ilaalaa jirtuu dhagaan tokko utuu harki namaa hin tuqin fottoqe. Innis miilla fakkii sanaa kan sibiilaa fi suphee irraa hojjetame dhaʼee caccabse. Ergasii sibiilli, supheen, naasiin, meetii fi warqeen sun yeruma tokkotti caccabanii akkuma habaqii yeroo bonaa oobdii irra jiruu taʼan. Bubbeenis utuu waan tokko illee hin hambisin haree deeme. Dhagaan fakkii sana caccabse sun garuu tulluu guddaa taʼee lafa hunda guute.

Daaniʼel 2:36-39

“Abjuun sun kana ture; nus mootichaaf ni hiikna. Yaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera; inni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti. “Siʼiin duuba mootummaan mootummaa keetii gadii biraa tokko ni kaʼa. Itti aansee mootummaan Naasii sadaffaan kan tokko guutummaa lafaa ni bulcha.

Daaniʼel 2:40-43

Dhuma irrattis mootummaan afuraffaan akkuma sibiilaa jabaa taʼe tokko ni kaʼa; sibiilli waan hunda caccabsee bulleessaatii; mootummaan kunis akkuma sibiilli waan hunda caccabsee balleessu sana mootummoota isa duraan turan hunda caccabsee ni bulleessa. Akkuma ati akka faannii fi qubni miilla isaa gartokko suphee, gartokko immoo sibiila taʼe argite sana mootummaan kun mootummaa gargar qoodame taʼa; taʼus inni akkuma sibiila gartokkeen isaa supheedhaan makame kan ati argite sanaa jabina sibiilaa of keessaa ni qabaata. Akkuma qubni miillaa sun gartokko sibiila, gartokko immoo suphee taʼe sana mootummaan kunis gartokko jabaa, gartokko immoo dadhabaa taʼa. Akkuma ati sibiila supheedhaan wal make argite sana uummanni kunis walmakaa taʼa; innis siʼachi sibiilaa fi supheen walitti makame sana caalaa tokko taʼee hin jiraatu.

Daaniʼel 2:44-45

“Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata. Hiikkaan mulʼata dhagaa utuu harka namaatiin hin taʼin ofuma isaatiin tulluu irraa fottoqee sibiila, naasii, suphee, meetii fi warqee caccabse sanaa kanaa dha. “Waaqni guddaan waan gara fuula duraatti taʼu mootichatti argisiiseera. Abjuun sun dhugaa dha; hiikkaan isaas amanamaa dha.”

Daaniʼel 7:2-8

Daaniʼel akkana jedhe; “Ani halkan sana mulʼata koo keessatti nan ilaale; kunoo qilleensonni samii afran fuula koo duratti galaana guddaa raasaa turan. Bineensonni gurguddaan tokkoon tokkoon isaanii wal hin fakkaanne afur galaana sana keessaa ol baʼan. “Inni jalqabaa leenca fakkaata ture; qoochoowwan risaa qaba ture. Anis hamma qoochoowwan isaa irraa bubuqqaʼanitti nan ilaale; innis lafaa ol qabamee akkuma namaa miilla lamaan dhaabate; qalbiin namaas ni kennameef. “Kunoo bineensi lammaffaan amaaketa fakkaatu fuula koo dura ture. Innis cinaacha isaa tokkoon ol jedhee ture; afaan isaa keessatti ilkaan isaa gidduutti lafee cinaachaa sadii qabatee ture. Bineensa sanaanis, ‘Kaʼiitii hamma quuftutti foon nyaadhu!’ jedhan. “Ergasii ani nan ilaale; fuula koo duras bineensa biraa kan qeerransa fakkaatuttu ture. Dugda isaa irras qoochoo akka qoochoo simbirroo afurtu ture. Bineensi kun mataa afur qaba ture; akka bulchuufis aangoon isaa kenname. “Ergasiis ani halkan keessa mulʼata nan arge; kunoo fuula koo dura bineensa afuraffaa akka malee jabaa, sodaachisaa nama rifachiisu tokkotu ture. Innis ilkaan sibiilaa dheeraa qaba ture; innis waan qabate caccabsee nyaatee kan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiita ture. Bineensi kun bineensota duraan turaniin adda taʼee gaanfa kudhan qaba ture. “Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture.

Daaniʼel 7:9-10

“Utuma ani ilaaluu, “Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman; Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe. Uffanni Isaa adii akka cabbii ture; rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture. Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa, geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan. Lagni ibiddaa tokko fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan. Dhaddachi taaʼamee ture; kitaabonnis banamanii turan.

Daaniʼel 7:11-12

“Ani sababii dubbii of tuulummaa gaanfi sun dubbachaa jiruutiif ilaaluu koo ittan fufe. Anis amma illee ittuma fufee hamma bineensi sun qalamee dhagni isaa barbadaaʼee ibidda bobaʼutti darbatamutti nan ilaale. Bineensota kaan irraa immoo aangoon isaanii ni fudhatame; garuu akka isaan yeroof jiraatan ni eeyyamameef.

Daaniʼel 7:13-14

“Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa samiitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan. Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.

Daaniʼel 7:17-18

‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha. Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’

Daaniʼel 7:19-22

“Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade. Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade. Gaanfi kunis utuma ani arguu qulqulloota irratti waraana labsee isaan moʼachaa ture; kunis hamma Inni Bara Durii dhufee qulqulloota Waaqa Waan Hundaa Oliitiif murutti ture; yeroon itti qulqulloonni mootummaa dhaalanis ni dhufe.

Daaniʼel 7:23-27

“Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha. Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata. Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu. “ ‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama. Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’

Daaniʼel 8:9-14

Afran isaanii keessaa isa tokko keessaa gaanfi biraa baʼe; innis xinnaa fakkaatee ergasii garuu humnaan jabaatee gara kibbaa, gara lixa biiftuutii fi Biyya Bareedduu sanaatti guddate. Gaafni sunis hamma raayyaa samiiwwanii qaqqabee raayyaa urjiiwwanii keessaa tokko tokko lafatti gad darbatee of jalatti dhidhiitutti guddate. Akka waan ajajaa loltoota Waaqaatiin wal qixxaateettis mataa ol qabate; aarsaa guyyaa guyyaa illee isa irraa fudhate; iddoon isaa qulqulluunis gad darbatame. Sababii cubbuutiif raayyaan qulqullootaatii fi aarsaan guyyaa guyyaan dhiʼeeffamu dabarfamanii isaaf kennaman. Inni waan hojjetu hunda keessatti ni milkaaʼe; dhugaanis lafatti gatame. Anis utuu qulqullichi dubbatuu nan dhagaʼe; qulqulluun kaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa guyyaa guyyaa, kan cubbuu badiisa fiduu, kan iddoo qulqulluutii fi raayyaawwan akka miilla jalatti dhidhiitamaniif dabarfamanii kennaman sanaa yoomi raawwata?” jedheen. Innis, “Wanni sun galgalaa fi ganama 2,300 fudhata; ergasii iddoon qulqulluun deebiʼee ni qulqulleeffama” naan jedhe.

Daaniʼel 8:15-19

Utuma ani Daaniʼel mulʼata sana argee hiikkaa isaa hubachuuf yaalaa jiruu inni nama fakkaatu tokko fuula koo dura dhaabate. Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Gabriʼeel, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe. Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe. Yeroo inni natti dubbachaa turettis, ani addaan lafatti gombifamee hirriba cimaa keessan ture. Inni garuu na tuqee ol na qabee miilla kootiin na dhaabe. Innis akkana jedhe; “Ani waan booddee yeroo dheekkamsaatti dhufuuf jiru sitti nan hima; mulʼanni sun waan bara dhumaa kan murtaaʼe sana keessatti taʼu argisiisaatii.

Daaniʼel 8:23-26

“Dhuma bulchiinsa isaaniitti, yeroo finciltoonni akka malee hammaachaa deemanitti mootiin adda jabeessi hibboo hubatu tokko ni kaʼa. Innis akka malee jabaa taʼa; garuu humna isaatiin miti. Inni badiisa suukaneessaa fida; waan hojjetu hundaan ni milkaaʼa. Namoota jajjaboo fi qulqulloota ni balleessa. Inni badhaadhuuf jedhee gowwoomsaa hojjeta; akka nama guddaattis of ilaala. Inni yommuu isaan waan nagaa qaban seʼanitti baayʼee isaanii balleessee Mootii moototaattis ni kaʼa. Taʼu illee inni ni bada; garuu humna namaatiin miti. “Mulʼanni galgalaa fi ganama sitti mulʼifame sunis dhugaa dha; garuu sababii inni waan bara dheeraa booddee taʼuuf jiru argisiisuuf isa cufi.”

Daaniʼel 9:24-27

“Dogoggora hambisuuf, cubbuu balleessuuf, araara yakkaa buusuuf, qajeelummaa bara baraa fiduuf, mulʼataa fi raajii chaappaadhaan cufuuf, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana dibuuf saba keetii fi magaalattii qulqulluu keetiif ‘torban’ torbaatamni labsameera. “Waan kana beeki; hubadhus: Gaafa labsiin Yerusaalemin haaromsuu fi deebisanii ijaaruuf labsame kun baʼee jalqabee hamma Masiihichi, Bulchaan dhufutti ‘torban’ torbaatamaa fi torban jaatamii lama taʼa. Isheen daandiiwwanii fi dallaa wajjin ni haaromfamti; garuu wanni kun yeroo rakkinaa keessa taʼa. ‘Torban’ jaatamii lama booddee Masiihichi ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera. Bulchaan kunis ‘Torban’ tokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa ‘Torban’ sanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba.”

Daaniʼel 10:14

Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.”

Daaniʼel 11:27-28

Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu. Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa.

Daaniʼel 11:29-34

“Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa. Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata. “Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu. Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Waaqa isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu. “Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu. Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru.

Daaniʼel 11:35

Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii.

Daaniʼel 11:36-39

“Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii. Inni waaqota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Waaqa kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba. Qooda isaanii waaqa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa. Inni gargaarsa waaqa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf.

Daaniʼel 11:40-45

“Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba. Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu. Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu. Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu. Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa. Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru.

Daaniʼel 12:1-4

“Yeroo sanatti Miikaaʼel hangafni ergamootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu. Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu. Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu. Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kitaaba maramaa cufiitii chaappessi. Namoonni baayʼeen beekumsa dabalachuuf asii fi achi fiigu.”

Daaniʼel 12:5-7

Ani Daaniʼel nan ilaale; kunoo fuula koo dura namoonni biraa lama dhadhaabatanii turan; tokko qarqara lagaa gamanaan, inni lammaffaan immoo qarqara lagaa gamasiin ture. Isaan keessaa tokko namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatii ol jiruun, “Waantonni dinqii kunneen raawwatamuuf yeroo hammamtu hafa?” jedhe. Namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatiin ol ture sun harka isaa mirgaatii fi bitaa ol qabe; anis isaa, “Wanni kun baraan, barootaaf walakkaa baraatiif taʼa. Yeroo humni namoota qulqulluu dhuma irratti cabutti wanni kun hundi fiixaan baʼa” jedhee isa bara baraan jiraatu sanaan kakatu nan dhagaʼe.

Daaniʼel 12:8-10

Anis nan dhagaʼe; garuu hin hubanne. Kanaafuu ani, “Yaa gooftaa ko, dhumni waan kana hundaa maal taʼa?” jedheen gaafadhe. Innis akkana jedhee deebise. “Yaa Daaniʼel, sababii hamma bara dhumaatti dubbiin sun chaappaan chaappeffameef ati karaa kee qabadhu. Namoonni baayʼeen ni qulqulleeffamu; warra hirʼina hin qabne ni taʼu; ni calalamus; hamoonni garuu ittuma fufanii hammaatu. Namoota hamoo keessaa tokko iyyuu hin hubatan; ogeeyyiin garuu ni hubatu.

Daaniʼel 12:11-13

“Gaafa aarsaan guyyaa guyyaatti dhiʼaatu hambifamee jalqabee hamma gaafa wanni jibbisiisaan badiisa fidu sun achi dhaabatuutti guyyoota 1,290 taʼa. Namni obsee dhuma guyyoota 1,335 qaqqabu eebbifamaa dha. “Ati garuu hamma dhumaatti karaa kee qabadhu. Ati ni boqotta; dhuma barootaattis dhaala kee kan siif qoodame fudhachuuf ni kaata.”

Hooseʼaa 2:16

“Ati gaafa sana” jedha WAAQAYYO; “ ‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.

Yooʼeel 2:1-11

Xiyoon keessatti malakata afuufaa; gaara koo qulqulluu irratti sagalee akeekkachiisaa dhageessisaa. Guyyaan WAAQAYYOO dhufaa jiraatii; warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan. Guyyaan sun dhiʼaateera; guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa, guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa. Sabni guddaa fi jabaan tokko akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa; wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu. Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa; dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa. Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata; dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti; wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu. Isaan bifa fardeenii qabu; akkuma fardeen lolaas ni gulufu. Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin fiixee tulluu irra utaalu; akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu, akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti. Saboonni jara arginii dhiphatu; fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa. Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu; akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu. Hundi isaanii tarree galanii deemu; isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu. Isaan wal hin dhiiban; hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu. Utuu toora isaanii hin dhiisin ittisa cabsanii seenu. Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu; dallaa irra fiigu. Isaan mana yaabbatu; akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu. Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti; samiin ni raafama; aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu; urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan. WAAQAYYO fuula loltoota isaa duratti sagalee dhageessisa; loltoonni isaa akka malee baayʼee dha; warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha. Guyyaan WAAQAYYOO guddaa dha; guyyaan sun akka malee nama sodaachisa. Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?

Yooʼeel 2:28-29

“Anis kana booddee, Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa. Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu; dargaggoonni keessan mulʼata argu. Bara sana keessa, garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee Hafuura koo nan dhangalaasa.

Yooʼeel 2:30-32

Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa. Utuu guyyaan WAAQAYYOO inni guddichii fi sodaachisaan sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama. Namni maqaa WAAQAYYOO waammatu hundinuu ni fayya; akkuma WAAQAYYO dubbatettis Tulluu Xiyoon irraa fi Yerusaalem keessa, furamatu jiraata; hambaa gidduuttis warri WAAQAYYO isaan waame ni argamu.

Yooʼeel 3:13-16

Midhaan gaʼeeraatii haamtuu itti kaaʼaa. Kottaatii ija wayinii dhidhiitaa; boolli itti wayinii cuunfan guuteeraatii; sababii hamminni isaanii guddaa taʼeef boolli itti wayinii cuunfan guutee irra dhangalaʼeera!” Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼee sulula murtii keessatti wal gaʼeera! Guyyaan WAAQAYYOO sulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii. Biiftuu fi addeessi ni dukkanaaʼu; urjiiwwanis siʼachi ifa hin kennan. WAAQAYYO Xiyoon irraa ni iyya; Yerusaalem keessaas sagalee dhageessisa; lafaa fi samiin ni raafamu. WAAQAYYO garuu saba isaatiif iddoo itti baqatan, saba Israaʼeliif immoo daʼoo ni taʼa.

Yooʼeel 3:17-21

“Ergasii isin akka ani WAAQAYYO Waaqni keessan Xiyoon keessa, gaara koo qulqulluu sana irra jiraadhu ni beektu. Yerusaalem qulqulluu taati; namoonni biyya alaa gonkumaa lammata ishee hin weeraran. “Gaafas tulluuwwan daadhii wayinii haaraa ni coccobsu; gaarranis aannan yaasu; lageen Yihuudaa hundinuu bishaaniin guutamu. Burqaan tokko mana WAAQAYYOO keessaa burqee sulula Shixiim ni obaasa. Gibxi garuu ni onti; Edoomis duwwaa hafti; isaan dhiiga nama yakka hin qabnee biyyattii keessatti dhangalaasuudhaan saba Yihuudaatti daba hojjetaniiruutii. Yihuudaan bara baraan, Yerusaalemis dhaloota hundaaf iddoo jireenyaa ni taati. Ani dhiiga isaanii kan yakka hin qabne sana utuun haaloo hin baʼin nan dhiisaa? Lakkii, hin dhiisu.” WAAQAYYO Xiyoon keessa jiraata!

Miikiyaas 4:1-4

Bara dhumaa keessa tulluun mana qulqullummaa WAAQAYYOO tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni gaarran caalaa ol ol jedha; namoonnis itti yaaʼu. Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu WAAQAYYOO, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin WAAQAYYOO immoo Yerusaalem keessaa dhufa. Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan. Namni hundi muka wayinii isaatii fi muka harbuu isaa jala taaʼa; WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.

Sefaaniyaa 1:14-18

Guyyaan WAAQAYYOO guddichi dhiʼaateera; dhiʼaatees dafee dhufaara. Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa WAAQAYYOO hadhaaʼaa dha; goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya. Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa, guyyaa dhiphinaa fi gaddaa, guyyaa rakkinaa fi badiisaa, guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa, guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa; magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi gamoowwan ol dhedheeroo irratti guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa. “Sababii isaan WAAQAYYOOTTI cubbuu hojjetaniif, ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif uummatatti dhiphina nan fida. Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa, miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama. Guyyaa dheekkamsa WAAQAYYOOTTI meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.” Ibidda hinaaffaa isaatiin addunyaan hundi ni barbadoofti; warra lafa irra jiraatan hundatti inni badiisa tasaa ni fidaatii.

Sefaaniyaa 3:8

Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” jedha WAAQAYYO; “Ani sabootaa fi mootummoota walitti qabee dheekkamsa kootii fi aarii koo sodaachisaa sana hunda isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. Addunyaan guutuun ibidda hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.

Sefaaniyaa 3:9

“Ergasii ani akka hundi isaanii maqaa WAAQAYYOO waammataniif, akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis afaan namootaa nan qulqulleessa.

Haagee 2:6-9

“WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani ammas yeroo gabaabaa keessatti deebiʼee samiiwwanii fi lafa, galaanaa fi lafa goggogaa nan raasa. Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu.”

Zakkaariyaas 14:1-3

Kunoo guyyaan WAAQAYYOO ni dhufa; boojuun kees si keessatti ni qoqqoodama. Ani akka isaan ishee waraananiif saboota hunda Yerusaalemitti walitti nan qaba; magaalattiin ni qabamti; manneen ni saamamu; dubartoonni isaanii humnaan gudeedamu. Gartokkeen magaalattii ni boojiʼama; uummanni hafe garuu magaalattii keessaa hin fudhatamu. WAAQAYYO akkuma guyyaa duulaa dhaqee lolu sana, dhaqee saboota sana lola.

Zakkaariyaas 14:4-8

Guyyaa sana miilli isaa Tulluu Ejersaa isa karaa baʼa Yerusaalemiitiin jiru irra dhaabata; Tulluun Ejersaas baʼaa gara dhiʼaatti sulula guddaa uumee iddoo lamatti baqaqfama. Tulluun sunis gartokkeen isaa gara kaabaatti, gartokkeen isaa immoo gara kibbaatti siqa. Isin karaa sulula tulluu kootiin baqattu; inni gara Aazeelitti diriirfamaatii. Isin akkuma bara Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa sochii lafaa jalaa baqattan sana ammas ni baqattu. Ergasii WAAQAYYO, Waaqni koo ni dhufa; qulqulloonni hundinuus isa wajjin ni dhufu. Guyyaa sana ifni, dhaamochii fi qorri hin jiraatan. Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa WAAQAYYO qofa biratti beekamu, yeroo itti garaagarummaan guyyaa fi halkanii hin beekamne ni taʼa. Yeroo dhiʼutti ifa ni taʼa. Gaafas bishaan jireenyaa Yerusaalem keessaa ni yaaʼa; walakkaan isaa gara galaana baʼaatti, walakkaan immoo gara galaana lixaatti bonaa fi ganna yaaʼa.

Zakkaariyaas 14:9

WAAQAYYO guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas WAAQAYYO tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.

Zakkaariyaas 14:10-15

Guutummaan biyyattii Gebaadhaa hamma Rimoon ishee kibba Yerusaalem jirtuutti akka Arabbaa taʼa. Yerusaalem garuu Karra Beniyaamii hamma Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, Gamoo Hanaaniʼeelii hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti ol kaafamtee iddoodhuma ishee durii ni turti. Namni ishee keessa jiraata; isheen siʼachi hin diigamtu. Yerusaalem nagaadhaan jiraatti. Kun dhaʼicha WAAQAYYO ittiin saboota Yerusaalemin lolan hunda rukutuu dha: Foon isaanii utuma isaan miilla isaaniitiin dhaabatanii jiranuu tortora; iji isaanii boolla ija isaanii keessatti tortora; arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti tortora. Gaafas jeequmsi guddaan WAAQAYYO biraa namootatti ni dhufa. Isaanis harkaan wal qabatanii wal haleelu Yihuudaanis Yerusaalemin lola. Qabeenyi saboota naannoo ishee jiraatanii hundi warqeen, meetii fi uffanni baayʼeen walitti qabama. Dhaʼichi akkasii fardeenii fi gaangolii, gaalaa fi harree, akkasumas horii qubata keessaa hunda ni rukuta.

Zakkaariyaas 14:16-19

Ergasii hambaawwan saboota Yerusaalemin lolan hundaa wagguma waggaadhaan Mooticha, WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuu fi Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol baʼu. Uummanni lafa irra jiraatu kam iyyuu yoo Mooticha, WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuuf Yerusaalemitti ol baʼuu baate bokkaa hin argatu. Uummanni Gibxiis yoo ol baʼee hirmaachuu baate bokkaa hin argatu. WAAQAYYO dhaʼicha ittiin saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane rukutu isaanitti ni fida. Kun adabbii Gibxii fi adabbii saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane hundaa taʼa.

Zakkaariyaas 14:20-21

Gaafas katabbiin, “WAAQAYYOOF qulqullaaʼe” jedhu bilbila fardeenii irratti ni barreeffama. Xuwween mana WAAQAYYOO keessaas akkuma waciitii qulqulluu fuula iddoo aarsaa dura jiru sanaa ni taʼa. Xuwween Yerusaalemii fi Yihuudaa keessaa hundi WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼuuf qulqulluu taʼa; namni aarsaa dhiʼeessuuf dhufu hundinuus xuwweewwan sana keessaa muraasa ni fudhata. Foon aarsaa itti bilcheeffata. Gaafas namni Kanaʼaan tokko iyyuu deebiʼee mana WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼuu keessatti hin argamu.

Miilkiyaas 3:2-3

Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti. Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis WAAQAYYO namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;

Maatewos 13:38-43

Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti; diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti. “Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu. Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa. Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.

Maatewos 13:47-50

“Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata. Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan. Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu; boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.”

Maatewos 16:2-3

Innis akkana jedhee deebise; “Isin yeroo galgalaaʼutti, ‘Samiin diimateera; caama taʼa’ jettu; ganama immoo, ‘Samiin diimatee duumessaaʼeeraatii harʼa bokkaan jabaan ni rooba’ jettu. Isin bifa samii addaan baasuu ni beektu; garuu mallattoo baraa addaan baasuu hin dandeessan.

Maatewos 16:27-28

Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna. “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma utuu Ilmi Namaa mootummaa isaatiin dhufuu arganitti duʼa hin dhandhaman.”

Maatewos 19:28

Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.

Maatewos 24:3-8

Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, “Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?” jedhan. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa. Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu. Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye. Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa. Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.

Maatewos 24:9-14

“Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu. Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus; raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu. Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa; namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya. Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.

Maatewos 24:15-22

“Kanaafuu, ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’ kan Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate sun iddoo qulqulluu dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan. Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee mana isaatii fudhachuuf gad hin buʼin. Namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin. Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! Garuu akka baqachuun keessan ganna keessa yookaan Guyyaa Sanbataatiin hin taaneef kadhadhaa. Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu. “Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.

Maatewos 24:23-28

Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Achi jira!’ isiniin jedhe, hin amaninaa. Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu. Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera. “Kanaafuu yoo isaan, ‘Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jira’ isiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ isiniin jedhan hin amaninaa. Akkuma bakakkaan baʼa biiftuutii buʼee hamma lixa biiftuutti mulʼatu sana dhufaatiin Ilma Namaas akkasuma taʼa. Iddoo raqni jiru kamitti iyyuu gogocorroowwan walitti qabamu.

Maatewos 24:29-31

“Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen, “ ‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’ “Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.

Maatewos 24:32-39

“Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu. Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu. Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu. Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu. “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku. Akkuma bara Nohi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii. Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.

Maatewos 24:40-44

Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa. Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti. “Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii. Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.

Maatewos 24:45-51

“Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu? Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba. Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.

Maatewos 25:1-13

“Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata. Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan. Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne. Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan. Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis. “Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame. “Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan. “Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin. “Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame. “Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin. “Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen. “Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.

Maatewos 25:31-33

“Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa. Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa. Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.

Maatewos 25:34-40

“Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa. Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan; ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’ “Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine? Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne? Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’ “Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.

Maatewos 25:41-46

“Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa. Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii; ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’ “Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu. “Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha. “Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu.”

Maatewos 26:64

Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.

Maarqos 8:38

Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”

Maarqos 9:1

Innis, “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Waaqaa humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman” isaaniin jedhe.

Maarqos 13:4-8

“Mee nutti himi; wantoonni kunneen yoom taʼu? Mallattoon yeroo wantoonni kunneen hundi itti raawwatamanii maali?” Yesuusis akkana isaaniin jechuu jalqabe; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa. Namoonni hedduun, ‘Ani isa’ jechaa maqaa kootiin ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu. Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye. Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.

Maarqos 13:9-13

“Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu. Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba. Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti. “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu. Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.

Maarqos 13:14-20

“ ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’ sun iddoo isaaf hin malle dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan. Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee fudhachuuf gad hin buʼin yookaan mana hin seenin. Namni lafa qotiisaa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin. Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! Kunis akka ganna keessa hin taaneef kadhadhaa. Guyyoota sana keessa dhiphinni jalqaba uumama Waaqni uumee kaasee hamma ammaatti hin dhufin, kan gara fuula duraattis hin dhufne ni dhufaatii. “Utuu Gooftaan guyyoota sana gabaabsuu baatee silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture. Garuu inni sababii filatamtoota filateetiif jedhee guyyoota sana gabaabseera.

Maarqos 13:21-23

Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Ilaa, inni achi jira!’ isiniin jedhe hin amaninaa. Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu. Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.

Maarqos 13:24-27

“Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee, “ ‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’ “Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu. Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.

Maarqos 13:28-37

“Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu. Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu. Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu. Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu. “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku. Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii. Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata. “Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii. Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef. Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’ ”

Maarqos 14:62

Yesuusis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.

Luqaas 9:26-27

Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina ergamoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa. “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Waaqaa hin argin duʼa hin dhandhaman.”

Luqaas 12:35-40

“Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa; akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa. Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila. Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha. Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.”

Luqaas 12:43-47

Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe, gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada. “Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama.

Luqaas 12:54-56

Yesuusis tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, ‘Bokkaan ni rooba’ jettu; innis ni rooba. Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, ‘Ni hoʼa’ jettu; innis ni hoʼa. Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi samiitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?

Luqaas 17:22-24

Innis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Yeroon isin itti guyyoota Ilma Namaa keessaa isa tokko arguu hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan. Namoonni, ‘Inni kuunnoo achi jira!’ yookaan ‘Kunoo as jira’ isiniin jedhu; isin garuu hin dhaqinaa; isaan duukaas hin buʼinaa. Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti samii ibsuu ni taʼaatii.

Luqaas 17:25-30

Inni garuu duraan dursee akka malee dhiphachuu fi dhaloota kanaan tuffatamuu qaba. “Akkuma bara Nohi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse. “Bara Looxis akkasuma ture; namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa, gurgurachaa, biqiltuu dhaabbachaa, manas ijaarrachaa turan. Guyyaa Looxi Sodoomii baʼetti garuu ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse. “Guyyaa Ilmi Namaa mulʼatuttis akkasuma taʼa.

Luqaas 17:31-33

Guyyaa sana namni bantii manaa irra jiru kan mana keessaa miʼa qabu miʼa sana fudhachuuf gad buʼuu hin malu. Akkasuma immoo namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu waan tokkoof illee manatti hin deebiʼin. Niitii Looxi yaadadhaa! Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata.

Luqaas 17:34-37

Ani isinittin hima; halkan sana namoonni lama siree tokko irra ni rafu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa. Dubartoonni lama walii wajjin midhaan daaku; isheen tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti. [ Namoonni lama lafa qotiisaa keessa jiru; tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.”] Isaanis, “Yaa Gooftaa, eessatti?” jedhanii gaafatan. Innis, “Iddoo raqni jirutti gogocorroowwan walitti qabamu” jedhee deebiseef.

Luqaas 18:7-8

Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree? Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”

Luqaas 21:10-11

Innis akkana isaaniin jedhe; “Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Iddoo garaa garaatti sochiin lafaa guddaan, beellii fi golfaan ni taʼa; samii irrattis wanni sodaachisaanii fi mallattoon gurguddaan ni taʼa.

Luqaas 21:12-19

“Kana hunda dura garuu isaan isin qabu; isin ariʼatus. Dabarsanii manneen sagadaatti isin kennu; mana hidhaa keessas isin buusu; isin maqaa kootiif jettanii fuula moototaatii fi bulchitootaa duratti ni dhiʼeeffamtu. Akkasiin isin anaaf dhugaa baatu. Isin garuu akkamitti akka falmattan duraan dursitanii akka hin yaaddofne yaadatti qabadhaa. Anuu afaanii fi ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii. Abbaa fi haati, obboloonni, firoonnii fi michoonni dabarsanii isin kennu; isin keessaas tokko tokko ni ajjeesu. Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba. Garuu rifeensi mataa keessanii tokko iyyuu hin badu. Isin jabaadhaa dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.

Luqaas 21:20-24

“Isin yommuu Yerusaalem loltootaan marfamtee argitanitti akka badiin ishee dhiʼaate beekaa. Yommus warri Yihuudaa keessa jiran gaarranitti haa baqatan; warri magaalaa keessa jiranis achii haa baʼan; warri baadiyyaa jiran immoo magaalaa hin seenin. Akka wanni barreeffame hundinuu raawwatamuuf yeroon kun yeroo haaloo baasuutii. Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! Lafa irratti dhiphinni guddaan, saba kanatti immoo dheekkamsi ni dhufaatii. Isaanis goraadeedhaan ajjeefamu; boojiʼamaniis biyyoota ormaa hundatti ni geeffamu; hamma barri Namoota Ormaa dhumutti Yerusaalem Namoota Ormaatiin dhidhiitamti.

Luqaas 21:25-28

“Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu. Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu. Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu. Yommuu wanni kun taʼuu jalqabutti mataa keessan ol qabadhaa; olis ilaalaa; furamuun keessan dhiʼaateeraatii.”

Luqaas 21:29-36

Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Mee muka harbuutii fi muka hunda ilaalaa. Yommuu isaan baala baafatanitti isin mataan keessan iyyuu ilaaltanii akka bonni dhiʼaate beekuu dandeessu. Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka mootummaan Waaqaa dhiʼaate ni beektu. “Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu. Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu. “Isin of eeggadhaa; yoo kanaa achii qalbiin keessan qananiidhaan, machii fi yaaddoo jireenyaatiin fudhatamee guyyaan sunis utuu isin hin beekin akkuma kiyyoo isin qabata. Guyyaan sun warra lafa irra jiraatan hundatti ni dhufaatii. Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; kadhadhaas.”

Yohannis 5:25-29

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu. Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii. Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera. “Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii. Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.

Yohannis 14:2-3

Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii. Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.

Hojii 1:9-11

Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse. Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Akkanas jedhaniin; “Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa.”

Roomaa 8:18-19

Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada. Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira.

Roomaa 14:11

Kunis: “ ‘Ani jiraataadhaatii; jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata; arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan” jedhamee barreeffameeraatii.

Roomaa 16:20

Waaqni nagaa dafee Seexana miilla keessan jalatti ni burkuteessa. Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.

1 Qorontos 3:12-15

Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare, guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora. Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata. Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.

1 Qorontos 4:5

Kanaafuu isin utuu yeroon murteeffame sun hin gaʼin murtii tokko iyyuu hin kenninaa; hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni waan dukkana keessatti dhokfame ifatti ni baasa; hawwii garaa namaas ni mulʼisa. Yeroo sana namni hundinuu Waaqa biraa galata ni argata.

1 Qorontos 5:5-6

akka foon isaa balleeffamuuf, akka hafuurri isaa immoo guyyaa Gooftaatti fayyuuf namicha kana dabarsaatii Seexanatti kennaa. Of tuuluun keessan gaarii miti. Isin akka raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessitu hin beektanii?

1 Qorontos 15:50-52

Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima. Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna; kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna.

Fiiliphisiyuus 2:10-11

Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf. Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

Qolosaayis 3:4

Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.

1 Tasaloniiqee 1:10

akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Yesuus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka samii irraa eeggattan ni himu.

1 Tasaloniiqee 4:13-15

Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna. Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu.

1 Tasaloniiqee 4:16-17

Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.

1 Tasaloniiqee 5:1-4

Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu; akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii. Utuma namoonni, “Nagaa dha; qabbanas” jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan. Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti.

1 Tasaloniiqee 5:9-10

Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii. Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.

2 Tasaloniiqee 1:4-10

Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Waaqaa keessatti sababii keessaniin of jajna. Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu. Waaqni qajeelaa dha: Inni warra isin rakkisan ni rakkisa; isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa. Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba. Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu; kunis guyyaa inni qulqulloota isaatiin kabajamuu fi warra amanan hundumaa gidduutti dinqisiifatamuuf dhufutti taʼa. Isinis waan dhuga baʼumsa keenya amantaniif isaanitti lakkaaʼamtu.

2 Tasaloniiqee 2:1-4

Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana; kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef. Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.

2 Tasaloniiqee 2:5-12

Isin akka ani yeroo isin bira turetti waan kana isinitti himaa ture hin yaadattanii? Akka inni yeroo murteeffame sanatti mulʼatuufis waan amma isa dhowwu ni beektu. Icciitiin humna fincila sanaa amma iyyuu hojiitti jiraatii; garuu inni amma humna sana duubatti deebisu sun hamma karaa irraa fuudhamutti ittuma fufee isa dhowwa. Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa. Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa; innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu. Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga; kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf.

1 Xiimotewos 6:14-16

akka ati hamma dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ajaja kana xurii fi mudaa malee eegdus sin gorsa. Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa; kan hin duune isa qofa; innis ifa namni tokko iyyuu itti dhiʼaachuu hin dandeenye keessa jiraata; eenyu iyyuu isa hin argine; isa arguus hin dandaʼu. Ulfinii fi humni bara baraan isaaf haa taʼu. Ameen.

2 Xiimotewos 3:1-5

Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.

2 Xiimotewos 4:1-5

Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa. Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis. Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu. Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu. Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.

2 Xiimotewos 4:8

Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.

Tiitoo 2:13

kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Waaqa keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirrutti taʼa;

Ibroota 1:10-12

Akkasumas inni akkana jedha; “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti. Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu; ati akkuma wayyaatti isaan marta; isaan akkuma uffataatti geeddaramu; ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”

Ibroota 9:23-28

Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa. Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne. Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne. Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera. Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.

Ibroota 10:25

Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Ibroota 11:35

Dubartoonnis namoonni isaanii kanneen duʼan duʼaa kaafamaniifii deebisanii fudhatan. Warri kaanis duʼaa kaʼuu wayyu argachuuf jedhanii gad dhiifamuu didanii dhiphatan.

Yaaqoob 5:1-3

Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas. Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera. Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu.

Yaaqoob 5:7-8

Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa. Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.

2 Phexros 3:3-7

Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa. Isaanis, “ ‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii” jedhu. Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan. Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade. Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.

2 Phexros 3:8-9

Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti. Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.

2 Phexros 3:10-13

Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata. Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu; kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa. Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.

1 Yohannis 2:17-19

Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata. Yaa ijoolle, saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa ti; akka farri Kiristoos sun dhufu akkuma dhageessan sana ammuma iyyuu farroonni Kiristoos baayʼeen dhufaniiru. Kanaanis nu akka saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa taʼe beekna. Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise.

1 Yohannis 4:1-6

Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira. Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii. Isaan kan addunyaa ti; kanaaf wanni isaan dubbatanis kanuma addunyaa ti; addunyaanis isaan dhaggeeffata. Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.

2 Yohannis 1:7-11

Gowwoomsitoonni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi farra Kiristoos. Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa. Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.

Yihuudaa 1:14-15

Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa; innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”

Mulʼata 1:1

Kun mulʼata Yesuus Kiristoos, kan akka inni waan dhiʼootti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee Waaqni isaaf kennee dha. Innis ergamaa isaa gara garbicha isaa Yohannisitti ergee akka mulʼanni sun beekamu godhe;

Mulʼata 1:7

“Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa; iji hundinuu, warri isa waraanan iyyuu isa ni argu;” saboonni lafaa hundinuus “sababii isaatiif ni wawwaatu.” Akkasuma taʼa! Ameen.

Mulʼata 3:10-12

Ajaja ani akka ati obsaan dhaabattuuf siif kenne sana waan eegdeef, anis saʼaatii qorumsaa kan warra lafa irra jiraatan qoruuf addunyaa guutuutti dhufuuf jiru sana irraa si oolcha. Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu. Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa.

Mulʼata 3:15-19

Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture. Kanaafuu ati waan laphii taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera. Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu. Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa. Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.

Mulʼata 4:1

Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe.

Mulʼata 5:1-10

Anis harka mirga isa teessoo irra taaʼe sanaa irratti kitaaba maramaa keessaa fi duubaan itti barreeffamee chaappaa torbaan cufame tokko nan arge. Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge. Garuu namni tokko iyyuu samii keessaa yookaan lafa irraa yookaan lafa jalaa kitaaba maramaa banuu yookaan keessa isaa iyyuu ilaaluu hin dandeenye. Anis waan namni kitaaba maramaa banuun yookaan keessa isaa ilaaluun maluuf tokko iyyuu dhabameef baayʼisee nan booʼe. Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera. Inni kitaabicha maramaa banuu, chaappaa isaa torbanuus hiikuu ni dandaʼa” naan jedhe. Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha. Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate. Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti. Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan; “Kitaaba maramaa fuudhuun, chaappaa kitaabicha maramaas hiikuun siif mala; sababiin isaas ati qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hunda keessaa, saba hunda keessaa, sanyii hunda keessaa, namoota dhiiga keetiin Waaqaaf bitteertaatii. Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moʼu.”

Mulʼata 5:11-14

Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan. Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!” Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe. Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan.

Mulʼata 6:1-2

Anis yommuu Hoolichi chaappaawwan torban keessaa isa jalqabaa banu nan arge. Ergasiis uumamawwan lubbuu qabeeyyii keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe. Anis nan ilaale; kunoo, fardi adiin tokko fuula koo dura ture! Inni farda sana yaabbates iddaa harkatti qabatee ture; gonfoonis ni kennameef; innis moʼachaa, ammas moʼachuuf baʼe.

Mulʼata 6:3-4

Yommuu Hoolichi chaappaa lammaffaa banettis uumamni jiraataan inni lammaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe. Fardi biraa daamaan tokkos ni dhufe. Isa fardicha yaabbatuufis akka inni nagaa lafa irraa balleessuu fi akka namoonni wal gorraʼan akka godhuuf humni kennameef; goraadeen guddaan tokkos ni kennameef.

Mulʼata 6:5-6

Yommuu Hoolichi chaappaa sadaffaa banettis uumamni jiraataan inni sadaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe; nan ilaales; kunoo, fardi gurraachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus madaalii of harkaa qaba ture. Anis waan akka sagalee uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran gidduu dubbatame fakkaatu tokko, “Qamadiin safartuu tokkoo mindaa guyyaa tokkootiif, garbuun safartuu sadiis mindaa guyyaa tokkootiif haa taʼu; garuu zayitii fi daadhii wayinii hin miidhin!” jechuu isaa nan dhagaʼe.

Mulʼata 6:7-8

Yommuu Hoolichi chaappaa afuraffaa banetti sagalee uumama jiraataa afuraffaa kan, “Kottu!” jedhu nan dhagaʼe. Anis nan ilaale; kunoo, fardi daalachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus maqaan isaa Duʼa jedhama ture; Siiʼoolis dugda duubaan itti dhiʼaatee isa duukaa buʼaa ture. Isaanis goraadeen, beelaan, balaa fi bineensota lafaatiin akka ajjeesaniif kurmaana lafaa irratti humni ni kennameef.

Mulʼata 6:9-11

Yommuu inni chaappaa shanaffaa banetti ani iddoo aarsaa jalatti lubbuuwwan warra sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa eegan sanaatiif gorraʼamanii nan arge. Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan. Tokkoo tokkoo isaaniitiifis uffanni adaadiin ni kenname; hamma lakkoobsi warra isaan wajjin tajaajilaniitii fi lakkoobsi obboloota isaanii kanneen akkuma isaaniitti ajjeefamuuf jiran sanaa guutamutti akka yeroo xinnoo obsan isaanitti himame.

Mulʼata 6:12-17

Yommuu inni chaappaa jaʼaffaa banettis nan arge. Sochii lafaa guddaa tokkotu ture. Aduun akka uffata gaddaa gurraachofte; jiʼis akkuma dhiigaa diimate; urjiiwwan samiis akkuma iji muka harbuu yommuu qilleensa jabaan raafamutti harcaʼu sana lafatti gad harcaʼan. Samiin akkuma kitaaba maramaatti marame; tulluu fi biyyi bishaaniin marfamtes iddoo isaaniitii buqqifaman. Mootonni lafa irraa, bulchitoonnii fi abbootiin duulaa, sooreyyii fi namoonni jajjaboonni, namoonni kaan hundi, garbas taʼu birmaduun holqa keessaa fi kattaawwan tulluuwwanii gidduutti dhokatan. Isaanis tulluuwwanii fi kattaawwan waammatanii akkana jedhu; “Nurratti kufaa; fuula isa teessoo irra taaʼu sanaatii fi dheekkamsa Hoolichaa duraa nu dhoksaa! Guyyaan dheekkamsa isaa guddaan sun gaʼeeraatii; egaa eenyutu guyyaa sana dura dhaabachuu dandaʼa ree?”

Mulʼata 7:1-3

Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge. Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee, “Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe.

Mulʼata 7:4-8

Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture. Gosa Yihuudaa keessaa 12,000, gosa Ruubeen keessaa 12,000, gosa Gaad keessaa 12,000, gosa Aasheer keessaa 12,000, gosa Niftaalem keessaa 12,000, gosa Minaasee keessaa 12,000, gosa Simiʼoon keessaa 12,000, gosa Lewwii keessaa 12,000, gosa Yisaakor keessaa 12,000, gosa Zebuuloon keessaa 12,000, gosa Yoosef keessaa 12,000, gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan.

Mulʼata 7:9-17

Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan. Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼuutii fi kan Hoolichaati” jedhanii iyyan. Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan; akkanas jedhan: “Ameen! Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni, bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen!” Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate. Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru. Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata. ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu. Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ ”

Mulʼata 8:1-6

Yommuu Hoolichi chaappaa torbaffaa banetti gara walakkaa saʼaatii tokkoo samii keessa tasgabbiitu ture. Anis ergamoota fuula Waaqaa dura dhadhaabatan torban arge; isaaniifis malakanni torba ni kenname. Ergamaan biraa kan girgiraa warqee qabu tokko dhufee iddoo aarsaa bira dhaabate. Innis iddoo aarsaa warqee kan fuula teessichaa dura jiru sana irratti akka kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin dhiʼeessuuf ixaanni baayʼeen isaaf ni kenname. Aarri ixaana sanaas kadhannaa qulqullootaa wajjin harka ergamaa sanaa keessaa fuula Waaqaa duratti ol baʼe. Ergamaan sunis girgiraa fuudhee iddoo aarsaa irraa ibidda itti guutee lafatti gad darbate; ergasiis sagaleen kakawwee, balaqqeessaa fi sochii lafaa ni dhagaʼame. Ergamoonni Waaqaa torban warri malakata torban qabanis malakata afuufuuf ni qophaaʼan.

Mulʼata 8:7

Ergamaan jalqabaa malakata isaa afuufe; cabbii fi ibiddi dhiigaan makames lafatti gad darbatame. Lafti harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; muktis harka sadii keessaa harki tokko ni gubate; margi lalisaan hundinuus ni gubate.

Mulʼata 8:8-9

Ergamaan lammaffaanis malakata isaa afuufe; wanni tulluu guddaa fakkaatu kan ibiddaan gubachaa jiru tokkos galaanatti gad darbatame. Galaannis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe; uumamawwan lubbuu qabeeyyiin galaana keessaa harka sadii keessaa harki tokko ni dhuman; dooniiwwan harka sadii keessaas harki tokko ni barbadaaʼan.

Mulʼata 8:10-11

Ergamaan sadaffaanis malakata isaa afuufe; urjiin guddaan akka gucaa bobaʼu tokkos samii irraa lafa dhaʼe; innis lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, burqaawwan bishaanii irrattis kufe; maqaan urjii sanaas “Hadheessaa” jedhama. Bishaan sunis harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼe; sababii bishaan sun hadheeffameefis namoonni baayʼeen bishaaniin dhuman.

Mulʼata 8:12-13

Ergamaan afuraffaanis malakata isaa afuufe; aduun harka sadii keessaa harki tokko, jiʼi harka sadii keessaa harki tokko, urjiinis harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kanaanis ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko ni dukkanaaʼe. Guyyaan harka sadii keessaa harki tokko akkasumas halkan harka sadii keessaa harki tokko ifa malee hafe. Anis ilaalee risaa samii walakkaa barrisaa sagalee guddaadhaan, “Sababii sagalee malakataa kan ergamoota biraa sadaniin dhageessifamuuf jiru sanaatiif warra lafa irra jiraataniif Wayyoo! Wayyoo! Wayyoo!” jedhee iyyu tokko nan dhagaʼe.

Mulʼata 9:1-12

Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname. Yommuu inni Boolla Qilee sana banettis aarri tokko akkuma aara boolla ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti ol baʼe. Aduu fi samiinis aara Boolla Qilee keessaa baʼu sanaan ni dukkanaaʼan. Aara sana keessaas hawwaannisa baayʼeetu lafatti yaaʼe; hawwaannisoota sanaafis taayitaan akka taayitaa torbaanqabaa lafaa ni kenname. Isaanis akka marga lafaa yookaan biqiltuu yookaan muka tokko illee miidhan utuu hin taʼin akka namoota adda isaanii irraa chaappaa Waaqaa hin qabaatin qofa miidhan ajajaman. Isaanis akka namoota sana jiʼa shan dhiphisaniif eeyyamameef malee akka jara ajjeesaniif miti. Dhiphinni kunis akkuma dhiphina isa yommuu torbaanqabaan nama iddutti dhiphatanii ti. Guyyoota sana keessa namoonni duʼa barbaadu; garuu hin argatan. Duʼuus ni hawwu; duuti garuu isaan baqata. Bifti hawwaannisoota sanaas fardeen duulaaf qopheeffaman fakkaata ture. Mataa isaaniittis waan akka gonfoo warqee kaaʼatanii turan; fuulli isaaniis fuula namaa fakkaata ture. Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata ture; ilkaan isaaniis ilkaan leencaa fakkaata ture. Isaanis maddaa maddaa sibiilaa fakkaatu qabu turan; sagaleen qoochoo isaaniis sagalee fardeenii fi gaariiwwan baayʼee kanneen gara duulaatti didichanii fakkaata ture. Isaanis akkuma torbaanqabaa eegee fi ilkee qabu turan; eegee isaanii keessaa immoo taayitaa ittiin jiʼa shan nama dhiphisan qabu turan. Isaanis mootii qabu turan; innis ergamaa Boolla Qilee ti; maqaan isaas afaan Ibraayisxiitiin Abadoon, afaan Giriikiin immoo Aphooliyoon jedhama ture. Wayyoon inni duraa darbeera; kunoo, wayyoowwan biraa lamatu dhufuuf jira.

Mulʼata 9:13-21

Ergamaan jaʼaffaanis malakata isaa afuufe; anis gaanfa afran kanneen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqaa dura jiru irraa sagalee tokko nan dhagaʼe. Sagaleen sunis ergamaa jaʼaffaa malakata qabu sanaan, “Ergamoota afran kanneen laga Efraaxiisi guddicha biratti hidhaman sana gad dhiisi” jedhe. Ergamoonni afran saʼaatii kanaaf, guyyaa kanaaf, jiʼaa fi waggaa kanaaf qopheeffamanii turanis sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko fixuuf gad dhiifaman. Baayʼinni loltoota fardeeniin duulanii miliyoona dhibba lama ture. Anis baayʼina isaaniis nan dhagaʼe. Anis mulʼata koo keessatti fardeenii fi namoota farda yaabbatan nan arge: Isaanis maddaa diimaa akka ibiddaa, sanpeerii fi keelloo akka dinyii qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibidda, aaraa fi dinyiitu baʼe. Dhaʼicha sadan kanaan jechuunis ibidda, aaraa fi dinyii afaan isaaniitii baʼeen sanyiin namaa harka sadii keessaa harki tokko ni ajjeefame. Taayitaan fardeen sanaas afaan isaaniitii fi eegee isaanii keessa ture; eegeen isaanii akkuma bofaa mataa qaba tureetii; isaanis mataa sanaan nama miidhu turan. Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne. Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.

Mulʼata 10:1-7

Anis utuu ergamaan Waaqaa inni jabaan biraa tokko samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Waaqaatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture. Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture; innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan. Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, “Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. Ergamaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa samiitti ol qabe. Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru! Garuu guyyoota ergamaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Waaqaa akkuma inni raajota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama.”

Mulʼata 10:8-11

Sagaleen ani samii irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, “Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee ergamaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu” naan jedhe. Kanaafuu ani gara ergamichaa dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, “Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’” naan jedhe. Anis kitaaba maramaa xinnaa sana ergamicha harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame. Ergasii immoo, “Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhamee natti himame.

Mulʼata 11:1-6

Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi. Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu. Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu.” Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha. Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha. Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin samii cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu.

Mulʼata 11:7-10

Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas. Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha. Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin awwaalamnes ni dhowwu. Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu.

Mulʼata 11:11-14

Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Waaqa biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan. Isaanis sagalee guddaa, “As ol kottaa!” isaaniin jedhu tokko samii irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara samiitti ol baʼan. Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan. Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa.

Mulʼata 11:15-19

Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture. Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan; akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina. Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.” Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.

Mulʼata 12:1-6

Mallattoon guddaan tokko samii keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture. Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite. Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture. Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate. Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Waaqaatti, gara teessoo isaattis ol butame. Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Waaqni isheef qopheesseetti baqatte.

Mulʼata 12:7-12

Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan. Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban. Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman. Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “Amma fayyinni, humnii fi mootummaan Waaqa keenyaa, taayitaan Kiristoos isaas dhufeera. Himataan obboloota keenyaa inni halkanii guyyaa fuula Waaqaa duratti, isaan himatu sun gad darbatameeraatii. Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne. Kanaafuu yaa samiiwwan, isin warri isaan keessa jiraattanis gammadaa! Garuu yaa lafaa fi yaa galaana isiniif wayyoo! Diiyaabiloos gara keessanitti gad buʼeeraatii! Innis akka yeroo gabaabaa qabu waan beekuuf baayʼee aareera.”

Mulʼata 12:13-17

Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe. Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname. Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase. Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte. Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.

Mulʼata 13:1-6

Bineensi jawwee fakkaatu sunis cirracha galaanaa irra dhaabate. Bineensa tokkos utuu inni galaana keessaa baʼuu nan arge. Innis gaanfa kudhanii fi mataa torba qaba ture; gaanfawwan isaa irratti gonfoo kudhan, tokkoo tokkoo mataa isaa irratti immoo maqaa arrabsoo qaba ture. Bineensi ani arge sunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Bineensi jawwee fakkaatu sunis humna isaa, teessoo isaatii fi taayitaa guddaas bineensichaaf kenne. Mataa bineensichaa torban keessaa inni tokko waan madaa duʼa fidu qabu fakkaata ture; madaan duʼa fidu sun garuu fayyee ture. Addunyaan guutuunis dinqisiifatee bineensicha duukaa buʼe. Namoonni sababii inni taayitaa isaa bineensa sanaaf kenneef bineensa jawwee fakkaatu sanaaf ni sagadan; akkasumas, “Kan akka bineensichaa eenyuu? Eenyutus lola isatti kaasuu dandaʼa?” jedhanii bineensichaaf sagadan. Akka bineensichi dubbii of tuulummaatii fi arrabsoo dubbatuuf afaan ni kennameef; jiʼa afurtamii lamaaf akka ittiin hojjetuufis taayitaan isaaf kenname. Innis Waaqa arrabsuuf, Waaqaa fi iddoo jireenya isaa, akkasumas warra samii keessa jiraatan maqaa balleessuuf jedhee afaan banate.

Mulʼata 13:7-10

Akka inni qulqullootatti waraana kaasee isaan moʼatuufis humni ni kennameef. Gosa hunda, saba hunda, afaanii fi sanyii hunda irrattis taayitaan ni kennameef. Warri lafa irra jiraatan hundinuu jechuunis warri maqaan isaanii erga addunyaan uumamee jalqabee kitaaba jireenyaa kan Hoolicha qalame sanaa keessatti hin galmeeffamin hundinuu bineensichaaf ni sagadu. Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu. “Namni boojiʼamuuf jiru kam iyyuu inni ni boojiʼama. Namni goraadeedhaan ajjeefamuuf jiru kam iyyuu goraadeedhaan ni ajjeefama.” Kunis obsaa fi amanamummaa qulqullootaa argisiisa.

Mulʼata 13:11-15

Bineensa biraas utuu inni lafa keessaa baʼuu nan arge. Innis akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; akka bineensa jawwee fakkaatuuttis dubbata ture. Innis taayitaa bineensicha jalqabaa hundaan fuula isaa duratti hojjechaa ture; akka laftii fi warri lafa irra jiraatan bineensicha jalqabaa isa madaan duʼa fidu fayyeef sanaaf sagadanis godhe. Innis hamma akka ibiddi samii irraa lafatti gad buʼu godhutti ija namaa duratti dinqii gurguddaa hojjete. Mallattoo akka inni iddoo bineensichi jalqabaa jirutti hojjetuuf eeyyamameef sanaanis namoota lafa irra jiraatan ni gowwoomse. Akka isaan ulfina bineensicha goraadeedhaan madaaʼee ergasii immoo jiraate sanaatiif fakkii dhaaban ajaje. Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef.

Mulʼata 13:16-18

Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise; kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef. Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666.

Mulʼata 14:1-5

Anis nan ilaale; kunoo, Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabachaa ture; namoonni 144,000, kanneen maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffames isa wajjin turan. Anis sagalee akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaa samii irraa nan dhagaʼe. Sagaleen ani dhagaʼe sunis akka sagalee baganaa kan namoonni baganaa taphatan dhageessisanii ture. Isaanis fuula teessichaa duratti, fuula uumamawwan lubbuu qabeeyyii afraniitii fi fuula maanguddootaa duratti faarfannaa haaraa tokko faarfatan. Faarfannaa sanas namoota 144,000 warra lafa irraa furaman sana malee namni tokko iyyuu barachuu hin dandeenye. Isaan kunneen waan qulqullinaan of eegganiif warra dubartootaan of hin xureessinii dha. Isaanis iddoo Hoolichi dhaqu hundumatti isa duukaa buʼu. Sanyii namaa keessaas hangafa taʼanii Waaqaa fi Hoolichaaf ni furaman. Sobni tokko iyyuu afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan mudaa hin qaban.

Mulʼata 14:6-8

Anis ergamaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee wangeela bara baraa qabatee samii walakkaa barrisu tokko nan arge. Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa.” Ergamaan lammaffaanis itti aansee, “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti” jedhe.

Mulʼata 14:9-12

Ergamaan Waaqaa inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate, innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Waaqaa isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula ergamoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata. Aarri dhiphina isaaniis bara baraa hamma bara baraatti ol baʼa. Warri bineensichaa fi fakkii isaatiif sagadan yookaan warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii guyyaa boqonnaa hin qabaatan.” Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata.

Mulʼata 14:13

Anis sagalee, “Waan kana barreessi: Siʼachi warri utuu Gooftaadhaan jiranuu duʼan eebbifamoo dha” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. Hafuurri Qulqulluunis, “Eeyyee; hojiin isaaniis waan isaan duukaa buʼuuf isaan dadhabbii isaanii irraa ni boqotu” jedha.

Mulʼata 14:14-16

Anis nan ilaale; kunoo, duumessa adii tokkotu ture; inni “ilma namaa fakkaatu” tokkos gonfoo warqee mataa isaatti kaaʼatee, haamtuu qaramaa harkatti qabatee duumessa irra taaʼee ture. Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaatii baʼee sagalee guddaadhaan isa duumessa irra taaʼe sanaan, “Midhaan lafaa waan bilchaateef, yeroon haamaas waan gaʼeef haamtuu kee fudhadhuutii haami” jedhee iyye. Kanaafis inni duumessa irra taaʼe sun haamtuu isaa lafatti dhaabe; laftis ni haamamte.

Mulʼata 14:17-20

Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaa isa samii keessaatii baʼe; innis akkasuma haamtuu qaramaa qaba ture. Ammas ergamaan Waaqaa kan biraa inni ibidda irratti taayitaa qabu tokko iddoo aarsaa biraa dhufee, sagalee guddaadhaan ergamaa haamtuu qaramaa qabu sanaan, “Hurbuun wayinii waan bilchaateef haamtuu kee qaramaa sana fudhadhuutii hurbuu wayinii lafaa walitti qabi” jedhe. Ergamichis haamtuu isaa lafatti dhaabe; hurbuu wayinii lafaas walitti qabee gara iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Waaqaa isa guddaatti darbate. Isaanis iddoo cuunfaa wayinii kan magaalaan ala jiru keessatti dhidhiitaman; iddoo cuunfaa sana keessaas dhiigni hamma luugama fardaatti ol kaʼee fageenya gara kiiloo meetira 300 lolaʼe.

Mulʼata 15:1

Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.

Mulʼata 15:2-4

Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan. Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan: “Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu, hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha. Yaa Mootii sabootaa, karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha. Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”

Mulʼata 15:5-8

Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname. Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan. Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne. Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.

Mulʼata 16:1

Anis sagalee guddaa, ergamoota torbaniin, “Dhaqaatii, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqaa torban keessaa lafa irratti dhangalaasaa” jedhu tokko mana qulqullummaa keessaa nan dhagaʼe.

Mulʼata 16:2

Ergamaan Waaqaa inni jalqabaa dhaqee waciitii isaa keessaa lafa irratti dhangalaase; namoota mallattoo bineensichaa of irraa qabanii fi fakkii isaatiif sagadanittis madaan hamaanii fi dhukkubsaan ni yaaʼe.

Mulʼata 16:3

Ergamaan lammaffaan waciitii isaa keessaa galaanatti dhangalaase; galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe; lubbuu qabeeyyiin galaana sana keessaa hundinuus ni duʼan.

Mulʼata 16:4-7

Ergamaan sadaffaan waciitii isaa keessaa lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase; isaanis dhiiga taʼan. Ergamaan bishaanota irratti itti gaafatamummaa qabus utuu akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Yaa Isa Qulqulluu, kan jirtu, kan turte, sababii wantoota kanneen murteessiteef, ati qajeelaa dha; Waan isaan dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga raajotaa dhangalaasaniif, ati immoo akka isaan dhuganiif dhiiga isaaniif kenniteerta; kun isaaniif ni malaatii.” Anis utuu iddoon aarsaa, “Eeyyee yaa Waaqayyo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, murtiin kee dhugaa fi qajeelaa dha” jedhuu nan dhagaʼe.

Mulʼata 16:8-9

Ergamaan afuraffaanis waciitii isaa keessaa aduu irratti dhangalaase; aduudhaafis akka isheen ibiddaan nama gubduuf humni ni kenname. Namoonnis hoʼa guddaa sanaan ni gubatan; maqaa Waaqa dhaʼicha kanneen irratti humna qabu sanaas ni abaaran; qalbii jijjiirrachuu fi ulfina isaaf kennuus ni didan.

Mulʼata 16:10-11

Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan; sababii dhukkubbii fi madaa isaaniitiifis Waaqa samii ni abaaran; garuu hojii isaanii irraa qalbii hin jijjiirranne.

Mulʼata 16:12

Ergamaan jaʼaffaanis waciitii isaa keessaa Efraaxiis lagicha guddaa irratti dhangalaase; bishaan laga sanaas mootota Baʼa Biiftuutii dhufaniif akka karaan qopheeffamuuf ni goge.

Mulʼata 16:13-16

Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge. Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha. “Kunoo, ani akka hattuutti nan dhufa! Namni akka qullaa hin deemneef, akka qaaniin isaas hin mulʼanneef dammaqee uffata isaa eeggatu eebbifamaa dha.” Isaanis iddoo afaan Ibraayisxiitiin Armaageedon jedhamutti mootota sana walitti qaban.

Mulʼata 16:17-21

Ergamaan torbaffaanis waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti dhangalaase; sagaleen guddaan, “Raawwatameera!” jedhu tokkos mana qulqullummaatii teessoo keessaa baʼe. Ergasiis balaqqeen, sagaleen, kakawweetii fi sochiin lafaa hamaan tokko ni taʼe. Sochiin lafaa kan akkanaas erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee takkumaa taʼee hin beeku; sochiin lafaa sunis akka malee guddaa ture. Magaalattiin guddoon iddoo sadiitti gargar qoodamte; magaalaawwan sabootaas ni kufan. Waaqnis Baabilon Guddittii ni yaadate; xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa sodaachisaadhaan guutames ni kenneef. Biyyoonni bishaaniin marfaman hundinuu ni baqatan; tulluuwwanis argamuu hin dandeenye. Dhagaan cabbii gurguddaan tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraamii afurtamii shanii ulfaatu samii irraa namoota irra bubbuʼe. Dhaʼichi sunis waan akka malee hamaa tureef namoonni sababii dhaʼicha cabbii sanaatiif Waaqa ni abaaran.

Mulʼata 17:1-7

Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa. Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.” Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture. Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte. Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: Baabilon Guddittii, Haadha Sagaagaltootaa fi, Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa. Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe. Ergamichis akkana naan jedhe; “Ati maaliif dinqifatta? Icciitii dubartittii fi icciitii bineensicha ishee baatu kan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu sanaa sitti nan hima.

Mulʼata 17:8-13

Bineensi ati argite sun dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu Boolla Qilee keessaa ol baʼee gara badiisa isaa ni dhaqa. Warri lafa irra jiraatan kanneen maqaan isaanii uumama addunyaatii jalqabee kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin yommuu bineensicha arganitti ni dinqisiifatu; sababiin isaas bineensichi dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu ni dhufa. “Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha. Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba. Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa. “Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu. Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu.

Mulʼata 17:14-18

Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.” Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota. Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu. Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii. Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.”

Mulʼata 18:1-3

Ergasiis utuu ergamaan biraa samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis taayitaa guddaa qaba ture; ulfina isaatiinis lafti ni ifte. Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye: “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin kufteerti!’ Lafa jireenya hafuurota hamoo, lafa qubata hafuurota xuraaʼoo hundaa, iddoo jireenya simbirroota xuraaʼoo, iddoo jireenya bineensota xuraaʼoo fi jibbisiisoo hundaa taateerti. Saboonni hundinuus, daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii. Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru; daldaltoonni addunyaas qananii ishee guddaa sanaan sooromaniiru.”

Mulʼata 18:4-8

Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “ ‘Yaa saba ko, isin akka cubbuu ishee keessatti hin hirmaanneef, balaa ishee irra gaʼus akka hin qoodanneef, kottaa ishee keessaa baʼaa;’ cubbuun ishee hamma samiitti ol tuulameeraatii; Waaqnis yakka ishee yaadateera. Akkuma isheen kennitetti isinis isheef kennaa; akkuma hojii isheettis dachaa lama godhaatii isheef deebisaa. Xoofoo isheen itti bulbultettis dachaa lama godhaatii isheef bulbulaa. Hammuma isheen ulfina ofii kennitee qananii guddaadhaan jiraatte sana, qixxeedhuma isaa dhiphinaa fi gadda isheef kennaa. Isheenis garaa ishee keessatti, ‘Ani akka mootittii tokkootti nan taaʼa; ani haadha hiyyeessaa miti; gonkumaas hin gaddu’ jettee of jajji. Kanaafuu dhaʼichi garaa garaa jechuunis, duuti, gaddii fi beelli guyyuma tokkotti ishee irra ni gaʼa. Waaqni Gooftaan isheetti murteessu sun waan jabaa taʼeef, isheen ibiddaan ni gubamti.

Mulʼata 18:9-22

“Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus. Isaanis dhiphina ishee waan sodaataniif fagoo dhaabatanii, “ ‘Wayyoo! Wayyoo! Yaa magaalaa guddittii, yaa Baabilon magaalattii jabduu! Badiin kee saʼaatuma tokko keessatti dhufeeraatii!’ jedhu. “Daldaltoonni lafaas siʼachi waan namni tokko iyyuu miʼa daldala isaanii hin binneef isheef ni booʼu; ni wawwaatus. Miʼi daldala isaaniis warqee, meetii, dhagaawwan gatii guddaatii fi lula, uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee, uffata haarriitii fi bildiimaa, muka urgaaʼaa gosa hundaa, miʼa ilka arbaa irraa hojjetame hunda, miʼa muka gatii guddaa irraa hojjetame hunda, miʼa naasii irraa hojjetame hunda, miʼa sibiilaatii fi miʼa dhagaa adii irraa hojjetame hundaa fi qarafaa fi urgooftuu, ixaana, qumbii, haphee urgaaʼaa, daadhii wayiniitii fi zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa fi qamadii, loowwanii fi hoolota, fardeenii fi gaariiwwan, akkasumas garbootaa fi lubbuuwwan namootaa faʼa. “Isaanis, ‘Iji waan ati hawwite sanaa si duraa badeera. Badhaadhummaa fi bareedinni kee hundinuu sirraa badeera; gonkumaas deebitee hin argattu’ isheedhaan jedhu. Daldaltoonni miʼa kanneen gurguratanii ishee irraa badhaadhummaa argatanis dhiphina ishee sodaatanii fagoo dhaabatu. Isaanis booʼaa, wawwaachaas, sagalee guddaadhaan akkana jedhu: “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii; yaa ishee uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee fi uffata bildiimaa uffatte, yaa ishee warqeedhaan, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamte! Badhaadhummaan guddaan akkanaa saʼaatuma tokko keessatti barbadaaʼe!’ “Ajajjuun doonii hundinuu, warri dooniin imala deeman hundinuu, warri doonii irra hojjetanii fi warri galaana irra hojjechuun jiraatan hundinuu fagaatanii ni dhaabatu. Isaan yommuu aara gubamuu ishee arganitti, ‘Magaalaan akka magaalaa guddittii kanaa jiraattee beektii?’ jedhanii iyyu. Isaanis awwaara mataatti firfirfatanii booʼaa, wawwaachaas akkana jedhanii iyyu: “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii, yaa ishee warri galaana irraa dooniiwwan qaban hundinuu qabeenya isheetiin sooroman! Ishee saʼaatuma tokko keessatti barbadoofte!’ “Yaa samii kufaatii isheetti gammadi! Isin sabni Waaqaa gammadaa! Ergamoonnii fi raajonni gammadaa! Waaqni ishee irratti isiniif mureeraatii.” Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe: “Baabilon magaalaa guddittiin, akkasuma furguggifamtee ni darbatamti; gonkumaas deebitee hin argamtu. Sagaleen warra baganaa fi muuziiqaa taphatanii, sagaleen warra ulullee fi malakata afuufanii siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu. Ogeessi hojii harkaa tokko iyyuu, siʼachi si keessatti hin argamu. Sagaleen dhagaa daakuus, siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu.

Mulʼata 18:23-24

Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu. Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan. Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera. Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa, dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaas ishee keessatti argame.”

Mulʼata 19:1-6

Kana booddee waan akka huursaa sagalee tuuta namootaa guddaa tokko samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “Haalleluuyaa! Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqa keenyaa ti; murtiin isaa dhugaa fi qajeelaadhaatii. Inni sagaagaltittii guddoo, ishee sagaagaltummaa isheetiin lafa xureessite sanatti mureera; dhiiga garboota isaatiifis isheetti haaloo baʼeera.” Ammas, “Haalleluuyaa! Aarri ishees bara baraa hamma bara baraatti ol ni baʼa” jedhanii iyyan. Maanguddoonni digdamii afranii fi uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran kufanii Waaqa teessoo irra taaʼee jiru sanaaf sagadan; sagalee guddaadhaanis, “Ameen; Haalleluuyaa!” jedhan. Ergasiis sagaleen, “Isin garboonni isaa hundinuu, warri isa sodaattan, xinnaanis guddaanis, Waaqa keenya jajadhaa” jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe. Anis utuu sagaleen akka sagalee tuuta nama baayʼee, akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaan tokko akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Haalleluuyaa! Waaqni keenya Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu moʼeeraatii.

Mulʼata 19:7-10

Kottaa ni gammannaa; ni ililchinas; ulfinas isaaf ni kennina! Yeroon fuudha Hoolichaa gaʼeeraatii; misirrittiin isaas of qopheessiteerti. Akka uffattuufis uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame, adii fi qulqulluun isheedhaaf kennameera.” Uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame sun hojii qulqullootaa isa qajeelaa sana argisiisa. Ergamaan Waaqaa sunis, “ ‘Warri gara irbaata cidha fuudha Hoolichaatti affeeraman eebbifamoo dha!’ jedhii barreessi” naan jedhe; innis, “Dubbiin kun dubbii Waaqaa isa dhugaa dha” naan jedhe. Anis isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irrattin kufe. Inni garuu akkana naan jedhe; “Naaf hin sagadin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee warra Yesuusiif dhugaa baʼan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi! Dhuga baʼumsi Yesuus hafuura raajiitii.”

Mulʼata 19:11-16

Anis samii baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama. Loltoonni samii irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; “Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha.” Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.

Mulʼata 19:17-18

Ergamaa tokkos utuu inni aduu irra dhaabatuu nan arge; innis sagalee guddaadhaan simbirroota samii walakkaa barrisanitti akkana jedhee iyye; “Kottaa, irbaata Waaqaa isa guddaaf walitti qabamaa; kunis akka isin foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo, foon fardeeniitii fi foon warra farda yaabbatanii akkasumas foon nama hundaa jechuunis foon nama birmaduu taʼeetii fi garbaa, foon xinnaatii fi guddaa nyaattaniif.”

Mulʼata 19:19-21

Yeroo sanas bineensichi, mootonni lafaatii fi loltoonni isaanii namicha farda yaabbatu sanaa fi loltoota isaatti waraana kaasuuf jedhanii utuu walitti qabamanuu nan arge. Bineensichi garuu ni qabame; raajichi sobaa kan fuula bineensichaa duratti hojiiwwan dinqii hojjechaa ture sunis isa wajjin qabame. Innis hojiiwwan dinqii kanneeniin warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra fakkii isaatiif sagadan ni gowwoomse. Isaan lachuu utuma lubbuun jiranuu haroo ibiddaa kan dinyiidhaan bobaʼu keessatti gad darbataman. Warri hafan immoo goraadee afaan isa farda yaabbatu sanaa keessaa baʼeen ajjeefaman; allaattiin hundinuus foon isaanii nyaatanii quufan.

Mulʼata 20:1-3

Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe. Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba.

Mulʼata 20:4-6

Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan. Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti. Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.

Mulʼata 20:7-9

Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama; innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti. Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.

Mulʼata 20:10

Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu.

Mulʼata 20:11-15

Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne. Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame.

Mulʼata 21:1-2

Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge.

Mulʼata 21:3-9

Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.” Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe. Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna. Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa. Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.” Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe.

Mulʼata 21:10-21

Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise. Isheenis ulfina Waaqaatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture. Magaalattiinis dallaa guddaa fi ol dheeraa karra kudha lama qabu qabdi turte. Karrawwan sana irras ergamoota kudha lamatu dhaabatee ture; karra kudha lamaan sana irrattis maqaan gosoota Israaʼel kudha lamaanii barreeffamee ture. Karaa baʼa biiftuutiin karra sadii, karaa kaabaatiin karra sadii, karaa kibbaatiin karra sadii, karaa lixa biiftuutiinis karra sadiitu ture. Dallaan magaalattiis hundee kudha lama qaba ture; hundeewwan sana irrattis maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii barreeffamee ture. Ergamaan natti dubbate sunis magaalattii, karrawwan isheetii fi dallaawwan ishee safaruudhaaf ulee safartuu kan warqee qaba ture. Magaalaan sunis golee afur qabdi turte; dheerinni isheetii fi garaan ishee wal qixxee ture. Ergamaan sunis ulee isaatiin magaalattii safare; balʼinni ishees gara kiiloo meetira 2,200 taʼe; dheerinni ishee, garaan isheetii fi ol dheerinni ishees wal qixxee ture. Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safara namaa kan ergamichi ittiin safaraa ture sanaatti dhundhuma 144 taʼe. Dallaan sun dhagaa yaasphiidiitiin ijaarame; magaalaan sun immoo warqee qulqulluu akka bilillee qulqulluu taʼeen ijaaramte. Hundeewwan dallaa magaalaa sanaas dhagaa gatii guddaa gosa hundumaatiin miidhagfaman. Hundeen jalqabaa yaasphiidiin, lammaffaan sanpeeriin, sadaffaan keelqedooniin, afuraffaan immoo maragdiin miidhagfame; Inni shanaffaan sardooniksiin, jaʼaffaan sardiyooniin, torbaffaan kiristolobeen, saddeettaffaan biiraleen, saglaffaan wuraawureen, kurnaffaan kirisphiraasisiin, kudha tokkoffaan yaakintiin, kudha lammaffaan immoo ametiisxinosiin miidhagfame. Karrawwan kudha lamaan lula kudha lama turan; tokkoon tokkoon karra sanaas lula tokko irraa hojjetame. Daandiin magaalaa sanaas warqee qulqulluu akkuma bilillee keessaan waa argamuu ti.

Mulʼata 21:22-27

Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine. Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti. Saboonni ifa isheetiin deddeebiʼu; mootonni lafaas ulfina isaanii gara isheetti fidu. Sababii halkan achi hin jirreef karrawwan magaalattii gonkumaa guyyaa tokko iyyuu hin cufaman. Ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishee ni fidu. Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu.

Mulʼata 22:12

“Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.

Oromo - Oromoo - OM

GAZCV'22 - Oromo Contemporary Biblica - 2022

This Bible text is from Biblica Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022
https://open.bible/bibles/oromo_latin-biblica-text-bible/
provided by: Biblica Inc, available by Creative Commons CC-BY-SA-4.0,
and this new compilation is shared as www.creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0.
Languages are made available to you by www.ipedge.net