01 – Kitaaba Qulqulluu
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Kitaaba Qulqulluu.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Kitaaba Qulqulluu.
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu;
”Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.
”Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
”Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase.
”Bineensa WAAQAYYO Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
”WAAQAYYOS akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge.
”WAAQAYYO goota waraanaa ti; maqaan isaa WAAQAYYO.
”Museenis dhaqee dubbii fi seera WAAQAYYOO hunda saba sanatti hime; sabni sunis, “Nu waan WAAQAYYO jedhe hunda ni goona” jedhee afaan tokkoon deebise. Ergasii Museen waan WAAQAYYO dubbatte hunda barreesse. Guyyaa itti aanu ganamaanis kaʼee miilla tulluu jalatti iddoo aarsaa ijaare; utubaa dhagaa kudha lama kanneen gosoota Israaʼel kudha lamaan iddoo buʼanis dhaabe.
”Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?
”Ajaja WAAQAYYO Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
”Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma WAAQAYYO Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera. Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa.
”Gaafa isin Kooreebitti fuula WAAQAYYO Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa.
”WAAQAYYO Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
”Kanaafuu waan WAAQAYYO Waaqni keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa.
”Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan WAAQAYYO Waaqa kee jaalladhu. Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu. Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.
”Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan WAAQAYYOOTII baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.
”Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan WAAQAYYO Waaqa keetii eegi.
”WAAQAYYO ammas akkana naan jedhe; “Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa!
”Yaa Israaʼel, wanni WAAQAYYO Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati WAAQAYYO Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka WAAQAYYO Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu, akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan WAAQAYYOO kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
”WAAQAYYO Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.
”Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa. Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi;
”Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa fuula keessan dura nan kaaʼa; eebbi kunis yoo isin ajajawwan WAAQAYYO Waaqa keessanii kanneen ani harʼa isiniif kennu eegdanii dha. Abaarsi immoo yoo isin ajajawwan WAAQAYYO Waaqa keessanii dhagaʼuu diddanii karaa ani harʼa isin ajaje irraa garagaltanii waaqota biraa kanneen isin duraan hin beekne duukaa buutanii dha.
”Ati waan ani si ajaju hunda eegi; itti hin dabalin; irraas hin hirʼisin.
”Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe, ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; WAAQAYYO Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii. WAAQAYYO Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
”Inni akka WAAQAYYO Waaqa isaa sodaachuu baratuuf dubbii seera kanaa hundaa fi ajajawwan kanneen of eeggannaadhaan duukaa buʼuuf kitaabichi isa wajjin haa turu; innis bara jireenya isaa guutuu haa dubbisu;
”WAAQAYYO Waaqni kee akka ati ajajawwanii fi seerawwan kanneen eegdu harʼa si ajaja; ati akka garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan isaan eegdu of eeggadhu.
”“Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
”Yoo ati guutumaan guutuutti WAAQAYYO Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, WAAQAYYO Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.
”Garuu yoo ati WAAQAYYO Waaqa keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus:
”Wanti dhoksaan kan WAAQAYYO Waaqa keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.
”kunis yoo ati WAAQAYYO Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwanii fi qajeelchawwan isaa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffaman eeguudhaan garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan gara WAAQAYYO Waaqa keetiitti deebite taʼa.
”Ani akkan jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa fuula kee dura kaaʼee jiru harʼa samii fi lafa ragaan godhee sitti waama. Egaa atii fi ijoolleen kee akka jiraattaniif jireenya filadhu;
”Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii WAAQAYYO Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi.
”“Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu WAAQAYYO Waaqa keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf. Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu WAAQAYYOTTI finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree!
”Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
”Garuu WAAQAYYOON sodaadhaa; garaa keessan guutuunis amanamuudhaan isaaf hojjedhaa; waan guddaa inni isinii godhes yaadadhaa.
”Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “WAAQAYYO akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala. Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii WAAQAYYOO tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.” Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja WAAQAYYOOTII fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera.
”Ani karaa WAAQAYYOO eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne. Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.
”Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen WAAQAYYO Waaqa isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan.
”“Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif WAAQAYYOON gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii WAAQAYYOO hin eeginiif dheekkamsi WAAQAYYOO guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
”Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi WAAQAYYOO saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne.
”Izraan Seera WAAQAYYOO quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.
”Kana irratti namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliin hollatan hundi sababii balleessaa warra boojuudhaa deebiʼan kanaaf naannoo kootti walitti qabaman. Anis akka malee rifadhee hamma aarsaa galgalaatti achuman taaʼe.
”Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
”Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
”Kana irratti WAAQAYYO bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes: “Namni dubbii beekumsa malee dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu? Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kenni. “Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte? Yoo hubatte mee natti himi.
”Garuu inni seera WAAQAYYOOTTI gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
”Dubbiin WAAQAYYOO hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti. Yaa WAAQAYYO ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
”Ani karaa WAAQAYYOO eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
”Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin WAAQAYYOO hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galan hundaaf WAAQAYYO gaachana taʼa.
”Seerri WAAQAYYOO mudaa hin qabu; lubbuu namatti deebisa. Ajajni WAAQAYYOO amanamaa dha; nama wallaalaa beekaa godha. Seerri WAAQAYYOO qajeelaa dha; garaadhaaf gammachuu kenna. Ajajni WAAQAYYOO qulqulluu dha; ijaafis ifa kenna. WAAQAYYOON sodaachuun qulqulluu dha; bara baraan jiraata. Murtiin WAAQAYYOO dhugaa dha; walumaa galattis qajeelaa dha. Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha. Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama; isa eeguunis gatii guddaa qaba.
”jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
”Sagaleen WAAQAYYOO humna qaba; sagaleen WAAQAYYOO surra qabeessa.
”Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha; yaa WAAQAYYO Waaqa dhugaa, ati na furi.
”Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa. Isin akka farda yookaan gaangoo hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee gara kee hin dhufan.
”Lafti hundi WAAQAYYOON haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
”Karoorri WAAQAYYOO garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
”Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; anis WAAQAYYOON sodaachuu isinan barsiisa.
”Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera. Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada; seerri kee garaa koo keessa jira.” Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa; Yaa WAAQAYYO, akkuma ati beektu, ani afaan koo hin qabadhu. Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu; waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa; jaalala keetii fi dhugaa kees yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
”Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: “Ati seera koo labsuudhaaf, kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda? Ati adaba koo ni jibbita; dubbii koos of duubatti gatta.
”Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
”Gooftaan dubbii isaa kenne; dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:
”Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; seera isaattis buluu didan.
”“Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne; Israaʼel anaaf hin bulle. Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne. “Utuu sabni koo na dhaggeeffatee, utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee, ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture! Warri WAAQAYYOON jibban fuula isaa duratti ni gugguufu; adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa.
”Yaa WAAQAYYO, karaa kee na barsiisi; anis dhugaa keetiin nan bula; akka ani maqaa kee sodaadhuuf, garaa gargar hin qoodamne naa kenni.
”Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
”Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse; isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
”isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii. Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
”Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise; awwaala keessaas isaan baase.
”Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
”WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.
”Haalleluuyaa. Namni WAAQAYYOON sodaatu, kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
”Nama amanachuu irra, WAAQAYYOTTI kooluu galuu wayya. Qondaaltota amanachuu irra, WAAQAYYOTTI kooluu galuu wayya.
”Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera WAAQAYYOOTTI jiraattan eebbifamoo dha.
”Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee silaa hin qaanaʼun ture.
”Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
”Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada; akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
”Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
”Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa, afaan kootiin nan dubbadha.
”Akka ani seera kee keessatti waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.
”Lubbuun koo yeroo hunda seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti.
”Ati of tuultota warra abaaramoo, kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta.
”Karaa sobaa irraa na fageessi; arjumaadhaanis seera kee na barsiisi.
”Ani karaa dhugaa filadheera; seera kees of dura kaaʼadheera.
”Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni.
”Bara baraa hamma bara baraatti, ani yeroo hunda seera kee nan eega.
”waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf, isaanitti nan gammada.
”Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif, aariin na gugguba.
”Ani ajajawwan kee eeguuf, nan ariifadha; hin barfadhus.
”Akka ani sirna kee baradhuuf, rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
”Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.
”Yaa WAAQAYYO, dubbiin kee bara baraan jiraata; samii keessas jabaatee ni dhaabata.
”Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
”Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!
”Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera; kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba.
”Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.
”Garaan koo hamma dhumaatti ajaja kee eeguuf kutateera.
”Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf, isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa!
”Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.
”Yaa WAAQAYYO, kun yeroo ati itti hojjettuu dha; seerri kee cabsamaa jiraatii.
”Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, iji koo imimmaan lolaasa.
”Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif, hinaaffaan ani qabu na guggubeera.
”Xinnaadhee tuffatamu iyyuu, ani ajaja kee hin irraanfadhu.
”Qajeelummaan kee bara baraan jiraata; seerri kees dhugaa dha.
”Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, iji koo halkan guutuu banamee bula.
”Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha; seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
”Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan; garaan koo garuu dubbii kee sodaachuudhaan hollata.
”Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, dubbii keetti nan gammada.
”Yaa WAAQAYYO, ani fayyisuu kee nan hawwa; seerri kees gammachuu koo ti.
”Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef, ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee, maqaa kee nan leellisa.
”WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
”“Isin warri homaa hin beekne kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu? Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii gowwoonnis beekumsa jibbu?
”Isaan waan beekumsa jibbanii WAAQAYYOON sodaachuu illee filachuu didaniif, waan gorsa koo fudhachuu didanii dheekkamsa koos tuffataniif, isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu; buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu.
”yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee yaada kee hubannaatti deebifatte, yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte, yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde, ati WAAQAYYOON sodaachuu ni hubatta; Waaqa beekuus ni argatta.
”Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
”Garaa kee guutuun WAAQAYYOON amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
”Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin. Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.
”Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni. Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu;
”Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali. Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu. Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu.
”Ajajni kun ibsaadhaatii; barsiisni kunis ifa; sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
”WAAQAYYOON sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
”Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii; nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii.
”“WAAQAYYOON sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
”WAAQAYYOON sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
”Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
”Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf ati nama gowwaatti hin dubbatin.
”Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, kadhannaan isaa balfamaa dha.
”“Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana. Dubbii isaatti homaa hin dabalin; yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
”Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
”Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu, akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora; daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada; isaan seera WAAQAYYOO Waan Hunda Dandaʼuu didanii dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii.
”Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi: “ ‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan; arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
”Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.
”Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif; kitaaba maramaa irratti katabiif; kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf. Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha; ijoollee seera WAAQAYYOO dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha. Isaan mulʼata argitootaan, “Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu; raajotaanis akkana jedhu; “Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa! Waan nama gammachiisu nutti himaa; gowwoomsaa nuuf raajaa. Karaa kana gad dhiisaa; daandii kana irraa jalʼadhaa; Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa dhabamsiisaa!” jedhu. Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Sababii isin ergaa kana diddanii nama hacuucuu abdattanii gowwoomsaatti irkattaniif, cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.
”Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”
”Ergaa keenya eenyutu amane? Irreen WAAQAYYOOS eenyutti mulʼate?
”“Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha WAAQAYYO. “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
”dubbiin koo kan afaan kootii baʼus fedhii koo raawwata; kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.
”Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti, mee waaqonni tolfamoon ati walitti qabatte sun si haa baasan! Bubbeen hunda isaanii fudhatee bada; hafuurri baafatan iyyuu afuufee isaan balleessa. Namni daʼannoo isaa ana godhatu garuu biyyattii ni dhaala; tulluu koo qulqulluu sana illee ni dhuunfata.”
”“Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha WAAQAYYO. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha WAAQAYYO.
”Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” jedha WAAQAYYO. “Ani garuu nama gad of qabuu fi kan garaa isaa keessatti gaabbee dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
”Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila; waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida. Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne; yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuu hin dhaggeeffanneetii. Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetanii waan na hin gammachiifne illee filatan.” Warri dubbii isaatiin hollattan dubbii WAAQAYYOO dhagaʼaa: “Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbanii isin ariʼan sun akkana jedhan; ‘Akka nu gammachuu keessan arginuuf, mee WAAQAYYO haa ulfaatu!’ Taʼus isaan ni qaanaʼu.
”Yaa WAAQAYYO, iji kee dhugaa hin barbaaduu? Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne; ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan. Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii qalbii jijjiirrachuu didan. Anis akkana jedheen yaade; “Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota; isaan karaa WAAQAYYOO, seera Waaqa isaanii hin beekaniitii.
”Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti.
”ani garuu ajaja kana isaaniif nan kenne: Anaaf ajajamaa; ani Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. Akka isinii toluuf karaa ani isin ajaju hunda irra deemaa. Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa mata jabina fedhii garaa isaanii duukaa baʼan. Isaan dugda duubatti deebiʼan malee gara fuula duraatti hin deemne.
”Namoonni ogeeyyiin ni qaaneffamu; isaan naʼanii kiyyoodhaan ni qabamu; isaan erga dubbii WAAQAYYOO tuffatanii, ogummaa akkamii qabu ree?
”Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu, sababii of tuulummaa keessaniitiif lubbuun koo dhoksaatti ni boossi; sababii bushaayeen WAAQAYYOO boojuun fuudhamaniif iji koo akka malee boossee imimmaan ishee keessaa ni rooba.
”Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; yaa WAAQAYYO, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
”WAAQAYYO akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa WAAQAYYO irraa garagalu abaaramaa dha.
”Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan.
”“WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Mee dhaggeeffadhaa! Sababii isaan mata jabeeyyii taʼanii dubbii koo dhagaʼuu didaniif balaa ani isaanitti labsee ture hunda magaalaa kanaa fi gandoota naannoo ishee jiranitti nan fida.’ ”
”WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Waan raajonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa; isaan abdii sobaatiin isin guutu. Isaan utuu afaan WAAQAYYOOTII hin taʼin mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu; yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu.
”“Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha WAAQAYYO.
”Yoo WAAQAYYO raajota isaa tajaajiltoota hunda ammumaa amma isinitti erge iyyuu, isin hin dhaggeeffanne yookaan xiyyeeffannaa tokko iyyuu hin kennineef.
”Atis akkana jedhiin; WAAQAYYO akkana jedha; ‘Yoo isin na dhagaʼuu diddanii, seera koo kan ani fuula keessan dura kaaʼe sana duukaa buʼuu baattan, amma illee yoo isin dubbii tajaajiltoota koo raajota ani utuma isin dhagaʼuu diddanuu ammumaa amma isinitti erge sanaa illee dhaggeeffachuu baattan, ani mana kana akkuma Shiiloo, magaalaa kana immoo saboota lafaa hunda keessatti waan abaarsaa nan godha.’ ”
”Kanaafuu isin amma karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; WAAQAYYO Waaqa keessaniif illee ajajamaa. Yoos WAAQAYYO gaabbee balaa isinitti fiduuf yaade sana ni dhiisa.
”WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: “Raajotaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa. Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine” jedha WAAQAYYO.
”“Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis kakuu haaraa galu ni dhufa,” jedha WAAQAYYO. “Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale, kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu isaan cabsan sanaan tokko miti” jedha WAAQAYYO. “Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha WAAQAYYO. “Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo taʼu. Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘WAAQAYYOON beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha WAAQAYYO. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
”“Isin garuu, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
”Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu.
”sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. “Waan ati beekumsa tuffatteef anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; sababii ati seera Waaqa keetii gatteef anis ilmaan kee nan gata.
”Waan narraa goraniif isaaniif wayyoo! Waan natti fincilaniif badiisni isaaniif mala! Ani isaan furuu nan barbaada; isaan garuu waaʼee koo soba dubbatu.
”WAAQAYYO Gooftaan akkana jedha; “Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; innis beela dubbii WAAQAYYOO dhagaʼuu ti malee beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.
”“Isaan garuu dhagaʼuu didan; mataa jabinaanis dugda isaanii itti gatanii gurra isaanii cuqqaallatan. Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa jabeeffatanii seera yookaan dubbii WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu karaa raajota isaa kanneen duriitiin Hafuura isaatiin erge dhaggeeffachuu didan. Kanaafuu WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu akka malee aare. “ ‘Yeroo ani waametti, isaan na hin dhaggeeffanne; kanaafuu yoo isaan na waammatan ani isaan hin dhaggeeffadhu’ jedha WAAQAYYO Waan Hunda Dandaʼu.
”Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen.
”“Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu. Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.
”“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
”“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.
”“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu. Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu. Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.
”“Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata. Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee mana sana dhaʼe; manichi garuu waan kattaa irratti hundeeffameef hin jigne. Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne hundi garuu nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata. Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee manicha dhaʼe; manni sunis ni jige; jiguun isaas akka malee hamaa ture.”
”Yoo namni tokko illee isin simachuu baate yookaan dubbii keessan dhagaʼuu baate, yeroo mana yookaan magaalaa sanaa baatanitti awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa. Ani dhuguma isinittin hima; guyyaa murtiitti magaalaa sana irra Sodoomii fi Gomoraaf ni salphata.
”“Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa. Nama fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti nan gana.
”“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu; namni ilma isaa yookaan intala isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu. Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu. Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata. “Namni isin simatu na simata; namni na simatu immoo isa na erge sana simata.
”Innis akkana jedhee deebiseef; “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.
”Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana: “Isaan utuma ilaalanuu hin argan; utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan. Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha: “ ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan. Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru. Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’ Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha. Ani dhuguma isinittin himaatii; raajonnii fi qajeeltonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu hawwan; garuu hin argine; waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu hawwan; garuu hin dhageenye. “Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa: Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha. Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha. Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata. Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”
”Innis deebisee akkana jedhe; “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama.
”Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu.
”Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu. Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha. Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha. Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
”Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.
”Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
”Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
”Erga Yohannis mana hidhaatti galfamee booddee, Yesuus wangeela Waaqaa lallabaa Galiilaa seene. Innis, “Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!” jedhe.
”Innis akkana jedheen; “Icciitiin mootummaa Waaqaa isiniif kennameera. Warra ala jiranitti garuu wanni hundinuu fakkeenyaan himama; kunis, “ ‘Isaan akka hin deebinee fi akka dhiifama hin arganneef, arguu inuma argu, garuu hin qalbeeffatan; dhagaʼuus inuma dhagaʼu, garuu hin hubatan.’ ” Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin fakkeenya kana hin hubattanii? Yoos isin akkamitti fakkeenya hunda hubattu ree? Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa. Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata. Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu. Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu. Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha; garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”
”Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, “Amani malee hin sodaatin!” jedhe.
”Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”
”Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa? Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”
”Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii?
”Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.
”Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
”Innis akkana isaaniin jedhe; “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa. Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.
”Barattoonnis achii baʼanii iddoo hundatti lallaban; Gooftaanis isaan wajjin hojjechaa ture; dubbii isaas dinqiiwwan hojjetamaniin ni mirkaneessa ture.]
”kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
”Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen.
”Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
”“Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu? Namni gara koo dhufu, kan dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi maal akka fakkaatu ani isinitti nan argisiisa. Isaan nama mana ijaaru, kan boolla gad fageessee qotee hundee mana sanaa kattaa irra dhaabe tokko fakkaatu. Sababii manichi sirriitti ijaarameef, lolaan yeroo lolaʼee humnaan itti buʼetti mana sana sochoosuu hin dandeenye. Namni dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne garuu nama lafa irratti mana hundee hin qabne ijaarratu tokko fakkaata. Yeroo lolaan humnaan itti buʼetti manni sun ni jige; guutumaan guutuuttis diigame.”
”Innis akkana jedhe; “Icciitii mootummaa Waaqaa beekuun isinii kennameera; warra kaanitti garuu ani fakkeenyaan nan dubbadha; kunis, “ ‘Akka isaan utuma ilaalanuu hin argineef, utuma dhagaʼanuus, hin hubanneef.’ “Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti. Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha. Sanyiin lafa kattaa irraa sunis warra yommuu dubbicha dhagaʼanitti gammachuudhaan fudhatanii dha; isaan garuu hidda hin qaban. Yeroof amanu malee yeroo qorumsaatti ni ganu. Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis. Sanyiin biyyoo gaarii irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.
”Innis, “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha” jedhee deebise.
”Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. Namni yoo addunyaa guutuu argatee ofii isaa immoo dhabe yookaan yoo gatame inni buʼaa maalii argata? Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina ergamoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.
”Nama biraatiinis, “Na duukaa buʼi!” jedhe. Namichi garuu, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami” jedhee deebise. Yesuusis, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi” jedheen. Ammas namni biraa, “Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami” jedhe. Yesuusis deebisee, “Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Waaqaatiif hin malu” jedhe.
”Inni garuu deebisee, “Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Waaqaa dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha” jedhe.
”Namichi tokkos, “Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?” jedhee isa gaafate. Innis akkana isaaniin jedhe; “Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.
”“Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu. Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
”“Seerrii fi raajonni hamma Yohannisitti labsaman. Yeroo sanaa jalqabee wangeelli mootummaa Waaqaa lallabamaa jira; namni hundinuus itti galuuf wal dhiiba. Seera keessaa tuqaan hundumaa gadii dhabamuu irra samii fi lafti dhabamuutu salphata.
”“Abrahaam garuu, ‘Isaan Musee fi raajota qabu; isaanuma haa dhagaʼan’ jedhe. “Dureessichis, ‘Akkas miti; yaa abbaa koo Abrahaam; yoo warra duʼan keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan qalbii ni jijjiirratu’ jedheen. “Abrahaamis, ‘Isaan yoo Musee fi raajota hin dhageenye, yoo namni tokko warra duʼan keessaa kaʼe illee hin amanan’ jedheen.”
”Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
”Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan!
”Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
”Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana” jedheen. Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef.
”Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.
”Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.
”Erga inni duʼaa kaʼee booddee barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan. Isaanis Katabbii Qulqulluu fi dubbii Yesuus dubbate amanan.
”Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan samii isinitti hime akkamitti amantu ree?
”Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
”Inni Waaqni erge dubbii Waaqaa dubbata; Waaqnis safara malee Hafuura isaa ni kennaatii.
”Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
”Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”
”“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
”Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu. Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
”Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
”Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
”Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
”Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef. Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata. Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan! Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne? Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
”Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”
”Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan. Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.
”Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef,
”Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
”Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne. Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture. Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii; “Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.” Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe. Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne; isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
”Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
”Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne. Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.”
”Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
”“Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
”Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa.”
”Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna. Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.
”Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama.
”Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.
”Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
”Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
”Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise.
”Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!
”Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla.
”Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii.
”Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture.
”Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka. Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu. Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa.
”“ ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi; “Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.” Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru; utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii, ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
”Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa: Wangeelli kunis kan Waaqni duraan dursee karaa raajota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha.
”Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf. Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha. Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu; kunis sababii wanni waaʼee Waaqaa beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Waaqni isaaniif ibseeraatii. Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban. Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe. Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan;
”Egaa Yihuudii taʼuun faayidaa maalii qaba? Yookaan buʼaan dhagna qabaa maalii? Karaa hundaanuu buʼaa guddaa qaba! Jalqabatti dubbiin Waaqaa Yihuudootatti imaanaa kenname. Isaan keessaa tokko tokko yoo hin amanin maal ree? Amantii dhabuun isaanii amanamummaa Waaqaa ni balleessaa? Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf” jedhamee barreeffamee dha.
”Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu; namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru.
”Yoos nu amantii kanaan seera sana cabsinaa ree? Gonkumaa akkas miti! Seericha ni cimsina malee.
”Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
”Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas.
”Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu! Kanaafuu ani mataan koo qalbii kootiin garbicha seera Waaqaa ti; namummaa koo cubbamaadhaan garuu ani garbicha seera cubbuu ti.
”Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu.
”Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha. Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?” jedhaatii. Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
”Kunis isa, “Waaqni hamma guyyaa harʼaatti, akka iji isaanii hin argineef, akka gurri isaaniis hin dhageenyeef, hafuura nama dawweessu isaaniif kenne” jedhamee barreeffamee dha.
”Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
”Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa. Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.
”Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti.
”Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna.
”Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina. Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu. Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu.
”Ajaja Waaqaa eeguutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
”Ammas yaa obboloota, ani waaʼee wangeela ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan wangeeluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha.
”Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu haa abaaramu. Yaa Gooftaa kottu.
”Nu warra fayyifamaa jiranii fi warra baduutti jiran gidduutti Waaqaaf urgaa Kiristoos. Nu isa tokkoof urgaa duʼaa ti; isa kaaniif immoo urgaa jireenyaa ti. Egaa eenyutu waan kanaaf gaʼaa taʼa?
”Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna. Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee, tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree? Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree!
”Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina. Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama; Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.
”Garuu akkuma bofti haxxummaa isaatiin Hewaanin gowwoomse sana yaadni keessanis akkasuma dhugaa fi qulqullina ittiin Kiristoosiif of kennitan sana irraa ni dogoggorfama jedheen sodaadha.
”Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha. Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu.
”Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii.
”Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera; wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru. Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu! Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!
”Nus akka dhugaan wangeelaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne.
”Warri seera eeguu isaanii abdatan hundinuu abaarsa jala jiru; “Namni waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame hundaaf itti fufee hin ajajamne kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameeraatii.
”Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure. Inni akka nu amantiin Hafuura Qulqulluu waadaa kenname sana argannuuf, akka eebbi Abrahaamiif kenname sun karaa Kiristoos Yesuusiin gara Namoota Ormaa dhufuuf nu fure.
”Egaa Abrahaamii fi sanyii isaatiif waadaan galameera. Katabbiin Qulqulluun, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, “Sanyiiwwan” hin jedhu; garuu akka waan nama tokkoof dubbatameetti, “Sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoos.
”Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Kiristoositti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture.
”Egaa ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan taʼee ree?
”Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha. Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha;
”Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu.
”innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf,
”Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.
”Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu, akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,
”yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa.
”kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.
”Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.
”Nu icciitii Kiristoos kan ani isaaf jedhee hidhamee jiru sana akka lallabnuuf Waaqni balbala dubbichaa akka nuu banu nuufis kadhadhaa.
”Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.
”Akkuma isin beektan nu kanaan dura Fiiliphisiyuusitti dhiphanneerra; akka malees qaaneffamneerra. Garuu yoo mormiin cimaan nu qunname illee gargaarsa Waaqa keenyaatiin wangeela isaa isinitti himuudhaaf ija jabina arganneerra.
”Isinis yommuu dubbii Waaqaa kan nurraa dhageessan sana fudhattanitti akkuma inni jirutti, akka dubbii Waaqaa kan isin warra amantan keessatti hojjetuutti fudhattan malee akka dubbii namaatti waan hin fudhatiniif nu utuu gargar hin kutin Waaqa galateeffanna.
”isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa. Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba. Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu;
”Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa. Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa; innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu. Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga; kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf.
”Yoo namni sirriitti itti fayyadame seerri gaarii akka taʼe ni beekna. Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna; akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna; kunis wangeela ulfina qabeessa kan Waaqa eebbifamaa irraa imaanaa natti kenname sana wajjin walii gala.
”Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Waaqaa durattis fudhatamaa dha; Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada.
”kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha.
”Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
”Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata.
”Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
”Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.
”Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu;
”nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.
”Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.
”Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu. Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba;
”dubartoonni kunneen yeroo hunda ni baratu; garuu gonkumaa dhugaa beekuutti dhufuu hin dandaʼan.
”akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
”Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis. Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu. Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu.
”Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba.
”Dhuga baʼumsi kun dhugaa dha. Kanaafuu akka isaan amantii dhugaa qabaataniif jabeessii isaan ifadhu.
”Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi.
”Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna. Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii, yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame.
”Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo qorumsaa gammoojjii keessatti finciluun gootan sana, mataa hin jabaatinaa; abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan; waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan. Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree, ‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru; isaan karaa koo hin beekne’ jedhe. Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.” Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.
”Wangeelli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine. Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni, “Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe” jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera.
”Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora. Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.
”Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan, warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.
”Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
”“Kakuun ani yeroo sana booddee isaan wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa.”
”Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu; garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata. Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama. Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu?
”Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
”Isinis akka isa dubbachaa jiru sana hin didneef of eeggadhaa. Erga isaan yeroo isa lafa irratti isaan akeekkachiise sana didanitti jalaa hin baʼin, nu immoo yoo isa samii irraa nu akeekkachiisu sana irraa gara galle akkamitti jalaa baʼuu dandeenya ree?
”Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.
”Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
”Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa. Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa. Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata; innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata.
”Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa. Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree? Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma. Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa. Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa. Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu. Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
”Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa. Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti. “Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.
”Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;
”Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.” Akkasumas, “Dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼe” jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman.
”Yeroon itti murtiin mana Waaqaatii jalqabu dhiʼaateeraatii; murtiin kun yoo nurratti jalqaba taʼe dhumni warra wangeela Waaqaatiif hin ajajamnee akkam haa taʼu ree?
”Nu mataan keenya iyyuu yeroo isa wajjin tulluu qulqulluu irra turretti, utuu sagaleen kun samii irraa dhufuu dhageenye. Kanaafuu dubbiin raajonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan. Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu. Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
”Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama. Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu.
”Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu. Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa.
”Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna. Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru. Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna; namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.
”Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.
”Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.
”Nu yommuu Waaqa jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Waaqaa jaallannu kanaan beekna.
”Namni Ilma Waaqaatti amanu kam iyyuu dhuga baʼumsa kana garaa isaa keessaa qaba. Namni Waaqa hin amanne garuu waan isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana hin amaniniif inni Waaqa sobduu godheera.
”Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.
”Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
”Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
”Harka isaa mirgaatiin urjiiwwan torba qabatee ture; afaan isaa keessaas goraadee qara lama qabutu baʼaa ture. Fuulli isaas biiftuu humna guutuun iftu fakkaata ture.
”Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka.
”Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.
”Kanaafuu ati waan laphii taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera. Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu.
”Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.
”Anis ergamaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee wangeela bara baraa qabatee samii walakkaa barrisu tokko nan arge. Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa.”
”Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”
”Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama.
”Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; “Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha.” Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita.
”Warri hafan immoo goraadee afaan isa farda yaabbatu sanaa keessaa baʼeen ajjeefaman; allaattiin hundinuus foon isaanii nyaatanii quufan.
”Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala. Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.
”