04 – Uumamni
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Uumamni.
Kunneen jecha qulqulluu Waaqa Waaqayyo ti.
Jechoota namootaa hin irratti hirkannu.
Namni Waaqayyo jaallatu kamiyyuu… waa’ee kana Waaqni akkana jedha: Uumamni.
Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
”Waaqni garuu akkuma fedhetti dhagna isaaf kenna; tokkoo tokkoo gosa sanyiitiifis dhagna mataa isaa kenna. Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu.
”Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban.
”Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume. Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture. Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe. Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase. Waaqnis ifa sanaan “Guyyaa” jedhe; dukkana sanaan immoo “Halkan” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
”Waaqnis, “Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu” jedhe. Kanaafuu Waaqni bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe. Waaqnis bantii sana “samii” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa.
”Waaqnis, “Bishaan samiidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu” jedhe. Akkasumas taʼe. Waaqni lafa gogaa sanaan “lafa” jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo “galaana” jedhee moggaase. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. Ammas Waaqni, “Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman” jedhe. Akkasumas taʼe. Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa.
”Waaqnis akkana jedhe; “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samii irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan; isaanis ifawwan bantii samii irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan.” Akkasumas taʼe. Waaqni ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume. Waaqnis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii samii irra isaan kaaʼe; kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa.
”Waaqnis, “Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii samii keessa haa barrisan” jedhe. Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge. Waaqnis, “Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
”Waaqnis, “Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu” jedhe. Akkasumas taʼe. Waaqni bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Waaqni wanni kun akka gaarii taʼe arge.
”Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe. Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume. Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen. Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera. Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe. Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.
”Uumamni samiitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame. Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote. Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.
”Seenaan samiiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo WAAQAYYO Waaqni lafaa fi samiiwwan uumee kanaa dha. Sababii WAAQAYYO Waaqni bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture. Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture. WAAQAYYO Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe. WAAQAYYO Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe.
”Kun galmee sanyii Addaam. Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche. Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame. Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef.
”WAAQAYYO guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu WAAQAYYO Sanbata eebbisee qulqulleesse.
”Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; WAAQAYYO guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’ ”
”Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni WAAQAYYOO dhugumaan lafa hunda guute sana,
”Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa?
”Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan WAAQAYYO Waaqa keetii ti.
”Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa; rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa; barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa. “Hundeewwan lafaa kan WAAQAYYOO ti; inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.
”Dheekkamsa, WAAQAYYOOTIIN humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
”Hisqiyaas akkana jedhee WAAQAYYOON kadhate; “Yaa WAAQAYYO, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
”Yaa WAAQAYYO sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa WAAQAYYO mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
”Suma qofatu WAAQAYYO. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu.
”Lafa iddoo isheetii ni sochoosa; utubaawwan ishees ni raasa. Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu; urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa. Isa qofatu samiiwwan diriirsa; dambalii galaanaa irras ni deema. Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee, Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume. Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne, dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
”“Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu; yookaan simbirroota samii gaafadhu; isaan sitti himu; yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa; yookaan qurxummiiwwan galaanaa sitti haa himan. Akka harki WAAQAYYOO waan kana hojjete, isaan kanneen hunda keessaa eenyutu hin beekne? Lubbuun uumama hundaa, hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira.
”Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa. Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu. Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan fuula jiʼaa ni haguuga. Inni fuula bishaanotaa irratti, ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe. Utubaawwan samii ni hollatu; dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
”Hafuura Waaqaatu na uume; hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.
”Kana irratti WAAQAYYO bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes: “Namni dubbii beekumsa malee dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu? Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kenni. “Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte? Yoo hubatte mee natti himi. Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa? Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise? Hundeen ishee maal irra dhaabame? Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe? Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti, yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture. “Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti eenyutu balbala itti cufee ittise? Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee dukkana guddaan maretti, yeroo ani daangaa isaa dhaabee balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti, anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu; dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.
”“Bihemootin ani akkuman si uumettin uume, kan akkuma qotiyyoo marga dheedu sana mee ilaali. Jabinni isaa dugda isaa keessa, humni isaa immoo ribuu garaa isaa keessa jira! Eegeen isaa akkuma muka birbirsaa raafama; ribuun tafa isaa wal keessa xaxamaa dha.
”Yommuu ani hojii quba keetii, samiiwwan kee, jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
”Yaa WAAQAYYO, dheekkamsa keetiin, humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis, sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
”Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
”Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe. Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;
”Faarfannaa Daawit. Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan WAAQAYYOO ti; inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; bishaan irras ishee dhaabeera.
”Samiiwwan dubbii WAAQAYYOOTIIN hojjetaman; tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
”Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti; ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta. Kaabaa fi kibba situ uume; Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan maqaa kee galateeffatu.
”Utuu tulluuwwan hin dhalatin yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin, baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.
”Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume. Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya WAAQAYYO duratti ni jilbeenfannaa;
”Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti. Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu.
”Yaa lubbuu ko, WAAQAYYOON eebbisi. Yaa WAAQAYYO, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha; miidhaginaa fi surraa uffatteerta. Ati akkuma wayyaa ifa uffatta; samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita. Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta. Duumessoota gaarii isaa godhata; qoochoo bubbee yaabbattee deema. Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha. Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera; isheenis gonkumaa hin sochootu.
”Yaa WAAQAYYO, hojiin kee akkam baayʼee dha! Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette; laftis uumamawwan keetiin guutamte. Galaanni guddaa fi balʼaan kun, uumamawwan hamma hin qabneen guutame; kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fi xixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira.
”Hojiin WAAQAYYOO guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
”WAAQAYYO samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu. Samiin samiiwwanii oliis kan WAAQAYYOO ti; lafa garuu inni namaaf kenneera.
”Guyyaan kun guyyaa WAAQAYYO uumee dha; kottaa ni ililchina; itti gammannas.
”Gargaarsi koo WAAQAYYO samii fi lafa uume biraa dhufa.
”Gargaarsi keenya maqaa WAAQAYYOO, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.
”WAAQAYYO samiiwwan keessattii fi lafa irratti, galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
”inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. inni bishaanota irratti lafa diriirse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. inni ifa gurguddaa hojjete; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
”Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite. Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.
”WAAQAYYO Uumaa samii fi lafaa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti; inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.
”Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
”WAAQAYYO ogummaadhaan hundee lafaa buuse; hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
”“WAAQAYYO waan bara durii hojjeteen dura, hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate; ani utuu addunyaan hin uumamin dura, jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame. Ani utuu tuujubni hin jiraatin, utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe; utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura, ani gaarraniin dura nan dhaladhe; utuu inni lafa yookaan dirree ishee yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu hin uumin dura nan dhaladhe. Yeroo inni samiiwwan hundeessetti, yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture; yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture; yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee, galaanaaf daangaa dhaabetti, yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture. Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture. Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa, guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture; ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa, ilmaan namaatti illee gammadaan ture.
”Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lachanuu WAAQAYYOTU uume.
”Isaanis: “WAAQAYYOON Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
”Isaan tulluuwwan koo qulqulloota hunda irratti waa hin miidhan yookaan waa hin balleessan; akkuma bishaan galaana guutu sana lafti WAAQAYYOON beekuudhaan guutamtiitii.
”Kun jalʼina keessan, suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen “Inni na hin tolchine” jedhaa? Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?
”“Yaa WAAQAYYO Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
”Bishaanota konyee isaatiin kan safare yookaan samiiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu? Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe yookaan tulluuwwan madaaliidhaan gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu?
”Isin hin beektanii? Isin hin dhageenyee? Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee? Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee? Inni geengoo lafaatii ol taaʼa; uummanni lafaas akkuma korophisaa ti. Inni samiiwwan akkuma golgaatti diriirsa; akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa.
”Ija keessan ol fudhadhaatii samiiwwan ilaalaa: Eenyutu kanneen hunda uume? Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha. Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu.
”Ati hin beektuu? Ati hin dhageenyee? WAAQAYYO Waaqa bara baraa ti; inni Uumaa handaara lafaa ti. Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
”WAAQAYYO Waaqni samiiwwan uumee diriirse, inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee warra ishee irra jiraataniifis jireenya kenne sun akkana jedha:
”kan maqaa kootiin waamame hunda, kanneen ani ulfina kootiif uume, warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.”
”“WAAQAYYO Furiin kee, kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: Ani WAAQAYYO Tolchaan waan hundaa isa samiiwwan diriirse, isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;
”“WAAQAYYO, Qulqullichi Israaʼel Uumaan ishee sun akkana jedha: Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis, ‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa; yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’ Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana. Harki koo samiiwwan diriirseera; raayyaa isaanii hundas ajajeera.
”WAAQAYYO akkana jedha; kan samiiwwan uume, inni Waaqa; inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse; inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne; inni akkana jedha; “Ani WAAQAYYO; ana malee kan biraa hin jiru.
”“Yaa Yaaqoob, Yaa Israaʼel kan ani si waame, na dhaggeeffadhu: Ani isuma; ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaa ti. Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe; harki koo mirgaa immoo samiiwwan diriirse; yommuu ani isaan waamutti, hundi isaanii walii wajjin dhaabatu.
”Ati kan WAAQAYYO Tolchaa kee, isa samiiwwan diriirsee hundee lafaa buuse sana dagattu eenyu? Ati kan sababii dheekkamsa cunqursaa waa balleessuuf qophaaʼe sanaatiif utuu gargar hin kutin guyyaa guyyaan sodaattu eenyu? Yoos dheekkamsi cunqursaa sanaa meerree?
”Taʼus yaa WAAQAYYO, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti.
”WAAQAYYO akkana jedha: “Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Manni isin naaf ijaartan meerre? Lafti boqonnaa kootii eessa? Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” jedha WAAQAYYO. “Ani garuu nama gad of qabuu fi kan garaa isaa keessatti gaabbee dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
”WAAQAYYO garuu Waaqa dhugaa ti; inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan. “Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’ ” Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
”Ani humna koo guddaa fi irree koo diriirfameen lafa, uummata isheetii fi bineensota ishee irra jiraatan uumeera; abbaa fedheef illee nan kenna.
”“Yaa WAAQAYYO Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
”“Inni humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
”Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume, kan dukkana bariitti geeddaru, inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu, kan galaana keessaa bishaan ol waamee fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu maqaan isaa WAAQAYYOO dha.
”inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee hundee isaa lafa irra dhaabbatu, inni bishaanota galaanaa waamee fuula lafaa irratti gad roobsu sun maqaan isaa WAAQAYYO.
”Innis, “Ani Ibricha WAAQAYYO, Waaqa isa samii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha” jedhee deebise.
”Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina WAAQAYYOON beekuutiin guutamtiitii.
”Kun raajii dubbii WAAQAYYO waaʼee Israaʼel dubbatuu dha. WAAQAYYO samiiwwan diriirse, inni hundee lafaa buuse, inni nama keessatti hafuura namaa uume sun akkana jedha:
”Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’
”ilma Enoos, ilma Seeti, ilma Addaam, ilma Waaqaa.
”Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture. Innis jalqabatti Waaqa wajjin ture. Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.
”Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne.
”abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee akkana jedheen; “Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite.”
”“ ‘Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? jedha Gooftaan. Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
”“Yaa jarana, isin maaliif waan kana gootan? Nus namuma akka keessanii ti. Akka isin waan faayidaa hin qabne kana irraa deebitanii Waaqa jiraataa isa samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumetti deebitaniif nu oduu gaarii isinitti himna.
”“Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu. Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu. Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse. Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe. Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’
”Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban.
”Kunis akkuma, “Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera” jedhamee barreeffamee dha. Abrahaam Waaqa amanate; innis Waaqa warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya.
”Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.
”Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira. Uumamni utuu filannoo isaatiin hin taʼin, fedhii isa dabarsee isa kenne sanaatiin abdiidhaan waan faayidaa hin qabnetti saaxilameeraatii; kunis akka uumamni mataan isaa garbummaa tortoruu jalaa baʼee bilisummaa ulfina qabeessa ijoollee Waaqaatti galuuf. Uumamni hundinuu hamma ammaatti akkuma dhiphina yeroo ciniinsuutti akka aadaa jiru ni beekna.
”Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
”garuu Waaqa tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Yesuus Kiristoos kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira.
”Waaqni garuu akkuma fedhetti dhagna isaaf kenna; tokkoo tokkoo gosa sanyiitiifis dhagna mataa isaa kenna. Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu.
”Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe. Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe. Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe. Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti.
”Waaqni, “Dukkana keessaa ifni haa ifu” jedhe sun akka fuula Kiristoos irraa ifa beekumsa ulfina Waaqaa nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii.
”akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf.
”Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa. Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.
”bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
”Akkasumas inni akkana jedha; “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
”Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa.
”Addunyaawwan akka ajaja Waaqaatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna.
”Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa. Isaanis, “ ‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii” jedhu. Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan. Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade. Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru. Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.
”“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”
”Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru!
”Anis ergamaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee wangeela bara baraa qabatee samii walakkaa barrisu tokko nan arge. Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa.”
”