32 – Wareegamaa
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Wareegamaa.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Wareegamaa.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata. Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
”Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa. Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu. Anis akka isin yommuu yeroon sun gaʼutti isaan yaadattaniif wantoota kanneen isinitti himeera. Ani waanan isin wajjin tureef jalqabatti wantoota kanneen isinitti hin himne.
”Yommuu inni chaappaa shanaffaa banetti ani iddoo aarsaa jalatti lubbuuwwan warra sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa eegan sanaatiif gorraʼamanii nan arge. Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan. Tokkoo tokkoo isaaniitiifis uffanni adaadiin ni kenname; hamma lakkoobsi warra isaan wajjin tajaajilaniitii fi lakkoobsi obboloota isaanii kanneen akkuma isaaniitti ajjeefamuuf jiran sanaa guutamutti akka yeroo xinnoo obsan isaanitti himame.
”Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa WAAQAYYOOF aarsaa dhiʼeesse. Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. WAAQAYYO faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale. Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe. WAAQAYYOS Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe? Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.” Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese. WAAQAYYOS, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise. WAAQAYYO akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira.
”Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise. Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.” Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele. Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge. Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe. Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu, Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate. Abrahaamis, “Asan jira ilma koo” jedhee deebise. Yisihaaqis deebisee, “Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?” jedhe. Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan. Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse. Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate. Ergamaan WAAQAYYOO garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise. Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe. Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse.
”Xobbaallaan keessan ilmoo hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne taʼuu qaba; xobbaallaa sanas hoolota keessaa yookaan reʼoota keessaa fudhachuu dandeessu.
”Hin ajjeesin.
”Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan WAAQAYYO Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
”Ergasiis mootichi waardiyyoota isa bira turaniin, “Sababii luboonni WAAQAYYOO kunneen Daawitiif tumsaniif, itti garagalaatii isaan fixaa. Isaan akka inni baqachaa ture ni beeku; taʼus natti hin himne” jedhe. Qondaaltonni mootichaa garuu luboota WAAQAYYOO dhaʼuudhaaf harka isaanii ol fudhachuu hin feene. Mootichis, “Itti garagaliitii luboota fixi” jedhee Dooʼeeg Edoomicha ajaje. Kanaafuu Dooʼeeg Edoomichi itti garagalee isaan dhaʼe. Inni gaafas luboota dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatan saddeettamii shan fixe. Noob magaalaa lubootaas, dhiirotaa fi dubartoota ishee, ijoollee fi daaʼimman ishee, loon, harrootaa fi hoolota ishee goraadeedhaan barbadeesse.
”Yeroo Iizaabel raajota WAAQAYYOO ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture.
”Innis akkana jedhee deebise; “WAAQAYYO Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
”WAAQAYYOO fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
”Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja WAAQAYYOO eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin WAAQAYYOON dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ ” jedheen. Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa WAAQAYYOO keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan.
”“Isaan garuu ajajamuu didanii sitti fincilan; seera kees of duubatti gatan. Raajota kee kanneen gara keetti isaan deebisuuf jedhanii isaan seeran illee ni fixan; Waaqas ni arrabsan.
”Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe: “Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe; qullaa koos nan deema. WAAQAYYOTU kenne; WAAQAYYOTU fudhate; maqaan WAAQAYYOO haa eebbifamu.”
”Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha.
”Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka. Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga; ani mataan koo isa nan arga; utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!
”Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha. Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.
”Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis WAAQAYYOO fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman; isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa.
”Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan; bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan. Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.
”Ani yeroo hunda fuula koo duraa WAAQAYYOON qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu. Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata; ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu. Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
”Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.
”inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa. Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
”Faarfannaa Daawit. WAAQAYYO ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? WAAQAYYO daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa? Namoonni hamoon yommuu foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, diinonni koo fi amajaajonni koo yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu. Yoo duulli na marse illee, garaan koo hin sodaatu; yoo waraanni natti baname illee ani hin raafamu. Ani waan tokko WAAQAYYOON nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana WAAQAYYOO keessa jiraachuu, miidhagina WAAQAYYOO ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha. Inni guyyaa rakkinaa iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; kattaa gubbaattis ol na baasa.
”Yaa qajeeltota, isin WAAQAYYOTTI gammadaa; ililchaas; warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.
”Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; ilkaan isaaniis isatti qaratu; Gooftaan hamootatti ni kolfa; inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii. Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu. Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba.
”Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
”Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin. Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha. Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
”Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.
”Yaaddoo kee WAAQAYYOTTI kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
”Yaa WAAQAYYO, ati garuu isaanitti kolfita; saboota sana hundumattis ni qoosta. Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha; yaa Waaqi ati daʼoo koo, Waaqa na jaallatuu dha. Waaqni fuula koo dura deema; akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
”Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada. Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha. Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba. Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.
”Qajeelonni garuu haa gammadan; fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan; isaan gammachuudhaan haa ililchan. Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa; isa duumessaan gulufu sana jajadhaa; maqaan isaa WAAQAYYOO dha; fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
”Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda. Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita. Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu. Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.
”Yaa WAAQAYYO, warri siif ililchuu beekan, warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha. Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu; qajeelummaa keetiinis si jajatu.
”Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
”Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
”WAAQAYYO garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare. Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; WAAQAYYO waan gaarii siif godheeraatii. Ati yaa WAAQAYYO lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef, ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula WAAQAYYOO dura nan jiraadha.
”Duuti qulqulloota isaa, fuula WAAQAYYOO duratti ulfina qaba.
”Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
”Garaa kee guutuun WAAQAYYOON amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
”Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.
”inni bara baraan duʼa ni liqimsa. WAAQAYYO Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. WAAQAYYO waan kana dubbateeraatii.
”Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu; dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa. Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa. Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti; laftis warra duʼan of keessaa baafti.
”warri WAAQAYYO isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
”Yaa samiiwwan, ililchaa; yaa lafa gammadi; yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa! WAAQAYYO saba isaa ni jajjabeessa; warra rakkataniifis garaa ni laafaatii.
”Ani warra na rukutanitti dugda koo, warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne; yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti, ani fuula koo isaan hin dhokfanne. Sababii WAAQAYYO Gooftaan na gargaaruuf, ani hin salphifamu. Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera; ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.
”Warri WAAQAYYO isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
”Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef. Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne. Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine. Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; WAAQAYYOS balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe. Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; garuu afaan isaa hin saaqqanne; inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, akkasuma afaan isaa hin saaqqanne. Inni cunqursaa fi murtiidhaan fudhatame. Eenyutu waaʼee dhaloota isaa dubbachuu dandaʼa? Inni biyya jiraattotaa irraa kutameeraatii; dogoggora saba kootiifis rukutameera. Inni goolii kaasuu baatu iyyuu, yookaan sobni afaan isaatii baʼuu baatu iyyuu akka awwaalli isaa hamoota wajjin duuti isaas sooreyyii wajjin taʼu godhan. Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii WAAQAYYOO ture; WAAQAYYO lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa; fedhiin WAAQAYYOOS harka isaatti ni raawwatama. Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee, ifa ni arga; ni gammadas; garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee qajeeltota taasisa; yakka isaaniis ni baata. Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.
”Isin gammachuudhaan baatu; nagaadhaan geggeeffamtu; tulluuwwanii fi gaarran, fuula keessan duratti ililchanii faarfatu; mukkeen dirree hundinuus harka walitti rukutu.
”Namni qajeelaan ni duʼa; kan waan kana yaadatti qabatu tokko iyyuu hin jiru; warri Waaqaaf of kennan ni fudhatamu; akka qajeeltonni waan hamaa jalaa baraaramuuf fudhataman namni tokko iyyuu hin hubatu. Namni qajeelummaadhaan jiraatu, gara nagaa seena; isaan siree isaanii irra boqotu.
”akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu WAAQAYYO, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.
”Ani WAAQAYYO itti guddaa nan gammada; lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, wayyaa fayyinaa natti uffiseera uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
”Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate; ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare. Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure; bara durii hunda keessa, inni ol fuudhee isaan baate.
”Garuu yaa Mooticha, Yihuudoonni ati dhimma biyya Baabilon irratti muudde tokko tokko ajaja kee didaniiru; isaanis Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo dha. Isaan waaqota kee hin tajaajilan yookaan fakkii warqee ati dhaabdeef hin sagadan.” Nebukadnezaris akka malee aaree Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo waamsise. Kanaafuu namoonni kunneen mooticha duratti dhiʼeeffaman; Nebukadnezaris akkana isaaniin jedhe; “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, isin dhugumaan waaqota koo hin tajaajiltanii? Yookaan fakkii warqee ani dhaabeef hin sagaddanii? Amma isin yeroo sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirba kam iyyuu dhageessanitti kuftanii fakkii ani dhaabeef yoo sagaddan gaarii dha. Garuu yoo isin sagaduu baattan, yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamtu. Egaa waaqa kamitu harka kootii isin baasuu dandaʼa?”
”Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon deebisanii mootichaan akkana jedhan; “Yaa Nebukadnezar, nu fuula kee duratti waan kana falmachuu hin barbaannu. Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa. Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna.”
”Kana irratti Nebukadnezar akka malee aaree fuulli isaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagootti geeddarame. Akka ibiddi boollaa sunis hamma durii caalaa harka torba hoʼee finiinu ajaje; akka isaan Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo hidhanii boolla ibiddi keessaa bobaʼu sanatti darbataniif loltoota isaa keessaa jajjaboo tokko tokko ajaje. Kanaafuu namoonni kunneen akkuma wandaboo isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii kan mataatii fi uffata biraas uffatanitti hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sanatti darbataman. Ajajni mootichaa akka malee ariifachiisaa ture; sababii ibiddi boollaa sun akka malee bobaʼaa tureef arrabni ibidda sanaa loltoota Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo geessan sana fixe; namoonni sadan kunneenis jabeeffamanii hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sana keessatti kufan.
”Nebukadnezar Mootichi dinqisiifachuudhaan utaalee kaʼee, “Namoonni nu hiinee ibiddatti darbanne sadii hin turree?” jedhee gorsitoota isaa gaafate. Isaanis, “Yaa Mootii, kun dhuguma” jedhanii deebisan. Innis, “Ilaa! Ani namoota ibidda keessa deddeebiʼan afur nan arga; isaanis hin hidhamne; hin miidhamnes; inni afuraffaan immoo ilma waaqotaa fakkaata” jedheen. Nebukadnezaris gara afaan boolla ibiddi keessaa bobaʼutti dhiʼaatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii, kottaa baʼaa! As kottaa” jedhe. Akkasiin Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon ibidda keessaa baʼan; ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonnii fi gorsitoonni mootii naannoo isaaniitti walitti qabaman. Isaanis akka ibiddi sun dhagna jaraa hin miidhin yookaan akka rifeensa mataa isaanii keessaa tokko iyyuu hin gubatin ni argan; wandaboon isaanii iyyuu homaa hin taane; fooliin ibiddaas isaan irra hin turre. Kana irratti Nebukadnezar akkana jedhe; “Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo isa ergamaa isaa ergee tajaajiltoota isaa baraareef galanni haa taʼu! Isaan isa amanatanii ajaja mootii didanii akka Waaqa isaanii malee waaqota biraa hin tajaajille yookaan hin waaqeffanne lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru.
”Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef. Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan. Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan. Mootichis, “Seerri sun seera akkuma seera Meedeetii fi Faares kan hin geeddaramnee dha” jedhee deebise. Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan. Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe. Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.
”Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe. Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse. Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule. Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate. Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame. Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.” Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.
”Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu.
”“Yeroo sanatti Miikaaʼel hangafni ergamootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu. Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu. Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.
”WAAQAYYO gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
”ani garuu WAAQAYYOTTI nan gammada; Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.
”Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii. “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
”Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
”“Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.
”Namoota irraa of eeggadhaa; isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanii fi Namoota Ormaatti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa duratti ni dhiʼeeffamtu. Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama; Hafuura Abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee isintu dubbata mitii.
”“Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna; ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu. Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya. Yommuu magaalaa tokko keessatti isin ariʼatanitti, gara magaalaa kaaniitti baqadhaa; ani dhuguma isinittin hima; hamma Ilmi Namaa dhufutti magaalaawwan Israaʼel hundumaa keessa naannoftanii waliin hin geessan.
”Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
”Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu. Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
”“Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”
”Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan.
”Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha. Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata.
”“Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate. “Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.
”innis tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohannis Cuuphaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhe. Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yohannisin qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii. Kunis sababii Yohannis Heroodisiin, “Ati ishee fuudhuun kee seera miti” jechaa tureef. Inni immoo Yohannisin ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yohannisin akka raajiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate. Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte; kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale. Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, “Mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra kaaʼii naa kenni” jette. Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje; innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute. Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite. Barattoonni Yohannisis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Isaanis dhaqanii Yesuusitti himan.
”Yesuus yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaattii fi harka barsiistota seeraatti waan hedduun dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu qabuu fi akka guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaafamu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
”Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
”Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?” jedhee deebise.
”“Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”
”“Fakkeenya biraa tokko dhagaʼaa; abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate tokkotu ture. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, achi keessatti boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis lafa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe. Innis yeroon itti midhaan walitti qaban geenyaan akka isaan ija isaa fidaniifiif garboota isaa qottuuwwan sanatti ergate. “Qottuuwwan sunis garboota namichaa qabanii, isa tokko ni dhaanan; isa kaan ni ajjeesan; isa sadaffaa immoo dhagaan tuman. Ammas garboota warra duraa caalaa baayʼatan biraa ergate; qonnaan bultoonni sunis akkuma sana isaan godhan. Dhuma irrattis inni, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa isaanitti ergate. “Qottoonni sun garuu yommuu ilma sana arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!’ waliin jedhan. Kanaafuu isaan fuudhanii iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
”Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu. Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.
”“Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu. Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus;
”namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
”Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu. “Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.
”Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan.
”Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.
”Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan.
”Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii,
”Ganama barii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesuusin ajjeesuuf walii wajjin mariʼatan. Isaanis isa hidhanii geessanii Phiilaaxoos bulchaatti dabarsanii kennan.
”Ergasii inni Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
”Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan. Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
”Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
”Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu. Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu.
”Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Yesuus sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, “Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhan. Warri kaan, “Inni Eeliyaas” jedhan. Kaan immoo, “Inni raajota durii keessaa akka isa tokkoo ti” jedhan. Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, “Yohannis isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!” jedhe. Heroodis mataan isaa akka Yohannis qabamee, hidhamee mana hidhaatti galfamu ajajee tureetii. Innis sababii niitii obboleessa ofii isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaas ishee ofii fuudhee ture sanaatiif jedhee waan kana godhe. Yohannisis Heroodisiin, “Ati niitii obboleessa keetii fuudhuun kee seera miti” jedhaanii tureetii. Kanaafuu Heroodiyaas Yohannisitti haaloo qabattee isa ajjeesuu barbaadde. Garuu isheen hin dandeenye; Heroodis akka Yohannis nama qajeelaa fi nama qulqulluu taʼe beekee, isa sodaatee, eegumsa isaaf gochaa tureetii. Heroodis yommuu waan Yohannis dubbatu dhagaʼetti akka malee rifate; taʼus gammachuudhaan isa dhaggeeffachuu barbaade. Dhuma irrattis yeroon mijaaʼaan argame. Heroodis guyyaa dhaloota isaatti qondaaltota gurguddootaaf, ajajjoota loltootaatii fi namoota Galiilaa keessatti beekamaniif irbaata qopheesse. Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte. Mootichis intalattiidhaan, “Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!” jedhe. Innis, “Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!” jedhee kakuudhaan waadaa galeef. Isheenis gad baatee haadha isheetiin, “Maal kadhadhu?” jette. Haati immoo, “Mataa Yohannis Cuuphaa” jettee deebifteef. Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, “Akka ati ammuma mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada” jetteen. Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne. Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yohannis fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute; mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite. Barattoonni Yohannisis waan kana dhageenyaan dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaala keessa kaaʼan.
”Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe.
”Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.
”sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.
”Akkanas jedhe; “Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu; isaanis isatti qoosu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Inni garuu guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa.”
”Yesuusis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe. Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan. Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan. Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan. “Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate. “Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan. Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.
”“Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu. Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba. Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti. “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu. Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
”Egaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Yesuusin qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan.
”Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan.
”Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne.
”Waaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran. Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
”Isaan amma illee, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
”Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
”Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan. Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture.
”Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate.
”hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada;
”Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban, yommuu isaan of keessaa isin baasanii fi isin arrabsan, yommuu isaan maqaa keessan akka waan hamaa tokkootti tuffatan, isin eebbifamoo dha. “Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.
”“Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.
”Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii.
”Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif, warri kaanis Eeliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo raajota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe. Heroodis garuu, “Ani Yohannisin mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?” jedhe. Yesuusin arguufis ni hawwa ture.
”Innis, “Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu, maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu, ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaʼuu qaba” jedhe.
”Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.
”“Isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; kan isaan ajjeeses abbootuma keessan. Kanaafuu isin akka waanuma abbootiin keessan hojjetan sana deeggartan dhugaa baatu; isaan raajota ajjeesan; isin immoo awwaala raajotaa ijaartu. Sababii kanaaf Waaqni ogummaa isaatiin, ‘Ani raajotaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe. Kanaaf dhaloonni kun dhiiga raajota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama; dhiiga Abeel irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa gidduutti ajjeefame sanaatti ni gaafatama. Eeyyee ani isinittin hima; dhaloonni kun waan kana hundumatti ni gaafatama.
”“Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee gahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa.
”“Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii. Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa.
”“Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu. Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
”Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
”Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata.
”Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
”Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture. Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan. Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan. Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan. “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe. “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan. Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan. “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata?
”Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis. Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.
”“Kana hunda dura garuu isaan isin qabu; isin ariʼatus. Dabarsanii manneen sagadaatti isin kennu; mana hidhaa keessas isin buusu; isin maqaa kootiif jettanii fuula moototaatii fi bulchitootaa duratti ni dhiʼeeffamtu. Akkasiin isin anaaf dhugaa baatu. Isin garuu akkamitti akka falmattan duraan dursitanii akka hin yaaddofne yaadatti qabadhaa. Anuu afaanii fi ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii. Abbaa fi haati, obboloonni, firoonnii fi michoonni dabarsanii isin kennu; isin keessaas tokko tokko ni ajjeesu. Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba.
”Isin jabaadhaa dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.
”luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Yesuusin ajjeesan barbaadaa turan.
”Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha.
”Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.
”Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban. Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan.
”Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan. Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe. Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate.
”Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan. Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
”Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
”Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
”Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis.
”“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
”“Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii. Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
”Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu. Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
”Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”
”Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”
”“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
”kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna. Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa. Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata. Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
”Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”
”Kanaafuu isaan gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf malachaa turan.
”Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan;
”Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata. Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
”Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.
”Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
”“Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa. Utuu isin kan addunyaa taatanii silaa addunyaan kan ofii isaa ni jaallata ture. Amma garuu waan ani addunyaa keessaa isin filadheef isin kan addunyaa miti. Kanaafuu addunyaan isin jibba. Dubbii ani, ‘Garbichi gooftaa isaa hin caalu’ jedhee isinitti hime sana yaadadhaa. Isaan erga na ariʼatanii, isinis ni ariʼatu. Yoo dubbii kootiif ajajaman, dubbii keessaniifis ni ajajamu. Isaan waan Isa na erge sana hin beekneef, sababii maqaa kootiitiif waan kana hunda isin irratti raawwatu.
”Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa. Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu. Anis akka isin yommuu yeroon sun gaʼutti isaan yaadattaniif wantoota kanneen isinitti himeera. Ani waanan isin wajjin tureef jalqabatti wantoota kanneen isinitti hin himne.
”Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.
”“Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”
”Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
”Phiilaaxoosis Yesuusin fuudhee garafsiise. Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii, “Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.
”Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen.
”Yesuus immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef.
”Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif. Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne. Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman. Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe. Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Yesuusin immoo gidduu isaaniitti fannisan.
”Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, “Raawwateera” jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.
”Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaqxa turte; yeroo dulloomtutti garuu harka kee ni diriirfatta; namni biraas mudhii kee siif hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa.” Yesuusis akka Phexros duʼa akkamiitiin Waaqa ulfeessu argisiisuuf jedhee waan kana dubbate; ergasii, “Na duukaa buʼi” jedheen.
”Yesuusis deebisee, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe, maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼi” jedheen. Kanaaf oduun, “Barataan kun hin duʼu” jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe maaltu si dhibe?” jedhe malee, “Inni hin duʼu” hin jenne.
”Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
”Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan.
”Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aariidhaan guggubatanii ergamoota ajjeesuuf mariʼatan.
”Isaanis gorsa isaa fudhatan; ergamoota sanas ol waamanii garafan; akka isaan maqaa Yesuusiitiin waa hin dubbannes ajajanii gad isaan dhiisan. Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman.
”“Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu. Raajiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu; warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.” Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan. Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara samii ol ilaalee ulfina Waaqaatii fi Yesuusinis isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru arge. Innis, “Ani kunoo samiin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru nan arga” jedhe.
”Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan. Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan. Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate. Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.
”Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan. Namoonni Waaqa sodaatanis Isxifaanosin awwaalan; booʼicha guddaas booʼaniif. Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture.
”Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne. Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”
”Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee, nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate. Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise. Innis lafatti kufee sagalee, “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?” isaan jedhu tokko dhagaʼe. Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate. Innis akkana jedhee deebiseef; “Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. Arfii wayii dhiituun suma miidha.
”Erga guyyaan hedduun darbee booddees Yihuudoonni isa ajjeesuuf mariʼatan. Saaʼol garuu marii isaanii kana beeke; isaanis isa ajjeesuuf jedhanii halkanii guyyaa balbala magaalaa sanaa jabeessanii eegaa turan.
”Yihuudoota Giriikota keessa jiraatan wajjinis dubbachaa isaaniinis morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu barbaadan.
”Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe. Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese. Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe. Erga isa qabee booddee akka isaan isa eeganiif jedhee gareewwan loltootaa afur kanneen tokkoon tokkoon isaanii loltoota afur afur of keessaa qabanitti dabarsee isa kennuudhaan, mana hidhaa keessa isa buuse; kanas ayyaana Faasiikaa booddee fuula uummataa duratti dhiʼeessee isa qoruuf godhe.
”Namoonni Ormaatii fi Yihuudoonni bulchitoota isaanii wajjin isaan dhiphisuu fi dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼatan. Jarri garuu waan kana beekkatanii magaalaawwan Liqaaʼooniyaa kanneen Lisxiraanii fi Darbeen jedhamanitti, gara biyya naannoo sanaattis baqatan.
”Isaanis, “Nu mootummaa Waaqaatti galuudhaaf rakkina baayʼee keessa darbuu qabna” jedhanii barattoota jajjabeessaa, akka isaan amantiitti cimaniifis gorsaa turan.
”namoota maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiif jedhanii jireenya isaanii kennan isinitti erguuf walii galle.
”Namoonnis tokkummaadhaan Phaawulosii fi Siilaasitti kaʼan; qondaaltonni sunis akka wayyaan isaan irraa baafamee uleedhaan tumaman ajajan. Jarris erga akka malee garafamanii booddee mana hidhaatti darbataman; eegduun mana hidhaa sanaas akka jabeessee isaan eegu ajajame. Innis ajaja kana fudhatee gola mana hidhaa keessa isaan galche; miilla isaaniis jirma gidduu galchee hidhe.
”Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse. Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe. Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’
”“Ammas ani utuu waan achitti narra gaʼuuf jiru hin beekin Hafuuraan dirqamee Yerusaalem dhaquuttin jira. Hafuurri Qulqulluun immoo akka hidhamuu fi rakkachuun na eeggatu magaalaa hunda keessatti dhugaa naa baʼa. Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha.
”Phaawulos immoo deebisee, “Isin maaliif boossanii garaa na raaftu? Ani maqaa Gooftaa Yesuusiitiif jedhee Yerusaalemitti hidhamuu qofa utuu hin taʼin duʼuuf illee qophaaʼeeraatii” jedhe. Yommuu inni nuu sarmuu didettis, “Fedhiin Gooftaa haa taʼu” jennee dhiifne.
”Utuu isaan isa ajjeesuu yaalanuu akka magaalaan Yerusaalem guutummaatti raafamaa jirtu oduun ajajaa waraana Roomaa gaʼe.
”Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera; waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe.
”“Anis deebiseen akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa jarri kun akka ani warra sitti amanan hidhuu fi tumuuf jedhee mana sagadaa tokko irraa gara isa biraatti darbaa ture beeku. Yeroo dhiigni dhuga baatuu keetii, dhiigni Isxifaanos dhangalaafamettis ani ajjeefamuu isaatti namootaan walii galee achi dhaabadheen uffata warra isa ajjeesanii eegaa ture.’
”Yihuudoonni tokko tokko barii guyyaa itti aanuu mariʼatanii akka hamma Phaawulosin ajjeesanitti waa hin nyaanne yookaan waa hin dhugne walii kakatan. Namoota afurtamaa oltu maree kana irratti hirmaate. Isaanis gara luboota hangafootaatii fi gara maanguddootaa dhaqanii akkana jedhan; “Nu hamma Phaawulosin ajjeefnutti akka homaa afaaniin hin qabne jabeessinee kakanneerra. Kanaafuu isinii fi waldaan Yihuudootaa waan waaʼee Phaawulos sirriitti cimsitanii qorachuu barbaaddan fakkeessaatii akka ajajaan kumaa sun Phaawulosin gara keessanitti gad ergu kadhadhaa; nu utuu inni achi hin gaʼin isa ajjeesuuf qophoofneerraatii.”
”“Ani mataan koo iyyuu maqaa Yesuus nama Naazreetiitiin mormuudhaaf akka waan dandaʼamu hunda gochuu qabu nan amana ture. Wanni ani Yerusaalem keessatti hojjedhes kanuma; ani taayitaa luboota hangafoota irraa argadheen qulqulloota baayʼee mana hidhaatti naquu qofa utuu hin taʼin yeroo isaan ajjeefaman iyyuu dubbicha irratti walii galaan ture. Anis akka isaan adabamaniif yeroo baayʼee mana sagadaa tokko irraa gara mana sagadaa biraatti darbaa, akka isaan amantii isaanii arrabsaniifis isaan dirqisiisaan ture. Ani waan akka malee isaanitti aaraa tureef hamma magaalaawwan biyya alaatti illee deemee isaan ariʼachaan ture.
”Sababiin Yihuudoonni mana qulqullummaa keessatti na qabanii na ajjeesuu yaalaniifis kanuma.
”Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna.
”Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii;
”Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Kiristoos cubbamootaaf jedhee duʼe. Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa. Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa. Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree! Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!
”Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne. Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
”Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna. Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu. Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata. Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa.
”Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu. Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.
”Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla. Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada.
”Uumamni hundinuu hamma ammaatti akkuma dhiphina yeroo ciniinsuutti akka aadaa jiru ni beekna. Uumama qofa utuu hin taʼin nu mataan keenya warri ija Hafuuraa kan jalqabaa qabnu iyyuu furii dhagna keenyaa ilmummaatti guddifamuu eeggachaa of keessatti ni aadna.
”Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna. Akka inni obboloota baayʼee keessatti hangafa taʼuuf Waaqni warra duraan dursee beeke akka bifa ilma isaa fakkaataniif duraan dursee murteesseeraatii. Inni warra duraan dursee murteesse sana ni waame; warra waame sanas qajeeltota taasise; warra qajeeltota taasiseef immoo ulfina kenne.
”Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa? Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree?
”Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? Kunis akkuma, “Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra” jedhamee barreeffamee dha. Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla. Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
”“Yaa Gooftaa isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoo aarsaa keetii illee diiganiiru; anuma qofatu hafe; anas ajjeesuu barbaadu.” Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.” Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru.
”Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
”Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa. Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa. Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.
”Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa. Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedha, jedhamee barreeffameeraatii. Garuu, “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.”
”Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude. Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu. Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii. Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha.
”Nu yoo jiraanne Gooftaaf jiraanna; yoo duunes Gooftaaf duuna. Kanaafuu yoo jiraannes yoo duunes nu kan Gooftaa ti. Sababii kanaaf Kiristoos Gooftaa duʼaaleyyiitii fi jiraatoo taʼuuf duʼe; deebiʼees jiraataa taʼe.
”Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii. Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,
”Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii?
”Waaqni, nu ergamoota akka namoota duuti itti murtaaʼeetti waan dhuma hiriiraa nu taasise natti fakkaataatii. Nu addunyaa duratti, ergamootaa fi namoota durattis waan daawwatamu taaneerra.
”Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu. Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina. Yommuu arrabsamnu, waan gaarii deebifna; hamma yeroo kanaattis xurii lafaatii fi kosii addunyaa taaneerra.
”Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
”Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu.
”Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu. Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
”Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.
”Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa.
”Yaa obboloota, ani guyyuma guyyaan akkan duʼu of jajuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin isin irratti qabuun nan kakadha.
”Yaa gowwaa! Wanni ati facaaftu yoo duʼe malee jireenya hin argatu.
”Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama. Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama; dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira.
”Inni badu kun isa hin badne, inni duʼu kun immoo isa hin duune uffachuu qabaatii. Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.” Akkasumas, “Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?”
”Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa. Akkuma nu dhiphina Kiristoos keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Kiristoosiin jajjabinni nuu baayʼata. Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha. Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii.
”Yaa obboloota, isin waaʼee dhiphina biyya Asiyaatti nurra gaʼee akka wallaaltan hin barbaannu. Hamma lubbuudhaan jiraachuuf illee abdii kutannutti dhiphinni baachuudhaaf humna keenyaa ol taʼe nurra gaʼee tureetii. Dhugumaanuu murtiin duʼaa nutti dhagaʼamee turre. Kun garuu akka nu Waaqa warra duʼan kaasutti malee ofii keenyatti hin amananneef taʼe. Inni balaa duʼa akkasii jalaa nu baaseera; nu baasas. Inni ittuma fufee akka nu baasu abdii keenya isa irra kaaʼanneerra.
”Garuu akka humni waan hunda caalu kun Waaqa irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna. Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu. Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna. Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii. Egaa duuti nu keessatti hojjeta; jireenyi immoo isin keessatti hojjeta.
”Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema. Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.
”Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna. Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna; nu yommuu isa ufannutti qullaa hin argamnuutii. Nu utuma dunkaana kana keessa jirruu ni aadna; baʼaanis nutti ulfaateera; nu garuu wanni duʼa hin oolle jireenyaan akka liqimfamuuf mana keenya kan samii irraa uffachuu malee akka uffanni nurraa baafamu hin barbaannuutii. Kan kaayyoo kanaaf nu qopheesses Waaqa isa Hafuura Qulqulluu wabii waan dhufuuf jiruu godhee akka qabdiitti nuu kenne sanaa dha.
”Kanaaf nu yeroo hunda ija jabina qabna; hamma dhagna fooniitiin jirrutti Gooftaa irraa fagoo akka jirru beekna. Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti. Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna. Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha.
”Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.
”Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu. Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
”Nu akka tajaajilli keenya hin tuffatamneef, karaa nama kamii irra iyyuu gufuu hin keenyu. Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon, garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun, qulqullaaʼummaan, hubannaan, obsaa fi gara laafinaan, Hafuura Qulqulluu fi jaalala of tuulummaa hin qabneen, dubbii dhugaatii fi humna Waaqaatiin, miʼa waraanaa kan qajeelinaa harka mirgaatii fi harka bitaatti qabachuun, ulfinaa fi salphinaan, maqaa baduu fi maqaa toluun jiraanneerra; akkasumas utuu dhugaa qabeeyyii taanee jirruu, sobduu jedhamneerra; beekamtoota turre; garuu akka warra hin beekaminiitti hedamne; nu duʼaa jirra; garuu kunoo ni jiraanna; ni tumamna; garuu hin ajjeefamnu; ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna.
”Kana jechuun koos isinitti muruuf miti; nu isin wajjin duʼuu fi jiraachuuf akka isin garaa keenya keessa jirtan ani duraan dursee himeeraatii. Ani guddiseen isin amanadha; guddisees isiniin nan boona. Ani baayʼee jajjabeeffameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuun koo hamma hin qabu.
”Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera.
”Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Ani akka nama qalbii dabarseettin dubbadhaatii ani nan caala. Ani caalchisee baayʼee itti dadhabeera; caalchisee yeroo baayʼee hidhameera; caalchisee akka malee garafameera; ammumaa ammas duʼaaf saaxilameera. Harka Yihuudootaattis siʼa shan afurtama jechuu tokko hanquu garafameera. Siʼa sadii uleen dhaanameera; siʼa tokko dhagaadhaan tumameera; siʼa sadii dooniin na jalaa caccabeera; halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana keessa tureera; ani utuun wal irraa hin kutin deemsa irra ture. Balaan lagaa, balaan saamtotaa, balaan saba kootii, balaan Namoota Ormaa, magaalaa keessatti balaan, gammoojjii keessatti balaan, galaana irratti balaan, obboloota sobaa irraas balaan na mudatee ture. Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras. Kana hundumaa caalaa yaaddoo ani waldoota kiristaanaa hundumaaf qabutu guyyaa guyyaan natti ulfaata.
”akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, ergamaan Seexanaa akka na dhiphisuuf naa kenname. Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe. Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona. Ani waaʼee Kiristoosiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.
”Akka ani yeroon amantii Yihuudootaa duukaa buʼaa turetti waldaa kiristaanaa Waaqaa akka malee ariʼachaa fi balleessuufis yaalaa ture dhageessaniirtu.
”Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
”Yeroo sana ilmi akka fedhii fooniitti dhalate sun ilma humna Hafuuraatiin dhalate ariʼate. Amma illee akkasuma.
”Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.
”Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.
”Fannoo Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan ittiin addunyaan naaf fannifame, kan anis ittiin addunyaaf fannifame sana malee waan biraatiin of jajuun narraa haa fagaatu.
”Sababii kanaaf ani Phaawulos isin Namoota Ormaatiif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuus taʼeera.
”Kanaafuu sababii ani isiniif dhiphachaa jiruuf jettanii akka abdii hin kutanne isin kadhadha; dhiphachuun koo ulfinuma keessan. Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha;
”Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha. Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.
”akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
”Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.
”Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.
”Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha. Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku! Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;
”Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Waaqaa ti. Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;
”Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, gad of deebise; duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
”Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada.
”inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Kiristoosiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.
”Sababiin isaa nu warri Hafuura Waaqaatiin waaqeffannu, warri Kiristoos Yesuusiin of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii;
”Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala; kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf. Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada; akkasiinis ani duʼaa kaʼuu warra duʼanii argachuu nan dandaʼa.
”Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna; innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
”Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!
”Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.
”Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Kiristoos dhagna isaatiif jechuunis waldaa kiristaanaatiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta.
”Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa. Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera. Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu. Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.
”kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha.
”Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.
”Yihuudoonni kunneen warra Gooftaa Yesuusii fi raajota ajjeesanii nu illee ariʼatanii dha. Isaan Waaqa hin gammachiisan; nama hundattis diina taʼu;
”kunis akka namni tokko iyyuu dhiphina kanaan hin jeeqamneef. Isinis akka nu waan kanaaf filatamne sirriitti beektu. Yeroo isin bira turretti akka dhiphinni nurra gaʼu isinitti himaa turreetii. Innis akkuma isin beektan sana taʼe.
”Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna. Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu.
”Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.
”Yeroo hunda gammadaa; utuu gargar hin kutin kadhadhaa. Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
”Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Waaqaa keessatti sababii keessaniin of jajna. Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu. Waaqni qajeelaa dha: Inni warra isin rakkisan ni rakkisa; isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa. Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba. Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu; kunis guyyaa inni qulqulloota isaatiin kabajamuu fi warra amanan hundumaa gidduutti dinqisiifatamuuf dhufutti taʼa. Isinis waan dhuga baʼumsa keenya amantaniif isaanitti lakkaaʼamtu.
”Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu.
”Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii. Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu; Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname; amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
”Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.
”Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu. Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu.
”Yesuus Kiristoos isa warra duʼan keessaa kaafame, isa sanyii Daawit irraa dhalate yaadadhu. Kun wangeela koo kan ani isaaf jedhee akka nama yakka hojjete tokkootti hamma foncaan hidhamuutti dhiphachaafii jiruu dha. Dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu. Kanaafuu akka warri filataman fayyina Kiristoos Yesuusiin taʼe sana ulfina bara baraa wajjin argataniif ani isaaniif jedhee waan hundumaa nan obsa. Dubbichi amanamaan akkana jedha: Nu isa wajjin yoo duune, isa wajjin ni jiraanna; nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.
”Ati garuu barsiisa ko, haala jireenya koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo, jabaadhee dhaabachuu koo hundumaa duukaa buuteerta; ariʼatamuu koo, rakkina kootii fi waan Anxookiiyaatti, Iqooniyoonii fi Lisxiraanitti narra gaʼe, ariʼatama garaa garaa kan ani obsaan keessa darbes duukaa buuteerta. Gooftaan garuu waan kana hunda jalaa na baase. Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama;
”Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi. Ani ammuma iyyuu akka dhibaayyuutti dhangalaafamuuf qophaaʼeera; yeroon deemsa koos gaʼeera. Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera. Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
”Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa, Gara Fiilmoonaa isa jaallatamaa fi hojjetaa hidhata keenya taʼe sanaatti;
”sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,
”Garuu Yesuus inni ayyaana Waaqaatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee ergamootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina. Waaqni wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture.
”Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.
”Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera; namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota. Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa.
”Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti iyya guddaa fi imimmaaniin isa duʼa isa oolchuu dandaʼu sanatti kadhannaa fi waammata dhiʼeeffate; sababii inni sodaa Waaqaa qabuufis kadhannaan isaa ni dhagaʼameef. Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate; erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe.
”Bara duraa yeroo erga ifni isinii ifee booddee walʼaansoo dhiphinaa guddaa obsitanii keessa dhaabattan sana yaadadhaa. Isin yeroo tokko tokko fuula namootaa duratti arrabsoo fi ariʼatamaaf saaxilamtanii turtan; yeroo kaan immoo namoota rakkinni akkasii irra gaʼe wajjin hirmaachaa turtan. Isin mataan keessan akka qabeenya wayyu kan hin dabarre qabdan waan beektaniif warra hidhaman wajjin dhiphattaniirtu; yommuu qabeenyi keessan saamamus gammachuudhaan fudhattaniirtu. Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
”Namoonni kunneen hundinuu utuu waan waadaa galameef sana hin argatin amantii isaanii immoo utuu hin dhiisin duʼan. Waadaa sanas fagootti ilaalanii simatan. Isaanis lafa irratti akka keessummootaa fi godaantota turan beekaniiru. Warri waan akkasii jedhan kunneen akka biyya ofii isaanii eeggachaa jiran mulʼisu. Isaan utuu waaʼee biyya keessaa baʼan sanaa yaadaa turanii silaa, biyya isaaniitti deebiʼuuf carraa ni argatu turan. Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.
”Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate. Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate. Innis utuu dheekkamsa mootichaa hin sodaatin amantiidhaan Gibxi keessaa baʼe; isa hin mulʼanne sana akka waan argeetti obsee eeggate.
”Ani egaa kana caalaa maalin jedha ree? Waaʼee Gedewoon, waaʼee Baaraq, waaʼee Saamsoon, waaʼee Yiftaa, waaʼee Daawit, waaʼee Saamuʼeelii fi waaʼee raajotaa odeessuuf ani yeroo hin qabu; isaan amantiidhaan mootummoota moʼatan; murtii qajeelaa kennan; waan waadaa galame argatan; afaan leencotaa cufan; amantiidhaan ibidda jabaa dhaamsan; qara goraadee jalaa baʼan; dadhabbiin isaanii jabinatti geeddarame; waraana keessatti humna argatanii loltoota diinaa ariʼan. Dubartoonnis namoonni isaanii kanneen duʼan duʼaa kaafamaniifii deebisanii fudhatan. Warri kaanis duʼaa kaʼuu wayyu argachuuf jedhanii gad dhiifamuu didanii dhiphatan. Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman. Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran; addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan.
”Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;
”kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe. Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa. Isin amma iyyuu walʼaansoo cubbuu wajjin gootan keessatti hamma dhiiga dhangalaasuutti jabaattanii hin mormine.
”Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate. Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu. Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
”Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa; amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii. Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.
”Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
”Yaa obboloota, raajota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa. Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha.
”akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera; isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.
”Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Waaqni garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii, isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu.
”Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii. “Inni cubbuu hin hojjenne; sobni afaan isaatii hin baane.” Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.
”Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. “Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas.”
”Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame;
”Yaa michoota jaallatamoo, qorama akka ibiddaa kan amma ittiin dhiphachaa jirtan kana akka waan wanni haaraan isinitti dhufeetti hin dinqisiifatinaa. Garuu isin yeroo ulfinni isaa mulʼatutti akka baayʼee gammaddaniif waan dhiphina Kiristoos keessatti qooda fudhattaniif gammadaa. Yoo maqaa Kiristoosiitiif jettanii arrabsamtan isin eebbifamoo dha; Hafuurri ulfinaatii fi Hafuurri Waaqaa isin irra boqotaatii.
”Garuu namni tokko yoo sababii Kiristaana taʼeef dhiphate maqaa sanaan Waaqa haa galateeffatu malee hin qaanaʼin.
”Kanaafuu warri akka fedhii Waaqaatti dhiphatan lubbuu isaanii Uumaa isaanii amanamaa sanatti imaanaa kennatanii waan gaarii hojjechuutti haa fufan.
”Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.
”Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa. Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa. Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii. Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa. Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.
”Isin akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee obboleessa isaa ajjeese sanaa hin taʼinaa; inni maaliif obboleessa isaa ajjeese? Sababii hojiin isaa jalʼaa taʼee, kan obboleessa isaa immoo qajeelaa taʼeef.
”Yaa obboloota ko, yoo addunyaan isin jibbe isin hin dinqin. Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata. Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu. Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.
”Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.
”Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya. Yesuus Ilma Waaqaa taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?
”“Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa; iji hundinuu, warri isa waraanan iyyuu isa ni argu;” saboonni lafaa hundinuus “sababii isaatiif ni wawwaatu.” Akkasuma taʼa! Ameen. Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
”Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba.
”Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.
”“Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Samirnaatti akkana jedhii barreessi: Inni Jalqabaatii fi inni Dhumaa, inni duʼee turee fi amma immoo jiraataa taʼe sun akkana jedha. Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti. Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
”Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Namni moʼatu duʼa lammaffaan hin miidhamu.
”Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne.
”Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatuuf mannaa dhokfame irraa nan kenna. Akkasumas dhagaa adii maqaan haaraan irratti barreeffame tokko nan kennaaf; maqaa sanas namicha isa fudhatu sana malee namni tokko iyyuu hin beeku.
”Ani nama moʼatuuf, kan hamma dhumaattis fedhii koo guutuuf saboota irratti taayitaa nan kenna. ‘Inni bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha; akkuma qodaa supheettis isaan hurreessa;’ kunis akkuma ani itti Abbaa koo biraa taayitaa argadhe sanaan. Ani immoo bakkalcha barii nan kennaaf. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
”Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
”Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
”Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf. Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.”
”Yommuu inni chaappaa shanaffaa banetti ani iddoo aarsaa jalatti lubbuuwwan warra sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa eegan sanaatiif gorraʼamanii nan arge. Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan. Tokkoo tokkoo isaaniitiifis uffanni adaadiin ni kenname; hamma lakkoobsi warra isaan wajjin tajaajilaniitii fi lakkoobsi obboloota isaanii kanneen akkuma isaaniitti ajjeefamuuf jiran sanaa guutamutti akka yeroo xinnoo obsan isaanitti himame.
”Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan.
”Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate. Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru. Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata. ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu. Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ ”
”Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.”
”Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne.
”Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.
”Akka inni qulqullootatti waraana kaasee isaan moʼatuufis humni ni kennameef. Gosa hunda, saba hunda, afaanii fi sanyii hunda irrattis taayitaan ni kennameef.
”Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef. Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise; kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef. Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666.
”Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata. Anis sagalee, “Waan kana barreessi: Siʼachi warri utuu Gooftaadhaan jiranuu duʼan eebbifamoo dha” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. Hafuurri Qulqulluunis, “Eeyyee; hojiin isaaniis waan isaan duukaa buʼuuf isaan dadhabbii isaanii irraa ni boqotu” jedha.
”Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe.
”Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu. Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan. Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera. Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa, dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaas ishee keessatti argame.”
”Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama. Loltoonni samii irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan.
”Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan. Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti. Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
”Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.” Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe. Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.
”Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa.
”“Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna. Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.
”